Adoolessa
Kibxata, Adoolessa 1
Wanta gaarii hojjechaa fi namoota . . . fayyisaa biyyattii keessa naannaