Muddee
Wiixata, Muddee 1
Warri duʼan . . . [duʼaa kaʼu].—Luq. 20:37.
Yihowaan namoota duʼan duʼaa kaasuuf humna qabaa? Eeyyee, qaba. Inni “isa Hundumaa Dandaʼu dha.” (Mul. 1:8) Kanaafuu, duʼa dabalatee diina kamiyyuu injifachuuf humna qaba. (1 Qor. 15:26) Sababiin Waaqayyo namoota duʼan duʼaa kaasuuf humna qaba jennee amanuuf nu kakaasu kan biraanimmoo dandeettii yaadachuu daangaa hin qabne qabaachuu isaati. Urjiilee hunda maqaa maqaadhaan waama. (Isa. 40:26) Namoota duʼanis ni yaadata. (Iyo. 14:13; Luq. 20:38) Namoota duʼaa kaasu ilaalchisee bifaa fi eenyummaa isaanii, akkasumas muuxannoo fi yaadannoo isaanii dabalatee wanta hundumaa salphaatti yaadachuu dandaʼa. Dhugumayyuu, Yihowaan waadaa gale raawwachuuf fedhiis taʼe humna waan qabuuf abdii duʼaa kaʼuutti amanuu dandeenya. Sababiin waadaa kanatti amanuuf nu kakaasu kan biraanimmoo, Yihowaan kanaan dura namoota duʼan duʼaa kaasuu isaati. Bara duriitti Yesuusiin dabalatee namoonni muraasni warra duʼan akka kaasan humna isaaniif kenneera. w23.04 9 key. 7-9
Kibxata, Muddee 2
Dubbiin keessan yeroo hunda gurratti kan toluu fi soogiddaan kan miʼeeffame haa taʼu.—Qol. 4:6.
Wanta itti amannu malaan akkasumas garraamummaadhaan kan dubbannu yoo taʼe namoonni nu dhagaʼuu fi nu wajjin mariʼachuu isaanii itti fufuuf fedhii qabaachuu dandaʼu. Dhugaadha namni tokko falmiidhaan nu mooʼuu ykn wanta itti amanutti qoosuu yoo barbaade deebii isaaf kennuuf dirqamni nurra hin jiru. (Fak. 26:4) Namoonni amala akkasii argisiisan garuu muraasadha; baayʼeen isaanii nu dhaggeeffatu. Ifatti akka hubannutti amala garraamummaa argisiisuun faayidaa guddaa qaba. Yeroo namoonni falmii kaasanitti ykn si qeeqanitti garraamummaa argisiisuu kee itti fufuuf cimina akka siif kennu Yihowaa kadhadhu. Garraamii taʼuun kee nama mariisisaa jirtu wajjin ilaalcha garaa garaa kan qabdu taʼus falmii keessa galuurraa akka si eegu yaadadhu. Garraamii taʼuun kee fi kabajaan deebii kennuun kee namoonni si dhagaʼan tokko tokko ilaalcha nuufis taʼe dhugaawwan Kitaaba Qulqulluutiif qaban akka jijjiiran isaan kakaasuu dandaʼa. Gaaffii wanta itti amantu ilaalchisee siif dhihaatuuf ‘garraamummaa fi ulfina guddaadhaan deebii kennuuf yeroo hunda qophaʼaa taʼi.’ (1 Phe. 3:15) Eeyyee garraamii taʼuudhaan cimina kee argisiisi! w23.09 19 key. 18-19
Roobii, Muddee 3
Obsa uffadhaa.—Qol. 3:12.
Mee karaawwan obsa argisiisuu itti dandeenyu afur haa ilaallu. Tokkoffaa, namni obsa qabu aariidhaaf suuta jedha. Yeroo warri kaan isa aarsan ykn yeroo dhiphatu ni tasgabbaaʼa, haaloo baʼuurraas of qusata. (Bau. 34:6) Lammaffaa, namni obsa qabu tasgabbiidhaan waa eeggachuu ni dandaʼa. Namni akkasii wanti tokko hamma eege caalaa yoo turellee tasgabbii hin dhabu ykn hin aaru. (Mat. 18:26, 27) Sadaffaa, namni obsa qabu hin jarjaru. Namni obsa qabu hojii barbaachisaa taʼe tokko yeroo hojjetu jalqabuufis taʼe xumuruuf hin ariifatu. Kanaa mannaa, wanta hojjetu karoorfachuuf yeroo gaʼaa ramada. Achiis yeroo sana hojicha akka gaariitti hojjechuuf itti fayyadama. Arfaffaa, namni obsa qabu utuu hin gungumin qorumsa dandamachuuf carraaqqii godha. Namni obsa qabu ilaalcha sirrii qabaatee jabaatee dhaabbachuu isaa itti fufuuf wanta dandaʼu hunda godha. (Qol. 1:11) Kiristiyaanota waan taaneef karaa kana hundumaatiin obsa argisiisuu qabna. w23.08 20-21 key. 3-6
Kamisa, Muddee 4
Garaa namaa kan qoru garuu Yihowaa dha.—Fak. 17:3.
Sababii guddaan garaa keenya eeggachuuf nu kakaasu Yihowaan garaa keenya kan qoru taʼuu isaati. Inni wanta namoonni kaan arguu dandaʼan qofa utuu hin taʼin, keessa keenyatti namoota akkamii akka taane sirriitti beeka. Sammuu keenya ogummaa jireenya argamsiisuun kan guunnu yoo taʼe Yihowaan nu jaallata. (Yoh. 4:14) Akkas yoo goone addunyaan Seexanaa karaa naamusaa fi karaa hafuuraa miidhaan nurraan hin gaʼu. (1 Yoh. 5:18, 19) Caalaatti Yihowaatti dhihaachaa yeroo deemnu jaalallii fi kabajni isaaf qabnu ni guddata. Abbaa keenya gaddisiisuu waan hin barbaanneef, yaada gara cubbuutti nu geessullee ni jibbina. Obboleettiin Kirooʼeeshiyaa jiraattuu fi Maartaa jedhamtu wanta naamusaan ala taʼe raawwachuuf qoramtee turte; akkana jettee barreessiteetti: “Akka gaariitti yaaduunii fi fedhiin wanta sirrii hin taane raawwachuuf qabu moʼuun natti ulfaatee ture. Haa taʼu malee, sodaan Yihowaaf qabu eegumsa naaf godheera.” Waaqayyoon sodaachuun keenya gama kanaan kan nu gargaaru akkamitti? Maartaan miidhaa murtoo sirrii hin taane gochuun geessisurratti akka xiinxalte dubbatteetti. Nutis akkasuma gochuu dandeenya. w23.06 20-21 key. 3-4
Jimaata, Muddee 5
Yommuun isin gidduutti qulqulluu taʼuu koo ija isaanii duratti argisiisuttis, saboonni ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.—His. 36:23.
Yesuus kaayyoon Yihowaa maqaasaa arrabsoo hundumaarraa qulqulleessuu akka taʼe beeka. Gooftaan keenya, “Yaa Abbaa keenya isa samii irra jiraattuu, maqaan kee haa qulqullaaʼu” jedhanii akka kadhatan duuka buutotasaa kan barsiise kanaafi. (Mat. 6:9) Yesuus kun dhimma cimaa uumamawwan hundumaa ilaallatu akka taʼe hubateera. Uumamawwan yaaduu dandaʼan keessaa hammasaa maqaa Yihowaa kan qulqulleesse hin jiru. Haa taʼu malee, yeroo Yesuus qabametti diinonnisaa kan isa himatan maal jedhaniiti? Maqaa Waaqayyoo arrabseera jedhanii isa himatan. Yesuus maqaa Abbaasaa isa qulqulluu taʼe arrabsuun cubbuu hundarra hammaatu akka taʼe beeka. Yakka akkasiitiin himatamee itti murteeffamuun isaa baayʼee isa jeeqe. Yeroo qabamuuf jedhetti ‘garmalee kan dhiphate’ kanaaf taʼuu hin oolu.—Luq. 22:41-44. w24.02 11 key. 11
Sanbadduraa, Muddee 6
Manni ogummaadhaan ijaarama.—Fak. 24:3.
Yeroo fiigicha jireenyaarratti hirmaannu firoota keenya caalaa Yihowaa fi Yesuusiin jaallachuu qabna. (Mat. 10:37) Akkas jechuun garuu itti gaafatamummaan maatii keenya keessatti qabnu Waaqayyoo fi Kiristoosiin gammachiisuu akka nu dhowwutti yaaduudhaan itti gaafatamummaa kana dagachuu ni dandeenya jechuu miti. Faallaa kanaatiin, Waaqayyoo fi Kiristoos duratti fudhatama kan argannu itti gaafatamummaa maatii keenya keessatti qabnu yoo raawwannedha. (1 Xim. 5:4, 8) Akkas gochuun keenya gammachuun keenya akka dabalu godha. Yihowaan maatii tokko keessatti abbaan manaa fi haati manaa yeroo wal jaallatanii fi wal kabajan, warri ijoollee isaanii yeroo jaallatanii fi yeroo leenjisan, ijoolleenimmoo warra isaaniitiif yeroo ajajaman maatichi gammachuu akka qabaatu beeka. (Efe. 5:33; 6:1, 4) Itti gaafatamummaan maatii kee keessatti qabdu maaliyyuu yoo taʼe miira kee, aadaa kee ykn gorsa namoonni hayyoota jedhaman kennanitti amanamuu mannaa, ogummaa Kitaaba Qulqulluu keessatti argamutti amanami. Barreeffamoota Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼanittis akka gaariitti fayyadami. Barreeffamoonni kun yaadawwan qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu hojiirra oolchuuf si gargaaran qabataniiru. w23.08 28 key. 6-7
Dilbata, Muddee 7
Halkanii fi guyyaas sagalee kee gad qabii isa dubbisi; akkana yoo goote, daandiin kee milkaaʼina ni argata, ogummaadhaanis ni deddeebita.—Iya. 1:8.
Dubartoonni Kiristiyaanota taʼan dandeettiiwwan isaan fayyadan horachuun isaan barbaachisa. Dandeettiin intalli takka xinnummaa ishiitii kaastee horattu tokko tokko guutummaa jireenya ishii keessatti ishii fayyada. Fakkeenyaaf sirriitti dubbisuu fi barreessuu baradhu. Aadaa tokko tokko keessatti dubbisuu fi barreessuun dandeettii dubartii tokkoof barbaachisu akka taʼetti hin ilaalamu. Haa taʼu malee, Kiristiyaanonni hundi dubbisuu fi barreessuu barachuun isaanii barbaachisaadha. (1 Xim. 4:13) Kanaafuu, wanti akkamiiyyuu dubbisuu fi barreessuu barachuurraa duubatti akka si taasisu hin heyyamin. Kun faayidaa akkamii siif argamsiisa? Dandeettiin akkasii hojii argachuufis taʼe hojii keerra turuuf si gargaara. Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu fi barsiisuunis caalaatti akka siif salphatu godha. Hunda caalaammoo Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi irratti xiinxaluudhaan caalaatti Yihowaatti dhihaachuuf si gargaara.—1 Xim. 4:15. w23.12 20 key. 10-11
Wiixata, Muddee 8
Yihowaan namoota Waaqayyoof bulan qorumsa keessaa akkamitti akka baasu. . . beeka.—2 Phe. 2:9.
Qorumsa dandamachuuf akka si gargaaru Yihowaa kadhadhu. Mudaa waan qabnuuf dogoggora raawwachuurraa fagaachuuf carraaqqii walirraa hin cinne gochuun nu barbaachisa. Seexanni walʼaansoon kun caalaatti akka nutti cimu gochuuf wanta isaaf dandaʼame hundumaa godha. Wantoota yaada keenya mancaasuuf itti fayyadamu keessaa tokko bashannana naamusaan ala taʼedha. Bashannanni akkasii sammuun keenya yaadawwan mancaʼaniin akka guutamu godha; kunimmoo nu xureessuu fi cubbuu cimaa raawwachuutti nu geessuu dandaʼa. (Mar. 7:21-23; Yaq. 1:14, 15) Qorumsa wanta dogoggora taʼe akka raawwannu nurra gaʼu moʼuuf gargaarsi Yihowaa nu barbaachisa. Yesuus kadhannaa akka fakkeenyaatti barsiiserratti, “Isa hamaa sana irraa nu oolchi malee, qorumsatti nu hin galchin” jennee akka kadhannu barsiiseera. (Mat. 6:13) Yihowaan nu gargaaruu kan barbaadu taʼus, nuti gargaarsa isa gaafachuu qabna. Akkasumas kadhannaa keenyaa wajjin haala wal simuun hojjechuu qabna. w23.05 6-7 key. 15-17
Kibxata, Muddee 9
Wadaroon foʼaa sadiin foʼames dafee hin citu.—Lal. 4:12.
Michummaan kun gaaʼela isaanii keessatti kan isaan fayyadu akkamitti? Hiriyoonni gaaʼelaa michummaa Abbaa isaanii isa samii wajjin qabaniif iddoo guddaa kan kennan yoo taʼe gorsa isaa dafanii hojiirra oolchu; kunimmoo rakkoowwan jaalala waliif qaban qabbaneessan hambisuuf ykn mooʼuuf isaan gargaara. Namoonni karaa hafuuraa cimoo taʼan fakkeenya Yihowaa hordofuu fi amaloota isaa kanneen akka gaarummaa, obsaa fi dhiifama gochuu jiran horachuuf carraaqqii godhu. (Efe. 4:32–5:1) Hiriyoonni gaaʼelaa amaloota kana yeroo argisiisan jaalalli waliif qaban salphaatti guddata. Obboleettiin Liinaa jedhamtuu fi gaaʼela keessatti waggaa 25 ol dabarsite, “Nama hafuuraa kabajuu fi jaallachuun salphaadha” jetteetti. Mee fakkeenya Kitaaba Qulqulluu tokko haa ilaallu. Yihowaan namoota sanyii Daawit taʼan hedduu keessaa warra Yesuus akka taʼan Yoseefii fi Maariyaamiin filate. Maaliif? Lamaan isaaniiyyuu isa wajjin dhuunfaatti michummaa cimaa waan qabaniif gaaʼela isaanii keessattis dursa akka isaaf kennan beeka. w23.05 21 key. 3-4
Roobii, Muddee 10
Warra gidduu keessanitti dura buutota taʼaniif ajajamaa.—Ibr. 13:17.
Yesuus inni Geggeessaa keenya taʼe mudaa kan hin qabne taʼus, namoonni inni lafarratti dura buutota godhee muude garuu mudaa qabu. Fakkeenyaaf, wanta gochuu hin barbaanne tokko akka goonu yeroo gaafatamnutti ajajamuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Pheexiros ergamaan yeroo tokko ajajamuun isatti ulfaatee ture. Pheexiros yeroo maleekaan tokko foon bineensota Seera Musee jalatti akka xuraaʼootti ilaalamanii akka nyaatu isa gaafatetti siʼa sadii didee ture. (HoE. 10:9-16) Maaliifi? Qajeelfamni haaraan isaaf kenname kun isatti hin tolle ture. Karaa biraammoo Phaawulos ergamaan yeroo jaarsoliin Kiristiyaanota taʼanii fi Yerusaalem keessa jiraatan Phaawulos Seericha akka eegu argisiisuuf namoota afur fuudhee gara mana qulqullummaa akka dhaquu fi akka Seerichaatti akka of qulqulleessu isa gaafatan ajajameera. Phaawulos Kiristiyaanonni Seera Musee jala akka hin jirre beeka. Dogoggora raawwates hin qabu. Taʼus, “Guyyaa itti aanutti Phaawulos namoota sana fudhatee akka Seerichaatti isaanii wajjin of qulqulleesse.” (HoE. 21:23, 24, 26) Phaawulos ajajamuun isaa tokkummaan obboloota gidduu jiru akka eegamu godheera.—Rom. 14:19, 21. w23.10 10 key. 15-16
Kamisa, Muddee 11
Warri isa sodaatan Yihowaa wajjin michummaa cimaa qabu.—Far. 25:14.
Michummaa gaarii uumuuf sodaan barbaachisaa akka taʼe sitti hin dhagaʼamu taʼa. Haa taʼu malee, namoonni Yihowaa wajjin michummaa cimaa qabaachuu barbaadan ‘isa sodaachuu’ qabu. Yihowaa kan tajaajille yeroo hammamiitiifiyyuu yoo taʼe hundi keenyayyuu sodaa sirrii isaaf qabaachuu qabna. Garuu Waaqa sodaachuu jechuun maal jechuudha? Namni Waaqayyoof sodaa sirrii taʼe qabu isa ni jaallata, wanta michummaa isa wajjin qabu jalaa balleessu kamiyyuu raawwachuus hin barbaadu. Yesuus ‘Waaqayyoof sodaa’ akkasii qaba ture. (Ibr. 5:7) Garmalee isa hin sodaatu ture. (Isa. 11:2, 3) Kanaa mannaa, baayʼee waan isa jaallatuuf isaaf ajajamuu barbaada ture. (Yoh. 14:21, 31) Yihowaan Waaqa jaalala qabeessa, ogeessa, haqa qabeessaa fi humna guddaa qabu waan taʼeef, nutis akkuma Yesuus kabaja guddaa isaaf qabaachuu fi isa sodaachuu qabna. Kana malees, Yihowaan akka nu jaallatuu fi deebiin qajeelfama isaatiif kenninu akka isa yaaddessu beekna. Wanti goonu isa gaddisiisuus taʼe garaa isaa gammachiisuu dandaʼa.—Far. 78:41; Fak. 27:11. w23.06 14 key. 1-2; 15 key.5
Jimaata, Muddee 12
Inni akkuma jabaachaa deemeen, of tuuluudhaan badiisa ofitti fide . . . Yihowaadhaaf amanamaa utuu hin taʼin hafe.—2 Sen. 26:16.
Ooziyaa Mootichi jabaachaa yeroo deemu maddi ciminaa fi badhaadhina isaa Yihowaa taʼuu isaa ni irraanfate. Kanarraa maal baranna? Eebbii fi mirgi arganne hundi Yihowaa biraa akka dhufe of yaadachiisuun keenya gaariidha. Milkaaʼina arganneen of jajuu mannaa wanta raawwachuu dandeenye hundumaatiif Yihowaa galateeffachuu qabna. (1 Qor. 4:7) Gad of qabuudhaan mudaa akka qabnuu fi adabni akka nu barbaachisu amanuu qabna. Obboleessi umuriin isaa gara 60 taʼe tokko akkana jedhee barreesseera: “Ulfina kootiif garmalee yaaddaʼuu akkan hin qabne baradheera. Dogoggoran gowwummaadhaan yeroo tokko tokko raawwadhuun kan kaʼe adabni yeroo naaf kennamu sirreeffama gochuu fi Yihowaa tajaajiluuf wantan dandaʼu hunda gochuu koo itti fufuuf carraaqqiin godha.” Dhugaan isaa kanadha: Yihowaa kan sodaannuu fi kan gad of qabnu yoo taʼe jireenyi keenya gammachiisaa taʼa.—Fak. 22:4. w23.09 10 key. 10-11
Sanbadduraa, Muddee 13
Fedhii Waaqayyoo erga raawwattanii booda, waadaa inni gale sana argachuuf jabaattanii dhaabbachuun isin barbaachisa.—Ibr. 10:36.
Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa jabaatanii dhaabbachuun isaan barbaachisee ture. Rakkoowwan namoota hundumaarra gaʼaniin alatti qorumsi dabalataa isaan mudatee ture. Baayʼeen isaanii geggeessitoota amantaa Yihudii fi abbootii taayitaa Roomaarraa qofa utuu hin taʼin, miseensota maatii isaaniirraas ariʼatamni isaanirra gaʼeera. (Mat. 10:21) Yeroo tokko tokkommoo gumii keessatti gantootaa fi barumsa isaanii isa qoqqoodinsa uumu dandamachuun isaan barbaachisa ture. (HoE. 20:29, 30) Taʼus, Kiristiyaanonni kun jabaatanii dhaabbataniiru. (Mul. 2:3) Akkamitti? Seenaa Iyyoob dabalatee seenaa namoota jabaatanii dhaabbachuurratti fakkeenya taʼaniirratti ni xiinxalu turan. (Yaq. 5:10, 11) Cimina argachuuf kadhataniiru. (HoE. 4:29-31) Akkasumas buʼaa gaarii jabaatanii dhaabbachuun isaanii argamsiisurratti xiyyeeffataniiru. (HoE. 5:41) Nutis seenaawwan namoota jabaatanii dhaabbachuurratti fakkeenya taʼanii fi Dubbii Waaqayyoo fi barreeffamoota keenyarratti ibsaman yeroo hunda kan qoʼannuu fi irratti kan xiinxallu yoo taʼe jabaannee dhaabbachuu dandeenya. w23.07 3 key. 5-6
Dilbata, Muddee 14
Egaa, hundumaa dura Mootummichaa fi qajeelummaa isaa barbaaduu keessan itti fufaa; wantoonni kun hundis isiniif ni dabalamu.—Mat. 6:33.
Yihowaa fi Yesuus abdii nutti hin kutatan. Pheexiros Kiristoosiin erga ganee booda murtoo baayʼee cimaa taʼe gochuun isa barbaachiseera. Abdii kutatee wanta hundumaa dhiisa moo barataa Kiristoos taʼee itti fufuuf carraaqqii gochuu isaa itti fufa? Yesuus amantiin Pheexiros akka hin badneef Yihowaatti wawwaannaa dhiheessee ture. Yesuus kadhannaa akka isaaf dhiheessee fi innis boodarra obboloota isaa akka jajjabeessu amantii akka isarratti qabu isatti himee ture. (Luq. 22:31, 32) Pheexiros wanta Yesuus dubbate kana yeroo yaadatu hundatti baayʼee akka jajjabaatu ifadha! Yihowaan jireenya keenya keessatti murtoo cimaa gochuun yeroo nu barbaachisutti tiksitoota nuuf yaadanitti fayyadamee amanamoo taanee akka itti fufnu nu gargaara. (Efe. 4:8, 11) Yihowaan akkuma Pheexirosii fi ergamoota kaaniif wanta isaan barbaachisu isaaniif qopheesse jireenya keenya keessatti tajaajila isaatiif dursa hamma kenninetti wanta nu barbaachisu nuuf guuta. w23.09 24-25 key. 14-15
Wiixata, Muddee 15
Namni rakkataatti gaarummaa argisiisu Yihowaadhaaf liqeessa, innis wanta inni godheef gatii isaa isaaf ni deebisa.—Fak. 19:17.
Yihowaan baayʼee xinnoo yoo taʼellee wanta gaarii namootaaf goonu ni hubata. Yihowaan gaarummaa akkasii akka aarsaa gatii guddaa qabuuttii fi akka waan isaaf liqeessineetti ilaala. Kanaan dura tajaajilaa ykn jaarsa taatee tajaajilaa turte taanaan, Yihowaan jaalala hojii sana raawwachuuf si kakaase ni yaadata. (1 Qor. 15:58) Jaalala ati amma argisiisaa jirtus ni ilaala. Yihowaan hundi keenyayyuu jaalala isaafis taʼe warra kaaniif qabnu akka guddifannu barbaada. Dubbii Yihowaa dubbisuu fi irratti xiinxaluudhaan, akkasumas yeroo hunda kadhannaa isatti dhiheessuudhaan jaalala isaaf qabnu cimsachuu dandeenya. Obbolootaa fi obboleettota keenya karaa qabatamaa taʼeen gargaaruudhaan jaalala isaaniif qabnu guddifachuu dandeenya. Jaalalli keenya guddachaa yeroo deemu Yihowaattis taʼe, obboloota keenyatti caalaatti dhihaanna. Michummaa kanattis bara baraaf gammanna. w23.07 10 key. 11; 11 key. 13; 13 key. 18
Kibxata, Muddee 16
Namni hundi baʼaa ofii isaa baata.—Gal. 6:5.
Kiristiyaanonni hundi akkaataa itti fayyaa isaaniitiif kunuunsa godhan ofuma isaaniitiin murteessuu qabu. Kiristiyaanonni yaalii fayyaa tokko yeroo filatan seera Kitaaba Qulqulluu dhiigaa fi gocha hafuurota hamoorraa akka fagaannu ajaju eeguu qabu. (HoE. 15:20; Gal. 5:19, 20) Mala yaalii fayyaa tokko ilaalchisee wanti nutti dhagaʼamu maaliyyuu yoo taʼe yaalii fayyaa ilaalchisee murtoo obboloonnii fi obboleettonni keenya godhan ni kabajna. Kana ilaalchisee qabxiilee armaan gadii sammuutti qabachuu qabna: (1) Fayyaa guutuu kan qabaannu Mootummaa Waaqayyoo jalatti qofadha. (Isa. 33:24) (2) Kiristiyaanni tokko wanta isaaf wayyu ‘guutummaatti mirkaneeffachuu’ qaba. (Rom. 14:5) (3) Warra kaanitti murteessuu ykn gufuu isaanitti taʼuu hin qabnu. (Rom. 14:13) (4) Kiristiyaanonni jaalala argisiisuu fi filannaa dhuunfaa isaanii caalaa nageenya gumiitiif dursa kennuu qabu.—Rom. 14:15, 19, 20. w23.07 24 key. 15
Roobii, Muddee 17
Inni bara Naazricha taʼee jiraatu hundumaatti Yihowaadhaaf qulqulluu dha.—Lak. 6:8.
Walitti dhufeenya Yihowaa wajjin qabduuf iddoo guddaa ni kennitaa? Akka kennitu hin shakkisiisu! Bara duriitii kaasee namoonni hedduun miira akkasii akka qaban argisiisaniiru. (Far. 104:33, 34) Baayʼeen isaanii Yihowaa waaqeffachuuf aarsaa kaffalaniiru. Namoonni Naazrota ykn kan murteeffaman jedhamanii fi Israaʼel keessa jiraachaa turan aarsaa akkasii kaffalaniiru. Jechi kun Israaʼelota hinaaffaa qabanii fi karaa adda taʼeen Yihowaa tajaajiluuf aarsaa kaffalan akka gaariitti ibsa. Seerri Musee dhiirri ykn dubartiin tokko yeroo murtaaʼeef Naazrota taʼanii jiraachuuf filachuudhaan Yihowaadhaaf kakuu adda taʼe akka galan heyyama. (Lak. 6:1, 2) Namni Israaʼel tokko kakuu Naazrummaa yeroo galu qajeelfama Israaʼelonni kaan akka eegan isaanirraa hin eegamne tokko tokko hordofuu qaba. Maarree, namni Israaʼel tokko Naazricha taʼuuf kan filatu maaliifi? Namni Israaʼel tokko kakuu kana kan galu jaalala guddaa Yihowaadhaaf qabuun, akkasumas dinqisiifannaa eebba hedduu isarraa argateef qabuun kakaʼeeti.—Kes. 6:5; 16:17. w24.02 14 key. 1-2
Kamisa, Muddee 18
[Yihowaa] . . . warra si jaallatanii fi ajajawwan kee eeganiif kakuu kee kan eegduu fi jaalala amanamaa kan argisiistu.—Dan. 9:4.
Kitaabni Qulqulluun yeroo baayʼee waaʼee amanamummaa ykn jaalala amanamaa Waaqayyo tajaajiltoota isaatti argisiisuu ni dubbata. Waaʼee amanamummaa tajaajiltoonni Waaqayyoo walitti argisiisaniis ni dubbata. (2 Sam. 9:6, 7) Amanamummaan keenya yeroodhaa gara yerootti cimaa deemuu ni dandaʼa. Mee amanamummaan Daaniʼel cimaa kan deeme akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Daaniʼel umurii isaa guutuu amanamummaan Yihowaadhaaf qabu qorameera. Qorumsi hundarra hammaatu kan isa mudate garuu yeroo umurii waggoota 90nii keessa turettidha. Abbootiin taayitaa mana mootummaa keessatti tajaajilan Daaniʼeliin hin jaalatan, Waaqa Daaniʼel waaqeffatuufis kabaja hin qaban turan. Kanaafuu, Daaniʼel akka ajjeefamu gochuuf shira xaxuu jalqaban. Mootichi labsii Daaniʼel Waaqayyoof ykn mootichaaf amanamaa taʼuu keessaa tokko akka filatu godhu akka baasu godhanii turan. Daaniʼel guyyoota 30f gara Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu dhiisuudhaan mootichaaf amanamaa taʼuu isaa akka argisiisu isarraa eegama ture. Daaniʼel garuu ejjennoo isaa hin laaffisne. (Dan. 6:12-15, 20-22) w23.08 5 key. 10-12
Jimaata, Muddee 19
Wal jaallachuu keenya itti haa fufnu.—1 Yoh. 4:7.
Yihowaan obbolootaa fi obboleettota keenyatti jaalala argisiisuu keenya akka itti fufnu barbaada. Obboleessi tokko amala Kiristiyaana tokkorraa eegamu utuu hin argisiisin yoo hafe, akkas kan godhe itti yaadee akka hin taanee fi qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu hordofuu akka barbaadu yaaduu dandeenya. (Fak. 12:18) Waaqayyo tajaajiltoonnisaa amanamoo taʼan dogoggora kan raawwatan taʼanis isaan jaallata. Yeroo dogoggora raawwannu nu hin dhiisu ykn haaloo nutti hin qabatu. (Far. 103:9) Nutis warra kaaniif dhiifama gochuudhaan fakkeenya Abbaa keenyaa hordofuun keenya barbaachisaadha. (Efe. 4:32–5:1) Dhumni sirna kanaa dhihaachaa yeroo deemu obbolootaa fi obboleettota keenyatti caalaatti dhihaachuun akka nu barbaachisus yaadadhu. Ariʼatamni caalaatti akka dabalu eegna. Sababa amantii keenyaatiin hidhamuullee dandeenya. Kun yoo taʼe yeroo kamiyyuu caalaa obboloonnii fi obboleettonni keenya nu barbaachisu.—Fak. 17:17. w24.03 15-16 key. 6-7
Sanbadduraa, Muddee 20
Tarkaanfii namaa Yihowaatu qajeelcha.—Fak. 20:24.
Kitaabni Qulqulluun waaʼee dargaggoota Yihowaatti dhihaachuu fi isa biratti fudhatama argachuu isaaniitiin kan kaʼe jireenya gammachiisaa jiraatan kan biroos ni dubbata. Isaan keessaa tokko Daawiti. Daawit dargaggummaa isaatti Yihowaa cinaa dhaabbachuuf waan filateef yeroo booda mootii amanamaa taʼuu dandaʼeera. (1 Mot. 3:6; 9:4 5; 14:8) Seenaa Daawit yeroo qoʼattu fakkeenyi isaa amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu kee akka itti fuftu si jajjabeessa. Waaʼee Maarqos ykn Ximotewosis qoʼachuu ni dandeessa. Waaʼee isaanii yeroo qoʼattu dargaggummaa isaaniitti Yihowaa tajaajiluu akka jalqabanii fi umurii isaanii guutuu amanamummaadhaan tajaajiluu isaanii akka itti fufan baratta. Wanti yeroo ammaatti gootu jireenya kee gara fuulduraarratti dhiibbaa guddaa gochuu dandaʼa. Hubannaa ofii keetiitti utuu hin taʼin Yihowaatti kan amanamtu yoo taʼe inni tarkaanfii kee siif qajeelcha. Jireenya gammachiisaa taʼe jiraachuu ni dandeessa. Yihowaan wanta isaaf gooteef iddoo guddaa akka kennu yaadadhu. Abbaa keenya Yihowaa isa jaalala qabeessa taʼe tajaajiluu caalaa karaa gaariin jireenya keetti fayyadamuu dandeessu kan biraan hin jiru. w23.09 13 key. 18-19
Dilbata, Muddee 21
Tola waliif dhiisuu keessan itti fufaa.—Qol. 3:13.
Phaawulos ergamaan obboloonnii fi obboleettonnisaa mudaa akka qaban beeka ture. Fakkeenyaaf, obboloonni gumii Yerusaalem keessa jiran tokko tokko yeroo jalqaba isa arganitti isa sodaatanii turan. (HoE. 9:26) Boodas namoonni tokko tokko wanta maqaa isaa balleessu dubbatanii turan. (2 Qor. 10:10) Phaawulos obboleessi itti gaafatamummaa qabu tokko murtoo dogoggoraa warra kaan gufachiisuu dandaʼu yeroo godhus argeera. (Gal. 2:11, 12) Michootasaa baayʼee isatti dhihaatan keessaa tokko kan taʼe Maarqos baayʼee isa gaddisiisee ture. (HoE. 15:37, 38) Phaawulos haalawwan kun namoota isa mufachiisan sanarraa akka isa fageessan heyyamuu dandaʼa ture. Taʼus, obbolootaa fi obboleettota isaatiif ilaalcha gaarii waan qabuuf Yihowaa tajaajiluusaa itti fufeera. Phaawulos abdii akka hin kutanne maaltu isa gargaare? Phaawulos obbolootaa fi obboleettotasaa ni jaallata. Jaalalli isaaniif qabu yaada caqasa harʼaarratti ibsame akka hojiirra oolchu isa kakaaseera. w24.03 15 key. 4-5
Wiixata, Muddee 22
Garbichi Gooftaa nama loluu hin qabu; kanaa mannaa, namoota hundumaatiif garraamii . . . taʼuu qaba.—2 Xim. 2:24.
Kitaabni Qulqulluun seenaawwan garraamii taʼuun faayidaa guddaa akka qabu argisiisan hedduu qabateera. Mee fakkeenya Yisihaaq haa ilaallu. Yisihaaq yeroo naannoo Filisxeemotaa kan taate Geraar keessa jiraachaa turetti olloonni isaa isatti hinaafan boolla bishaanii tajaajiltoonni abbaa isaa qotan jalaa duuchanii turan. Yeroo kanatti Yisihaaq mirga isaatiif falmuu mannaa maatii isaa fuudhee gara bakka biraa deemuudhaan boollawwan bishaanii kan biroo qotate. (Uma. 26:12-18) Filisxeemonni sun garuu bishaan iddoo sana jirus kan isaanii akka taʼe dubbatan. Yeroo kanattis Yisihaaq nagaadhaan tarkaanfii fudhate. (Uma. 26:19-25) Yisihaaq yeroo namoonni sun taʼe jedhanii isa aarsuuf yaalaa turanitti amala garraamummaa argisiisuuf maaltu isa gargaare? Amala warri isaa argisiisan xiyyeeffannaadhaan ilaalaa akka ture hin shakkisiisu. Abbaa isaa Abrahaam isa naga qabeessa taʼee fi haadha isaa Saaraa ishii “tasgabbii fi garraamummaa” qabdurraa barumsa hedduu argateera.—1 Phe. 3:4-6; Uma. 21:22-34. w23.09 15 key. 4
Kibxata, Muddee 23
Kaayyeffadheera, nan raawwadhas.—Isa. 46:11.
Yeroo murteessettis, waaʼee Mootummichaa namoota akka barsiisuu fi lubbuu isaa aarsaa furii godhee cubbuu fi duʼa jalaa bilisa akka nu baasuuf Ilma isaa hangafaa gara lafaatti ergeera. Achiis Yesuus duʼaa kaʼee gara samiitti erga deebiʼee booda Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼee muudame. Ergaan Kitaaba Qulqulluu inni guddaan Yihowaan Mootummaa Kiristoos bulchutti fayyadamee kaayyoo lafaaf qabu raawwachuudhaan maqaan isaa akka qulqulleessu ibsa. Kaayyoon Yihowaa jijjiiramuu hin dandaʼu. Kaayyoon isaa guutummaatti akka raawwatamu waadaa galeera. (Isa. 46:10, ; Ibr. 6:17, 18) Lafti jannata taati; sanyiin Addaamii fi Hewaan cubbuurraa walaba taʼanii fi qajeeloo taʼanis “bara baraaf gammachuudhaan” ishiirra jiraatu. (Far. 22:26) Kaayyoon Yihowaan qabu garuu kana qofa miti. Kaayyoon isaa inni dhumaa uumamawwan isaa yaaduu dandaʼanii fi samii fi lafarra jiran hundi tokko akka taʼanidha. Sana booda uumamawwan hundi amanamummaadhaan isaaf bitamu. (Efe. 1:8-11) Karaan Yihowaan kaayyoo isaa itti raawwatu baayʼee si hin ajaaʼibsiisnee? w23.10 20 key. 7-8
Roobii, Muddee 24
Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Ani isinii wajjinan jira, jabaadhaa.—Hag. 2:4.
Yihudoonni Baabilonii baʼan Yerusaalem gaʼanii utuma baayʼee hin turin, rakkinni dinagdee, haalli siyaasaa jijijjiiramuu fi mormiin isaan mudateera. Kanaan kan kaʼes, isaan keessaa tokko tokko mana qulqullummaa Yihowaa deebisanii ijaaruurratti xiyyeeffachuun isaanitti ulfaatee ture. Kanaafuu, Yihowaan hinaaffaa sabichaa kakaasuuf raajota isaa lamaan Haagee fi Zakkaariyaasiin gara isaaniitti ergeera. (Hag. 1:1; Zak. 1:1) Haa taʼu malee, gara waggaa 50 booda Yihudoonni biyya isaaniitti deebiʼan jajjabinni isaan barbaachisee ture. Izraan inni Seericha garagalchuurratti dandeettii guddaa qabu waaqeffannaa dhugaadhaaf dursa akka kennan saba Waaqayyoo jajjabeessuuf Baabilonii kaʼee gara Yerusaalem dhufe. (Iz. 7:1, 6) Raajiiwwan Haagee fi Zakkaariyaas dubbatan, sabni Waaqayyoo yeroo mormiin isaan mudatetti Yihowaatti amanamuu isaanii akka itti fufan akkuma isaan gargaaran, yeroo harʼaattis haalli rakkisaan yeroo nu mudatu Yihowaatti amanamuu keenya akka itti fufnu nu gargaaru.—Fak. 22:19. w23.11 14-15 key. 2-3
Kamisa, Muddee 25
Jaalala uffadhaa; sababiin isaas, jaalalli tokkummaadhaan namoota walitti hidha.—Qol. 3:14.
Maarree, obboloota keenya akka jaallannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Karaan inni tokko isaan jajjabeessuudha. Gara laafina yoo waliif qabaanne ‘wal jajjabeessuu keenya itti fufuu’ ni dandeenya. (1 Tas. 4:18) Jaalala waliif qabnu cimsachuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti? Balleessaa warra kaaniitiif dhiifama gochuuf wanta dandeenyu hunda gochuudhaani. Keessumaa yeroo harʼaatti jaalala walitti argisiisuun keenya baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Pheexiros akkana jechuudhaan sababa isaa ibseera: “Dhumni wantoota hundumaa dhihaateera. Kanaafuu . . . jaalala guddaa waliif qabaadhaa.” (1 Phe. 4:7, 8) Dhumni addunyaa hamaa kanaa dhihaachaa yeroo deemu maaltu taʼa? Yesuus duuka buutota isaa ilaalchisee raajii, “Maqaa kootiin kan kaʼe saboota hundumaa biratti ni jibbamtu” jedhu dubbateera. (Mat. 24:9) Jibba akkasii dandamachuuf tokkummaa qabaachuu qabna. Obboloota keenya kan jaallannu yoo taʼe Seexanni yoomiyyuu nu qoqqooduu hin dandaʼu; sababiin isaas, jaalalli “tokkummaadhaan namoota walitti hidha.”—Filp. 2:1, 2. w23.11 13 key. 18-19
Jimaata, Muddee 26
Nuti warra Waaqayyoo wajjin hojjennu dha.—1 Qor. 3:9.
Dhugaan Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu humna guddaa qaba. Namoota waaʼee Yihowaa fi eenyummaasaa isa sirrii yeroo barsiisnu buʼaa ajaaʼibsiisaa taʼe tokkotu argama. Namoonni soba Seexanaatiin gowwoomfamanii turan akkuma keenya Yihowaa akka Abbaasaanii jaallatamaa taʼetti ilaaluu jalqabu. Humnisaa inni daangaa hin qabne ulfina guddaa akka isaaf qabaatan godha. (Isa. 40:26) Haqnisaa mudaa waan hin qabneef guutummaatti isatti amanamu. (Kes. 32:4) Ogummaasaa isa guddaa taʼerraa wanta baayʼee baratu. (Isa. 55:9; Rom. 11:33) Inni jaalala akka taʼe beekuu isaaniitti baayʼee jajjabaatu. (1 Yoh. 4:8) Caalaatti Yihowaatti dhihaachaa yeroo deeman abdiin barabaraaf ijoolleesaa taʼanii jiraachuuf qaban caalaatti isaaniif dhugooma. Dhugumayyuu, namoonni Abbaasaanii isa samiitti akka dhihaatan gargaaruun mirga guddaadha. Yeroo akkas goonu Yihowaan namoota isa “wajjin hojjennu” akka taanetti nu ilaala.—1 Qor. 3:5. w24.02 12 key. 15
Sanbadduraa, Muddee 27
Wareega wareegdee utuu hin raawwatin hafuu mannaa, utuu wareega wareeguu baattee siif wayya.—Lal. 5:5.
Barataa Kitaaba Qulqulluu yoo taate ykn warra Dhugaa Baatota taʼantu si guddise yoo taʼe cuuphamuuf yaadaa jirtaa? Kun galma gaariidha! Cuuphamuu kee dura garuu Yihowaaf of murteessuu qabda. Yihowaadhaaf kan of murteessitu akkamitti? Isa qofa waaqeffachuuf, akkasumas jireenya kee keessatti fedhii isaatiif dursa kennuuf kadhannaadhaan waadaa isaaf galta. Eeyyee, “garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, sammuu kee guutuudhaan, akkasumas humna kee guutuudhaan” Yihowaa jaallachuu kee itti fufuuf waadaa galta. (Mar. 12:30) Waadaan kun sii fi Yihowaa gidduutti qofa kan raawwatamudha. Cuuphaan garuu namoota duratti kan mulʼatudha; karaa Yihowaadhaaf akka of murteessite namootatti itti argisiistudha. Waadaan Yihowaadhaaf yeroo of murteessitetti galte kun kakuu qulqulluu taʼedha; akkuma ati ofirraa eegdu Yihowaanis kakuu kana eegdee akka jiraattu sirraa eega.—Lal. 5:4. w24.03 2 key. 2; 3 key. 5
Dilbata, Muddee 28
Tokkoon tokkoon keessan akkuma of jaallattanitti haadha manaa keessan jaalladhaa; karaa biraa immoo, haati manaa abbaa manaa ishiitiif ulfina guddaa haa kennitu.—Efe. 5:33.
Namoota gaaʼela dhaabbatan hunda haalli rakkisaan ni mudata. Kitaabni Qulqulluun namoonni gaaʼela dhaabbatan ‘foon isaaniitti rakkinni akka dhufu’ ifatti dubbata. (1 Qor. 7:28) Maaliifi? Sababni isaas, gaaʼelli namoota mudaa qabanii fi amalaa fi fedhii garaagaraa qaban lama walitti fida. Aadaan ykn akkaataan guddinaa isaaniis garaagara taʼuu dandaʼa. Yeroo tokko tokko amaloota gaaʼela dhaabbachuu isaanii dura hin hubatamne argisiisuu dandaʼu. Wantoonni kun rakkina uumuu dandaʼu. Namoonni tokko tokko isaanis dogoggora akka raawwatan amanuu fi waliin taʼanii rakkinicha furuuf yaaluu mannaa hiriyaa gaaʼelaa isaanii komatu taʼa. Gargar baʼuun ykn wal hiikuun furmaata akka taʼullee isaanitti dhagaʼama taʼa. Haa taʼu malee, gaaʼela ofii diiguun furmaata taʼuu dandaʼaa? Lakki. Hiriyoonni gaaʼelaa hiriyaa gaaʼelaasaanii wajjin jiraachuun kan isaanitti ulfaatu yoo taʼellee, qophii gaaʼelaatiif kabaja akka qabaatan Yihowaan ajajeera. w24.03 16 key. 8; 17 key. 11
Wiixata, Muddee 29
Abdichis nama hin qaanessu.—Rom. 5:5
Of murteessitee erga cuuphamtee boodallee caalaatti barachaa fi guddina hafuuraa gochaa yeroo dhuftu abdiin jannata keessa bara baraaf lafarra jiraachuuf qabdu cimuu isaa itti fufeera. (Ibr. 5:13–6:1) Wanti Roomaa 5:2-4rratti ibsame yeroo jireenya kee keessatti raawwatamu arguu hin ooltu. Rakkina garaa garaa kan dabarsite taʼus jabaattee dhaabbatteetta, Waaqayyo duratti fudhatama akka qabdus beekta. Isa duratti fudhatama akka qabdu waan beektuuf, wantoota waadaa siif gale akka argattu caalaatti mirkanaaʼaa taateetta. Isa yeroo jalqabaa caalaa amma abdiin kee cimeera. Amma baayʼee siif dhugoomeera. Dhiibbaan abdiin kee sirratti godhus dabaleera. Kallattii jireenya keetii hundumaarratti dhiibbaa waan godheef, akkaataan maatii kee itti qabdu, akkaataan murtoo itti gootuu fi akkaataan yeroo keetti itti fayyadamtullee jijjiiramaa dhufeera. Phaawulos abdii Waaqayyo biratti fudhatama erga argattee booda qabaattu ilaalchisee qabxii baayʼee barbaachisaa taʼe tokko caqaseera. Abdiin kee akka raawwatamu siif mirkaneesseera.—Rom. 15:13. w23.12 12-13 key. 16-19
Kibxata, Muddee 30
[Yihowaan] tasgabbii siif ni kenna.—Isa. 33:6.
Yeroo rakkinni ulfaataan nu mudatu miirri keenya, yaanni keenyaa fi gochi keenya akka yeroo kaanii taʼuu dhiisuu dandaʼa. Miirri baayʼee ulfaataa taʼe utuu walirraa hin citin nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Miira akkasiitiin yeroo liqimfamnu Yihowaan kan nu gargaaru akkamitti? Yihowaan akka nu tasgabbeessu nuuf mirkaneesseera. Dooniin tokko galaanarratti obomboleettiin yeroo kaʼu garmalee raafamuu dandaʼa. Taʼus, wanti sochii kana toʼachuuf gargaaruu fi bitaa fi mirga doonichaa jalaan baʼee bishaan keessa diriiru jira. Wanti kun doonichi baayʼee akka hin raafamne gargaara. Kanaan kan kaʼes imaltoonni isaanitti tolee tasgabbaaʼanii imalu. Wanti doonichi akka hin raafamne gargaaru kun akka gaariitti kan hojjetu garuu yeroo doonichi fuulduratti deemudha. Haaluma wal fakkaatuun, rakkina keessatti amanamummaadhaan fuulduratti yeroo deemnu Yihowaan nu tasgabbeessa. w24.01 22 key. 7-8
Roobii, Muddee 31
Waaqayyotti nan amanama; ani hin sodaadhu.—Far. 56:4.
Yeroo sodaan sitti dhagaʼamu, ‘Yihowaan kanaan dura maal godhe?’ jedhii of gaafadhu. Uumamawwan isaarratti xiinxali. Fakkeenyaaf, simbirrootaa fi abaaboowwan fakkaattii isaatiin hin uumamnee fi isa waaqeffachuu hin dandeenye kan kunuunsu akkamitti akka taʼe yeroo ‘hubannee ilaallu’ Yihowaan nuunis akka kunuunsu amanannaan qabnu ni cima. (Mat. 6:25-32) Wanta Yihowaan tajaajiltoota isaatiif godherrattis yaaduu dandeessa. Kitaaba Qulqulluurraa seenaa namoota amantii cimaa argisiisanii qoʼachuu dandeessa ykn immoo muuxannoo tajaajiltoota Yihowaa bara keenyatti argamanii dubbisuu dandeessa. Yihowaan kanaan dura kan si kunuunse akkamitti akka taʼes xiinxali. Gara dhugaatti kan si harkise akkamitti? (Yoh. 6:44) Kadhannaa keetiif deebii kan kenne akkamitti? (1 Yoh. 5:14) Guyyaa guyyaadhaan aarsaa Ilmi isaa inni jaallatamaan dhiheesserraa fayyadamaa kan jirtu akkamitti?—Efe. 1:7; Ibr. 4:14-16. w24.01 4 key. 6; 7 key. 17