LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es25 ful. 77-87
  • Hagayya

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Hagayya
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2025
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Jimaata, Hagayya 1
  • Sanbadduraa, Hagayya 2
  • Dilbata, Hagayya 3
  • Wiixata, Hagayya 4
  • Kibxata, Hagayya 5
  • Roobii, Hagayya 6
  • Kamisa, Hagayya 7
  • Jimaata, Hagayya 8
  • Sanbadduraa, Hagayya 9
  • Dilbata, Hagayya 10
  • Wiixata, Hagayya 11
  • Kibxata, Hagayya 12
  • Roobii, Hagayya 13
  • Kamisa, Hagayya 14
  • Jimaata, Hagayya 15
  • Sanbadduraa, Hagayya 16
  • Dilbata, Hagayya 17
  • Wiixata, Hagayya 18
  • Kibxata, Hagayya 19
  • Roobii, Hagayya 20
  • Kamisa, Hagayya 21
  • Jimaata, Hagayya 22
  • Sanbadduraa, Hagayya 23
  • Dilbata, Hagayya 24
  • Wiixata, Hagayya 25
  • Kibxata, Hagayya 26
  • Roobii, Hagayya 27
  • Kamisa, Hagayya 28
  • Jimaata, Hagayya 29
  • Sanbadduraa, Hagayya 30
  • Dilbata, Hagayya 31
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2025
es25 ful. 77-87

Hagayya

Jimaata, Hagayya 1

Rakkinni nama qajeelaa hedduu dha, Yihowaan garuu hunduma isaa jalaa isa ni oolcha.—Far. 34:19.

Qabxiilee barbaachisoo faarfannaa kanarratti ibsaman lama hubadhu: (1) Namoota qajeeloo taʼanirra rakkinni ni gaʼa. (2) Yihowaan qorumsa nu mudaturraa nu oolcha. Yihowaan kan nu oolchu akkamitti? Karaan inni tokko jireenya sirna kana keessatti jiraannuuf ilaalcha sirrii akka qabaannu nu gargaaruudhaani. Yihowaan gammachuudhaan akka isa tajaajillu waadaa kan nuuf gale taʼus, yeroo ammaatti jireenya rakkinarraa bilisa taʼe akka jiraannu waadaa nuuf hin galle. (Isa. 66:14) Yeroo bara baraaf gammachuudhaan itti jiraannurratti akka xiyyeeffannu nu jajjabeesseera. (2 Qor. 4:16-18) Hammasitti garuu, guyyaa guyyaadhaan isa tajaajiluu keenya akka itti fufnu nu gargaara. (Faru. 3:22-24) Tajaajiltoota Yihowaa amanamoo bara duriiti turanii fi yeroo ammaatti jiran irraa barumsa akkamii arganna? Rakkinni hin eegamne nu mudachuu dandaʼa. Haa taʼu malee yoo Yihowaa irraa gargaarsa argachuuf yaalle inni nu gargaaruu irraa matumaa duubatti hin jedhu.—Far. 55:22. w23.04 14-15 key. 3-4

Sanbadduraa, Hagayya 2

Abbootii taayitaa iddoo ol aanaa qabaniif [bitamaa].—Rom. 13:1.

Gama kanaan Yoseefii fi Maariyaamirraa barumsa guddaa arganna; Yoseefii fi Maariyaam yeroo ajajamuun baayʼee ulfaataa taʼettillee warraa aangoo qabaniif ajajamuuf qophaaʼoo turan. (Luq. 2:1-6) Maariyaam yeroo ulfa jiʼa sagalii turtetti mootummaan biyyattii wanta baayʼee isaanitti ulfaatu akka godhan ajajee ture. Awugusxos namoonni Bulchiinsa Roomaa keessa jiraatan hundi gara naannoo dhalootaa isaanii deemanii akka galmeeffaman ajajee ture. Kanaafuu, Yoseefii fi Maariyaam Beetaliheem gaʼuuf karaa buʼaa baʼii qabuu fi kiilomeetira 150 taʼu imaluu qabu turan. Imalli kun keessumaa Maariyaamiif baayʼee ulfaataa ture. Hiriyoonni gaaʼelaa kun nageenyi ishiis taʼe nageenyi daaʼima garaatti baattee isaan yaaddessee taʼuu dandaʼa. Utuma karaarra jiranii ciniinsuun yoo ishii qabe hoo? Garaatti baattee kan jirtu daaʼima gara fuulduraatti Masiihicha taʼudha. Maarree, kun mootummaa biyyattiitiif akka hin ajajamne sababa taʼuu dandaʼaa? Yoseefii fi Maariyaam wanti isaan yaaddessu jiraatus seera baʼeef ajajamaniiru. Yihowaanis ajajamuu isaaniitiif isaan eebbiseera. Maariyaam nagaadhaan Beetaliheem geesseetti; mucaa fayya buleessa taʼes deesseetti; achi dhaquun isaanii raajiin Kitaaba Qulqulluu akka raawwatamullee godheera.—Mik. 5:2. w23.10 8 key. 9; 9 key. 11-12

Dilbata, Hagayya 3

Wal [jajjabeessaa].—Ibr. 10:25.

Haa taʼu malee, walgaʼiirratti yaada kennuun baayʼee kan si sodaachisu yoo taʼehoo? Akka gaariitti qophaaʼuun si gargaaruu dandaʼa. (Fak. 21:5) Barumsa qoʼatamu akka gaariitti beekuun kee yaada kennuun caalaatti akka siif salphatu godha. Akkasumas, deebii gabaabaa kenni. (Fak. 15:23; 17:27) Deebiin kennitu gabaabaa taʼuun isaa sodaan sitti dhagaʼamu akka hirʼatu godha. Jecha mataa keetiin yaada gabaabaa kennuun kee, akka gaariitti akka qophooftee fi barumsa dhihaatu sirriitti akka hubatte argisiisa. Gorsa olitti kenname hojiirra kan oolchite taʼus, deebii tokko ykn lamaa ol deebisuun kan sitti ulfaatu yoo taʼehoo? Yihowaan carraaqqii gootu akka dinqisiifatu mirkanaaʼaa taʼi. (Luq. 21:1-4) Yihowaan wanta humna keetii ol taʼe sirraa hin eegu. (Filp. 4:5) Wanta dandeessu gochuuf kutadhu, galma baafadhu, akkasumas Yihowaan garaa kee akka siif tasgabbeessu kadhadhu. Galmi jalqabarratti baafattu deebii gabaabaa tokko kennuu taʼuu dandaʼa. w23.04 21 key. 6-8

Wiixata, Hagayya 4

Uffata qomaa . . . haa uffannu; akkasumas . . . baarmeexaa [sibiilaa] haa kaaʼannu.—1 Tas. 5:8.

Phaawulos loltoota dammaqoo waraanaaf hidhatanitti nu fakkeesseera. Loltuun tokko yeroo waraanni jiru hundumaatti qophaaʼaa akka taʼu isarraa eegama. Haalli keenyas akkasuma. Uffata qomaa amantii fi jaalalaa, akkasumas baarmeexaa sibiilaa abdii kaaʼachuudhaan guyyaa Yihowaatiif qophaaʼuu dandeenya. Uffanni qomaa loltuun tokko uffatu onnee isaatiif eegumsa godha. Amantii fi jaalallis garaa keenya nuuf eegu. Amaloonni kun Waaqayyoon tajaajiluu fi Yesuus duukaa buʼuu keenya itti fufuuf nu gargaaru. Amantii qabaachuun keenya Yihowaan garaa guutuudhaan isa barbaaduuf carraaqqii gooneef akka nu eebbisu mirkanaaʼoo taʼuuf nu gargaara. (Ibr. 11:6) Haala rakkisaa taʼe keessattillee geggeessaa keenya kan taʼe Yesuusiif amanamoo taanee itti fufuuf nu kakaasa. Obboloota utuma ariʼatamni isaanirra gaʼuu ykn rakkina diinagdee dandamatanii amanamummaa isaanii eeganii itti fufanirraa barachuudhaan amantii keenya cimsachuu dandeenya. Fakkeenya obboloota Mootummichaaf dursa kennuuf jecha jireenya isaanii salphisanii hordofuudhaanis balaa jaalalli maallaqaa geessisurraa of eeguu dandeenya. w23.06 10 key. 8-9

Kibxata, Hagayya 5

Namni duumessa ilaalus hin haammatu.—Lal. 11:4.

Of toʼachuun dandeettii miiraa fi gocha keenya toʼachuuti. Keessumaa galmi baafanne ulfaataa yoo taʼe ykn fedhiin keenya xinnoo yoo taʼe galma keenyarra gaʼuuf of toʼachuun nu barbaachisa. Of toʼachuun kutaa firii hafuuraa akka taʼe yaadadhu; kanaafuu, amala barbaachisaa taʼe kana horachuu akka dandeessuuf hafuura qulqulluu akka siif kennu Yihowaa kadhadhu. (Luq. 11:13; Gal. 5:22, 23) Haala mijataa hin eeggatin. Addunyaa kana keessatti haala mijataa taʼe argachuu dhiisuu dandeenya. Hanga haalli keenya mijatutti kan eegnu yoo taʼe yoomiyyuu galma keenyarra gaʼuu dhiisuu dandeenya. Galma tokkorra gaʼuuf kakaʼumsa kan dhabnu, galma sanarra gaʼuun baayʼee ulfaataa akka taʼe waan nutti dhagaʼamuuf taʼuu dandaʼa. Atis akkas sitti dhagaʼama taanaan, galma kee iddoo xixiqqaatti hiruu dandeessaa? Amala tokko horachuuf galma baafatteetta taanaan, jalqaba amala sana karaa salphaa taʼeen argisiisuuf maaliif hin yaaltu? Galmi kee Kitaaba Qulqulluu guutummaatti dubbistee xumuruu yoo taʼemmoo, dubbisa keetiif yeroo gabaabaa qofa ramaduudhaan jalqabuu ni dandeessaa? w23.05 29 key. 11-13

Roobii, Hagayya 6

Daandiin qajeelotaa garuu akkuma ifa ganamaa isa akka gaariitti ifuu ti; hamma akka ifa saafaa taʼuttis ifni isaa ittuma dabalaa deema.—Fak. 4:18.

Guyyoota dhumaa kanatti Yihowaan hundi keenyayyuu “Daandii Qulqullummaa” irra deemuu keenya akka itti fufnu nu gargaaruuf jaarmiyaa isaatti fayyadamee nyaata hafuuraa walirraa hin cinne nuu qopheessaa jira. (Isa. 35:8; 48:17; 60:17) Namni tokko qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu yeroo jalqabu “Daandii Qulqullummaa” irra deemuuf carraa akka argatetti yaaduu dandeenya. Namoonni tokko tokko yeroo muraasaaf qofa erga deemanii booda daandii guddaa kana keessaa baʼu. Kaanimmoo hamma dhumaatti daandii kanarra deemuu isaanii itti fufuuf murteessaniiru. Daandiin kun eessatti geessa? ‘Daandiin Qulqullummaa’ namoota samiirra jiraachuuf abdii qaban gara “jannata Waaqayyoo” isa samii keessatti argamuutti isaan geessa. (Mul. 2:7) Namoota abdii lafarra jiraachuu qabanimmoo gara dhuma bulchiinsa barkumeetti isaan geessa; yeroo sanatti namni hundi cubbuurraa bilisa taʼa. Yeroo ammaatti daandii kanarra deemaa jirta yoo taʼe duubatti hin deebiʼin. Hamma addunyaa haaraa keessatti imala kee xumurtutti daandii kana hin gadhiisin! w23.05 17 key. 15; 19 key. 16-18

Kamisa, Hagayya 7

Inni dursee waan nu jaallateef, nuti jaalala ni argisiisna.—1 Yoh. 4:19.

Wantoota Yihowaan siif godhe hunda yeroo yaaddu dinqisiifannaadhaan waan guutamtuuf isaaf of murteessuuf kakaʼuun kee hin oolu. (Far. 116:12-14) Kitaabni Qulqulluun “kennaan gaariinii fi kennaan guutuun hundi” Yihowaa biraa akka argamu dubbachuunsaa sirriidha. (Yaq. 1:17) Kennaawwan kana keessaa inni hundarra caalu aarsaa Ilmasaa Yesuus dhiheessedha. Mee yaadi! Furichi Yihowaa wajjin walitti dhufeenya cimaa qabaachuuf si dandeessiseera. Yihowaan abdii jireenya barabaraas siif kenneera. (1 Yoh. 4:9, 10) Yihowaadhaaf of murteessuun karaawwan gaggaarii jaalala guddaa inni sitti argisiisee fi eebbawwan kan biroo hedduu inni sii kenneef dinqisiifannaa qabdu itti argisiistu keessaa tokkodha.—Kes. 16:17; 2 Qor. 5:15. w24.03 5 key. 8

Jimaata, Hagayya 8

Namni qulqullummaa isaatiin deddeebiʼu Yihowaa sodaata.—Fak. 14:2.

Gocha naamusaan alaa namoonni addunyaa kanaa raawwatan yeroo ilaallu akkuma Loox nutti dhagaʼama. Loox, Abbaan keenya inni samii amala gadhee akka jibbu waan beekuuf, “addaggummaa namoonni hamoon raawwatanitti baayʼee dhiphachaa ture.” (2 Phe. 2:7, 8) Waaqayyoon sodaachuu fi jaalala isaaf qabaachuun isaa ulaagaa naamusaa gad aanaa namoonni naannoo isaa jiran hordofaa turanirraa fagaachuuf isa kakaaseera. Namoonni naannoo keenya jiranis ulaagaalee naamusaa Yihowaatiif kabaja hin qaban. Taʼus, nuti Waaqayyoof jaalala yoo qabaannee fi sodaa sirrii yoo isaaf qabaanne karaa naamusaa qulqulluu taanee itti fufuu dandeenya. Yihowaan gama kanaan nu gargaaruuf jajjabina kitaaba Fakkeenyaarraa argannutti fayyadama. Dhiironnis taʼan dubartoonni, dargaggoonnis taʼan maanguddoonni, Kiristiyaanonni hundi gorsa ogummaarratti hundaaʼee fi kitaabicha keessatti argamu qoruudhaan faayidaa guddaa argachuu dandaʼu. Yihowaa kan sodaannu yoo taʼe amala hamaa salphisnee akka hin ilaalle of eegganna. w23.06 20 key. 1-2; 21 key. 5

Sanbadduraa, Hagayya 9

Namni kam iyyuu ana duukaa buʼuu yoo barbaade of haa ganu; guyyaa guyyaadhaan muka dhiphinaa isaa baatees yeroo hunda ana duukaa haa buʼu.—Luq. 9:23.

Tarii miseensonni maatii kee si mormaa jiru taʼa, yookiinimmoo Mootummichaaf dursa kennuuf jecha qabeenya tokko tokko aarsaa gooteetta taʼa. (Mat. 6:33) Taanaan, Yihowaan hojii amantiidhaan hojjette akka arge mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. (Ibr. 6:10) Yaanni Yesuus dubbate kun dhugaa taʼuusaa jireenya kee keessatti argiteetta taʼa: “Namni anaa fi misiraachichaaf jedhee, mana yookiin obboloota yookiin obboleettota yookiin haadha yookiin abbaa yookiin ijoollee yookiin maasii dhiise, yeroo ammaatti ariʼatamaa wajjin manneen, obboloota, obboleettota, haadholii, ijoollee fi maasii dachaa 100, sirna dhufu keessatti immoo jireenya bara baraa kan hin arganne hin jiru.” (Mar. 10:29, 30) Dhugumayyuu, eebbi argatte aarsaa kaffalte kamirrayyuu kan caaludha.—Far. 37:4. w24.03 9 key. 5

Dilbata, Hagayya 10

Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa, inni obboleessa yeroo dhiphinaatiif dhalate dha.—Fak. 17:17.

Yeroo beelli guddaan Kiristiyaanota Yihudaa keessa jiraatan mudatetti obboloonni Anxokiyaa ishii Sooriyaatti argamtu keessa jiraatan “obboloota Yihudaa keessa jiraataniif gargaarsa erguuf jecha tokkoon tokkoon isaanii hamma humna isaanii buusii gochuuf murteessan.” (HoE. 11:27-30) Obboloonni kun obboloonni beela kanaan miidhaman isaanirraa fagaatanii kan jiran taʼus isaan gargaaruuf kutatanii turan. (1 Yoh. 3:17, 18) Nutis yeroo harʼaatti obboloonni keenya balaa tokkoon miidhaan akka isaanirra gaʼe yeroo dhageenyu gara laafina isaanitti argisiisuu dandeenya. Gargaarsa gochuu akka barbaannu jaarsolii beeksisuudhaan, hojii addunyaa maraatiif buusii gochuudhaan ykn obboloota balaa sanaan miidhamaniif kadhachuudhaan dafnee tarkaanfii fudhanna. Obboloonnii fi obboleettonni keenya wantoota buʼuuraa argachuuf gargaarsi isaan barbaachisuu dandaʼa. Mootiin keenya Kiristoos Yesuus murtii kennuuf yeroo dhufu gara laafina yeroo argisiisnu akka nu arguu fi ‘Mootummicha dhaalaa’ jedhee akka nu affeeru barbaanna.—Mat. 25:34-40. w23.07 4 key. 9-10; 6 key. 12

Wiixata, Hagayya 11

Yaada ofiitti kan hin cichine taʼuun keessan namoota hundumaa biratti kan beekame haa taʼu.—Filp. 4:5.

Yesuus fakkeenya Yihowaa hordofuudhaan yaada ofiitti akka hin cichine argisiiseera. Gara lafaatti kan ergame “hoolota mana Israaʼel keessaa badaniif” akka lallabuuf ture. Hojii isaaf kenname yeroo raawwatutti garuu yaada isaatti akka hin cichine argisiiseera. Yeroo tokko dubartiin lammii Israaʼel hin taane takka intala ishii “jinniidhaan qabamtee akka malee dhiphachaa” jirtu akka fayyisu isa kadhattee turte. Yesuusis gara laafinaan kakaʼee intala dubartii sanaa fayyiseera. (Mat. 15:21-28) Mee fakkeenya kan biraas haa ilaallu. Yesuus tajaajila isaa yeroo jalqabetti, ‘Nama na ganu kamiyyuu anis nan gana’ jedhee ture. (Mat. 10:33) Haa taʼu malee, Pheexiros isa siʼa sadi isa gane ganeeraa? Lakki. Yesuus Pheexiros wanta godhetti gaabbuu isaa fi nama amantii qabu taʼuu isaa hubatee ture. Yesuus erga duʼaa kaafamee booda Pheexirositti mulʼatee dhiifama akka isaaf godhee fi akka isa jaallatu isaaf mirkaneesseera. (Luq. 24:33, 34) Yihowaa fi Yesuus Kiristoos sababa qabeeyyiidha. Nutoo? Yihowaan nutis sababa qabeeyyii akka taanu barbaada. w23.07 21 key. 6-7

Kibxata, Hagayya 12

Duutis kana booda hin jiraatu.—Mul. 21:4.

Abdiin kun dhuguma akka raawwatamu namootaaf ragaa akkamii dhiheessuu dandeenya? Tokkoffaa, waadaa kana kan gale Yihowaadha. Kitaabni Mulʼataa akkana jedha: “Inni teessoo irra taaʼe sunis, ‘Kunoo, ani wantoota hundumaa haaraa gochaan jira’ jedhe.” Yihowaan ogummaa, humnaa fi fedhii waadaa gale raawwachuuf isa dandeessisu qaba. Lammaffaa, Yihowaan waadaan gale akka raawwatamu baayʼee mirkanaaʼaa waan taʼeef akkuma waan raawwatameetti dubbateera. ‘Jechoonni kun amanamoo fi dhugaa dha, raawwatamaniiru!’ kan jedhe kanaafi. Sadaffaa, Yihowaan wanta jalqabe fiixaan akka hin baasne wanti isa dhoowwuu dandaʼu hin jiru. ‘Ani Alfaa fi Omeegaadha’ kan jedhe kanaafi. (Mul. 21:6) Yihowaan, Seexanni sobduu akka taʼee fi kaayyoo isaa gufachiisuu akka hin dandeenye ni argisiisa. Kanaafuu, namni tokko, “Kun wanta matumaa taʼuu hin dandeenyedha” yoo jedhe Mulʼata 21:6 dubbisuudhaan Yihowaan waadaa gale kana akka raawwatu akkuma waan mallattoo isaatiin mirkaneesseetti akkamitti akka mirkaneesse ibsiif.—Isa. 65:16. w23.11 7 key. 18-19

Roobii, Hagayya 13

Ani saba guddaa sin godha.—Uma. 12:2.

Yihowaan waadaa kana Abrahaamiif kan gale utuu inni mucaa hin godhatin, yeroo umuriin isaa waggaa 75 turetti. Maarree, Abrahaam waadaan kun yeroo raawwatamu argeeraa? Guutummaatti yeroo raawwatamu hin argine. Abrahaam laga Efraaxis ceʼee waggaa 25 booda ilmi isaa Yisihaaq dinqiidhaan yeroo dhalatu argeera; achiis waggaa 60 booda ijoolleen Yisihaaq Yaaqoobii fi Esaawu yeroo dhalatan argeera. (Ibr. 6:15) Taʼus, Abrahaam sanyiin isaa saba guddaa yeroo taʼuu fi Biyyattii Abdachiifamte yeroo dhaalu hin argine. Haa taʼu malee, namni amanamaan kun Uumaa isaa wajjin michummaa cimaa qabaachuu dandaʼeera. (Yaq. 2:23) Abrahaam duʼaa kaʼee amantii fi obsi isaa saboota hundumaaf eebba akka argamsiise yeroo beeku baayʼee gammada. (Uma. 22:18) Kanarraa maal baranna? Waadaan Yihowaan gale hundi yeroo raawwatamu dhuunfaatti arguu dhiisuu dandeenya. Akkuma Abrahaam yoo obsine garuu Yihowaan yeroo ammaatti, caalaattimmoo addunyaa haaraa waadaa gale keessatti akka nu badhaasu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.—Mar. 10:29, 30. w23.08 24 key. 14

Kamisa, Hagayya 14

Yeroo inni Yihowaa barbaaddachaa turettis Waaqni dhugaan badhaadhina isaaf ni kenne.—2 Sen. 26:5.

Ooziyaa Mootichi ijoollummaa isaatti nama gad of qabu ture. ‘Waaqa dhugaa sodaachuu’ akka qabus barateera. Umurii isaa waggaa 68 keessaa harka caalaa isaa eebba Yihowaa argatee jiraateera. (2 Sen 26:1-4) Ooziyaan diinota Israaʼel hedduu injifateera; Yerusaalemis eegumsa cimaa akka qabaattu godheera. (2 Sen. 26:6-15) Ooziyaan wanta Waaqayyo akka raawwatu isa gargaare hundumaatti akka gammade ifadha. (Lal. 3:12 13) Ooziyaa Mootichi yeroo baayʼee warri kaan qajeelfama isaa akka hordofan ajajaa tureera. Tarii kun wanta barbaade hunda gochuu akka dandaʼu akka isatti dhagaʼamu godhee taʼuu dandaʼa. Gaaf tokko Ooziyaan of tuulummaadhaan gara mana qulqullummaa Yihowaa seenee iddoo aarsaarratti ixaana aarsuuf yaale; taʼus mootonni kana akka godhan isaaniif hin heyyamamu ture. (2 Sen. 26:16-18) Azaariyaan inni luba olaanaa taʼe isa dhorkuuf kan yaale taʼus, Ooziyaan garuu baayʼee aare. Kan nama gaddisiisu Ooziyaan amanamaa taʼee itti hin fufne; kanaan kan kaʼes Yihowaan dhukkuba Nadaayiitiin isa adabe. (2 Sen. 26:19-21) Gad of qabee itti fufeera utuu taʼee jireenyi isaa kanarraa baayʼee adda taʼa ture. w23.09 10 key. 9-10

Jimaata, Hagayya 15

Warra dhaqna qabatan sodaatee . . . isaan irraa adda of baase.—Gal. 2:12.

Pheexiros Kiristiyaana dibamaa erga taʼee boodallee dadhabina isaa wajjin waldhaansoo gochuun isa barbaachiseera. Dhaloota Kiristoos Booda bara 36​tti Waaqayyo Pheexirosiin gara Qorneelewos isa Yihudii hin taanetti ergee ture. Yeroo sanatti Waaqayyo Qorneelewosiin hafuura qulqulluudhaan dibe; kunis “Waaqayyo akka hin loogne” akkasumas namoonni Yihudoota hin taanes kutaa gumii Kiristiyaanaa taʼuu akka dandaʼan ifa godheera. (HoE. 10:34, 44, 45) Pheexiros sana dura akkas godhee kan hin beekne taʼus amma namoota Yihudoota hin taane wajjin nyaata nyaachuuf bilisummaan isatti dhagaʼameera. Yihudoonni Kiristiyaanota taʼan tokko tokko garuu Yihudoonnii fi namoonni Yihudoota hin taane waliin nyaachuu akka hin qabne isaanitti dhagaʼama ture. Kiristiyaanonni ilaalcha akkasii qaban tokko tokko yeroo Anxokiyaadhaa dhufanitti Pheexiros obboloota isaa Yihudoota hin taane wajjin nyaachuu ni dhiise; akkas kan godhe obboloota isaa Yihudoota taʼan akka hin mufachiisne sodaatee taʼuu hin oolu. Phaawulos ergamaan wanta Pheexiros godhe kana yeroo argu namoota duratti isa ifate. (Gal. 2:13 14) Pheexiros dogoggora akkasii kan raawwate taʼus abdii hin kutanne. w23.09 22 key. 8

Sanbadduraa, Hagayya 16

[Inni] hundee jabaa irra isin dhaaba.—1 Phe. 5:10.

Haqaan yeroo of qortu dadhabina qabdu tokko tokko hubatteetta taʼa; garuu abdii hin kutatin. Gooftaan gaarii waan taʼeef fooyyaʼiinsa akka gootu si gargaara. (1 Phe. 2:3) Pheexiros, “Waaqayyo . . . leenjii keessan ni xumura” jedheera. Pheexiros yeroo tokko Ilma Waaqayyoo wajjin taʼuuf gaʼumsa akka hin qabne isatti dhagaʼamee ture. (Luq. 5:8) Haa taʼu malee, gargaarsa Yihowaa fi Yesuus jaalalaan kakaʼanii isaaf godhaniin Kiristoos duukaa buʼuu isaa itti fufeera. Kanaan kan kaʼes Pheexiros “gara Mootummaa bara baraa isa kan Gooftaa keenyaa fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoositti galuu” dandaʼeera. (2 Phe. 1:11) Kun mirga dinqisiisaadha. Atis akkuma Pheexiros abdii yoo kutachuu baattee fi Yihowaan akka si leenjisu yoo heyyamte badhaasa jireenya barabaraa ni argatta. ‘Amantiin kee fayyina siif argamsiisa.’—1 Phe. 1: 9. w23.09 31 key. 16-17

Dilbata, Hagayya 17

Isa samii, lafa, . . . uume sana waaqeffadhaa.—Mul. 14:7.

Godoo qulqulluun mooraa tokko qaba ture; mooraa kana keessatti luboonni hojii garaa garaa hojjetu turan. Iddoon aarsaa sibiila diimaarraa hojjetame mooraa kana keessa jira ture; miʼi bishaanii sibiila diimaarraa hojjetames achitti argama ture, luboonni tajaajila qulqulluu dhiheessuu jalqabuu isaanii dura of qulqulleessuuf bishaan kanatti fayyadamu turan. (Bau. 30:17-20; 40:6-8) Yeroo harʼaa dibamtoonni mooraa keessaa mana qulqullummaa hafuuraa keessatti amanamummaadhaan tajaajilu. Mooraa sana keessa miʼi bishaanii guddaan jiraachuun isaa isaan dabalatee Kiristiyaanonni hundi karaa naamusaa fi karaa hafuuraa qulqulluu taʼuu akka qaban isaan yaadachiisa. “Tuutni uummataa guddaan” waaqeffannaa isaanii kan dhiheessan eessatti? Yohaannis ergamaan “teessicha . . . dura dhaabbatanii . . . halkanii fi guyyaa mana qulqullummaa [Waaqayyoo] keessatti tajaajila qulqulluu isaaf dhiheessaa” akka jiran argeera. “Tuutni uummataa guddaan” kana kan godhan lafarratti, mooraa alaa mana qulqullummaa hafuuraa keessattidha. (Mul. 7:9, 13-15) Qophii Yihowaan waaqeffannaa qulqulluutiif godhe keessatti isa waaqeffachuuf mirga argachuu keenya baayʼee dinqisiifanna! w23.10 28 key. 15-16

Wiixata, Hagayya 18

Amantii isaatti jabaate . . . waadaa Waaqayyo isaaf [galeen kan kaʼe].—Rom. 4:20.

Yihowaan jaarsoliitti fayyadamees humna nuu kenna. (Isa. 32:1, 2) Kanaafuu, yeroo dhiphattu wanta si yaaddessu jaarsoliitti himi. Gargaarsa isaanii fudhachuurraa duubatti hin jedhin. Yihowaan isaanitti fayyadamee si jabeessuu dandaʼa. Mootummaa samii keessatti jireenya argachuu ykn bara baraaf lafarra jiraachuu abdiin keenya inni Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼe humna nuuf kenna. (Rom. 4:3, 18-, 19) Abdiin keenya qorumsa dandamachuuf, misiraachicha lallabuu fi itti gaafatamummaa gumii keessatti qabnu baʼuuf humna nuu kenna. (1 Tas. 1:3) Abdiin kun Phaawulos ergamaadhaaf jabina kenneera. Phaawulos ‘gad dhiibameera, burjaajaʼeera, ariʼatameera, akkasumas rukutamee kufeera.’ Lubbuun isaallee balaadhaaf saaxilamee beeka. (2 Qor. 4:8-10) Phaawulos abdii isaarratti xiyyeeffachuudhaan jabina dandamachuuf isa gargaaru argateera. (2 Qor. 4:16-18) Phaawulos abdii bara baraaf samiirra jiraachuuf qaburratti xiyyeeffateera. Abdii kanarratti xiinxaluu isaatiin kan kaʼes ‘guyyaa guyyaadhaan haareffamaa akka deeme’ isatti dhagaʼameera. w23.10 15-16 key. 14-17

Kibxata, Hagayya 19

Yihowaan saba isaatiif jabina kenna. Yihowaan saba isaa nagaadhaan eebbisa.—Far. 29:11.

Yommuu kadhattan Yihowaan kadhannaa keessaniif deebii kennuuf yeroo sirrii taʼuu fi dhiisuusaa hubadhaa. Kadhannaa keenyaaf yeruma sana deebii argachuun akka nu barbaachisu nutti dhagaʼama taʼa. Haa taʼu malee, Yihowaan yeroo sirrii gargaarsi isaa itti nu barbaachisu beeka. (Ibr. 4:16) Tarii wanta kadhannaa keenyarratti gaafanne yeruma sana yoo argachuu baanne, Yihowaan kadhannaa keenyaaf deebii akka hin kennine nutti dhagaʼama taʼa. Haa taʼu malee, kadhannaa keenyaaf deebii kan kennu yeroo booda taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, obboleessi dargaggeessi tokko dhukkubasaarraa fayyuuf kadhatee ture. Yihowaan garuu, dhukkuba isaarraa isa hin fayyisne. Yihowaan dinqiidhaan yoo isa fayyise, Seexanni obboleessi sun Yihowaa tajaajiluu isaa kan itti fufe waan inni isa fayyiseef akka taʼe dubbachuudhaan falmii kaasuu dandaʼa. (Iyo. 1:9-11; 2:4) Kana malees, Yihowaan yeroo dhukkuba hundumaa itti balleessu murteesseera. (Isa. 33:24; Mul. 21:3, 4) Hamma yeroon sun gaʼutti dinqiidhaan akka nu fayyisu eeguu hin dandeenyu. Kanaafuu, obboleessi sun dhukkuba isaa dandamatee amanamummaadhaan isa tajaajiluu isaa akka itti fufuuf, ciminaa fi nagaa sammuu akka isaaf kennu Yihowaa kadhachuu dandaʼa. w23.11 24 key. 13

Roobii, Hagayya 20

Inni akka cubbuu keenyaatti nu irratti hin raawwanne, akka balleessaa keenyaattis nuuf hin deebisne.—Far. 103:10.

