Sanbadduraa, Onkoloolessa 18
Kadhachuu keessan itti fufaa, isiniif ni kennama; barbaaduu keessan itti fufaa, ni argattu; balbala rurrukutuu keessan itti fufaa, isiniif ni banama.—Luq. 11:9.
Obsi hedduun si barbaachisaa? Taanaan kadhadhu. Obsi kutaa firii hafuuraati. (Gal. 5:22, 23) Kanaafuu, Yihowaan hafuura qulqulluu akka nuuf kennuu fi firii isaa horachuuf akka nu gargaaru kadhachuu dandeenya. Haalli obsa keenya qoru yoo nu mudate, hafuurri qulqulluun obsuuf akka nu gargaaru ‘kadhachuu keenya itti fufuu’ dandeenya. (Luq. 11:13) Yihowaan ilaalcha inni wanta tokkoof qabu qabaachuuf akka nu gargaarus kadhachuu dandeenya. Achiis erga kadhannee booda, guyyaa guyyaadhaan obsa argisiisuuf wanta dandeenyu hunda gochuu qabna. Obsa qabaachuuf caalaatti kan kadhannuu fi carraaqqii kan goonu yoo taʼe amalli kun garaa keenya keessatti hidda godhatee kutaa eenyummaa keenyaa taʼa. Fakkeenyota Kitaaba Qulqulluurratti xiinxaluunis si gargaara. Kitaabni Qulqulluun seenaa namoota obsa argisiisanii hedduu qabateera. Seenaawwan kanarratti xiinxaluudhaan karaawwan obsa argisiisuu itti dandeenyu barachuu dandeenya. w23.08 22 key. 10-11
Dilbata, Onkoloolessa 19
Qurxummii [qabuuf] saaphana keessan darbadhaa.—Luq. 5:4.
Yesuus Yihowaan akka isa deggeru Pheexirosiif mirkaneesseera. Yesuus duʼaa erga kaʼee boodas Pheexirosii fi ergamoonni kaan dinqiidhaan qurxummii akka qaban godheera. (Yoh. 21:4-6) Pheexiros dinqii kana arguun isaa Yihowaan wanta jireenyaaf isa barbaachisu salphaatti isaaf guutuu akka dandaʼu amantii akka qabaatu akka isa gargaare hin shakkisiisu. Tarii yeroo kanatti wanta Yesuus Yihowaan namoota ‘hundumaa dura Mootummicha barbaaduu isaanii itti fufaniif’ wantoota isaan barbaachisan akka isaaniif guutu dubbate yaadatee taʼuu dandaʼa. (Mat. 6:33) Pheexiros sana booda hojii qurxummii qabuutiif utuu hin taʼin tajaajilaaf dursa kenneera. Dhaloota Kiristoos Booda bara 33 guyyaa Phenxeqosxeetti ija jabinaan dhugaa kan baʼe yeroo taʼu kunis namoonni kumaan lakkaaʼaman misiraachicha akka fudhatan gargaareera. (HoE. 2:14 37-41) Sana boodammoo Pheexiros namoonni Samaariyaa fi namoonni Yihudoota hin taane Kiristoositti akka amanan gargaareera. (HoE. 8:14-17; 10:44-48) Dhugumayyuu Yihowaan namoonni akaakuu hundumaa gara gumichaa akka dhufan gochuuf karaa dinqisiisaa taʼeen Pheexirositti fayyadameera. w23.09 20 key. 1; 23 key. 11
Wiixata, Onkoloolessa 20
Isin abjuu koo hiika isaa wajjin natti hin himtan taanaan, qaamni keessan ni kukkutama.—Dan. 2:5.
Warri Baabilon Yerusaalemiin balleessanii gara waggaa lamaa booda Nebukadnezaar mootiin Baabilon abjuudhaan siidaa baayʼee guddaa taʼe tokko argee ture; abjuu isaa kanaan kan kaʼes baayʼee jeeqame. Abjuu inni argee fi hiika isaa yoo itti himuu baatan Daaniʼeliin dabalatee namoota ogeeyyii hunda akka ajjeesu dubbatee ture. (Dan. 2:3-5) Daaniʼel hatattamaan tarkaanfii fudhachuu qaba; taʼuu baannaan, namoonni baayʼeen ni ajjeefamu. Kanaafuu, “ol seenee hiika isaa mootichatti akka himuuf yeroon akka isaaf kennamu mooticha gaafate.” (Dan. 2:16) Akkas gochuun ija jabinaa fi amantii gaafata. Daaniʼel sana dura abjuu akka hiike ragaan argisiisu hin jiru. Taʼus, hiriyoonni isaa “iccitii kana ilaalchisee Waaqni samii gara laafina akka isaanitti argisiisu akka kadhatan” gaafate. (Dan. 2:18) Yihowaanis kadhannaa isaaniitiif deebii kenneera. Daaniʼel gargaarsa Waaqayyootiin abjuu Nebukadnezaar hiikeera. Kanaan kan kaʼes, lubbuun isaas taʼe lubbuun hiriyoota isaa ooluu dandaʼeera. w23.08 3 key. 4