Onkoloolessa
Roobii, Onkoloolessa 1
Ogummaan inni ol gubbaadhaa dhufu . . . ajajamuuf kan qophaaʼe . . . dha.—Yaq. 3:17.
Ajajamuun sitti ulfaatee beekaa? Daawit Mootichi ajajamuun isatti ulfaatee waan tureef, “Fedhii siif ajajamuu na keessatti kakaasi” jedhee kadhateera. (Far. 51:12) Daawit Yihowaa ni jaallata. Taʼus, yeroo tokko tokko ajajamuun isatti ulfaata ture; nutis yeroo tokko tokko ajajamuun nutti ulfaata. Maaliif? Tokkoffaa, cubbuun dhaalle ajajamuuf fedhii akka hin qabaanne dhiibbaa nurratti godha. Lammaffaa, Seexanni akkuma isaa akka fincillu yeroo hunda dhiibbaa nurratti godha. (2 Qor. 11:3) Sadaffaa, namoota fincila jaallataniin marfamnee jiraanna; namoota kanarratti dhiibbaa gochaa kan jiru “hafuura isa amma warra hin ajajamne irratti hojjechaa jiru dha.” (Efe. 2:2) Fedhii cubbuu raawwachuuf qabnu toʼachuuf qofa utuu hin taʼin, dhiibbaa Diyaabilosii fi addunyaan kun akka hin ajajamne nurratti godhan dandamachuufis walʼaansoo gochuun nu barbaachisa. Yihowaafis taʼe namoota inni aangoo akka qabaatan heyyameef ajajamuuf carraaqqii gochuu qabna. w23.10 6 key. 1
Kamisa, Onkoloolessa 2
Ati garuu hamma yoonaatti daadhii wayinii isa gaarii tursite.—Yoh. 2:10.
Dinqii Yesuus bishaan gara daadhii wayiniitti jijjiiruudhaan raawwaterraa maal baranna? Gad of qabuu akka qabnu baranna. Yesuus waaʼee dinqii kanaa of jajuudhaan hin dubbanne; wanta raawwate ilaalchisee matumaa of jajee hin beeku. Kanaa mannaa, gad of qabuudhaan ulfinnii fi galanni hundi Abbaa isaatiif akka kennamu godheera. (Yoh. 5:19, 30; 8:28) Nutis akkuma Yesuus kan gad of qabnu yoo taʼe wanta raawwanneen of hin jajnu. Ofii keenyatti utuu hin taʼin, Waaqa dinqisiisaa taʼe tajaajiluuf mirga argachuu keenyatti haa boonnu. (Er. 9:23, 24) Ulfina isaaf malu isaaf haa kenninu. Dhugaa isaa dubbachuuf, gargaarsa Yihowaa malee wanta gaarii akkamiiyyuu raawwachuu hin dandeenyu. (1 Qor. 1:26-31) Kan gad of qabnu yoo taʼe wanta gaarii warra kaaniif gooneef jajamuu akka qabnu nutti hin dhagaʼamu. Yihowaan wanta raawwannu akka arguu fi carraaqqii gooneef iddoo guddaa akka kennu beekuun keenya qofti nu gammachiisa. (Maatewos. 6:2-4 wajjin wal bira qabii ilaali; Ibr. 13:16) Dhugumayyuu, gad of qabuudhaan fakkeenya Yesuus kan hordofnu yoo taʼe Yihowaa gammachiisna.—1 Phe. 5:6. w23.04 4 key. 9; 5 key. 11-12
Jimaata, Onkoloolessa 3
Faayidaa warra kaaniis yaadaa malee, faayidaa ofii keessanii qofa hin yaadinaa.—Filp. 2:4.
Phaawulos ergamaan hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee faayidaa warra kaanii akka yaadan Kiristiyaanota jajjabeesseera. Yeroo walgaʼiirratti argamnutti gorsa kana hojiirra oolchuu kan dandeenyu akkamitti? Warri kaanis akkuma keenya hirmaannaa gochuu akka barbaadan yaadachuudhaani. Mee kana yaadi. Michoota kee wajjin yeroo haasoftu baayʼee dubbachuudhaan isaan carraa itti dubbatan akka hin arganne ni gootaa? Akkas akka hin goone beekamaadha. Isaanis haasaa keessanirratti akka hirmaatan barbaadda. Haaluma wal fakkaatuun, walgaʼiirrattis hamma dandaʼame namoonni baayʼeen akka hirmaatan barbaanna. Karaa gaariin obbolootaa fi obboleettota keenya itti jajjabeessinu tokko amantii isaanii ibsuuf carraa akka argatan gochuudha. (1 Qor. 10:24) Deebii gabaabaa kennuudhaan warri kaanis hirmaachuuf carraa akka argatan godhaa. Deebii gabaabaa yeroo kennituttillee, yaada ijoo baayʼee caqasuurraa of qusadhu. Wanta keeyyaticha keessa jiru hunda yoo deebiste, warri kaan yaada dabalataa kennan dhabuu dandaʼu. w23.04 22-23 key. 11-13
Sanbadduraa, Onkoloolessa 4
Misiraachicha namoota kaaniin gaʼuuf, misiraachichaaf jedhee waan hundumaa nan godha.—1 Qor. 9:23.
Yeroo haalli keenya jijjiiramu keessumaa tajaajilarratti hirmaachuudhaan warra kaan gargaaruu keenya itti fufuun hammam barbaachisaa akka taʼe yaadachuu qabna. Tajaajila keenyarratti akkuma haala isaatti sirreeffama gochuu qabna. Namoota amantii fi ilaalcha garaagaraa qaban, akkasumas namoota akkaataa guddinaa garaagaraa qaban wajjin wal argina. Phaawulos ergamaan akkuma haala isaatti sirreeffama godha ture; nutis fakkeenya isaarraa barachuu dandeenya. Yesuus, “saboota kaaniif ergamaa” akka taʼuuf Phaawulosiin muudeera. (Rom. 11:13) Kanaafuu, Phaawulos Yihudootaaf, Giriikotaaf, namoota barataniif, namoota baadiyyaatiif, abbootii taayitaa mootummaa fi moototaaf lallabuu dandaʼeera. Phaawulos garaa namoota kanaa tuquuf “akaakuu namootaa hundumaatiif waan hundumaa” taʼeera. (1 Qor. 9:19-22) Aadaa, akkaataa guddinaa fi amantii namoota isa dhaggeeffataniitiif xiyyeeffannaa waan kenneef, karaa garaa isaanii tuquun isaan haasofsiisuu dandaʼeera. Nutis akkuma haala isaatti sirreeffama kan goonuu fi karaa gaarii namoota argannu hundumaa gargaaruu itti dandeenyu kan yaannu yoo taʼe tajaajila keenyarratti buʼa qabeeyyii taʼuu dandeenya. w23.07 23 key. 11-12
Dilbata, Onkoloolessa 5
Garbichi Gooftaa nama loluu hin qabu; kanaa mannaa, namoota hundumaatiif garraamii . . . taʼuu qaba.—2 Xim. 2:24.
Namoonni garraamii taʼan cimoodha malee dadhaboo miti. Haala rakkisaa taʼe keessatti tasgabbaaʼuun cimina gaafata. Garraamummaan kutaa ‘firii hafuuraati.’ (Gal. 5:22, 23) Jechi Afaan Giriikii “garraamii” jedhamee hiikame darbee darbee farda bosonaa madaqfame argisiisuufis itti hojjetameera. Mee waaʼee farda bosonaa madaqfame tokkoo yaaduuf yaalaa. Fardi sun kan madaqfame taʼus ammayyuu cimaadha. Nuti namoonni amala garraamummaa argisiisuu fi cimina qabaachuu kan dandeenyu akkamitti? Carraaqqii keenyaan qofa kana gochuu hin dandeenyu. Waaqayyo hafuura isaa akka nuuf kennuu fi amala baayʼee gaarii taʼe kana horachuuf akka nu gargaaru kadhachuu qabna. Muuxannoowwan kun taʼuu akka dandaʼu argisiisan hedduun jiru. Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo namoonni isaan mormanitti garraamummaadhaan deebii kennan hedduun jiru. Kunis namoonni tokko tokko ilaalcha nuuf qaban akka jijjiiran godheera.—2 Xim 2:24, 25. w23.09 15 key. 3
Wiixata, Onkoloolessa 6
Kadhadheen ture; Yihowaanis wanta ani isa kadhadhe naaf kenneera.—1 Sam. 1:27.
Yohaannis ergamaan mulʼata baayʼee ajaaʼibsiisaa taʼe tokkorratti samii keessatti jaarsoliin 24 yeroo Yihowaa waaqeffatan argeera. Jaarsoliin kun, “Ulfina, kabajaa fi humna fudhachuun siif ni mala” jechuudhaan Waaqayyoon jajataniiru. (Mulʼata 4:10, 11) Maleekonni amanamoonis Yihowaa jajachuu fi ulfina isaaf kennuuf sababii isaan kakaasu hedduu qabu. Maleekonni samii keessa isa faana waan jiraataniif akka gaariitti isa beeku. Wantoota inni raawwate ilaaluudhaan waaʼee amaloota isaa beekuu dandaʼaniiru. Tarkaanfii Yihowaan fudhatu yeroo hubatanitti isa jajachuuf kakaʼaniiru. (Iyo. 38:4-7) Nutis kadhannaadhaan Yihowaa jajachuu qabna; wantoota isa jaallachuu fi dinqisiifachuuf nu kakaasan caqasuudhaan akkas gochuu dandeenya. Kitaaba Qulqulluu yeroo dubbistuu fi yeroo qoʼattu amaloota Yihowaa caalaatti si dinqisiisan adda baafachuuf yaali. (Iyo. 37:23; Rom. 11:33) Achiis amaloota sana ilaalchisee wanta sitti dhagaʼamu Yihowaatti himi. Wanta Yihowaan nuufis taʼe obbolootaa fi obboleettota keenya hundaaf godheefis isa jajachuu dandeenya.—1 Sam. 2:1, 2. w23.05 3-4 key. 6-7
Kibxata, Onkoloolessa 7
Akka Yihowaadhaaf taʼutti deddeebiʼaa.—Qol. 1:10.
Bara 1919tti sabni Waaqayyoo Baabilon Guddittii jalaa bilisa baʼan. Bara sanatti “garbichi amanamaanii fi ogeessi” namoonni garaa qajeelaa qaban “Daandii Qulqullummaa” irra akka deeman gargaaruuf hojii isaa hojjechuu jalqabe. (Mat. 24:45-47; Isa. 35:8) Hojii namoonni amanamoon kanaan dura turan daandii kana qopheessuuf hojjetaniif galanni haa taʼuutii, namoonni daandii kanarra deemuu jalqaban kaayyoo Yihowaa ilaalchisee beekumsa qaban guddifachuu dandaʼaniiru. (Fak. 4:18) Akkasumas jireenya isaanii ulaagaalee Yihowaa wajjin wal simsiisuu dandaʼaniiru. Yihowaan sabni isaa takkaatti jijjiirama barbaachisu hundumaa akka godhan isaanirraa hin eegu. Kanaa mannaa, suutuma suuta saba isaa qulqulleessa. Hundi keenyayyuu wanta goonu hundumaan Waaqa keenya yeroo gammachiisnu baayʼee gammanna. Daandiin kamiyyuu yeroo hunda suphamuun isa barbaachisa. Bara 1919 kaasee namoonni dabalataa Baabilon Guddittii keessaa akka baʼan gargaaruuf hojiin “Daandii Qulqullummaa” qopheessuu hojjetamuu isaa itti fufeera. w23.05 17 key. 15; 19 key. 16
Roobii, Onkoloolessa 8
Ani matumaa si hin dhiisu.—Ibr. 13:5.
Miseensonni Qaama Olaanaa gargaartota koreewwan Qaama Olaanaa garaagaraa keessatti tajaajilan dhuunfaatti leenjisaa jiru. Gargaartonni kun yeroo ammaatti itti gaafatamummaa guguddaa fudhatanii amanamummaadhaan raawwachaa jiru. Hoolota Kiristoos kunuunsuu isaanii itti fufuuf akka gaariitti qophaaʼaniiru. Xumura rakkina guddaatti dibamtoonni hafan gara samiitti yeroo fudhataman waaqeffannaa qulqulluun lafarratti geggeeffamuusaa itti fufa. Geggeessaa keenya Yesuus Kiristoosiif galanni haa taʼuutii tajaajiltoonni Waaqayyoo Yihowaa waaqeffachuu isaanii itti fufu. Dhugaadha, yeroo sanatti saboonni waltaʼiinsa uumanii fi Kitaabni Qulqulluun Goog isa biyya Maagoog jedhee waamu saba Waaqayyoorratti haleellaa ni banu. (His. 38:18-20) Haleellaa gabaabaan kun garuu ni fashalaaʼa; sabni Waaqayyoo Yihowaa waaqeffachuu isaanii akka dhaaban gochuu hin dandaʼu. Yihowaan isaan ni oolcha. Yohaannis ergamaan ‘tuuta uummataa guddaa’ hoolota kan biroo taʼan mulʼataan argeera. “Tuutni uummataa guddaan” kun “rakkina guddaa keessaa [akka] dhufan” Yohaannisitti himameera. (Mul. 7:9, 14) Eeyyee, Yihowaan eegumsa akka isaaniif godhu beekna. w24.02 5-6 key. 13-14
Kamisa, Onkoloolessa 9
Ibidda hafuuraa hin dhaamsinaa.—1 Tas. 5:19.
Hafuura qulqulluu argachuuf maal gochuu dandeenya? Hafuura qulqulluu akka nuuf kennu Yihowaa kadhachuu, Dubbii isaa isa geggeessaa hafuura isaatiin barreeffame qoʼachuu, akkasumas jaarmiyaa isaa isa hafuura isaatiin geggeeffamu deggeruu qabna. Akkas gochuun keenya ‘firii hafuuraa’ horachuuf nu gargaara.” (Gal. 5:22, 23) Waaqayyo hafuura isaa kan kennu namoota yaannii fi gochi isaanii qulqulluu taʼeef qofadha. Wantoota qulqulluu hin taane kan yaannuu fi kan raawwannu yoo taʼe hafuura isaa nuuf hin kennu. (1 Tas. 4:7, 8) Hafuura qulqulluu argachuu keenya itti fufuuf ‘raajii dubbatamu akka hin tuffannes’ of eeggachuu qabna. (1 Tas. 5:20) Yaanni asirratti “raajii” jedhame ergaa Yihowaan karaa hafuura isaa nuuf kennu argisiisa; kunis ergaa waaʼee guyyaa Yihowaa fi barri keessa jirru ariifachiisaa taʼuu isaa ibsu kan dabalatudha. Armaagedoon umurii keenyatti akka hin dhufne yaaduudhaan guyyicha fageessinee ilaaluu hin qabnu. Kanaa mannaa, guyyaa guyyaadhaan amala gaarii argisiisuudhaan, akkasumas ‘hojiiwwan Waaqayyoof kan bulle taʼuu keenya argisiisan’ hojjechuudhaan guyyicha sammuu keenyatti dhiheessinee yaaduu ni dandeenya.”—2 Phe. 3:11, 12. w23.06 12 key. 13-14
Jimaata, Onkoloolessa 10
Yihowaa sodaachuun, jalqaba ogummaa ti.—Fak. 9:10.
Meeshaalee elektirooniksii keenyatti utuma fayyadamnuu poornoogiraafiin yoo nu mudate maal gochuu qabna? Yeruma sana of duraa balleessuu qabna. Qabeenyi keenya inni guddaan michummaa Yihowaa wajjin qabnu akka taʼe yoo yaadanne tarkaanfii kana fudhachuun nuuf salphata. Fakkiiwwan akka poornoogiraafiitti hin ilaalamnellee fedhii saalaa kakaasuu dandaʼu. Fakkiiwwan akkasiirraas fagaachuu kan qabnu maaliifi? Garaa keenya keessa yaanni gara halalummaatti nu geessu xinnoonillee akka jiraatu waan hin barbaanneefi. (Mat. 5:28, 29) Jaarsi gumii Taayilaandi keessa jiraatuu fi Deevid jedhamu akkana jedheera: “‘Fakkiiwwan kun poornoogiraafii yoo taʼuu baatanillee ilaaluu koo yoon itti fufe Yihowaan ni gammadaa?’ jedheen of gaafadha. Akkas jedhee yaaduun koo ogummaadhaan tarkaanfii fudhachuuf na gargaara.” Yihowaa akka hin gaddisiisne sodaachuun keenya gama kanaan tarkaanfii ogummaarratti hundaaʼe fudhachuuf nu gargaara. Yihowaa sodaachuun “jalqaba” ykn buʼuura “ogummaati.” w23.06 23 key. 12-13
Sanbadduraa, Onkoloolessa 11
Yaa saba koo, dhaqi, gara kutaa kee isa keessaatti seeni.—Isa. 26:20.
Kutaan inni keessaa’ gumii keenya kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Yeroo rakkina guddaatti obboloota keenya wajjin tokkummaa qabaannee yoo itti fufne Yihowaan akkuma waadaa gale eegumsa nuuf godha. Kanaafuu, ammumaa kaasnee obbolootaa fi obboleettota keenya dandeenyee jiraachuu qofa utuu hin taʼin, isaan jaallachuufis carraaqqii gochuu qabna. Fayyina argachuun keenya akkas gochuu keenyarratti kan hundaaʼe taʼuu dandaʼa. “Guyyaan Yihowaa inni guddaan” ilmaan namootaarratti dhiphina fida. (Sef. 1:14, 15) Saba Yihowaas haalli rakkisaan ni mudata. Ammuma yoo qophoofne garuu tasgabbaaʼuu fi warra kaan gargaaruu dandeenya. Rakkina nu mudatu kamiyyuu keessatti jabaannee dhaabbachuu ni dandeenya. Obboloota keenyarra rakkinni yeroo gaʼu gara laafina isaanitti argisiisuu fi wanta isaan barbaachisu isaaniif dhiheessuudhaan isaan gargaaruuf wanta dandeenyu hunda goona. Yeroo ammaatti obboloota keenyatti jaalala argisiisuu yoo baranne gara fuulduraattis jaalala isaanitti argisiisuu keenya itti fufna. Akkas yoo goone Yihowaan addunyaa balaa fi rakkinni keessa hin jirre keessatti jireenya barabaraa nuu kennuudhaan nu eebbisa.—Isa. 65:17. w23.07 7 key. 16-17
Dilbata, Onkoloolessa 12
[Yihowaan] isin cimsa, isin jabeessa, akkasumas hundee jabaa irra isin dhaaba.—1 Phe. 5:10.
Dubbiin Waaqayyoo yeroo baayʼee namoonni amanamoo taʼan humna akka qaban ibsa. Haa taʼu malee, namni jabina guddaa qabullee yeroo tokko tokko dadhabaa akka taʼe isatti dhagaʼamuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, Daawit Mootichi yeroo tokko tokko “akkuma gaaraatti cimaa” akka taʼe isatti dhagaʼama ture, yeroo kan biraatti garuu ‘ni jeeqama’ ture. (Far. 30:7) Hafuurri Waaqayyoo Saamsoniif humna guddaa kennee ture; haa taʼu malee, Saamson hafuura Waaqayyoo yoo argachuu baate ‘dadhabaa akka taʼuu fi akkuma namoota kaanii akka taʼu’ hubatee ture. (Abo. 14:5, 6; 16:17) Namoonni amanamoon kun jabina qabaachuu kan dandaʼan Yihowaan humna waan isaaniif kenneef qofadha. Phaawulos ergamaanis humni Yihowaa akka isa barbaachisu dubbateera. (2 Qorontos 12:9, 10) Phaawulos dhibee fayyaa qaba ture. (Gal. 4:13, 14) Wanta sirrii taʼe gochuuf yeroon walʼaansoo gochuun itti isa barbaachises jira. (Rom. 7:18, 19) Yeroo tokko tokkommoo yaaddoo fi sodaatu isatti dhagaʼama ture. (2 Qor. 1:8, 9) Taʼus, Phaawulos yeroo dadhabetti jabina qabaachuu dandaʼeera. Akkamitti? Yihowaan jabina rakkina isaa dandamachuuf isa barbaachisu isaaf kenneera. Isa cimseera. w23.10 12 key. 1-2
Wiixata, Onkoloolessa 13
Yihowaan . . . garaa namaa ilaala.—1 Sam. 16:7.
Darbee darbee gatii akka hin qabne kan nutti dhagaʼamu yoo taʼe, Yihowaan ofuma isaatiin kakaʼee akka ofitti nu harkise haa yaadannu. (Yoh. 6:44) Inni wanta gaarii nu keessa jiruu fi tarii nuti hin hubanne ni arga, garaa keenyas beeka. (2 Sen. 6:30) Kanaafuu, ‘Gatii guddaa qabdu’ yeroo nuun jedhu isa amanuu dandeenya. (1 Yoh. 3:19, 20) Nu keessaa tokko tokko dhugaa barachuu keenya dura dogoggora ammayyuu miirri balleessaa akka nutti dhagaʼamu godhu raawwannee taʼuu dandaʼa. (1 Phe. 4:3) Kiristiyaanonni amanamoo taʼanillee dadhabina garaagaraa wajjin walʼaansoo gochuun isaan barbaachisa. Atoo garaan kee si ceephaʼaa? Taanaan, tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo taʼan miira akkasii wajjin walʼaansoo akka godhan beekuun kee si jajjabeessa. Fakkeenyaaf, Phaawulos ergamaan mudaa qaburratti yeroo xiinxalu nama gadadamaa akka taʼe isatti dhagaʼamee ture. (Rom. 7:24) Dhugaadha, Phaawulos cubbuu isaarraa yaada geddaratee cuuphameera. Taʼus sana boodallee, “ergamoota hundumaatii gad” akka taʼee fi ‘cubbamaa hunda caalu’ akka taʼe isatti dhagaʼameera.—1 Qor. 15:9; 1 Xim. 1:15. w24.03 27 key. 5-6
Kibxata, Onkoloolessa 14
Isaan mana Yihowaa . . . [ni dhiisanii].—2 Sen. 24:18.
Murtoo dogoggoraa Yoʼaas Mootichi godherraa barumsi argannu tokko kanadha: Michoota dhiibbaa gaarii nurratti godhan. jechuunis michoota Yihowaa jaallatanii fi isa gammachiisuu barbaadan filachuu qabna. Namoota umurii keenyarratti argaman qofa michuu godhachuu hin qabnu. Yehoyaadaan umuriidhaan michuu isaa Yoʼaasiin baayʼee akka caalu yaadadhaa. Michoota filattu ilaalchisee akkana jedhii of gaafadhu: ‘Amantiin Yihowaarratti qabu cimsachuuf na gargaaruu? Ulaagaalee Waaqayyoo akkan hordofu na jajjabeessuu? Waaʼee Yihowaa fi waaʼee dhugaawwan isaa ni dubbatuu? Ulaagaalee Waaqayyootiif kabaja qabuu? Wantuman dhagaʼuu barbaadu natti himumoo yeroon dogoggoru na sirreessuuf ija jabina qabuu?’ (Fak. 27:5, 6, 17) Dhugaa dubbachuuf michoonni kee Yihowaa hin jaallatan taanaan homaa si hin fayyadan. Yihowaa kan jaallatan yoo taʼe garuu yeroo hundumaa si gargaaru.—Fak. 13:20. w23.09 9-10 key. 6-7
Roobii, Onkoloolessa 15
Ani Alfaa fi Omeegaa . . . dha.—Mul. 1:8.
Qubeen jalqabaa Afaan Giriikii alfaadha, qubeen inni dhumaammoo omeegaadha. Yihowaan yaada “Alfaa fi Omeegaa” jedhutti fayyadamuun isaa wanta tokko yoo jalqabe akka fiixaan baasu argisiisa. Yihowaan Addaamii fi Hewaaniin erga uumee booda, akkana isaaniin jedheera: “‘Horaa, baayʼadhaa, lafa guutaa; isas toʼannaa keessan jala galfadhaa.’” (Uma. 1:28) Yeroo kanatti Yihowaan akkuma waan “Alfaa” jedhetti ilaalama. Kaayyoo isaa ifatti dubbateera: Yeroon sanyiin Addaamii fi Hewaan mudaa hin qabnee fi ajajamoo taʼan lafa itti guutanii fi gara jannataatti itti ishii jijjiiran ni dhufa. Gara fuulduraatti yeroo kaayyoon isaa kun raawwatamu Yihowaan “Omeegaa” jedha. “Samii fi lafti, wantoonni isaan keessa jiran hundis” erga uumamanii booda Yihowaan kaayyoon isaa guutummaatti akka raawwatamu argisiisuuf wanta tokko dubbateera. Kaayyoon inni ilmaan namootaa fi lafaaf qabu shakkii tokko malee akka raawwatamu waadaa galeera. Dhuma guyyaa torbaffaarratti kaayyoon isaa kun guutummaatti raawwatama.—Uma. 2:1-3. w23.11 5 key. 13-14
Kamisa, Onkoloolessa 16
Daandii Yihowaa qopheessaa! Gammoojjii keessattis Waaqa keenyaaf daandii guddaa qajeelaa taʼe qopheessaa.—Isa. 40:3.
Imalli ulfaataan Baabilonii gara Israaʼelitti godhamu gara jiʼa afurii fudhachuu dandaʼa; haa taʼu malee, Yihowaan gufuu karaarratti isaan mudatu kamiyyuu isaaniif balleessuuf waadaa galeera. Yihudoonni amanamoo taʼan faayidaan Israaʼelitti deebiʼuudhaan argatan aarsaa kaffalan kamirrayyuu akka caalu beeku turan. Eebbi argatan inni guddaan waaqeffannaa isaanii wajjin wal qabata. Baabilon keessa manni qulqullummaa Yihowaa hin jiru ture. Iddoon aarsaa Israaʼelonni akka Seerri Musee ajajutti aarsaa irratti dhiheessan hin jiru ture; qophiin lubummaa aarsaawwan kana dhiheessuuf barbaachisus hin jiru ture. Kana malees, namoonni magaalattii keessa jiraatan hedduun waaqolii sobaa kan waaqeffatanii fi Yihowaadhaafis taʼe ulaagaalee isaatiif kabaja kan hin qabne turan. Kanaafuu, Yihudoonni Waaqa sodaatanii fi kumaan lakkaaʼaman gara biyya isaaniitti deebiʼanii waaqeffannaa qulqulluu hundeessuuf hawwiidhaan eeggatu turan. w23.05 14-15 key. 3-4
Jimaata, Onkoloolessa 17
Akka ijoollee ifaatti deddeebiʼuu keessan itti fufaa.—Efe. 5:8.
“Akka ijoollee ifaatti” deddeebiʼuu keenya itti fufuuf gargaarsi hafuura qulqulluus nu barbaachisa. Maaliif? Addunyaa karaa naamusaa mancaʼaa taʼe kana keessatti qulqulluu taʼanii itti fufuun salphaa waan hin taaneefi. (1 Tas. 4:3-5, 7, 8) Hafuurri qulqulluun falaasamaa fi ilaalcha yaada Waaqayyoo wajjin walfaallessu dabalatee yaada addunyaa kamiyyuu moʼuuf nu gargaara. ‘Gaarummaa fi qajeelummaa akaakuu hundumaa’ horachuufis nu gargaara. (Efe. 5:9) Karaan hafuura qulqulluu argachuu itti dandeenyu tokko kadhannaadha. Yesuus, Yihowaan “warra isa kadhataniif hafuura qulqulluu” akka kennu dubbateera. (Luq. 11:13) Yeroo waliin taanee walgaʼiirratti Yihowaa jajannuttis hafuura qulqulluu ni arganna. (Efe. 5:19, 20) Dhiibbaa gaariin hafuurri qulqulluun nurratti godhu karaa Waaqayyoon gammachiisuun jiraachuuf nu gargaara. w24.03 23-24 key. 13-15
Sanbadduraa, Onkoloolessa 18
Kadhachuu keessan itti fufaa, isiniif ni kennama; barbaaduu keessan itti fufaa, ni argattu; balbala rurrukutuu keessan itti fufaa, isiniif ni banama.—Luq. 11:9.
Obsi hedduun si barbaachisaa? Taanaan kadhadhu. Obsi kutaa firii hafuuraati. (Gal. 5:22, 23) Kanaafuu, Yihowaan hafuura qulqulluu akka nuuf kennuu fi firii isaa horachuuf akka nu gargaaru kadhachuu dandeenya. Haalli obsa keenya qoru yoo nu mudate, hafuurri qulqulluun obsuuf akka nu gargaaru ‘kadhachuu keenya itti fufuu’ dandeenya. (Luq. 11:13) Yihowaan ilaalcha inni wanta tokkoof qabu qabaachuuf akka nu gargaarus kadhachuu dandeenya. Achiis erga kadhannee booda, guyyaa guyyaadhaan obsa argisiisuuf wanta dandeenyu hunda gochuu qabna. Obsa qabaachuuf caalaatti kan kadhannuu fi carraaqqii kan goonu yoo taʼe amalli kun garaa keenya keessatti hidda godhatee kutaa eenyummaa keenyaa taʼa. Fakkeenyota Kitaaba Qulqulluurratti xiinxaluunis si gargaara. Kitaabni Qulqulluun seenaa namoota obsa argisiisanii hedduu qabateera. Seenaawwan kanarratti xiinxaluudhaan karaawwan obsa argisiisuu itti dandeenyu barachuu dandeenya. w23.08 22 key. 10-11
Dilbata, Onkoloolessa 19
Qurxummii [qabuuf] saaphana keessan darbadhaa.—Luq. 5:4.
Yesuus Yihowaan akka isa deggeru Pheexirosiif mirkaneesseera. Yesuus duʼaa erga kaʼee boodas Pheexirosii fi ergamoonni kaan dinqiidhaan qurxummii akka qaban godheera. (Yoh. 21:4-6) Pheexiros dinqii kana arguun isaa Yihowaan wanta jireenyaaf isa barbaachisu salphaatti isaaf guutuu akka dandaʼu amantii akka qabaatu akka isa gargaare hin shakkisiisu. Tarii yeroo kanatti wanta Yesuus Yihowaan namoota ‘hundumaa dura Mootummicha barbaaduu isaanii itti fufaniif’ wantoota isaan barbaachisan akka isaaniif guutu dubbate yaadatee taʼuu dandaʼa. (Mat. 6:33) Pheexiros sana booda hojii qurxummii qabuutiif utuu hin taʼin tajaajilaaf dursa kenneera. Dhaloota Kiristoos Booda bara 33 guyyaa Phenxeqosxeetti ija jabinaan dhugaa kan baʼe yeroo taʼu kunis namoonni kumaan lakkaaʼaman misiraachicha akka fudhatan gargaareera. (HoE. 2:14 37-41) Sana boodammoo Pheexiros namoonni Samaariyaa fi namoonni Yihudoota hin taane Kiristoositti akka amanan gargaareera. (HoE. 8:14-17; 10:44-48) Dhugumayyuu Yihowaan namoonni akaakuu hundumaa gara gumichaa akka dhufan gochuuf karaa dinqisiisaa taʼeen Pheexirositti fayyadameera. w23.09 20 key. 1; 23 key. 11
Wiixata, Onkoloolessa 20
Isin abjuu koo hiika isaa wajjin natti hin himtan taanaan, qaamni keessan ni kukkutama.—Dan. 2:5.
Warri Baabilon Yerusaalemiin balleessanii gara waggaa lamaa booda Nebukadnezaar mootiin Baabilon abjuudhaan siidaa baayʼee guddaa taʼe tokko argee ture; abjuu isaa kanaan kan kaʼes baayʼee jeeqame. Abjuu inni argee fi hiika isaa yoo itti himuu baatan Daaniʼeliin dabalatee namoota ogeeyyii hunda akka ajjeesu dubbatee ture. (Dan. 2:3-5) Daaniʼel hatattamaan tarkaanfii fudhachuu qaba; taʼuu baannaan, namoonni baayʼeen ni ajjeefamu. Kanaafuu, “ol seenee hiika isaa mootichatti akka himuuf yeroon akka isaaf kennamu mooticha gaafate.” (Dan. 2:16) Akkas gochuun ija jabinaa fi amantii gaafata. Daaniʼel sana dura abjuu akka hiike ragaan argisiisu hin jiru. Taʼus, hiriyoonni isaa “iccitii kana ilaalchisee Waaqni samii gara laafina akka isaanitti argisiisu akka kadhatan” gaafate. (Dan. 2:18) Yihowaanis kadhannaa isaaniitiif deebii kenneera. Daaniʼel gargaarsa Waaqayyootiin abjuu Nebukadnezaar hiikeera. Kanaan kan kaʼes, lubbuun isaas taʼe lubbuun hiriyoota isaa ooluu dandaʼeera. w23.08 3 key. 4
Kibxata, Onkoloolessa 21
Namni hanga dhumaatti jabaatee dhaabbatu garuu ni fayya.—Mat. 24:13.
Faayidaa obsa qabaachuun argamsiisurratti yaadi. Kan obsinu yoo taʼe caalaatti gammachuu fi tasgabbii qabaanna. Kunimmoo fayyaa sammuu fi qaamaa keenya fooyyessuu dandaʼa. Warra kaaniif kan obsinu yoo taʼe isaan wajjin hariiroo gaarii qabaanna. Gumiin keenya caalaatti tokkummaa qabaata. Namni tokko wanta nu aarsu yoo godhe, aariidhaaf suuta kan jennu taʼuun keenya, haalli isaa caalaatti akka hin hammaanne godha. (Far. 37:8, milj.; Fak. 14:29) Hunda caalaa garuu fakkeenya Abbaa keenya isa samii waan hordofnuuf caalaatti isatti dhihaanna. Dhugumayyuu obsi amala baayʼee nama hawwatuu fi faayidaa guddaa argamsiisudha. Obsa argisiisuun yeroo hunda salphaa taʼuu baatus, gargaarsa Yihowaatiin amala kana horachuu keenya itti fufuu ni dandeenya. Yeroo addunyaa haaraa obsaan eeggachaa jirru kanatti ‘ijji Yihowaa warra isa sodaatanii fi warra jaalala isaa isa amanamaa eeggatan akka ilaalu’ mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Far. 33:18) Kanaafuu, hundi keenya obsa uffachuu keenya itti fufuuf haa murteessinu. w23.08 22 key. 7; 25 key. 16-17
Roobii, Onkoloolessa 22
Amantiin hojiidhaan hin deggeramne kophaa isaatti duʼaa dha.—Yaq. 2:17.
Yaaqoob namni akkasii amantii akka qabu kan dubbatu taʼus, amantii isaa hojiidhaan akka hin argisiisne ibseera. (Yaq. 2:1-5, 9) Yaaqoob nama ‘obboleessa yookiin obboleettii uffataa fi nyaata hin qabne’ argee gargaarsa qabatamaa utuu hin godhin hafe caqaseera. Namni kun amantii akka qabu kan dubbatu taʼus, hojiidhaan waan hin argisiisneef amantiin isaa gatii hin qabu. (Yaq. 2:14-16) Yaaqoob amantii hojiidhaan argisiisuu ilaalchisee Rahaab fakkeenya gaarii akka taatu dubbateera. (Yaq. 2:25, 26) Rahaab waaʼee Yihowaa dhageesseetti, Israaʼelota deggeraa akka jirus hubatteetti. (Iya. 2:9-11) Basaastonni Israaʼel lama yeroo lubbuun isaanii balaadhaaf saaxilamee turetti eegumsa isaaniif gochuudhaan amantii ishii hojiidhaan argisiisteetti. Kanaan kan kaʼes dubartiin mudaa qabduu fi lammii Israaʼel hin taane tun akkuma Abrahaam qajeeltuu akka taatetti ilaalamuu dandeesseetti. Fakkeenyi ishii amantiin hojiidhaan deggeramuu akka qabu ibsa. w23.12 5-6 key. 12-13
Kamisa, Onkoloolessa 23
Hidda kan gad fageeffattanii fi buʼuura sana irra kan dhaabamtan taʼaa.—Efe. 3:17.
Kiristiyaanota waan taaneef, beekuu kan barbaannu barumsawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu qofa miti. Gargaarsa hafuura Waaqayyootiin “wantoota Waaqayyoo warra gad fagoo taʼan illee” barachuu barbaanna. (1 Qor. 2:9, 10) Qoʼannaa dhuunfaa keerratti qorannaa gadi fageenya qabuu fi caalaatti Yihowaatti si dhiheessu gochuu dandeessa. Fakkeenyaaf, Yihowaan tajaajiltoota isaa bara durii turanitti jaalala kan argisiise akkamitti akka taʼee fi kun akka inni si jaallatu kan mirkaneessu akkamitti akka taʼe qorachuu dandeessa. Qophiin waaqeffannaa Yihowaan Israaʼel keessatti godhe maal akka fakkaatuu fi qophiin yeroo sana ture isa yeroo harʼaa jiru wajjin kan wal fakkaatu akkamitti akka taʼe qoʼachuu dandeessa. Yookiinimmoo raajiiwwan Yesuus yeroo lafarra tajaajilaa turetti raawwii isaanii akka argatan godhe gadi fageenyaan qoruu dandeessa. Barreeffama Qorannaa Dhugaa Baatota Yihowaa Gargaaruuf Qophaaʼe fayyadamtee mata dureewwan akkasii qoʼachuun kee gammachuu guddaa siif argamsiisa. Kitaaba Qulqulluu gadi fageenyaan qoʼachuun kee amantii kee siif cimsa, “beekumsa Waaqayyoo” argachuufis si gargaara. Fak. 2:4, 5. w23.10 18-19 key. 3-5
Jimaata, Onkoloolessa 24
Hunda caalaa immoo, jaalala guddaa waliif qabaadhaa; sababiin isaas, jaalalli cubbuu hedduu ni haguuga.—1 Phe. 4:8.
Jechi Pheexiros itti fayyadamee fi “guddaa” jedhamee hiikame kallattiidhaan “kan addaan harkifamu” jechuudha. Caqasichi gara dhumaarratti jaalalli guddaan maal akka raawwatu ibsa. Cubbuu obboloota keenyaa haguuga. Kana fakkeenyaan ibsuuf, jaalala keenya harka lamaan qabnee akkuma huccuu addaan harkifamuutti hamma balleessaa tokko ykn lama qofa haguugutti utuu hin taʼin, hamma “cubbuu hedduu” haguugutti addaan harkisna jechuudha. Jechi ‘haguuguu’ jedhu yaada dhiifama gochuu jedhu akka gaariitti ibsa. Akkuma huccuun tokko wanta xurii qabu haguuguu dandaʼu, jaalallis dadhabinaa fi mudaa warra kaanii haguuguu ni dandaʼa. Yeroo tokko tokko carraaqqii guddaa gochuun kan nu barbaachisu yoo taʼellee, jaalalli keenya obboloota keenyaaf dhiifama gochuuf kan nu dandeessisu taʼuu qaba. (Qol. 3:13) Warra kaaniif dhiifama gochuu yoo dandeenye, jaalalli keenya cimaa akka taʼee fi Yihowaa gammachiisuu akka barbaannu argisiisna. w23.11 11-12 key. 13-15
Sanbadduraa, Onkoloolessa 25
Shaafaan mooticha duratti kitaabicha irraa dubbisuu jalqabe.—2 Sen. 34:18.
Yosiyaas Mootichi yeroo umuriin isaa waggaa 26 taʼu mana qulqullummaa haaressuu jalqabe. Yeroo hojiin kun hojjetamaa turetti ‘kitaabni Seera Yihowaa inni karaa Musee kenname’ ni argame. Mootichi wanta kitaabichi jedhu yeroo dhagaʼu sirreeffama gochuuf yeruma sana tarkaanfii fudhate. (2 Sen. 34:14 19-21) Kitaaba Qulqulluu yeroo hunda dubbisuuf fedhii qabdaa? Akkas gochuuf yaalaa jirta taanaan. dubbisni kee gammachiisaadhaa? Caqasoota dhuunfaatti si fayyadan qabachuuf ni yaaltaa? Yosiyaas umuriin isaa gara waggaa 39 yeroo taʼu dogoggora lubbuu isaa isa dhabsiise raawwateera. Qajeelfama Yihowaa gaafachuu mannaa ofitti amanamee ture. (2 Sen. 35:20-25) Kanarraa barumsa guddaa arganna. Umuriin keenya hammamiyyuu yoo taʼe ykn Kitaaba Qulqulluu qoʼachaa kan turre yeroo hammamiitiifiyyuu yoo taʼe Yihowaa barbaaddachuu keenya itti fufuu qabna. Akkas gochuun qajeelfama isaa argachuuf yeroo hunda kadhachuu, Dubbii isaa qoʼachuu fi gorsa Kiristiyaanonni bilchina qaban kennan dhagaʼuu dabalata. Akkas yoo goone dogoggora guddaa raawwachuurraa of eegna. akkasumas caalaatti gammadoo taana.—Yaq. 1:25. w23.09 12 key. 15-16
Dilbata, Onkoloolessa 26
Waaqayyo warra of tuulan ni morma, warra gad of qabaniif garuu gaarummaa guddaa ni kenna.—Yaq. 4:6.
Kitaabni Qulqulluun waaʼee dubartoota Yihowaa jaallatanii fi isa tajaajilanii ni dubbata. Dubartoonni kun “barsiifata madaalamaa kan qabanii fi karaa hundumaa amanamoo kan [taʼani dha].” (1 Xim. 3:11) Obboleettonni fakkeenya obboleettota bilchaatoo gumii isaanii keessa jiranii hordofuu ni dandaʼu. Obboleettonni dargaggoonni, obboleettota muraasa fakkeenya isaanii hordofuu dandeessan adda baafachuuf yaalaa. Amaloota gaggaarii isaan qaban hubachuuf yaalaa; achiis amaloota kana argisiisuu kan dandeessan akkamitti akka taʼe yaadaa. Gad of qabuun karaa Kiristiyaanni tokko bilchaataa taʼuusaa itti argisiisu isa guddaadha. Obboleettiin takka kan gad of qabdu yoo taʼe Yihowaa wajjinis taʼe warra kaan wajjin hariiroo gaarii qabaatti. Fakkeenyaaf, obboleettiin Yihowaa jaallattu takka gad of qabuudhaan qophii matummaa Abbaan ishii inni samii hundeesse ni deggerti. (1 Qor. 11:3) Gumii keessattis taʼe maatii keessatti qophiin kun jira. w23.12 18-19 key. 3-5
Wiixata, Onkoloolessa 27
Abbootiin manaa akkuma qaama isaaniitti haadhotii manaa isaanii haa jaallatan.—Efe. 5:28.
Yihowaan abbaan manaa haadha manaa isaa akka jaallatu, akkasumas karaa qaamaa, karaa miiraa fi karaa hafuuraa akka ishii kunuunsu isarraa eega. Dandeettii yaaduu horachuun, dubartootaaf kabaja qabaachuu fi amanamaa taʼuun abbaa manaa gaarii taʼuuf isin gargaaru. Gaaʼela erga dhaabbattanii booda abbaa taʼuu dandeessu. Abbaa gaarii taʼuu ilaalchisee Yihowaarraa maal barachuu dandeessu? (Efe. 6:4) Yihowaan akka isa jaallatuu fi akka isatti gammadu Ilma isaa Yesuusitti ifatti himeera. (Mat. 3:17) Abbaa yoo taatan yeroo hunda ijoollee keessan akka jaallattan isaaniif mirkaneessuu hin dagatinaa. Wanta gaarii isaan godhaniif isaan galateeffadhaa. Abbootiin fakkeenya Yihowaa hordofan ijoolleen isaanii Kiristiyaanota bilchina qaban akka taʼan gargaaru. Amma miseensota maatii keessanii fi obboloota gumii keessan keessa jiraniif jaalalaan kunuunsa gochuudhaan, akkasumas jaalalaa fi dinqisiifannaa keessan isaaniif ibsuu barachuudhaan itti gaafatamummaa kanaaf qophaaʼuu dandeessu.—Yoh. 15:9. w23.12 28-29 key. 17-18
Kibxata, Onkoloolessa 28
[Yihowaan] tasgabbii siif ni kenna.—Isa. 33:6.
Tajaajiltoota Yihowaa amanamoo yoo taanellee, akkuma warra kaanii dhukkuba dabalatee rakkinni cimaan nurra gaʼuu dandaʼa. Namoota saba Yihowaa jibbanirraas mormii fi ariʼatamni nurra gaʼuu dandaʼa. Yihowaan haalli akkasii akka nurra hin geenye gochuu baatus akka nu gargaaru waadaa galeera. (Isa. 41:10) Haala baayʼee ulfaataa taʼe keessattillee gargaarsa isaatiin gammachuu keenya eeggachuu, murtoo gaarii gochuu fi amanamoo taanee itti fufuu ni dandeenya. Yihowaan ‘nagaa Waaqayyoo’ isa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame nuu kennuuf waadaa galeera. (Filiphisiyus 4:6, 7) Nagaan kun tasgabbii Yihowaa wajjin hariiroo cimaa uumuudhaan qofa argamudha. Nagaan kun ‘hubannaa hundumaa irra waan caaluuf,’ isa nuti yaannu caalaa dinqisiisaadha. Cimsitee erga kadhattee booda akka tasgabboofte sitti dhagaʼamee beekaa? Miirri yeroo sanatti sitti dhagaʼame ‘nagaa Waaqayyooti.’ w24.01 20 key. 2; 21 key. 4
Roobii, Onkoloolessa 29
Yihowaa nan jajadha; guutummaan eenyummaa kootii maqaa isaa isa qulqulluu haa jajatu.—Far. 103:1.
Jaalalli namoonni amanamoon Yihowaaf qaban maqaasaa garaa guutuudhaan jajachuuf isaan kakaasa. Daawit Mootichi maqaa Yihowaa jajachuun Yihowaa jajachuu akka taʼe hubateera. Maqaa Yihowaa yeroo dhageenyu eenyummaasaa, amaloota gaggaarii inni qabuu fi wantoota ajaaʼibsiisoo inni raawwate yaadanna. Daawit maqaa Abbaasaa isa samii qulqulleessuu fi jajachuu barbaada ture. “Guutummaan eenyummaa” isaa maqaasaa akka jajatu, jechuunis garaa guutuudhaan akkas gochuu barbaadee ture. Haaluma walfakkaatuun, Leewwonnis Yihowaa jajachuurratti dursa fudhatanii turan. Galata maqaa Yihowaa isa qulqulluu taʼeef malu guutummaatti jechaan ibsuu akka hin dandeenye gad of qabanii amananiiru. (Nah. 9:5) Karaa kanaan gad of qabanii garaadhaa isa jajachuun isaanii Yihowaa akka gammachiise homaa hin shakkisiisu. w24.02 9 key. 6
Kamisa, Onkoloolessa 30
Guddina hammamii iyyuu yoo goone, daandiidhuma kana irra seeraan deddeebiʼuu keenya itti haa fufnu.—Filp. 3:16.
Yihowaan galma humna keetii ol taʼe tokkorra gaʼuu waan dadhabdeef, milkaaʼina akka dhabdetti si hin ilaalu. (2 Qor. 8:12) Dogoggora keerraa baradhu. Galma kanaan dura irra geesse yaadadhu. Kitaabni Qulqulluun, “Waaqayyo jalʼaa miti; inni hojii keessan . . . hin irraanfatu” jedha. (Ibr. 6:10) Kanaafuu, atis irraanfachuu hin qabdu. Galma kanaan dura irra geesserratti yaadi; galmi kunis Yihowaa wajjin michummaa cimaa qabaachuu, waaʼee isaa warra kaanitti himuu ykn cuuphamuu taʼuu dandaʼa. Kanaan dura guddina gootee galmawwan hafuuraarra akkuma geesse, ammas guddina gochuu kee itti fufuudhaan galma baafatterra gaʼuu ni dandeessa. Gargaarsa Yihowaatiin galmakeerra gaʼuu ni dandeessa. Atis galma keerra gaʼuuf carraaqqii gochuu kee yeroo itti fuftu, Yihowaan carraaqqii keerratti si gargaaraa fi si eebbisaa kan jiru akkamitti akka taʼe hubachuu hin dagatin. (2 Qor. 4:7) Yoo abdii kutachuu baatte, eebbawwan kanarra caalanis ni argatta.—Gal. 6:9. w23.05 31 key. 16-18
Jimaata, Onkoloolessa 31
Isin waan na jaallattanii fi bakka buʼaa Waaqayyoo taʼee akkan dhufe waan amantaniif, Abbaan ofii isaatiif iyyuu isin jaallata.—Yoh. 16:27.
Yihowaan namoota jaallatutti akka gammade ibsuun isa gammachiisa. Kitaabni Qulqulluun Yihowaan siʼa lama akka isa jaallatuu fi akka isatti gammade Yesuusitti akka hime dubbata. (Mat. 3:17; 17:5) Yihowaan akka sitti gammadu yeroo dubbatu dhagaʼuu barbaaddaa? Kallattiidhaan samiirraa nutti dubbachuu baatus, Dubbii isaatti fayyadamee nu haasofsiisa. Yaadawwan Yesuus Wangeelota keessatti ibsaman dubbisuudhaan Yihowaan akka nutti gammadu yeroo dubbatu dhagaʼuu dandeenya. Yesuus eenyummaa Abbaa isaa guutummaatti calaqqisiiseera. Kanaafuu, Yesuus duuka buutota isaa mudaa qaban garuummoo amanamoo taʼanitti akka gammade yeroo dubbisnu, akkuma waan Yihowaan nutti dubbachaa jirutti yaaduu dandeenya. (Yoh. 15:9, 15) Rakkinni nurra gaʼuunsaa Waaqayyo akka nutti gadde hin argisiisu. Kanaa mannaa, rakkinni nurra gaʼuunsaa jaalala guddaa Waaqayyoof qabnuu fi amantii isarratti qabnu argisiisuuf carraa nuuf bana.—Yaq. 1:12. w24.03 28 key. 10-11