Saamson dogoggora cimaa raawwatee kan ture taʼus abdii hin kutanne. Filisxeemota waraanuudhaan itti gaafatamummaa Yihowaan isaaf kenne raawwachuuf carraa barbaaddateera. (Abo 16:28-30) Saamson, “Filisxeemota haaloo akkan baʼuuf maaloo . . . na jabeessi” jechuudhaan cimsee Yihowaa kadhate. Waaqni dhugaanis dinqiidhaan jabina isaaf kennuudhaan kadhannaa isaatiif deebii kenneera. Saamson yeroo kamiyyuu caalaa yeroo kanatti milkaaʼina guddaa argateera. Saamson dogoggora raawwateen kan kaʼe miidhaa guddaan isarra gaʼus, fedhii Yihowaa raawwachuuf carraaqqii gochuurraa duubatti hin jenne. Dogoggora raawwanneen kan kaʼe adabbiin kan nuuf kenname ykn mirga tokko kan dhabne taʼus. abdii kutachuu hin qabnu. Kanaa mannaa, Yihowaan abdii akka nutti hin kutanne yaadachuu qabna. (Far. 103:8-9) Dogoggora kan raawwannu taʼus, Yihowaan akkuma Saamsonitti fayyadame nuttis fayyadamuu dandaʼa. w23.09 6 key. 15-16

Kamisa, Hagayya 21

Jabaatanii dhaabbachuun immoo ejjennoo fudhatama qabu argamsiisa; ejjennoon fudhatama qabu immoo abdii argamsiisa.—Rom. 5:4.

Jabaattee dhaabbachuun kee Yihowaa biratti fudhatama siif argamsiisa. Haa taʼu malee, Yihowaan yeroo qorumsi ykn rakkinni sirra gaʼu ni gammada jechuu miti. Waaqayyo kan gammadu sittidha. Jabaattee dhaabbachuun kee ejjennoo fudhatama qabu siif argamsiisa. Kun eebba ajaaʼibsiisaadha! (Far. 5:12) Abrahaam qorumsa keessatti jabaatee dhaabbachuun isaa Waaqayyo biratti fudhatama akka isaaf argamsiise yaadadhu. Yihowaan akka michuu isaattii fi nama qajeelaa akka taʼetti isa ilaaleera. (Uma. 15:6; Rom. 4:13, 22) Nuufis ilaalchuma akkasii qabaachuu dandaʼa. Waaqayyo biratti fudhatama argachuun keenya hojii tajaajila isaa keessatti raawwannerratti ykn mirgoota argannerratti kan hundaaʼe miti. Isa duratti fudhatama kan nuuf argamsiisu amanamummaadhaan jabaannee dhaabbachuu keenyadha. Umuriin irratti argamnu, haalli keenya ykn dandeettiin keenya kan akkamiiyyuu yoo taʼe hundi keenyayyuu jabaannee dhaabbachuu ni dandeenya. Yeroo ammaatti qorumsa tokko keessatti amanamummaadhaan jabaattee dhaabbachaa jirtaa? Taanaan, Yihowaa biratti fudhatama akka qabdu yaadadhu. Waaqayyo biratti fudhatama akka qabnu beekuun keenya abdii keenya nuuf cimsa. w23.12 11 key. 13-14

Jimaata, Hagayya 22

Dhiira taʼi.—1 Mot. 2:2.

Kiristiyaanni tokko warra kaan wajjin akka gaariitti walii galuu barachuu qaba. Namni warra kaan wajjin akka gaariitti walii galu yeroo namoonni kaan dubbatan sirriitti dhaggeeffata, yaadaa fi miira isaaniis ni hubata. (Fak. 20:5) Ergaa sagaleen isaanii, fuulli isaanii fi sochiin qaamaa isaanii dabarsu ni hubata. Wantoota kana barachuu kan dandeessan garuu namoota wajjin yeroo kan dabarsitan yoo taʼe qofadha. Namoota wajjin haasaʼuuf yeroo hunda iimeelii fi ergaa gabaabaatti kan fayyadamtan yoo taʼe, kun qaamaan warra kaan wajjin haasaʼuun akka isinitti ulfaatu gochuu dandaʼa. Kanaafuu, warra kaan wajjin qaamaan haasaʼuuf carraa barbaadaa. (2 Yoh. 12) Obboleessi bilchina qabu tokko ofis taʼe maatii isaa deggeruu qaba. (1 Ximotewos 5:8) Dandeettii hojii argachuuf isin gargaaru barachuun keessan gaariidha. (HoE. 18:2, 3; 20:34; Efe. 4:28) Jabaattee hojjechuu fi wanta jalqabde hojjettee xumuruudhaan maqaa gaarii qabaadhu. Akkas yoo goote, hojii argachuu fi hojii keerra turuun siif salphata. w23.12 27 key. 12-13

Sanbadduraa, Hagayya 23

Guyyaan Yihowaa akkuma hattuun halkaniin dhufutti [dhufa].—1 Tas. 5:2.

Kitaaba Qulqulluu keessatti yaanni ‘guyyaa Yihowaa’ jedhu yeroo itti Yihowaan diinota isaarratti murtii dabarsuu fi saba isaatiif fayyina argamsiisu argisiisa. Yihowaan bara duriitti saboota tokko tokkorratti murtii dabarseera. (Isa. 13:1, 6; His. 13:5; Sef. 1:8) Bara keenyatti “guyyaan Yihowaa” haleellaa Baabilon Guddittiirratti banamuun jalqaba, achiis waraana Armaagedooniin xumurama. “Guyyaa” sanarraa ooluuf amma qophaaʼuu qabna. Yesuus ‘rakkina guddaa’ ‘qophaaʼoo taanee eeguu’ akka qabnu dubbateera; kunis wanta itti fufiinsa qabu argisiisa. (Mat. 24:21; Luq. 12:40) Phaawulos ergamaan xalayaa jalqabaa warra Tasalonqeetiif barreesserratti guyyaa guddaa Yihowaan murtii itti dabarsu qophaaʼoo taʼanii akka eeganiif Kiristiyaanota gargaaruuf jecha fakkeenyota garaa garaatti fayyadameera. Phaawulos guyyaan Yihowaa yeroo sanatti akka hin dhufne beeka ture. (2 Tas. 2:1-3) Taʼus, akkuma waan guyyaan sun boru dhufutti guyyichaaf akka qophaaʼan obboloota isaa jajjabeesseera; nutis gorsa isaa hojiirra oolchuu dandeenya. w23.06 8 key. 1-2

Dilbata, Hagayya 24

Obboloota jaallatamo, . . . jabaadhaa dhaabbadhaa.—1 Qor. 15:58.

Dhuma bara 1970​niitti gamoon abbaa darbii 60 baayʼee dheeraa taʼe tokko Tookiyoo, Jaappaan keessatti ijaaramee ture. Namoonni gamoon kun kirkira lafaa magaalattii keessatti irra deddeebiʼee mudatu dandamachuu kan dandaʼu akkamitti akka taʼe gaaffii isaanitti taʼee ture. Iccitiin isaa maalidha? Injinaroonni gamoon kun yeroo kirkirri lafaa mudatu utuu hin jigin hamma tokko jalʼachuu akka dandaʼu godhanii ijaaran. Kanaafuu, gamoon baayʼee dheeraa taʼe kun yeroo kirkirri lafaa kaʼu utuu hin jigin hamma tokko sochoʼuu dandaʼa jechuudha. Kiristiyaanonnis akkuma gamoo kanaati. Karaa kamiin? Kiristiyaanni tokko ejjennoo cimaa qabaachuu fi akka haala isaatti sirreeffama gochuu ilaalchisee madaallii isaa eeguu qaba. Seerotaa fi ulaagaalee Yihowaa eeguu wajjin haala wal qabateen cimaa fi kan hin sochoone taʼuu qaba. Yeroo akkasiitti “ajajamuuf kan qophaaʼe” taʼa, ejjennoo isaas hin laaffisu. Karaa kan biraatiinimmoo, yeroo haalli isaa isaaf heyyamutti ykn yeroo akkas gochuun isa barbaachisutti “yaada ofiitti kan hin cichine” ykn akka haala isaatti jijjiirama kan godhu taʼuu qaba. (Yaq. 3:17) Kiristiyaanni ilaalcha madaalamaa akkasii qabaachuu barate ejjennoo isaatti garmalee hin cichu, garmalees ejjennoo isaa hin jijijjiiru. w23.07 14 key. 1-2

Wiixata, Hagayya 25

Matumaa isa argitanii kan hin beekne taʼus isa ni jaallattu.—1 Phe. 1:8

Yesuus qorumsa Seexanni isarraan geessise dandamachuun isa barbaachiseera; Seexanni kallattiidhaan amanamummaa isaa akka laaffisu gochuufillee yaalee ture. (Mat. 4:1-11) Seexanni Yesuus cubbuu akka raawwatu gochuuf kutatee ture; Yesuus utuu cubbuu raawwateera taʼee, furicha kaffaluu hin dandaʼu ture. Yesuus yeroo lafarratti tajaajilaa turetti qorumsi kan biraanis isa mudateera. Diinonni isaa ariʼatama isarraan geessisaa turan, akka isa ajjeesanis isa sossodaachisu turan. (Luq. 4:28, 29; 13:31) Dadhabina duuka buutota isaa dandamachuun isa barbaachisee ture. (Mar. 9:33, 34) Murtii duʼaa isarratti dabarsuuf yeroo isa qoraa turanitti isa dararaniiru, akkasumas isatti qoosaniiru. Achiis karaa baayʼee nama dhiphisuu fi nama salphisuun fannifamee ajjeefame. (Ibr. 12:1-3) Qorumsa isarra gaʼe isa dhumaa eegumsa Yihowaa utuu hin argatin ofuma isaatiin dandamachuu qaba ture. (Mat. 27:46) Ifatti akka hubannutti Yesuus furicha dhiheessuuf jecha aarsaa guddaa kaffaleera. Yesuus nuuf jedhee aarsaa hammanaa kaffaluuf fedhii qabaachuusaa yeroo yaannu jaalalli isaaf qabnu caalaatti hin guddatuu? w24.01 10-11 key. 7-9

Kibxata, Hagayya 26

Warri jarjaran hundi garuu gara hiyyummaatti deemu.—Fak. 21:5.

Obsa qabaachuun walitti dhufeenya namoota wajjin qabnurrattis nu gargaara. Warri kaan yeroo dubbatan xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachuuf nu gargaara. (Yaq. 1:19) Obsi namoota wajjin nagaadhaan jiraachuufis nu gargaara. Yeroo haalli nama dhiphisu nu mudatu ariifannee tarkaanfii akka hin fudhannee fi wanta gaarii hin taane akka hin dubbanne nu eega. Kana malees, obsa yoo qabaanne namni tokko miira keenya yeroo miidhu aariidhaaf suuta jenna. Haaloo baʼuu mannaa, ‘wal dandaʼuu fi tola waliif dhiisuu keenya itti fufna.’ (Qol. 3:12, 13) Obsi murtoo gaarii gochuufis nu gargaara. Ariifachuu ykn miiraan oofamuu mannaa qorannaa gochuu fi filannaa qabnurratti yaaduuf yeroo ramadna. Fakkeenyaaf, hojii barbaadaa jirra yoo taʼe affeerraa jalqabarratti nuuf dhihaatu fudhachuuf qoramuu dandeenya. Obsa yoo qabaanne garuu, hojichi maatii keenyarrattis taʼe jireenya hafuuraa keenyarratti dhiibbaa akkamii akka godhu yeroo fudhannee irratti yaanna. Obsa yoo qabaanne murtoo gadhee gochuurraa of eegna. w23.08 22 key. 8-9

Roobii, Hagayya 27

Qaama koo keessa garuu seerri kan biraan, seera sammuu koo wajjin wal loluu fi seera cubbuu isa qaama koo keessa jiruuf akkan boojiʼamu godhu akka jiru nan hubadha.—Rom. 7:23.

Fedhii dogoggoraa wajjin walʼaansoo gochuun waan si barbaachisuuf abdii kutatta yoo taʼe waadaa yeroo Yihowaadhaaf of murteessitetti galterratti yaaduun kee fedhii dogoggoraa injifachuuf walʼaansoo gochuu kee itti fufuuf si gargaara. Akkamitti? Yeroo Yihowaadhaaf of murteessitu of ganta. Kana jechuun fedhii fi galma Yihowaa hin gammachiisnerraa ni fagaatta jechuudha. (Mat. 16:24) Kanaafuu, yeroo qorumsi si mudatu wanta gootu hin wallaaltu. Maal akka gootu dursitee murteessiteetta; eeyyee, Yihowaadhaaf amanamaa taatee itti fufta. Yihowaa gammachiisuuf kutatta. Karaa kanaan fakkeenya Iyyoob hordofta. Iyyoob qorumsi baayʼee ulfaataa taʼe yeroo isarra gaʼetti kutannoodhaan, “Amanamummaa koo hin dhiisu!” jedheera.—Iyo. 27:5. w24.03 9 key. 6-7

Kamisa, Hagayya 28

Yihowaan warra isa waammatan hundumaatti warra dhugaadhaan isa waammatan hundumaatti dhihoo dha.—Far. 145:18.

Yihowaan inni ‘Waaqa jaalalaa’ taʼe nu wajjin jira. (2 Qor. 13:11) Inni dhuunfaatti xiyyeeffannaa nuuf kenna. ‘Jaalala isaa isa amanamaadhaan akka marfamne’ mirkanaaʼoo taaneerra. (Far. 32:10) Jaalala inni nutti argisiiserratti caalaatti yeroo xiinxallu, caalaatti nuuf dhugooma, akkasumas caalaatti isatti dhihaanna. Bilisummaadhaan isatti dhihaannee jaalalli isaa hammam akka nu barbaachisu itti himuu dandeenya. Akka nu hubatuu fi nu gargaaruuf fedhii guddaa akka qabu waan beeknuuf, wanta nu yaaddessu hundumaa isatti himuu dandeenya. (Far. 145:19) Akkuma guyyaa qorraatti ibidda hoʼutti siqnee taaʼuu barbaannu, jaalalli Yihowaas akka isatti dhihaannu nu kakaasa. Jaalalli Yihowaa humna guddaa kan qabu taʼus gara laafina isaas kan calaqqisiisudha. Yihowaan waan si jaallatuuf gammadi. Kanaafuu, hundi keenya, “Yihowaa nan jaalladha” jechuudhaan jaalala isaatiif deebii haa kenninu!—Far. 116:1. w24.01 31 key. 19-20

Jimaata, Hagayya 29

Maqaa kee isaanitti beeksiseera.—Yoh. 17:26.

Yesuus maqaan Waaqayyoo Yihowaa akka taʼe namootatti himuu caalaa wanta godhe qaba. Namoonni inni barsiisaa ture sana durayyuu maqaa Waaqayyoo beeku turan. Taʼus, Yesuus waaʼee Yihowaa ibsuurratti fakkeenya guddaa nuu taʼeera. (Yoh. 1:17, 18) Fakkeenyaaf, Kitaabonni Qulqulluun Afaan Ibrootaa Yihowaan Waaqa araara qabeessaa fi gara laafessa akka taʼe ni dubbatu. (Bau. 34:5-7) Yesuus fakkeenya waaʼee ilma badee fi abbaasaa dubbaterratti dhugaa kana caalaatti ifa godheera. Waaʼee abbaa mucaan isaa inni yaada geeddarate ‘utuma fagoo jiruu argee’ isatti fiiguudhaan isa hammatee fi garaadhaa dhiifama isaaf godhee yeroo dubbisnu Yihowaan araara qabeessaa fi gara laafessa akka taʼe sirriitti hubanna. (Luq. 15:11-32) Dhugumayyuu Yesuus eenyummaa Abbaasaa sirriitti ibseera. w24.02 10 key. 8-9

Sanbadduraa, Hagayya 30

Jajjabina [Yihowaa] irraa argamuun warra [kaan jajjabeessaa].—2 Qor. 1:4.

Yihowaanis namoota dhiphatan ni haaromsa, akkasumas ni jajjabeessa. Fakkeenya Yihowaa hordofuudhaan warra kaaniif garaa laafuu fi isaan jajjabeessuu kan dandeenyu akkamitti? Karaan kana gochuu itti dandeenyu tokko amaloota gara laafina qabaachuu fi warra kaan jajjabeessuuf nu kakaasan horachuudha. Amaloota kana keessaa tokko tokko kamfaʼi? Jaalala guyyaa guyyaadhaan ‘wal jajjabeessuu keenya itti fufuuf’ nu barbaachisu horachuuf maaltu nu gargaara? Amaloota kanneen akka miira warra kaanii hubachuu, jaalala obbolummaa fi gaarummaa jiran horachuu qabna. (Qolosaayis 3:12; 1 Pheexiros 3:8) Amaloonni kun kan nu gargaaran akkamitti? Gara laafinnii fi amaloonni kanaa wajjin wal qabatan kutaa eenyummaa keenyaa yommuu taʼan warra dhiphina keessa jiran jajjabeessuuf kakaana. Akkuma Yesuus jedhe, “afaan wanta garaa keessa guute dubbata. Namni gaariin wanta gaarii kuufate keessaa wantoota gaggaarii gad baasa.” (Mat. 12:34, 35) Karaan jaalala obboloota keenyaaf qabnu argisiisuu itti dandeenyu inni guddaan yeroo isaan barbaachisutti isaan jajjabeessuudha. w23.11 10 key. 10-11

Dilbata, Hagayya 31

Warri hubannaa gad fagoo qaban garuu kana ni hubatu.—Dan. 12:10.

Raajii Kitaaba Qulqulluu hubachuuf gargaarsa gaafachuu qabna. Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Bakka hin beekne tokko daawwachaa akka jirtu godhii yaadi; michuun kee si wajjin jiru garuu naannoo sana sirriitti beeka. Eessa akka geessanii fi daandiin hundi garam akka geessu sirriitti beeka. Michuun kee si wajjin jiraachuu isaatti akka gammaddu ifadha. Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaan yeroo akkamii keessa akka jirruu fi gara fuulduraatti maaltu akka nu mudatu beeka. Kanaafuu, raajii Kitaaba Qulqulluu hubachuuf gad of qabnee gargaarsa Yihowaa gaafachuu qabna. (Dan. 2:28; 2 Phe. 1:19, 20) Yihowaan akkuma abbaa gaarii taʼe tokkoo ijoolleen isaa egeree gaarii akka qabaatan barbaada. (Er. 29:11) Haa taʼu malee, Yihowaan namootarraa haala adda taʼeen waaʼee gara fuulduraa raajii dubbachuu ni dandaʼa; wanti inni dubbates guutummaatti ni raawwatama. Taʼeewwan guguddaan raawwatamuu isaanii dura beekuu akka dandeenyuuf, Dubbii isaa keessatti raajiiwwan akka galmeeffaman godheera.—Isa. 46:10. w23.08 8 key. 3-4

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi