LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es25 ful. 88-97
  • Fulbaana

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Fulbaana
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2025
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Wiixata, Fulbaana 1
  • Kibxata, Fulbaana 2
  • Roobii, Fulbaana 3
  • Kamisa, Fulbaana 4
  • Jimaata, Fulbaana 5
  • Sanbadduraa, Fulbaana 6
  • Dilbata, Fulbaana 7
  • Wiixata, Fulbaana 8
  • Kibxata, Fulbaana 9
  • Roobii, Fulbaana 10
  • Kamisa, Fulbaana 11
  • Jimaata, Fulbaana 12
  • Sanbadduraa, Fulbaana 13
  • Dilbata, Fulbaana 14
  • Wiixata, Fulbaana 15
  • Kibxata, Fulbaana 16
  • Roobii, Fulbaana 17
  • Kamisa, Fulbaana 18
  • Jimaata, Fulbaana 19
  • Sanbadduraa, Fulbaana 20
  • Dilbata, Fulbaana 21
  • Wiixata, Fulbaana 22
  • Kibxata, Fulbaana 23
  • Roobii, Fulbaana 24
  • Kamisa, Fulbaana 25
  • Jimaata, Fulbaana 26
  • Sanbadduraa, Fulbaana 27
  • Dilbata, Fulbaana 28
  • Wiixata, Fulbaana 29
  • Kibxata, Fulbaana 30
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2025
es25 ful. 88-97

Fulbaana

Wiixata, Fulbaana 1

Ifni akka barii ganamaa ol gubbaadhaa nuu baʼa.—Luq. 1:78.

Waaqayyo rakkina ilmaan namootaa hunda akka furuuf Yesuusiif humna kenneera. Yesuus dinqii raawwachuudhaan rakkoowwan nuti ofii keenyaan matumaa furuu hin dandeenye furuuf humna akka qabu argisiiseera. Fakkeenyaaf, cubbuu isa rakkina ilmaan namootaa hundumaatiif sababa taʼe, akkasumas dhukkubaa fi duʼa sababa cubbuutiin dhuferraa bilisa nu baasuuf humna qaba. (Mat. 9:1-6; Rom. 5:12, 18, 19) Dinqiiwwan inni raawwate “dhukkuba gosa hundumaa” fayyisuu fi namoota duʼanillee duʼaa kaasuu akka dandaʼu mirkaneessu. (Mat. 4:23; Yoh. 11:43, 44) Kana malees, obomboleettii cimaa toʼachuu fi hafuurota hamoo injifachuuf humna qaba. (Mar. 4:37-39; Luq. 8:2) Yihowaan humna akkasii Ilma isaatiif akka kenne beekuun baayʼee nama jajjabeessa. Eebbawwan Mootummaa Waaqayyoo jalatti waadaa galaman akka raawwataman amantii guutuu qabaachuu dandeenya. Dinqiiwwan Yesuus lafarratti raawwate gara fuulduraatti Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼuudhaan guutummaa lafaarratti dinqiiwwan kanarra caalan akka raawwatu nuuf mirkaneessu. w23.04 3-4 key. 5-7

Kibxata, Fulbaana 2

Hafuurri wantoota hundumaa, jechuunis wantoota Waaqayyoo warra gad fagoo taʼan illee ni qora.—1 Qor. 2:10.

Gumii kee keessa babalʼistoonni hedduun kan jiran yoo taʼee fi harka yommuu baastu carraan badaa akka siif hin kennamne yoo sitti dhagaʼame immoo hirmaannaa gochuu dhiisuuf qoramuu dandeessa taʼa. Taʼus, deebii kennuuf yaaluu kee hin dhiisin. Tokkoon tokkoon walgaʼiitiif deebii hedduu qophaaʼi. Jalqabarratti carraan sii kennamuu baatullee gara boodaarra carraan sii kennamuu dandaʼa. Qoʼannaa Masaraa Eegumsaatiif yeroo qophooftu keeyyanni hundi yaada ijoo mata durichaa wajjin kan wal qabatu akkamitti akka taʼe yaadi. Akkas yoo goote, mata dureen sun qoʼatamee hamma xumuramutti yaada gaarii kennitu qabaachuu dandeessa. Kana malees, keeyyatawwan dhugaawwan gadi fagoo ibsuuf ulfaatan qabatanirratti yaada kennuuf qophaaʼuu dandeessa. Maaliifi? Namoonni barumsa akkasiirratti yaada kennan hedduun jiraachuu dhiisuu waan dandaʼaniifi. Haa taʼu malee yeroo dheeraadhaaf walgaʼiirratti yaada kennuuf carraa yoo argachuu baattehoo? Walgaʼiin jalqabuu isaa dura obboleessa walgaʼicha geggeessutti gaaffii deebisuu yaadde itti himi. w23.04 21-22 key. 9-10

Roobii, Fulbaana 3

Yoseef . . . hirribaa dammaqee akkuma maleekaan Yihowaa isa ajaje godhe; haadha manaa isaas gara mana isaatti fudhate.—Mat. 1:24.

Yoseef qajeelfama Yihowaan isaaf kenne dafee hojiirra oolcheera; kunis abbaa manaa gaarii taʼuuf isa dandeessiseera. Waaqayyo yoo xinnaate siʼa sadi maatii isaa ilaalchisee qajeelfama isaaf kenneera. Yeroo sadanuu, yeroo baayʼee ulfaataa taʼettillee dafee ajajameera. (Mat. 1:20; 2:13-15, 19-21) Yoseef qajeelfama Yihowaa hordofuudhaan Maariyaamiif eegumsaa fi kunuunsa godheera. Gochi Yoseef jaalalaa fi kabaja Maariyaam isaaf qabdu baayʼee akka guddise tilmaamuu dandeessu. Abbootiin manaa, maatii keessan kunuunsuu ilaalchisee gorsa Kitaabni Qulqulluun kennu argachuuf yaaluudhaan fakkeenya Yoseef hordofuu dandeessu. Gorsa kana yoo hojiirra oolchitan jijjiirama gochuu kan isin gaafatu yoo taʼellee haadha manaa keessanitti jaalala argisiisuu fi gaaʼela keessan cimsachuu ni dandeessu. Obboleettiin Vaanuwaatuu keessa jiraattuu fi gaaʼela keessatti waggaa 20 ol dabarsite akkana jetteetti: “Abbaan manaa koo qajeelfama Yihowaa argachuu fi hojiirra oolchuuf yeroo carraaqqii godhu caalaattin isa kabaja. Jireenya koo keessatti tasgabbiitu natti dhagaʼama, murtoo isaarrattis amantiin qabaadha.” w23.05 21 key. 5

Kamisa, Fulbaana 4

Daandii guddaan tokkos achitti ni argama, eeyyee, inni Daandii Qulqullummaa ni jedhama.—Isa. 35:8.

Yihudoonni Baabilonii gara biyya isaanitti deebiʼan Waaqa isaaniitiif “saba qulqulluu” dha. (Kes. 7:6) Kana jechuun garuu, Yihowaa gammachiisuuf jijjiirama gochuun isaan hin barbaachisu jechuu miti. Yihudoonni hedduun Baabilon keessatti dhalatan ilaalchaa fi ulaagaalee Baabilonotaa tokko tokkotti baranii taʼuu dandaʼa. Yihudoonni jalqabaa gara Israaʼelitti erga deebiʼanii waggoota hedduu booda Nahimiyaan inni bulchaa taʼes ijoolleen Israaʼel keessatti dhalatan afaan Yihudootaa akka hin beekne yeroo argu baayʼee gadde. (Kes. 6:6, 7; Nah. 13:23, 24) Ijoolleen kun Afaan Ibrootaa isa Dubbiin Waaqayyoo ittiin barreeffame hin hubatan erga taʼee Yihowaa jaallachuu fi isa waaqeffachuu barachuu kan dandaʼan akkamitti? (Iz. 10:3, 44) Kanaafuu, Yihudoonni kun jijjiirama guddaa gochuun isaan barbaachisa ture; Israaʼel keessatti waaqeffannaa qulqulluun suutuma suuta iddoo isaatti deebiʼaa waan tureef jijjiirama kana gochuun baayʼee isaaniif salphata.—Nah. 8:8, 9. w23.05 15 key. 6-7

Jimaata, Fulbaana 5

Yihowaan warra kufuuf jedhan hundumaa ni deggera, warra gombifaman hundumaas ol ni kaasa.—Far. 145:14.

Kan nama gaddisiisu, kakaʼumsa kan qabnu ykn kan of toʼannu yoo taʼellee, gufuun nu mudachuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, “wanti hin eegamne” yeroo galma keenyarra gaʼuuf nu barbaachisu nu jalaa fudhachuu dandaʼa. (Lal. 9:11) Haalli rakkisaan abdii nu kutachiisuu fi humna nu dhabsiisu nu mudachuu dandaʼa. (Fak. 24:10) Mudaa waan qabnuuf dogoggora galma keenyarra gaʼuun akka nutti ulfaatu godhu raawwachuu dandeenya. (Rom. 7:23) Yookiinimmoo dadhabuu dandeenya. (Mat. 26:43) Maarree, gufuu nu mudatu moʼuuf maaltu nu gargaara? Gufuun si mudateera jechuun milkaaʼina argachuu hin dandeessu jechuu akka hin taane yaadadhu. Kitaabni Qulqulluun haalli rakkisaan yeroo baayʼee nu mudachuu akka dandaʼu dubbata. Haa taʼu malee, deebinee bayyanachuu akka dandeenyus ni ibsa. Eeyyee, utuma gufuun si mudatuu galma keerra gaʼuuf carraaqqii gochuun kee Yihowaa gammachiisuu akka barbaaddu argisiisa. Galma keerra gaʼuuf carraaqqii gochuu kee yeroo itti fuftu Yihowaan hammam akka gammadu mee yaadi! w23.05 30 key. 14-15

Sanbadduraa, Fulbaana 6

Tuutichaaf fakkeenya [taʼi].—1 Phe. 5:3.

Dargaggeessi tokko qajeelchaa taʼuun isaa namoota garaa garaa wajjin karaa buʼa qabeessa taʼeen akkamitti hojjechuu akka dandaʼu barachuuf isa gargaara. Maallaqa qabutti ogummaadhaan akka fayyadamuu fi humnaa ol akka hin baasnes isa gargaara. (Filp. 4:11-13) Qajeelchaa gargaaraa taʼuun tajaajila yeroo guutuu keessa seenuuf kaʼumsa gaariidha; qajeelchaa yeroo hundaa taatanii tajaajiluuf isin qopheessa. Qajeelchaa taʼanii tajaajiluun hojii ijaarsaarratti hirmaachuu ykn Beetel galuu dabalatee gosoota tajaajila yeroo guutuu kan birootiif karaa banuu dandaʼa. Obboloonni hundi ulaagaa jaarsolii gumii taʼanii obbolootaa fi obboleettota isaanii tajaajiluuf barbaachisu guutuuf galma baafachuu qabu. Kitaabni Qulqulluun dhiironni itti gaafatamummaa kanarra gaʼuuf carraaqqii godhan ‘hojii gaarii akka hawwan’ dubbata. (1 Xim. 3:1) Obboleessi tokko dura tajaajilaa gumii taʼee tajaajiluuf gaʼumsa qabaachuu qaba. Tajaajiltoonni gumii karaa hedduudhaan jaarsolii gumii gargaaruu dandaʼu. Jaarsoliinis taʼan tajaajiltoonni gumii gad of qabanii obbolootaa fi obboleettota isaanii tajaajilu, akkasumas tajaajilarratti hinaaffaadhaan hirmaatu. w23.12 28 key. 14-16

Dilbata, Fulbaana 7

Utuu mucaa xinnoo taʼee jiruu, Waaqa abbaa isaa Daawit barbaaddachuu jalqabe.—2 Sen. 34:3.

Yosiyaas Yihowaa barbaaddachuu kan jalqabe yeroo umuriin isaa waggaa 16 turettidha. Waaʼee Yihowaa barachuu fi fedhii isaa raawwachuu barbaadee ture. Haa taʼu malee mootii dargaggeessa taʼe kanaaf jireenyi salphaa hin turre. Yeroo waaqeffannaan sobaa babalʼatee turetti waaqeffannaa dhugaa deggaruuf tarkaanfii fudhachuun isa barbaachisee ture. Yosiyaas ija jabeessa ture. Umuriin isaa waggaa 20 utuu hin guutin waaqeffannaa sobaa biyyattii keessaa balleessuuf tarkaanfii fudhachuu jalqabe. (2 Sen 34:12) Atis umuriin kee baayʼee xinnoo yoo taʼellee Yihowaa barbaaddachuu fi waaʼee amaloota isaa caalaatti barachuudhaan fakkeenya Yosiyaas hordofuuf murteessuu dandeessa. Akkas gochuun kee Yihowaadhaaf of murteessuuf si kakaasa. Murtoon kun jireenya kee kan jijjiiru akkamitti? Luuk inni waggaa 14​tti cuuphame akkana jedheera: “Ammaa kaasee jireenya koo keessatti Yihowaa tajaajiluufan dursa kenna isa gammachiisuufis carraaqqii nan godha.” (Mar. 12:30) Atis akkas gochuuf fedhii qabda taanaan eebba guddaa argatta. w23.09 11 key. 12-13

Wiixata, Fulbaana 8

Warra isin gidduutti jabaatanii hojjetanii fi karaa Gooftaa isin geggeessan, [kabajaa.]—1 Tas. 5:12.

Phaawulos ergamaan yeroo xalayaa kana barreessetti gumiin Tasalonqee erga hundeeffamee waggaa tokkoyyuu hin guunne ture. Obboloonni gumicha keessatti muudaman muuxannoo kan hin qabne taʼuu hin oolan; tarii dogoggora tokko tokko raawwatanii taʼuu dandaʼa. Taʼus, kabajni isaaniif mala ture. Yeroo rakkinni guddaan dhihaachaa deemu, isa ammaa caalaa qajeelfama jaarsoliin gumii keenyaa nuuf kennanirratti amantii qabaachuun nu barbaachisuu dandaʼa. Yeroo sanatti waajjira muummee fi waajjira dameerraa qajeelfama argachuu dhiisuu dandeenya; kanaafuu, ammuma jaarsolii gumii keenya keessa jiran jaallachuu fi kabajuu barachuu qabna. Wanti yeroo sanatti taʼu maaliyyuu yoo taʼe, dadhabina dhiirota amanamoo taʼan kanaarratti xiyyeeffachuu mannaa, Yihowaan karaa Kiristoos isaan geggeessaa akka jiru yaadachuudhaan dandeettii hubannaa keenya haa eeggannu. Akkuma baarmeexaan sibiilaa mataa loltuu tokkootiif eegumsa godhu, abdiin fayyinaa nuti qabnus yaada keenya nuuf eega. Wanti addunyaan kun nuuf dhiheessu gatii akka hin qabne ni hubanna. (Filp. 3:8) Abdiin qabnu tasgabbiidhaan jiraachuu keenya itti fufuuf nu gargaara. w23.06 11-12 key. 11-12

Kibxata, Fulbaana 9

Dubartii gowwaan iyyitee dubbatti. Ishiin beekumsa hin qabdu.—Fak. 9:13.

Warri “dubartii gowwaa” dhaggeeffatan affeerraa ishii fudhachuu fi dhiisuu keessaa tokko filachuu qabu. Sababii gaarii halalummaarraa fagaachuuf nu kakaasu qabna. “Dubartii gowwaan” sun, “Bishaan hatame ni miʼaawa” akka jette ibsameera. (Fak. 9:17) “Bishaan hatame” maal argisiisa? Kitaabni Qulqulluun saalqunnamtiin abbaa manaa fi haadha manaa gidduutti raawwatamu akkuma bishaan garaa namaa gammachiisuu akka taʼe ibsa. (Fak. 5:15-18) Dhiirrii fi dubartiin seeraan wal fuudhan saalqunnamtii raawwachuudhaan gaaʼela isaanii keessatti gammaduu dandaʼu. “Bishaan hatame” garuu kanarraa baayʼee addadha. Bishaan hatame saalqunnamtii seeraan ala taʼe argisiisa. Akkuma hattuun dhoksaatti hatu, yeroo baayʼee gochi kun dhoksaatti raawwatama. Keessumaa gochi isaanii kun akka isaanirratti hin beekamne yoo yaadan “bishaan hatame” miʼaawaa fakkaatee isaanitti mulʼachuu dandaʼa. Kun gowwummaa guddaadha. Yihowaan waan hundumaa ni arga. Wanti Yihowaa biratti fudhatama dhabuu caalaa hadhaaʼaa taʼe hin jiru; kanaafuu, gochi miidhaa guddaa geessisu akkasii “miʼaawaa” ykn gammachiisaa taʼuu hin dandaʼu.—1 Qor. 6:9, 10. w23.06 22 key. 7-9

Roobii, Fulbaana 10

Taʼus fedhii koo malee yoon hojjedhe illee, itti gaafatamummaan imaanaadhaan natti kennameera.—1 Qor. 9:17.

Kadhannaan kee garaadhaa kan madde akka hin taane yoo sitti dhagaʼame ykn tajaajilli akka kanaan duraa si hin gammachiisu yoo taʼe maal gochuu qabda? Hafuura Yihowaa akka dhabde gootee hin yaadin. Mudaa waan qabduuf miirri kee ni jijijjiirama. Hinaaffaan kee hirʼachuu yoo jalqabe fakkeenya Phaawulos ergamaarratti xiinxali. Phaawulos fakkeenya Yesuus hordofuuf kan yaalu taʼus, yeroo tokko tokko kakaʼumsa dhabuu akka dandaʼu hubateera. Phaawulos miirri yeroo sanatti itti dhagaʼamu maaliyyuu yoo taʼe tajaajilasaa raawwachuuf kutatee ture. Haaluma wal fakkaatuun, atis miirri kee inni mudaa qabu murtoo kee akka toʼatu hin heyyamin. Miirri sitti dhagaʼamu maaliyyuu yoo taʼe wanta sirrii taʼe gochuuf kutadhu. Tarkaanfiin fudhattu yeroo booda miirri kee akka fooyyaʼu gochuunsaa hin oolu.—1 Qor. 9:16. w24.03 11-12 key. 12-13

Kamisa, Fulbaana 11

Jaalala dhugaa akka isaaniif qabdan argisiisaa.—2 Qor. 8:24.

Obboloonnii fi obboleettonni keenya michoota keenya akka taʼan gochuudhaan jaalala isaanitti argisiisuu dandeenya. (2 Qor. 6:11-13) Baayʼeen keenya gumiiwwan obboloonni akkaataa guddinaa fi eenyummaa garaagaraa qaban keessa jiran keessatti tajaajilla. Amaloota gaggaarii isaan qabanirratti xiyyeeffachuudhaan jaalala hunda isaaniitiif qabnu cimsachuu dandeenya. Yeroo rakkina guddaatti jaalalli baayʼee barbaachisaadha. Rakkinni guddaan yeroo jalqabu eessaa eegumsa arganna? Yihowaan yeroo Baabilon duriirratti haleellaan banametti saba isaatiif qajeelfama akkana jedhu kennee ture: “Yaa saba koo, dhaqi, gara kutaa kee isa keessaatti seeni, balbala kees of duubaan cufadhu. Hamma dheekkamsi darbutti yeroo xinnoodhaaf dhokadhu.” (Isa. 26:20) Qajeelfamni kun yeroo rakkina guddaatti nuufis kan hojjetu fakkaata. w23.07 6-7 key. 14-16

Jimaata, Fulbaana 12

Doʼiin addunyaa kanaa jijjiiramaa jira.—1 Qor. 7:31.

Sababa qabeessa taʼuudhaan beekami. Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Namoonni yaada ofiitti kan hin cichinee fi warra kaaniif kanan obsu akkan taʼetti na ilaaluu? Moo nama mata jabeessa, gara jabeessa ykn yaada ofiitti cichu akkan taʼetti na ilaalu? Yeroo dandaʼamutti yaada warra kaanii nan fudhadha?’ Yaada ofiitti kan hin cichine taʼuun keenya fakkeenya Yihowaa fi Yesuus hammam hordofaa akka jirru argisiisa. Yaada ofiitti cichuu dhiisuun yeroo haalli keenya jijjiiramu sirreeffama gochuu gaafata. Jijjiiramni akkasii haalli rakkisaan hin eegamne akka nu mudatu gochuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, akkuma tasaa dhibeen fayyaa nu mudachuu dandaʼa. Yookiinimmoo rakkinni diinagdee ykn jijjiiramni siyaasaa naannoo keenyatti uumame akkuma tasaa jireenya keenya jeequu dandaʼa. (Lal. 9:11) Ramaddiin tajaajilaa keenya jijjiiramuun isaallee qorumsa nutti taʼuu dandaʼa. Tarkaanfiiwwan arfan armaan gadii yoo fudhanne haala haaraa nu mudatetti baruu dandeenya: (1) dhugaa jiru amannee fudhachuu, (2) yeroo gara fuulduraarratti xiyyeeffachuu, (3) wanta gaariirratti xiyyeeffachuu fi (4) warra kaan gargaaruu. w23.07 21-22 key. 7-8

Sanbadduraa, Fulbaana 13

Ati nama baayʼee jaallatamaa taʼe dha.—Dan. 9:23.

Daaniʼel yeroo warri Baabilon boojuudhaan gara biyya Baabilon ishii biyya dhalootaa isaarraa baayʼee fagoo taatetti isa geessanitti dargaggeessa ture. Taʼus, warri isa boojiʼan haalli Daaniʼel baayʼee isaan ajaaʼibsiisee taʼuu qaba. Namoonni kun “wanta alaan mulʼatu” irratti waan xiyyeeffataniif, Daaniʼel ‘dargaggeessa miidhagaa mudaa hin qabnee’ fi maatii gaarii taʼe keessatti guddate akka taʼe hubataniiru. (1 Sam. 16:7) Kanaafuu, mana mootummaa keessatti akka tajaajilu leenjii isaaf kennan. (Dan. 1:3, 4, 6) Yihowaan Daaniʼeliin baayʼee kan jaallate dargaggummaa isaatti nama gaarii taʼuuf waan filateefi. Yihowaan yeroo Daaniʼeliin Nohii fi Iyyoob wajjin caqasetti umuriin isaa naannoo waggaa digdamaa taʼuu hin oolu; kanaafuu, Yihowaan Daaniʼeliin akkuma Nohii fi Iyyoob warra waggoota hedduudhaaf amanamummaadhaan isa tajaajilanii qajeelaa akka taʼetti ilaaleera. (Uma. 5:32; 6:9, 10; Iyo. 42:16, 17; His. 14:14) Daaniʼel umurii dheeraa fi jireenya dinqisiisaa taʼe jiraateera; Yihowaanis umurii isaa guutuu isa jaallata ture.—Dan. 10:11, 19. w23.08 2 key. 1-2

Dilbata, Fulbaana 14

Balʼinni isaa, dheerinni isaa, ol fageenyi isaa fi gad fageenyi isaa hammam akka taʼe . . . guutummaatti [hubadhaa].—Efe. 3:18.

Mana tokko bituuf murtoo gochuu kee dura haala manichaa akka gaariitti qulqulleeffatta. Yeroo Kitaaba Qulqulluu dubbisnuu fi qoʼannus waanuma kanaa wajjin wal fakkaatu gochuu dandeenya. Ariitiidhaan dubbista taanaan kan hubattu barumsawwan buʼuuraa, jechuunis “wantoota jalqabaa dubbii Waaqayyoo irraa” barannu qofadha. (Ibr. 5:12) Wantoota gadi fageenya qaban qoruudhaan akkuma mana sanaatti kan keessa lixxu yoo taʼe garuu sirriitti hubachuu dandeessa. Karaa gaariin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu itti dandeessu inni tokko ergaan isaa kan wal qabatu akkamitti akka taʼe hubachuudha. Dhugaawwan itti amantu maalfaa akka taʼan qofa utuu hin taʼin, dhugaawwan kanatti kan amantu maaliif akka taʼes hubachuuf carraaqqii godhi. Dubbii Waaqayyoo guutummaatti hubachuuf, dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu gadi fageenya qabanis barachuu qabna. Phaawulos ergamaan dhugaan ‘balʼinni isaa, dheerinni isaa, ol fageenyi isaa fi gad fageenyi isaa hammam akka taʼe guutummaatti hubachuu’ akka dandaʼaniif Dubbii Waaqayyoo akka gaariitti akka qoʼatan obboloota isaa jajjabeesseera. Akkas yoo godhan amantii isaaniitiin caalaatti ‘hidda kan gad fageeffatanii fi kan dhaabaman’ taʼuu dandaʼu. (Efe. 3:14-19) Nutis akkasuma gochuu qabna. w23.10 18 key. 1-3

Wiixata, Fulbaana 15

Yaa obbolootaa, raajota maqaa Yihowaatiin dubbatan ilaalaa, fakkeenya isaan rakkina dandaʼuu fi obsa argisiisuudhaan isiniif kaaʼan hordofaa.—Yaq. 5:10.

Kitaabni Qulqulluun seenaa namoota obsa argisiisuurratti fakkeenya taʼan kan biroo hedduu qabateera. Seenaawwan kanarratti qorannaa maaliif hin gootu? Fakkeenyaaf, Daawit mootii Israaʼel taʼee kan dibame ijoollummaa isaatti taʼus, mootii taʼee bulchuuf waggoota hedduu eeguun isa barbaachiseera. Simiʼoonii fi Haannaan yeroo Masiihicha abdachiifame eeggachaa turanitti amanamummaadhaan Yihowaa waaqeffachuu isaanii itti fufaniiru. (Luq. 2:25, 36-38) Seenaawwan akkasii yeroo qoʼattu gaaffilee armaan gadiitiif deebii argachuuf yaali: Namni kun obsa akka qabaatu maaltu isa gargaare? Obsa argisiisuun isaa kan isa fayyade akkamitti? Fakkeenya isaa hordofuu kanan dandaʼu akkamitti? Waaʼee namoota obsa hin argisiisnees qoʼachuun kee si fayyaduu dandaʼa. (1 Sam. 13:8-14) Akkana jettee of gaafachuu dandeessa: ‘Obsa akka dhaban wanti isaan taasise maal taʼuu dandaʼa? Miidhaa akkamiitu isaanirra gaʼe?’ w23.08 25 key. 15

Kibxata, Fulbaana 16

Ati Qulqullicha Isa kan Waaqayyoo akka taate amanneerra, beekneerras.—Yoh. 6:69.

Pheexiros amanamaa ture; wanti akkamiiyyuu abdii akka isa kutachiisu hin heyyamne. Fakkeenyaaf, Yesuus yeroo tokko wanta barattoonni isaa hubachuun isaan rakkise dubbatee ture. (Yoh. 6:68, 69) Baayʼeen isaanii hamma isaaniif ibsutti eeguu ykn isa gaafachuu mannaa isa duukaa buʼuu dhiisan. Pheexiros garuu akkas hin goone. “Dubbii jireenya bara baraa” kan qabu Yesuus qofa akka taʼe hubatee ture. Galgala duʼuu isaa dura turetti Pheexirosii fi ergamoonni kaan akka isa dhiisan beeka ture. Taʼus, Pheexiros gara isaatti akka deebiʼuu fi amanamaa taʼee akka itti fufu mirkanaaʼaa ture. (Luq. 22:31, 32) Yesuus “hafuurri qophaaʼaa . . . foon garuu dadhabaa” akka taʼe hubateera. (Mar. 14:38) Pheexiros erga isa ganee boodallee abdii kan isatti hin kutanne kanaafi. Yesuus erga duʼaa kaʼee booda Pheexirositti kan mulʼate yeroo inni kophaa isaa turetti taʼuu hin oolu. (Mar. 16:7; Luq. 24:34; 1 Qor. 15:5) Akkas gochuun isaa ergamaa isaa gaddaan liqimfamee ture kana baayʼee jajjabeessee taʼuu qaba! w23.09 22 key. 9-10

Roobii, Fulbaana 17

Namoonni balleessaan isaanii isaaniif dhiifame, cubbuun isaaniis isaaniif haguugame gammadoo dha.—Rom. 4:7.

Waaqayyo cubbuu namoota amantii isarratti qabanii ni dhiisa ykn ni haguuga. Guutummaatti dhiifama erga isaanii godhee booda cubbuu isaanii isaanitti hin lakkaaʼu. (Far. 32:1, 2) Namoota akkasii amantii isaaniitiin kan kaʼe balleessaa kan hin qabnee fi qajeeloo akka taʼanitti ilaala. Abrahaam, Daawitii fi namoonni amanamoo taʼan kan biroon qajeelota jedhamanii kan waamaman taʼus, namoota cubbuu dhaalan turan. Haa taʼu malee, amantii isaaniitiin kan kaʼe, Waaqayyo keessumaa namoota isa hin waaqeffannee wajjin yeroo wal bira qabaman balleessaa kan hin qabne akka taʼanitti isaan ilaaleera. (Efe. 2:12) Akkuma Phaawulos xalayaa isaarratti ifa godhe michuu Waaqayyoo taʼuuf amantiin barbaachisaadha. Abrahaamii fi Daawit michuu Waaqayyoo taʼuu kan dandaʼan amantii waan isarratti qabaniifi; nutis amantii yoo isarratti qabaanne michoota isaa taʼuu dandeenya. w23.12 3 key. 6-7

Kamisa, Fulbaana 18

Yeroo hunda Waaqayyoof aarsaa galataa haa dhiheessinu; kunis firii hidhii keenyaa isa waaʼee maqaa isaa namoota duratti labsinu dha.—Ibr. 13:15.

Yeroo harʼaatti Kiristiyaanonni hundi yeroo, humnaa fi qabeenya isaanii Mootummaa Waaqayyoo deggeruuf itti fayyadamuudhaan Yihowaadhaaf aarsaa dhiheessuuf mirga argataniiru. Wanta qabnu keessaa isa hundarra caalu aarsaa goonee Yihowaadhaaf dhiheessuudhaan mirga isa waaqeffachuuf arganneef iddoo guddaa akka kenninu argisiisuu dandeenya. Phaawulos wantoota yeroo Yihowaa waaqeffannutti dagachuu hin qabne garaa garaa caqaseera. (Ibr. 10:22-25) Kunis kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaachuu, waaʼee abdii keenyaa dubbachuu, walgaʼiirratti argamuu fi “guyyaan [Yihowaa] dhihaachuu isaa yommuu arginu isa duraa caalaa” wal jajjabeessuu dabalata. Kitaaba Mulʼataa gara dhumaarratti maleekaan Yihowaa “Waaqayyoon waaqeffadhu!” jedheera. Siʼa lama akkas kan jedhe Yihowaa waaqeffachuun hammam barbaachisaa akka taʼe addeessuufi. (Mul. 19:10; 22:9) Dhugaa gadi fageenya qabuu fi waaʼee mana qulqullummaa hafuuraa Yihowaa baranne, akkasumas mirga Waaqa keenya isa guddaa waaqeffachuuf arganne yeroo hunda haa yaadannu. w23.10 29 key. 17-18

Jimaata, Fulbaana 19

Wal jaallachuu keenya itti haa fufnu.—1 Yoh. 4:7.

Hundi keenyayyuu “wal jaallachuu keenya itti [fufuu]” barbaanna. Haa taʼu malee, akeekkachiisa Yesuus, “Jaalalli namoota hedduu ni qabbanaaʼa” jechuudhaan kenne yaadachuu qabna. (Mat. 24:12) Yesuus barattoonni isaa hedduun jaalala walitti argisiisuu akka dhiisan dubbachuu isaa hin turre. Taʼus, addunyaan jaalala hin qabne kun dhiibbaa akka nurratti hin goone of eeggachuu qabna. Kana sammuutti qabachuudhaan mee gaaffii barbaachisaa taʼe kanarratti haa mariʼannu: Jaalalli obboloota keenyaaf qabnu cimaa taʼuu fi dhiisuu isaa karaan itti qoruu dandeenyu jiraa? Karaan jaalalli keenya hammam cimaa akka taʼe beekuu itti dandeenyu tokko jireenya keenya keessatti haalawwan tokko tokko yeroo nu mudatan maal akka goonu qoruudha. (2 Qor. 8:8) Pheexiros ergamaan haalawwan akkasii keessaa tokko akkana jechuudhaan ibseera: “Hunda caalaa . . . jaalala guddaa waliif qabaadhaa; sababiin isaas, jaalalli cubbuu hedduu ni haguuga.” (1 Phe. 4:8) Kanaafuu, dadhabinnii fi mudaan warra kaanii jaalala keenya qoruu dandaʼa. w23.11 10-11 key. 12-13

Sanbadduraa, Fulbaana 20

Wal jaalladhaa.—Yoh. 13:34.

Jaalala kan argisiisnu obboloota gumii keessa jiran tokko tokko qofatti yoo taʼe, ajaja Yesuus jaalala ilaalchisee kenneef ajajamaa hin jirru jechuudha. Dhugaadha, akkuma Yesuus namoota caalaatti itti dhihaannu qabaachuu dandeenya. (Yoh. 13:23; 20:2) Taʼus, Pheexiros “jaalala obbolummaa” qabaachuuf carraaqqii gochuu akka qabnu nu yaadachiiseera; kana jechuun obbolootaa fi obboleettota keenya hundumaa akka miseensota maatii keenyaatti jaallachuu qabna jechuudha. (1 Phe. 2:17) Pheexiros, “Cimsaa garaadhaa wal jaalladhaa” jedhee nu jajjabeesseera. (1 Phe. 1:22) Asirratti yaanni “cimsanii jaallachuu” jedhu nama jaalala itti argisiisuun nutti ulfaatullee jaallachuu argisiisa. Fakkeenyaaf, obboleessi tokko karaa taʼe tokkoon yoo nu mufachiise ykn yoo nu miidhe maal goona? Tarii jalqabarratti kan nuu dhufu jaalala isatti argisiisuu utuu hin taʼin haaloo baʼuu taʼuu dandaʼa. Taʼus, Pheexiros haaloo baʼuun Waaqa akka hin gammachiisne Yesuusirraa barateera. (Yoh. 18:10, 11) Pheexiros, “Hamaa hamaadhaan yookiin arrabsoo arrabsoodhaan hin deebisinaa. Kanaa mannaa deebisaa eebbisaa” jedhee barreesseera. (1 Phe. 3: 9) Jaalalli cimaan gaarummaa argisiisuu fi namaaf yaaduu akka si kakaasu godhi. w23.09 28-29 key. 9-11

Dilbata, Fulbaana 21

Haaluma wal fakkaatuun dubartoonni . . . barsiifata madaalamaa kan qabanii fi karaa hundumaa amanamoo kan taʼan taʼuu qabu.—1 Xim. 3:11.

Mucaan tokko saffisaan yeroo guddatu arguun nu dinqisiisa. Guddinni kun carraaqqii tokko malee waan dhufe fakkaata. Kiristiyaana bilchina qabu taʼuun garuu wanta carraaqqii tokko malee argamu miti. (1 Qor. 13:11; Ibr. 6:1) Galma kanarra gaʼuuf dhuunfaatti Yihowaa wajjin michummaa qabaachuu qabna. Amaloota Waaqayyoon gammachiisan horachuuf, dandeettii keenya guddifachuuf, akkasumas gara fuulduraatti itti gaafatamummaa fudhachuuf gargaarsi hafuura qulqulluu nu barbaachisa. (Fak. 1:5) Yihowaan namoota dhiiraa fi dubartii godhee uume. (Uma. 1:27) Ifatti akka hubannutti dhiirrii fi dubartiin karaa qaamaa garaa garadha; garuu wantoonni garaa gara isaan godhan kan biroonis jiru. Fakkeenyaaf, Yihowaan dhiirotaa fi dubartootaaf itti gaafatamummaa raawwatan garaa garaa kenneera; kanaafuu, amalootaa fi dandeettiiwwan itti gaafatamummaa isaanii baʼuuf isaan dandeessisan horachuu qabu.—Uma. 2:18. w23.12 18 key. 1-2

Wiixata, Fulbaana 22

Saboota hundumaa keessaa namoota barattoota koo godhaa; maqaa Abbaatiin, maqaa Ilmaa fi maqaa hafuura qulqulluutiin isaan cuuphaa—Mat. 28:19.

Yesuus warri kaanis maqaa Abbaasaatti akka fayyadaman ni barbaadaa? Eeyyee ni barbaada. Geggeessitoonni amantaa tokko tokko maqaan Waaqayyoo baayʼee qulqulluu waan taʼeef waamamuu akka hin qabne dubbatu turan; taʼus Yesuus aadaan Kitaaba Qulqulluurratti hin hundoofne akkasii maqaa Abbaasaatiif ulfina kennuu akka isa dhoowwu hin heyyamne. Yeroo naannoo Gergesenoonitti namicha jinniidhaan qabame tokko fayyisetti haallisaa maal akka fakkaatu yaadi. Namoonni naannichaa baayʼee waan sodaataniif naannoo sana gadhiisee akka deemu isa kadhatan. (Mar. 5:16, 17) Taʼus, Yesuus maqaan Yihowaa naannoo sanatti akka beekamu barbaadee ture. Kanaafuu, wanta inni raawwate utuu hin taʼin wanta Yihowaan raawwate namootatti akka himu namicha fayyise sana ajaje. (Maarqos 5:19) Yeroo harʼaattis Yesuus maqaa Abbaasaa addunyaa maratti akka beeksisnu barbaada. (Mat. 24:14; 28:19, 20) Yeroo akkas goonu baayʼee nutti gammada. w24.02 10 key. 10

Kibxata, Fulbaana 23

Maqaa kootiif jettee rakkina hedduu dandeesseetta.—Mul. 2:3.

Guyyoota dhumaa baayʼee rakkisaa taʼe kana keessatti kutaa jaarmiyaa Yihowaa taʼuu keenyaan eebbifamneerra. Haalli addunyaa yeroo hammaachaa deeme kanatti Yihowaan maatii hafuuraa tokkummaa qabu nuu kenneera. (Far. 133:1) Maatiin keenya gammachuu akka qabaatu nu gargaara. (Efe. 5:33–6:1) Hubannaa fi ogummaa nagaa sammuu qabaachuuf nu barbaachisus nuu kenna. Haa taʼu malee, amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuuf carraaqqii gochuu qabna. Maaliif? Sababiin isaas, yeroo tokko tokko dadhabina warri kaan qabaniin kan kaʼe mufachuu dandeenya. Kana malees, dogoggora yeroo raawwannu, keessumaammoo dogoggora wal fakkaatu irra deddeebinee yoo raawwanne abdii kutachuu dandeenya. Kanaafuu, (1) obboloonni keenya yeroo nu mufachiisan, (2) hiriyaan gaaʼelaa keenya yeroo nu aarsuu fi (3) yeroo ofitti aarru utuu abdii hin kutatin Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuuf carraaqqii gochuun nu barbaachisa. w24.03 14 key. 1-2

Roobii, Fulbaana 24

Guddina hammamii iyyuu yoo goone, daandiidhuma kana irra seeraan deddeebiʼuu keenya itti haa fufnu.—Filp. 3:16.

Yeroo garaa garaatti muuxannoo obbolootaa fi obboleettota tajaajila isaanii balʼifachuuf carraaqqii godhanii ni dhageessa. Tarii Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa galanii baratanii ykn iddoo caalaatti gargaarsi barbaachisu deemanii taʼuu dandaʼa. Haalli kee kan siif heyyamu yoo taʼe atis galma akkasii baafachuun kee gaariidha. Sabni Yihowaa tajaajila isaanii balʼifachuuf fedhii guddaa qabu. (HoE. 16:9) Haa taʼu malee, amma akkas gochuu hin dandeessu yoo taʼehoo? Warra akkas gochuu dandaʼanii gadi akka taate gootee hin yaadin. Wanti caalaatti barbaachisaa taʼe jabaattee dhaabbachuu keeti. (Mat. 10:22) Wanta haalli kee siif heyyamuu fi wanta dandeessu gochuun kee Yihowaa akka gammachiisu hin dagatin. Kun karaa gaarii erga cuuphamtee booda yeroo hunda Yesuus duukaa buʼuu itti dandeessudha.—Far. 26:1. w24.03 10 key. 11

Kamisa, Fulbaana 25

Balleessaa keenya hunda . . . gaarummaadhaan nuuf dhiiseera.—Qol. 2:13.

Abbaan keenya inni samii yoo yaada geddaranne dhiifama akka nuuf godhu waadaa nuuf galeera. (Far. 86:5) Kanaafuu, cubbuu raawwannetti dhugumaan yoo gaddine Yihowaan akkuma waadaa nuuf galetti dhiifama akka nuuf godhu amanuu dandeenya.? Yihowaan yaada isaatti akka hin cichine yaadadhu. Inni wanta humna keenyaa ol taʼe matumaa nurraa hin eegu. Wanta dandeenyu hamma goonetti wanta isaaf jennee goone kamiyyuu ni dinqisiifata. Kana malees, seenaa namoota Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamanii fi lubbuu isaanii guutuu Yihowaa tajaajilaniirratti xiinxali. Mee waaʼee Phaawulos yaadi. Phaawulos kiilomeetira kumaan lakkaaʼamu imaluudhaan, akkasumas gumiiwwan hedduu hundeessuudhaan waggoota hedduudhaaf hinaaffaadhaan tajaajileera. Haa taʼu malee, yeroo haalli isaa hirmaannaa hojii lallabaarratti godhu isa jalaa daangessetti Waaqayyo isatti gaddeeraa? Matumaa. Phaawulos wanta dandaʼu gochuu isaa itti fufeera, Yihowaanis isa eebbiseera. (HoE. 28:30, 31) Haaluma wal fakkaatuun, nutis yeroo garaagaraatti wanti Yihowaadhaaf kenninu garaagara taʼuu dandaʼa. Wanti isa biratti iddoo guddaa qabu sababii isa tajaajiluuf itti kakaanedha. w24.03 27 key. 7, 9

Jimaata, Fulbaana 26

[Yesuus] ganama barii utuma lafti hin ifin kaʼee gad baʼuudhaan bakka namni hin jirre dhaqee achitti kadhachuu jalqabe.—Mar. 1:35

Kadhannaan Yesuus Yihowaatti dhiheesse barattoota isaatiif fakkeenya guddaa taʼa. Guutummaa tajaajila isaarratti yeroo baayʼee kadhannaa dhiheesseera. Yeroo baayʼee hojiin waan isatti baayʼatuuf, akkasumas namoonni hedduun isa biraa waan hin dhabamneef kadhannaadhaaf yeroo ramaduun isa barbaachiseera. (Mar. 6:31, 45, 46) Kophaa isaa taʼee kadhannaa dhiheessuu akka dandaʼuuf ganama bariidhaan kaʼa ture. Yeroo tokko murtoo baayʼee barbaachisaa taʼe tokko gochuu isaa dura halkan guutuu kadhannaa dhiheesseera. (Luq. 6:12, 13) Yesuus galgala duʼuu isaa dura turettis irra deddeebiʼee kadhannaa dhiheesseera; yeroo kanatti kutaa tajaajilaa isaa isa baayʼee ulfaataa taʼe xumuruuf jedha ture. (Mat. 26:39, 42, 44) Fakkeenyi Yesuus hojiin kan nutti baayʼatu yoo taʼellee kadhannaadhaaf yeroo ramaduun akka nu barbaachisu nu barsiisa. Akkuma Yesuus yeroo kadhannaadhaaf taʼu argachuuf ganama bariidhaan kaʼuun ykn galgala dhiisifachuun nu barbaachisuu dandaʼa. Akkas yeroo goonu kennaa adda taʼe kanaaf dinqisiifannaa akka qabnu argisiisna. w23.05 3 key. 4-5

Sanbadduraa, Fulbaana 27

Jaalalli Waaqayyoo karaa hafuura qulqulluu isa nuu kenname sanaa garaa keenya keessatti dhangalaʼeera.—Rom. 5:5.

Caqasa armaan olii keessaa jecha “dhangalaʼeera” jedhuuf xiyyeeffannaa kenni. Barreeffamni qorannaa tokko jecha kana, “akkuma lagaatti nutti yaaʼeera” jedhee ibseera. Yaanni kun jaalala Yihowaan dibamtootaaf qabu akka gaariitti ibsa. Dibamtoonni ‘Waaqayyo akka isaan jaallatu’ beeku. (Yih. 1) Yohaannis ergamaan miira dibamtootatti dhagaʼamu akkana jedhee ibseera: “Nuti ijoollee Waaqayyoo jedhamnee akka waamamnuuf Abbaan jaalala guddaa akkamii akka nutti argisiise ilaalaa!” (1 Yoh. 3:1) Yihowaan kan jaallatu dibamtoota qofadhaa? Lakki, Yihowaan hunda keenya akka jaallatu argisiiseera. Wanti Yihowaan akka nu jaallatu nuuf mirkaneessu inni guddaan maalidha? Furichadha! Yihowaan furicha qopheessuudhaan jaalala baayʼee adda taʼe nutti argisiiseera!—Yoh. 3:16; Rom. 5:8. w24.01 28 key. 9-10

Dilbata, Fulbaana 28

Guyyaan gargaarsa argachuuf iyyadhetti diinonni koo duubatti deebiʼu. Ani Waaqayyo na cinaa akka jiru mirkanaaʼaa dha.—Far. 56:9.

Caqasni kun karaa Daawit sodaa isaa itti injifate tokko ibsa. Daawit lubbuun isaa ammayyuu balaadhaaf saaxilamee kan jiru taʼus, wanta Yihowaan gara fuulduraatti isaaf godhurratti xiinxaleera. Yihowaan yeroo sirrii taʼetti akka isa oolchu beeka ture. Yihowaan Daawit mootii Israaʼel isa ittaanu akka taʼu dubbateera. (1 Sam. 16:1, 13) Daawit Yihowaan waadaa gale hundumaa akka raawwatu mirkanaaʼaa ture. Yihowaan maal sii gochuuf waadaa galeera? Yihowaan rakkina hundumaarraa akka nu oolchu hin eegnu. Taʼus, rakkina sirna kana keessatti nu mudatu kamiyyuu addunyaa haaraa keessatti ni balleessa. (Isa. 25:7-9) Uumaan keenya namoota duʼan duʼaa kaasuuf, nu fayyisuu fi mormitoota keenya hundumaa balleessuuf humna qaba.—1 Yoh. 4:4. w24.01 6 key. 12-13

Wiixata, Fulbaana 29

Namni balleessaan isaa isaaf dhiifame, cubbuun isaas isaaf haguugame gammadaa dha.—Far. 32:1.

Sababii of murteessitee cuuphamuuf si kakaaserratti xiinxali. Tarkaanfii kana kan fudhatte Yihowaa cinaa dhaabbachuu waan barbaaddeefi. Dhugaa akka argatte wanti si amansiise maal akka taʼe yaadi. Waaʼee Yihowaa beekumsa dhugaa argatte, akkasumas akka Abbaa kee isa samiitti isa ilaaluudhaan isa kabajuu fi jaallachuu jalqabde. Amantii horatte, achiis yaada geddarachuuf kakaate. Garaan kee gocha dogoggoraa dhiisuudhaan akka fedhii Yihowaatti jiraachuuf si kakaase. Waaqayyo dhiifama akka siif godhe yeroo hubattu boqonnaa guddaatu sitti dhagaʼame. (Far. 32:2) Walgaʼiiwwan gumiirratti argamuu fi wantoota dinqisiisoo baratte warra kaanitti himuu jalqabde. Yeroo ammaatti Yihowaadhaaf of murteessitee cuuphamuudhaan daandii kanarra deemuu jalqabdeetta, daandii kanarra deemuu kee itti fufuufis murteessiteetta. (Mat. 7:13, 14) Yihowaadhaaf buluu fi seerawwan isaatiif ajajamuuf jabaadhuu dhaabadhu, akkasumas hin sochoʼin. w23.07 17 key. 14; 19 key. 19

Kibxata, Fulbaana 30

Waaqayyo amanamaa waan taʼeef, hamma baachuu dandeessan caalaa akka qoramtan hin heyyamu; kanaa mannaa, jabaattanii dhaabbachuu akka dandeessaniif, yeroo qoramtanitti karaa ittiin keessaa baatan isiniif qopheessa.—1 Qor. 10:13.

Kadhannaa yeroo Yihowaadhaaf of murteessitetti dhiheessiterratti xiinxaluun kee kutannoo qorumsa akkamiiyyuu dandamachuuf goote siif cimsa. Fakkeenyaaf, hiriyaa gaaʼelaa nama kan biraa ni kolomsitaa? Akkas akka hin goone beekamaadha! Wanta akkasii akka hin goone Yihowaadhaaf waadaa galteetta. Miirri sirrii hin taane si keessatti hidda akka hin godhanne kan of eeggattu yoo taʼe, miira akkasii of keessaa balleessuuf walʼaansoo gochuun si hin barbaachisu. “Daandii jalʼootaa” irraa goruun sitti hin ulfaatu. (Fak. 4:14, 15) Kutannoo Yesuus Abbaasaa gammachiisuuf godhe yaadachuudhaan wanta Waaqa jireenya kee murteessiteef gaddisiisu akkamiirraayyuu yeruma sana fagaatta. (Mat. 4:10; Yoh. 8:29) Rakkinnii fi qorumsi Yesuusiin hordofuuf akka kutatte argisiisuuf carraa siif banu. Akkas yommuu gootu Yihowaan akka si gargaaru amanannaa qabaachuu dandeessa. w24.03 9-10 key. 8-10

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi