LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es25 ful. 108-118
  • Sadaasa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Sadaasa
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2025
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Sanbadduraa, Sadaasa 1
  • Dilbata, Sadaasa 2
  • Wiixata, Sadaasa 3
  • Kibxata, Sadaasa 4
  • Roobii, Sadaasa 5
  • Kamisa, Sadaasa 6
  • Jimaata, Sadaasa 7
  • Sanbadduraa, Sadaasa 8
  • Dilbata, Sadaasa 9
  • Wiixata, Sadaasa 10
  • Kibxata, Sadaasa 11
  • Roobii, Sadaasa 12
  • Kamisa, Sadaasa 13
  • Jimaata, Sadaasa 14
  • Sanbadduraa, Sadaasa 15
  • Dilbata, Sadaasa 16
  • Wiixata, Sadaasa 17
  • Kibxata, Sadaasa 18
  • Roobii, Sadaasa 19
  • Kamisa, Sadaasa 20
  • Jimaata, Sadaasa 21
  • Sanbadduraa, Sadaasa 22
  • Dilbata, Sadaasa 23
  • Wiixata, Sadaasa 24
  • Kibxata, Sadaasa 25
  • Roobii, Sadaasa 26
  • Kamisa, Sadaasa 27
  • Jimaata, Sadaasa 28
  • Sanbadduraa, Sadaasa 29
  • Dilbata, Sadaasa 30
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2025
es25 ful. 108-118

Sadaasa

Sanbadduraa, Sadaasa 1

Afaan ijoollee fi afaan daaʼimmanii keessaa galata argamsiiste.—Mat. 21:16.

Warra yoo taatan, ijoolleen keessan akkuma umurii isaaniitti deebii kennuuf akka qophaaʼan isaan gargaaraa. Yeroo tokko tokko kan qoʼatamu waaʼee rakkina gaaʼela keessatti uumamuu ykn dhimma naamusa wajjin wal qabatu taʼuu dandaʼa; mata dureewwan ciccimoo taʼan akkasii yeroo qoʼatamanittillee, keeyyanni ijoolleen yaada irratti kennuu dandaʼan tokko ykn lama jiraachuu dandaʼa. Kana malees, ijoolleen keessan yeroo harka baasan hundumaatti carraan isaaniif kennamuu dhiisuu kan dandaʼu maaliif akka taʼe akka hubatan isaan gargaaraa. Kana hubachuun isaanii utuma isaan harka baasanii jiranii yeroo warra kaaniif carraan kennamu akka hin mufanne isaan gargaara. (1 Xim. 6:18) Hundi keenyayyuu walgaʼiirratti deebii Yihowaadhaaf ulfina fiduu fi obboloota keenya jajjabeessu kennuuf qophaaʼuu dandeenya. (Fak. 25:11) Darbee darbee muuxannoo dhuunfaa dubbachuu kan dandeenyu taʼus, waaʼee ofii keenyaa baayʼee dubbachuurraa of qusachuu qabna. (Fak. 27:2; 2 Qor. 10:18) Kanaa mannaa, Yihowaa, Dubbii isaa fi saba isaarratti xiyyeeffachuuf carraaqqii goona.—Mul. 4:11. w23.04 24-25 key. 17-18

Dilbata, Sadaasa 2

Akka warra kaanii rafuu dhiisnee dammaqinaan haa jiraannu, akkasumas dandeettii hubannaa keenya haa eeggannu.—1 Tas. 5:6.

Dammaqoo taanee itti fufuu fi dandeettii hubannaa keenya eeggachuuf jaalalli barbaachisaadha. (Mat. 22:37-39) Jaalalli Waaqayyoof qabnu haala mijataa hin taane keessattillee lallabuu keenya itti fufuuf nu gargaara. (2 Xim. 1:7, 8) Namoota amantaa keenya hin hordofneef jaalala waan qabnuuf, lallabuu keenya itti fufna, bilbilaa fi xalayaadhaanis dhugaa baana. Namoonni dhugaa itti himnu gaaf tokko jijjiirama godhanii wanta sirrii taʼe gochuu akka jalqaban ni abdanna. (His. 18:27, 28) Obboloota keenyas ni jaallanna. ‘Wal jajjabeessuu fi wal ijaaruudhaan’ jaalala walitti argisiisna. (1 Tas. 5:11) Akkuma loltoota wal deggeranii tajaajilanii nutis wal jajjabeessina. Taʼe jennee obboloota keenya hin miinu ykn hamaa hamaadhaan hin deebisnu. (1 Tas. 5:13, 15) Obboloota gumicha geggeessan kabajuudhaanis jaalala argisiisna.—1 Tas. 5:12. w23.06 9 key. 6; 11 key. 10-11

Wiixata, Sadaasa 3

[Yihowaan] wanta tokko yommuu jedhu, wanta sana hin raawwatuu?—Lak. 23:19.

Karaan amantii keenya cimsachuu itti dandeenyu tokko furicharratti xiinxaluudha. Furichi waadaan Waaqayyo gale akka raawwatamu wabii nuuf taʼa. Furichi maaliif akka qophaaʼee fi Yihowaan furicha qopheessuuf aarsaa hammamii akka kaffale xiinxaluun keenya, amantii waadaa Waaqayyo addunyaa haaraa keessatti jireenya dhuma hin qabne nuu kennuuf galerratti qabnu nuuf cimsa. Akkas kan jennu maaliifi? Yihowaan furicha qopheessuuf aarsaa akkamii kaffale? Yihowaan Ilmi isaa hangafaa baayʼee itti dhihaatu nama mudaa hin qabne taʼee akka dhalatuuf samiirraa gara lafaatti erge. Yesuus yeroo lafarra turetti rakkoowwan hedduu dandamateera. Achiis baayʼee dhiphatee duʼa suukanneessaa duʼe. Dhugumayyuu, Yihowaan aarsaa guddaa kaffaleera! Waaqni keenya inni jaalala qabeessa taʼe yeroo gabaabaadhaaf qofa jireenya gaarii akka jiraannuuf jecha Ilmi isaa akka dhiphatuu fi akka duʼu matumaa hin heyyamu ture. (Yoh. 3:16; 1 Phe. 1:18, 19) Yihowaan gatii guddaa waan kaffaleef, addunyaa haaraa keessa bara baraaf nu jiraachisa. w23.04 27 key. 8-9

Kibxata, Sadaasa 4

Yaa Duʼaa, ilkeen kee meerre?—Hos. 13:14.

Yihowaan namoota duʼan kaasuuf fedhii qabaa? Fedhii akka qabu homaa hin shakkisiisu. Namoonni Kitaaba Qulqulluu barreessan hedduun waaʼee abdii duʼaa kaʼuu akka barreessan isaan kakaaseera. (Isa. 26:19; Mul. 20:11-13) Yihowaan yeroo hundumaa waadaa gale ni raawwata. (Iya. 23:14) Inni namoota duʼan duʼaa kaasuuf ni hawwa. Mee wanta Iyyoob jedhe haa ilaallu. Iyyoob yoo duʼellee Yihowaan deebiʼee isa arguuf akka hawwu mirkanaaʼaa ture. (Iyo. 14:14, 15 milj.) Yihowaan tajaajiltoota isaa warra duʼan hundumaa ni yaada. Fayya buleeyyii fi gammadoo taʼanii gara jireenyaatti akka deebiʼan gochuuf hawwii guddaa qaba. Namoonni biliyoonaan lakkaaʼamanii fi waaʼee Yihowaa barachuuf carraa utuu hin argatin duʼanoo? Waaqni keenya inni jaalala qabeessa taʼe isaaniinis duʼaa kaasuu ni barbaada. (HoE. 24:15) Michoota isaa taʼuu fi lafarra bara baraaf jiraachuuf carraa akka argatan barbaada.—Yoh. 3:16. w23.04 9 key. 5-6

Roobii, Sadaasa 5

Waaqayyo humna nuuf kenna.—Far. 108:13.

Abdii kee cimsachuu kan dandeessu akkamitti? Fakkeenyaaf, abdiin kee bara baraaf lafarra jiraachuu yoo taʼe, wanta Kitaabni Qulqulluun Jannata ilaalchisee dubbatu dubbistee irratti xiinxaluu dandeessa. (Isa. 25:8; 32:16-18) Addunyaa haaraa keessatti jireenyi maal akka fakkaatu xiinxali. Achi keessatti of ilaali. Waaʼee addunyaa haaraa xiinxaluuf yeroo kan ramadnu yoo taʼe, rakkinni amma nu mudachaa jiru “yeroo muraasaaf kan turuu fi salphaa” taʼuu isaa hubanna. (2 Qor. 4:17) Yihowaan abdii sii kennetti fayyadamee si jabeessa. Inni ammumayyuu jabina isaa akka argattuuf qophii barbaachisu siif godheera. Kanaafuu, itti gaafatamummaa tokko baʼuuf, qorumsa tokko dandamachuuf ykn gammachuu kee eeggachuuf yeroo gargaarsi si barbaachisu kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaadhu, akkasumas karaa qoʼannaa dhuunfaa qajeelfama isaa argachuuf yaali. Jajjabina obboloonnii fi obboleettonni kee siif kennan fudhadhu. Yeroo hunda abdii keerratti xiyyeeffadhu. Akkas yoo goote ‘obsaa fi gammachuudhaan guutummaatti jabaattee akka dhaabbattuuf Waaqayyo akka jabina isaa isa ulfina qabeessa taʼeetti humna hundumaan cimina siif kenna.’—Qol. 1:11. w23.10 17 key. 19-20

Kamisa, Sadaasa 6

Waan hundumaatiif galateeffadhaa.—1 Tas. 5:18.

Sababiiwwan kadhannaadhaan Yihowaa galateeffachuuf nu kakaasan hedduu qabna. Wanti gaariin hundi kan argamu isa biraa waan taʼeef, wanta gaarii qabnu kamiifiyyuu isa galateeffachuu dandeenya. (Yaq. 1:17) Fakkeenyaaf, lafa bareedduu taate, akkasumas wantoota ajaaʼibsiisoo inni uume akka dinqisiifannu kadhannaa keenyarratti ibsuu dandeenya. Kana malees, jireenya, maatii, michootaa fi abdii waan nuu kenneef isa galateeffachuu dandeenya. Michoota isaa akka taanu nuuf heyyamuudhaan mirga guddaa nuu kenneefis isa galateeffachuu barbaanna. Sababiiwwan dhuunfaatti Yihowaa galateeffachuuf nu kakaasanirratti yaaduuf carraaqqii addaa gochuun nu barbaachisuu dandaʼa. Addunyaan keessa jiraannu galata hin beeku. Namoonni baayʼeen wantoota qabaniif karaa dinqisiifannaa isaanii argisiisuu itti dandaʼanirratti utuu hin taʼin wantoota argachuu barbaadanirratti xiyyeeffatu. Ilaalchi akkasii dhiibbaa yoo nurratti godhe kadhannaa keenyarratti wanta argachuu barbaannu qofa caqasuuf qoramna. Kun akka hin taaneef wantoota Yihowaan nuu godhe hundaaf dinqisiifannaa qabaachuu fi dinqisiifannaa kanas ibsuu keenya itti fufuun nu barbaachisa.—Luq. 6:45. w23.05 4 key. 8-9

Jimaata, Sadaasa 7

Matumaa utuu hin shakkin amantiidhaan kadhachuu [keessa itti fufaa].—Yaq. 1:6.

Yihowaan Abbaa keenya baayʼee nu jaallatu waan taʼeef yeroo dhiphannu arguu hin barbaadu. (Isa. 63:9) Taʼus, qorumsawwan lageenii fi ibiddatti fakkeeffaman hundarraa nu hin oolchu. (Isa. 43:2) ‘Keessa akka darbinu’ nu gargaaruuf garuu waadaa galeera. Qorumsi nu mudatu miidhaa dhaabbataa taʼe akka nurraan geessisus hin heyyamu. Kana malees, Yihowaan hafuura isaa isa humna guddaa qabu nuuf kennuudhaan jabaannee akka dhaabbannu nu gargaara. (Luq. 11:13; Filp. 4:13) Kanaafuu, inni yeroo hundumaa wanta jabaannee dhaabbachuu fi isaaf amanamoo taanee itti fufuuf nu barbaachisu akka nuuf kennu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Yihowaan akka isatti amanamnu nurraa eega. (Ibr. 11:6) Yeroo tokko tokko, qorumsi nurra gaʼu humna keenyaa ol akka taʼe nutti dhagaʼama taʼa. Tarii Yihowaan kan nu gargaaru taʼuu isaallee shakkuu jalqabuu dandeenya. Taʼus, Kitaabni Qulqulluun “humna Waaqayyootiin dallaa utaaluu” akka dandeenyu nuuf mirkaneessa. (Far. 18:29) Kanaafuu, shakkii nutti uumameef harka kennuu mannaa, Yihowaan kadhannaa keenyaaf deebii akka kennu amantii guutuu qabaachuudhaan kadhachuu qabna.—Yaq. 1:6, 7. w23.11 22 key. 8-9

Sanbadduraa, Sadaasa 8

[Jaalalli] laboobni isaa ibidda bobaʼu, labooba Yaahi. Dambaliiwwan bishaanii jaalala dhaamsuu hin dandaʼan, lageenis haxaaʼanii isa balleessuu hin dandaʼan.—Wed. 8:6, 7.

Jechoonni kun warra gaaʼela dhaabbatan baayʼee jajjabeessu. Hiriyoonni gaaʼelaa jaalala hin banne waliif qabaachuu ni dandaʼu. Hiriyoonni gaaʼelaa hamma lubbuudhaan jiranitti jaalala hin banne waliif qabaachuu isaanii itti fufuuf carraaqqii gochuun isaan barbaachisa. Fakkeenyaaf, ibiddi tokko bobaʼuu isaa itti fufuu kan dandaʼu qoraan itti dabaluu keenya yoo itti fufnedha. Akkas hin goonu taanaan yeroo booda ibiddi sun dhaamuun isaa hin oolu. Haaluma wal fakkaatuun, jaalalli hiriyoota gaaʼelaa gidduu jiru cimaa taʼee itti fufuu kan dandaʼu hariiroo isaanii cimsachuuf carraaqqii yoo godhanidha. Yeroo tokko tokko hiriyoonni gaaʼelaa keessumaa rakkinni maallaqaa, dhibeen fayyaa ykn ijoollee guddisuu wajjin walqabatee rakkinni yeroo isaan mudatu jaalalli isaanii akka qabbanaaʼe isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa. ‘Laboobni Yaah’ gaaʼela isaanii keessatti bobaʼuu isaa akka itti fufu gochuuf abbaan manaas taʼe haati manaa Yihowaa wajjin michummaa cimaa qabaachuuf carraaqqii gochuu qabu. w23.05 20-21 key. 1-3

Dilbata, Sadaasa 9

Hin sodaatin.—Dan. 10:19.

Ija jabina horachuuf maal gochuu qabna? Warri keenya ija jabeeyyii akka taanu nu jajjabeessu taʼa; taʼus, amala kana dhaalaan nutti dabarsuu hin dandaʼan. Ija jabina horachuun dandeettii haaraa tokko barachuu wajjin wal fakkaata. Karaan dandeettii tokko barachuun itti dandaʼamu tokko wanta barsiisaan tokko godhu xiyyeeffannaadhaan ilaaluudhaan fakkeenya isaa hordofuudha. Haaluma wal fakkaatuun, warri kaan amala kana kan argisiisan akkamitti akka taʼe xiyyeeffannaadhaan ilaaluudhaan, akkasumas fakkeenya isaanii hordofuudhaan ija jabeeyyii taʼuu ni dandeenya. Akkuma Daaniʼel Dubbii Waaqayyoo akka gaariitti beekuu qabna. Bilisummaadhaan irra deddeebinee Yihowaatti kadhannaa dhiheessuudhaan isa wajjin michummaa cimaa qabaachuu qabna. Kana malees, Yihowaan yeroo hunda akka nu gargaaru mirkanaaʼoo taʼuudhaan amanannaa isarratti qabaachuu qabna. Akkas yoo goone yeroo amantiin keenya qoramu ija jabina argisiisuu ni dandeenya. Namoonni ija jabeeyyii taʼan yeroo baayʼee kabaja warra kaanii argatu. Namoonni garaa qajeelaa qaban Yihowaatti akka dhihaatan gargaaruullee ni dandaʼu. Dhugumayyuu, sababii gaarii ija jabina horachuuf nu kakaasu qabna. w23.08 2 key. 2; 4 key. 8-9

Wiixata, Sadaasa 10

Waan hundumaa qoraa mirkaneeffadhaa.—1 Tas. 5:21.

Jechi Afaan Giriikii “qoraa mirkaneeffadhaa” jedhamee hiikame sibiila gatii guddaa qabu qoruu argisiisuufis itti hojjetameera. Kanaafuu, wanti dhageenyus taʼe wanti dubbisnu dhugaa taʼuu isaa mirkaneeffachuuf qoruun nu barbaachisa. Rakkinni guddaan dhihaachaa yeroo dhufu akkas gochuun keenya caalaatti barbaachisaadha. Gowwummaadhaan wanta namoonni jedhan hunda amanuu mannaa, wanta dubbisnus taʼe wanta dhageenyu wanta Kitaabni Qulqulluunii fi jaarmiyaan Yihowaa barsiisu wajjin wal bira qabuuf dandeettii yaaduu keenyatti fayyadamna. Akkas yoo goone olola ykn gowwoomsaa jinniiwwaniitiin hin gowwoomfamnu. (Fak. 14:15; 1 Xim. 4:1) Tajaajiltoonni Yihowaa akka gareetti rakkina guddaarraa ni oolu. Dhuunfaatti garuu wanta boru nu mudatu hin beeknu. (Yaq. 4:14) Haa taʼu malee, rakkinni guddaan kan dhufu utuma lubbuudhaan jirruus taʼe erga duunee booda, amanamummaa keenya hamma eeggannetti jireenya bara baraa ni arganna. Hundi keenyayyuu abdii keenya isa dinqisiisaa taʼerratti haa xiyyeeffannu, akkasumas guyyaa Yihowaa qophaaʼoo taanee haa eeggannu. w23.06 13 key. 15-16

Kibxata, Sadaasa 11

Iccitii isaa raajota warra tajaajiltoota isaa taʼanitti mulʼiseera.—Amos 3:7.

Raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko akkamitti akka raawwataman hin beeknu. (Dan. 12:8, 9) Raajiin tokko akkamitti akka raawwatamu guutummaatti hin hubanne jechuun garuu raajiin sun hin raawwatamu jechuu miti. Yihowaan akkuma kanaan dura gochaa ture wanta beekuun nu barbaachisu yeroo sirrii taʼetti akka nuuf ibsu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Labsiin, “Nagaa dha, tasgabbii dhas” jedhu ni labsama. (1 Tas. 5:3) Achiis mootummoonni addunyaa amantaa sobaatti garagalanii haxaaʼanii ishii balleessu. (Mul. 17:16, 17) Sana boodammoo saba Waaqayyoorratti haleellaa banu. (His. 38:18, 19) Taʼeewwan kunis kallattiidhaan gara waraana Armaagedoonitti geessu. (Mul. 16:14, 16) Wantoonni kun yeroo dhihootti akka raawwataman mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya. Hammasitti raajii Kitaaba Qulqulluutiif xiyyeeffannaa kennuudhaan, akkasumas warri kaanis akkas akka godhan gargaaruudhaan dinqisiifannaa Abbaa keenya isa samiitiif qabnu argisiisuu keenya itti haa fufnu. w23.08 13 key. 19-20

Roobii, Sadaasa 12

Wal jaallachuu keenya itti haa fufnu; sababiin isaas, jaalalli Waaqayyo irraa madda.—1 Yoh. 4:7.

Phaawulos ergamaan waaʼee amantii, abdii fi jaalalaa erga dubbatee booda “[amaloota kana] keessaa inni caalu garuu jaalala” akka taʼe ibseera. (1 Qor. 13:13) Phaawulos akkas kan jedhe maaliifi? Gara fuulduraatti, Waaqayyo waadaawwan gale hunda erga raawwatee booda, waadaa addunyaa haaraa fiduuf galerratti amantii qabaachuun ykn waadaa kana akka raawwatu abdachuun nu hin barbaachisu. Taʼus, yeroo hundumaa Yihowaa fi namootaaf jaalala qabaachuun nu barbaachisa. Jaalalli isaaniif qabnu bara baraaf guddachuu isaa itti fufa. Kana malees, jaalalli Kiristiyaanota dhugaa adda baasee beeksisa. Yesuus ergamoota isaatiin, “Jaalala yoo waliif qabaattan, namoonni hundi akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku” jedheera. (Yoh. 13:35) Kana malees, wal jaallachuun keenya tokkummaa qabaachuuf nu gargaara. Phaawulos, “Jaalalli tokkummaadhaan namoota walitti hidha” jedheera. (Qol. 3:14) Yohaannis ergamaan, “Namni Waaqayyoon jaallatu hundi obboleessa isaas jaallachuu qaba” jechuudhaan obboloota isaatiif barreesseera. (1 Yoh. 4:21) Yeroo jaalala walitti argisiisnu Yihowaas akka jaallannu argisiisna. w23.11 8 key. 1, 3

Kamisa, Sadaasa 13

Baʼaa hundumaa [of irraa gataa].—Ibr. 12:1.

Kitaabni Qulqulluun jireenya Kiristiyaanotaa fiigichatti fakkeessa. Fiigicha kanarratti warri sarara isa dhumaa qaxxaamuran jireenya bara baraa argatu. (2 Xim. 4:7, 8) Keessumaa yeroo kamiyyuu caalaa amma sarara dhumaatti baayʼee dhihaannee waan jirruuf, fiigicha keenya itti fufuuf wanta dandeenyu hunda gochuu qabna. Phaawulos ergamaan wanta fiigicha kanarratti injifannoo argachuuf nu gargaaru nutti himeera. “Baʼaa hundumaa . . . of irraa gannee, dorgommii fiigichaa nu dura jiru jabinaan [akka] fiignu” nu gorseera. Phaawulos yommuu akkas jedhu Kiristiyaanni tokko baʼaa baatu hin qabu jechuu isaatii? Akkas jechuusaa miti. Kanaa mannaa, baʼaa hin barbaachisne hundumaa ofirraa gatuu akka qabnu dubbachuu isaati. Baʼaan akkasii nu qabuu fi nu dadhabsiisuu dandaʼa. Jabaannee dhaabbachuuf baʼaa barbaachisaa hin taanee fi saffisa keenya akka hirʼisnu godhu kamiyyuu dafnee adda baafachuu fi ofirraa gatuu qabna. Haa taʼu malee, baʼaa baachuu qabnu ofirraa gatuu hin barbaannu. Akkas yoo goone, dorgommii kanarratti itti fufuu hin dandeenyu.—2 Xim. 2:5. w23.08 26 key. 1-2

Jimaata, Sadaasa 14

Miidhaginni keessan alaan kan mulʼatu, . . . akka taʼu hin godhinaa.—1 Phe. 3:3.

Yaada ofiitti kan hin cichine taʼuun keenya ilaalcha warra kaanii kabajuufis nu gargaara. Fakkeenyaaf, obboleettonni keenya tokko tokko meekaappii dibachuu jaallatu, kaanimmoo hin jaallatan. Kiristiyaanonni tokko tokko hamma tokko dhugaatii alkoolii dhuguun isaan gammachiisa, kaanimmoo dhuguu hin barbaadan. Kiristiyaanonni hundi fayya buleeyyii taʼuu barbaadu, taʼus fayyaa isaanii eeggachuuf malli itti fayyadaman garaagara. Filannaan keenya yeroo hunda sirrii akka taʼe yaaduudhaan warri kaanis filannaa keenya akka fudhatan amansiisuuf kan yaallu yoo taʼe, warra kaan gufachiisuu fi qoqqoodinsa uumuu dandeenya. (1 Qor. 8:9; 10:23, 24) Fakkeenyaaf Yihowaan akkaataa uffannaa keenya ilaalchisee seera baasuu mannaa, dhugaawwan buʼuuraa ittiin geggeeffamuu dandeenyu nuu kenneera. Uffata tajaajiltoota Waaqayyootiif malu, yaada ofiitti akka hin cichine, kabaja kan qabnuu fi “hubannaadhaan” akka deddeebinu argisiisu uffachuu qabna. (1 Xim. 2:9, 10) Kanaafuu, akkaataa uffannaa keenyaan xiyyeeffannaa hin barbaachisne ofitti hin harkisnu. Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu jaarsoliin akkaataa uffannaa fi akkaataa rifeensa itti qaban ilaalchisee seera mataa isaanii akka hin baasne isaan gargaaru. w23.07 23-24 key. 13-14

Sanbadduraa, Sadaasa 15

Xiyyeeffannaadhaan na dhaggeeffadhaa, wanta gaarii taʼe nyaadhaa, Nyaata dhugumaan gaarii taʼeenis gammachuu guddaa ni argattu.—Isa. 55:2.

Yihowaan gara fuulduraatti jireenya gammachiisaa jiraachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe nu barsiiseera. Warri affeerrii “dubartii gowwaa” fudhatan halalummaa raawwachuudhaan gammachuu argachuuf yaalu. Dhumni isaanii “Awwaala gad fagoo” keessadha.” (Fak. 9:13, 17, 18) Haalli namoota affeerraa “ogummaa dhugaa” fudhatanii garuu, kanarraa baayʼee addadha. (Fak. 9:1) Wanta Yihowaan jaallatu akka jaallannuu fi wanta inni jibbu akka jibbinu barachaa jirra. (Far. 97:10) Warri kaan “ogummaa dhugaa” irraa faayidaa akka argatan affeeruudhaan gammachuu arganna. Tajaajiltoota, ‘iddoowwan ol kaʼoo magaalattii irraa “Namni muuxannoo hin qabne kam iyyuu, as haa dhufu” jedhanii waaman’ wajjin wal fakkaanna. Nutis taane warri nu dhagaʼan faayidaa kan argannu amma qofa miti. Affeerraa ogummaa dhugaa fudhachuudhaan ‘daandii hubannaarra fuulduratti deemuu’ keenya yoo itti fufne bara baraaf “lubbuudhaan jiraanna.”—Fak. 9:3, 4, 6. w23.06 24-25 key. 17-18

Dilbata, Sadaasa 16

Namni dafee hin aarre nama jabaa irra, namni aarii isaa toʼatus nama magaalaa injifatu irra wayya.—Fak. 16:32.

Namni si wajjin hojjetu ykn barataan si wajjin baratu tokko waaʼee amantii keetii yeroo si gaafatu maaltu sitti dhagaʼama? Ni dhiphattaa? Baayʼeen keenya akkas nutti dhagaʼama. Taʼus. namni tokko gaaffii akkasii nu gaafachuun isaa ilaalchaa fi amantii isaa hubachuuf waan nu gargaaruuf misiraachicha itti himuuf carraa nuuf bana. Yeroo tokko tokko garuu namni tokko yaada keenyarratti waan walii hin galleef ykn nu falmuuf jedhee gaaffii kaasuu dandaʼa. Kun nu dinqisiisuu hin qabu. Namoonni tokko tokko waaʼee amantii keenyaa odeeffannoo dogoggoraa qabu. (HoE. 28:22) Kana malees. kan jiraannu “guyyoota dhumaa” keessa waan taʼeef namoonni baayʼeen “walii galuuf fedhii kan hin qabne,” akkasumas “gara jabeeyyii” dha. (2 Xim. 3:1, 3) ‘Namni tokko waaʼee amantii kootii na falmuu utuu barbaaduu tasgabbii fi malaan deebii isaaf kennuu kanan dandaʼu akkamitti?’ jettee gaafatta taʼa. Akkas gochuuf maaltu si gargaara? Jecha tokkoon ibsuuf garraamummaadha. Namni garraamii taʼe salphaatti hin aaru; kanaa mannaa yeroo namoonni isa aarsanitti ykn deebii kennuu qabu hin beeknettillee of toʼata. w23.09 14 key. 1-2

Wiixata, Sadaasa 17

Atis guutummaa lafaa irratti bulchitoota gootee isaan muudda.—Far. 45:16.

Yeroo tokko tokko gorsi nuu kennamu qabeenya jaalachuu fi sochiiwwan seera Yihowaa akka cabsinu nu taasisanirraa fagaachuuf nu gargaara. Qajeelfama Yihowaa hordofuun gama kanaanis eebba nuuf argamsiiseera. (Isa. 48:17, 18; 1 Xim. 6:9, 10) Yihowaan yeroo rakkina guddaattis taʼe yeroo Bulchiinsa Barkumeetti qajeelfama nuu kennuuf namootatti fayyadamuusaa akka itti fufu hin shakkisiisu. Qajeelfama sana hordofuu keenya itti fufnaa? Amma qajeelfama Yihowaan nuu kennuuf ni ajajamna yoo taʼe yeroo sanattis akkas gochuun nuuf salphata. Kanaafuu, qajeelfama dhiironni nu eeguuf muudaman nuu kennan dabalatee qajeelfama Yihowaan nuu kennu yeroo hundumaa haa hordofnu. (Isa. 32:1, 2; Ibr. 13:17) Qajeelfama Yihowaarratti amantii guutuu qabaachuu dandeenya; sababiin isaas, inni wantoota karaa hafuuraa balaadhaaf nu saaxilanirraa nu eegee addunyaa barabaraaf keessa jiraannutti nu galcha. w24.02 25 key. 17-18

Kibxata, Sadaasa 18

Isinis gaarummaa isaa isa guddaadhaan fayyitan.—Efe. 2:5.

Phaawulos ergamaan Yihowaa tajaajiluudhaan jireenya gammachiisaa jiraachaa kan ture taʼus, qorumsa hedduu dandamachuun isaa barbaachiseera. Phaawulos yeroo baayʼee karaa dheeraa imala ture; yeroo sanattimmoo imaluun salphaa hin turre. Imala isaarratti yeroo garaa garaatti “lageen irraa balaan,” akkasumas “saamtota irraa balaan” isarra gaʼeera. Mormitoonnis miidhaa qaamaa isarraan geessisaniiru. (2 Qor. 11:23-27) Obboloonnis carraaqqii inni isaan gargaaruuf godhu kan dinqisiifatan yeroo hunda hin turre. (2 Qor. 10:10; Filp. 4:15) Maarree, Phaawulos Yihowaa tajaajiluu isaa itti fufuuf maaltu isa gargaare? Phaawulos Kitaabota Qulqulluurraa fi muuxannoo isaarraa waaʼee eenyummaa Yihowaa wanta hedduu barateera. Yihowaan akka isa jaallatu mirkanaaʼaa ture. (Rom. 8:38, 39; Efe. 2:4, 5) Innis Yihowaadhaaf jaalala guddaa qaba ture. Phaawulos “qulqulloota tajaajiluu fi tajaajiluu [isaa] itti fufuudhaan” jaalala Yihowaadhaaf qabu argisiisuu isaa itti fufeera.—Ibr. 6:10. w23.07 9 key. 5-6

Roobii, Sadaasa 19

Abbootii taayitaa iddoo ol aanaa qabaniif [bitamaa].—Rom. 13:1

Namoonni baayʼeen mootummoonni akka nu barbaachisanii fi seerota ‘abbootiin taayitaa iddoo olaanaa’ qaban kun baasan keessaa yoo xinnaate muraasa isaa hojiirra oolchuun barbaachisaa akka taʼe ni amanu. Taʼus, seera isaanitti hin tolleef ykn sirrii miti jedhanii yaadaniif hin ajajaman. Kitaabni Qulqulluun mootummoonni ilmaan namootaa rakkina akka geessisan, toʼannaa Seexanaa jala akka jiranii fi dhiheenyatti akka balleeffaman dubbata. (Far. 110:5, 6; Lal. 8:9; Luq. 4:5, 6) Kana malees, Kitaabni Qulqulluun, “Namni aangoo mormu kam iyyuu qophii Waaqayyoo morma” jedha. Yihowaan lafarra seerri akka jiraatuuf yeroodhaaf akka bulchan mootummootaaf heyyameera. Kanaafuu, gibira kaffaluu, kabajuu fi ajajamuu dabalatee “hundumaaf wanta isaaf malu” kennuu qabna. (Rom. 13:1-7) Tarii seerri tokko nutti toluu dhiisuu dandaʼa, akkasumas sirrii akka hin taanee fi ulfaataa akka taʼe nutti dhagaʼama taʼa. Taʼus, Yihowaadhaaf ni ajajamna, innimmoo hamma isaan seera isaa hin cabsinetti akka isaaniif ajajamnu nurraa eega.—HoE. 5:29. w23.10 8 key. 9-10

Kamisa, Sadaasa 20

Hafuurri Yihowaa humna isaaf ni kenne.—Abo. 15:14.

Yeroo Saamson dhalatetti Filisxeemonni saba Israaʼeliin bulchaa fi cunqursaa turan. (Abo. 13:1) Filisxeemonni gara jabinaan isaan bulchaa waan turaniif Israaʼelonni baayʼee dhiphachaa turan. Yihowaan “harka Filisxeemotaa jalaa Israaʼeliin oolchuu irratti dursa [akka fudhatu]” Saamsoniin filate. (Abo. 13:5) Saamson itti gaafatamummaa ulfaataa taʼe kana raawwachuuf Yihowaatti amanamuun isa barbaachisee ture. Yeroo tokko raayyaan waraanaa Filisxeem Saamsoniin qabuuf gara Lehii dhufan; Lehiin kan argamtu Yihudaa keessatti taʼuu hin oolu. Namoonni Yihudaa sodaatanii waan turaniif Saamsoniin diinota isaatti dabarsanii kennuuf murteessan. Namootumti biyya isaa wadaroo haaraa lamaan isa hidhanii Filisxeemotatti isa kennan. (Abo. 15:9-13) Haa taʼu malee, ‘hafuurri Yihowaa humna waan isaaf kenneef’ wadaroowwan sana ofirraa kukkutuu dandaʼeera. Achiis, “lafee mangaagaa wadala harree hoʼaa taʼe tokko argate.” innis lafee sana fuudhee Filisxeemota 1000 ittiin ajjeese!—Abo 15:14-16. w23.09 2 key. 3-4

Jimaata, Sadaasa 21

Kun, Kiristoos Yesuus Gooftaa keenya ilaalchisee kaayyoo bara baraa inni qabuu wajjin kan wal simu dha.—Efe. 3:11.

Yihowaan “kaayyoo bara baraa inni qabu” Kitaaba Qulqulluu keessatti irraa jalaan nuuf ibseera. Yihowaan “kaayyoo isaa raawwachuuf wanta hundumaa [waan tolcheef]” kaayyoo qabu raawwachuuf karaa garaa garaatti fayyadamuu dandaʼa. (Fak. 16:4) Kanaafuu, buʼaan hojii isaas bara baraaf jabaatee dhaabbata. Kaayyoon Yihowaa maalidha? Kaayyoo isaa raawwachuufoo sirreeffama akkamii godheera? Waaqayyo kaayyoo akkamii akka isaaniif qabu Addaamii fi Hewaanitti himeera. “Horaa, baayʼadhaa, lafa guutaa; isas toʼannaa keessan jala galfadhaa; [uumamawwan jiraatoo] hundumaa irratti aangoo qabaadhaa” isaaniin jedhee ture. (Uma. 1:28) Yeroo Addaamii fi Hewaan fincilanii maatiin ilmaan namootaa cubbuutti akka seenu godhanitti, kaayyoon Yihowaa hin fashaloofne. Yihowaan karaa kaayyoo isaa itti raawwatu jijjiireera. Yeruma sana Mootummaa kaayyoo ilmaan namootaa fi lafaaf qabu raawwatu tokko samii keessatti hundeessuuf murteesse.— Mat. 25:34 w23.10 20 key. 6-7

Sanbadduraa, Sadaasa 22

Yihowaan gargaaraa koo utuu taʼuu baatee,silaa yoona badeen ture.—Far. 94:17.

Yihowaan abdii akka hin kutanne nu gargaara. Keessumaa dadhabina tokko wajjin yeroo dheeraadhaaf waldhaansoo gochaa turreerra taanaan carraaqqii gochuu keenya itti fufuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Yeroo tokko tokko dadhabinni keenya dadhabina Pheexiros wajjin waldhaansoo gochaa turerra kan cimu taʼuu dandaʼa. Taʼus Yihowaan abdii akka hin kutanne nu cimsa. (Far. 94:18, 19) Fakkeenyaaf obboleessi tokko dhugaa dhagaʼuusaa dura waggoota hedduudhaaf sodoomummaa raawwachaa ture. Amma garuu gocha sana guutummaatti dhiisuudhaan ulaagaa Kitaaba Qulqulluu eegee jiraachaa jira. Taʼus, darbee darbee fedhii dogoggoraa wajjin waldhaansoo godha. Maarree abdii akka hin kutanne maaltu isa gargaare? Obboleessi kun, “Yihowaan nu cimsa” jedheera. Itti dabaluudhaanis akkana jedheera: “Gargaarsa hafuura Yihowaatiin . . . daandii dhugaarra deddeebiʼuu koo itti fufuu akkan dandaʼu baradheera . . . Yihowaan natti fayyadamaa jira; mudaa qabaadhus inni na cimsuu isaa itti fufeera.” w23.09 23 key. 12

Dilbata, Sadaasa 23

Gad of qabuu fi Yihowaa sodaachuun badhaadhina, ulfinaa fi jireenya argamsiisa.—Fak. 22:4.

Obboloonni dargaggoonni, carraaqqii tokko malee bilchina qabaachuu hin dandeessan. Fakkeenya namoota gaarii taʼanii hordofuu, dandeettii yaaduu horachuu, amanamoo taʼuu, dandeettiiwwan faayidaa qaban barachuu fi itti gaafatamummaa gara fuulduraatti isin eeggatuuf qophaaʼuun isin barbaachisa. Itti gaafatamummaan gara fuulduraatti isin eeggatu humna keessanii ol akka taʼe isinitti dhagaʼamuu dandaʼa. Garuu milkaaʼuu ni dandeessu. Yihowaan isin gargaaruuf qophaaʼaa akka taʼe yaadadhaa. (Isa. 41:10, 13) Obboloonnii fi obboleettonni keessan gumii keessa jiranis isin gargaaru. Bilchina yoo qabaattan jireenyi keessan gammachiisaa taʼa. Obboloota dargaggoota taatan, baayʼee isin jaallanna! Yihowaan carraaqqii bilchina qabaachuuf gootan isiniif haa eebbisu. w23.12 29 key. 19-20

Wiixata, Sadaasa 24

Balleessaa [tuffadhaa bira darbaa].—Fak. 19:11.

Dadhabina obboloonni kee qabanirratti utuu hin taʼin amaloota gaggaarii isaan qabanirratti xiyyeeffadhu. Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Obboloota muraasa wajjin yeroo dabarsaa akka jirtu godhii yaadi. Yeroo gaarii erga waliin dabarsitanii booda suuraa wajjin kaʼuuf yaadde. Suuraan inni jalqabaa gaarii taʼuu dhiisuu waan dandaʼuuf, maalumaafuu suuraa sadii kaaste. Kanaafuu, amma suuraa sadii qabda. Suuraa isa tokkorratti garuu obboleessi tokko nyaara guuree akka jiru hubatte. Suuraa obboleessa sana dabalatee hundi keessaniyyuu seeqxanii kaatan kan biraa lama waan qabduuf suuraa sana ni balleessite. Yeroo baayʼee yeroo obboloota keenya wajjin dabarsine yaadachuun nu gammachiisa. Haa taʼu malee, yeroowwan akkasii keessaa isa tokkorratti obboleessi ykn obboleettiin tokko wanta nu mufachiisu dubbatanii ykn raawwatanii taʼuu dandaʼa. Maarree, maal gochuu qabna? Akkuma suuraa gaarii hin taane sana balleessinutti yaadannoo gaarii hin taane kanas sammuu keenya keessaa balleessuuf yaaluu hin qabnuu? (Efe. 4:32) Yeroo nama sana wajjin dabarsine ilaalchisee wanta gaarii yaadannu hedduu waan qabnuuf, balleessaa xinnoo raawwate sana irraanfachuu ni dandeenya. Yaadannoowwan akkasiitiif iddoo guddaa waan kenninuuf sammuu keenya keessaa balleessuu hin barbaannu. w23.11 12-13 key. 16-17

Kibxata, Sadaasa 25

[Dubartoonni] . . . uffata seera qabeessa taʼeen of haa miidhagsan, . . . dubartoota Waaqayyoof bulleerra jedhaniif akka taʼutti.—1 Xim. 2:9, 10.

Jechi Afaan Giriikii Phaawulos asirratti itti fayyadame dubartiin Kiristiyaana taate takka yeroo hunda uffata seera qabeessa miira warra kaaniitiif akka of eeggattu argisiisu filachuu akka qabdu argisiisa. Obboleettota bilchaatoo gorsa kana hojiirra oolchan baayʼee dinqisiifanna! Amalli obboleettonni bilchina qaban hundi argisiisan kan biraanimmoo hubannaadha. Hubannaan maalidha? Hubannaan dandeettii wanta sirrii fi dogoggora taʼe adda baafachuu fi wanta sirrii taʼe raawwachuuf filachuudha. Mee fakkeenya Abigaayil haa ilaallu. Yeroo tokko abbaan manaa ishii murtoo guutummaa maatii isaanii miidhu godhee ture. Yeroo kanatti Abigaayil atattamaan tarkaanfii fudhatte. Hubannaa argisiisuun ishii lubbuu namoota hedduu oolcheera. (1 Sam. 25:14-23, 32-35) Nutis hubannaa yoo qabaanne yoom dubbachuu fi yoom callisuu akka qabnu beekna. Yeroo warra kaaniif akka yaannu argisiisnuttis madaallii keenya eeggachuu ni dandeenya.—1 Tas. 4:11. w23.12 20 key. 8-9

Roobii, Sadaasa 26

Waaqayyo irraa ulfina akka argannu abdii waan qabnuufis haa gammannu.—Rom. 5:2.

Phaawulos yaada kana kan barreesse gumii Roomaa keessa tureefidha. Obboloonnii fi obboleettonni gumii sana keessa turan waaʼee Yihowaa fi waaʼee Yesuus barachuudhaan amantii horatanii Kiristiyaanota taʼanii turan. Waaqayyo ‘amantii isaaniitiin kan kaʼe qajeelota jedhee isaan waamuudhaan’ hafuura qulqulluudhaan isaan dibeera. (Rom. 5:1) Eeyyee, abdii dinqisiisaa amansiisaa taʼe qabu. Phaawulos yeroo booda Kiristiyaanota dibamoo Efesoon keessa turaniif waaʼee abdii Waaqayyo isaaniif kennee barreesseera. Abdiin kun ‘dhaala Waaqayyo qulqullootaaf kennu’ kan dabalatudha. (Efe. 1:18) Kana malees, Phaawulos badhaasa isaanii kan argatan eessatti akka taʼe obboloota Qolosaayis keessa turaniif ibseera. Badhaasa kana “abdii samii keessatti isiniif kaaʼame” jedhee waameera. (Qol. 1:4, 5) Kiristiyaanonni dibamoon duʼaa kaafamanii samii keessa bara baraaf jiraachuu fi Kiristoos wajjin bulchuuf abdii qabu.—1 Tas. 4:13-17; Mul. 20:6. w23.12 9 key. 4-5

Kamisa, Sadaasa 27

Nagaan Waaqayyoo inni hubannaa hundumaa irra caalu . . . garaa keessanii fi yaada keessan ni eega.—Filp. 4:7.

Caqasni kun, “Nagaan Waaqayyoo . . . garaa keessanii fi yaada keessan ni eega” jedha. Jechi “eeguu” jedhamee hiikame loltoota magaalaa tokko eeganii fi miidhaa ishiirraa ittisan argisiisa. Namoonni magaalaa eegumsa qabdu keessa jiraatan loltoonni karra bira akka jiran waan beekaniif tasgabbiidhaan rafu. Haaluma wal fakkaatuun nagaan Waaqayyoo garaa fi sammuu keenya yommuu eegu nageenyi waan nutti dhagaʼamuuf ni tasgabboofna. (Far. 4:8) Haalli keenya yeruma sana jijjiiramuu baatullee akkuma Haannaa nagaa qabaachuu dandeenya. (1 Sam. 1:16-18) Yommuu tasgabbiin nutti dhagaʼamu yeroo baayʼee sirriitti yaaduu fi murtoo gaarii gochuun nuuf salphata. Maal gochuu dandeenya? Yommuu dhiphattu eegduu kee waammadhu. Akkamitti? Nagaa Waaqayyoo akka argatte hamma sitti dhagaʼamutti kadhadhu. (Luq. 11:9; 1 Tas. 5:17) Rakkinni si mudachaa jira taanaan kadhannaatti jabaadhu, akkas yoo goote nagaan Yihowaa garaa fi sammuu kee siif eega.—Rom. 12:12. w24.01 21 key. 5-6

Jimaata, Sadaasa 28

Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu, maqaan kee haa qulqullaaʼu.—Mat. 6:9.

Yesuus maqaa Abbaasaa qulqulleessuuf jecha yeroo dararametti, yeroo arrabsamettii fi yeroo maqaan isaa balleeffametti jabaatee dhaabbateera. Karaa hundumaatiin Abbaasaatiif akka ajajame waan beekuuf wanta itti qaanaʼu tokkollee hin qabu. (Ibr. 12:2) Yesuus yeroo baayʼee ulfaataa taʼe sanatti Seexanni kallattiidhaan haleellaa akka isarratti banus beeka ture. (Luq. 22:2-4; 23:33, 34) Seexanni ejjennoo Yesuus laaffisuu akka dandaʼu abdatee kan ture taʼus isaaf hin milkoofne. Yesuus Seexanni gara jabeessaa fi sobduu taʼuusaa, akkasumas Yihowaan tajaajiltoota amanamoo qorumsa baayʼee ulfaataa taʼe keessattillee ejjennoo isaanii eegan akka qabu mirkaneesseera. Mootii kee isa bulchaa jiru gammachiisuu barbaaddaa? Namoonni waaʼee Waaqa keenyaa dhugaasaa akka beekan gargaaruudhaan maqaa Yihowaa jajachuu kee itti fufi. Yeroo akkas gootu faana Yesuus dhiheenyatti hordofta. (1 Phe. 2:21) Atis akkuma Yesuus Yihowaa gammachiisaa fi diinasaa kan taʼe Seexanni qaanii tokko malee sobaa akka jiru saaxilaa jirta. w24.02 11-12 key. 11-13

Sanbadduraa, Sadaasa 29

Wanta gaarii inni naaf godhe hundumaatiif, Yihowaadhaaf maalan deebisa?—Far. 116:12.

Waggoottan shanan darbanitti namoonni miliyoona tokkoo ol taʼan cuuphamanii Dhugaa Baatota Yihowaa taʼaniiru. Yihowaadhaaf yeroo of murteessitu barataa Yesuus Kiristoos taʼuuf filatta, akkasumas fedhii Waaqayyoo raawwachuun jireenya kee keessatti iddoo guddaa akka qabaatu goota. Yihowaadhaaf of murteessuun maalfaa dabalata? Yesuus, “Namni kam iyyuu ana duukaa buʼuu yoo barbaade of haa ganu” jedheera. (Mat. 16:24) Gaaleen Afaan Giriikii “of haa ganu” jedhamee hiikame “kana booda ofiif hin jiraatin” jedhamees hiikamuu dandaʼa. Tajaajilaa Yihowaadhaaf of murteessite waan taateef wanta Yihowaa gaddisiisu kamirraayyuu fagaachuu qabda. (2 Qor. 5:14, 15) Kunis “hojiiwwan foonii” kan akka halalummaarraa fagaachuu dabalata. (Gal. 5:19-21; 1 Qor. 6:18) Ajajawwan akkasii eeguun jireenyi kee ulfaataa akka taʼu godhaa? Yihowaa kan jaallattu yoo taʼee fi seerrisaa akka si fayyadu yoo amante isaaf ajajamuun jireenyi akka sitti ulfaatu hin godhu.—Far. 119:97; Isa. 48:17, 18. w24.03 2 key. 1; 3 key. 4

Dilbata, Sadaasa 30

Ani sitti nan gammada.—Luq. 3:22.

Yihowaan namoota itti gammaduuf hafuura qulqulluu ni kenna. (Mat. 12:18) ‘Akaakuuwwan firii hafuura Waaqayyoo tokko tokko jireenya koo keessatti argisiisaan jiraa?’ jennee of gaafachuu dandeenya. Isa Yihowaa beekuu kee dura gochaa turte caalaa amma namootatti obsa argisiisaa akka jirtu hubatteettaa? Firii hafuura Waaqayyoo caalaatti argisiisaa yeroo deemtu Yihowaan akka sitti gammadu caalaatti mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. Yihowaan gatii furichaarraa akka fayyadaman kan heyyamu namoota itti gammaduufidha. (1 Xim. 2:5, 6) Furicharratti amantii kan qabnuu fi kan cuuphamne yoo taʼellee Yihowaan akka nutti hin gammanne kan nutti dhagaʼamu yoo taʼehoo? Miira nutti dhagaʼamu yeroo hunda amanuu akka hin dandeenyee fi Yihowaa garuu yeroo hunda amanuu akka dandeenyu yaadadhu. Yihowaan namoota furicharratti amantii qaban akka qajeelootti ilaala, isaan eebbisuufis waadaa galeera.—Far. 5:12; Rom. 3:26. w24.03 30 key. 15; 31 key. 17

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi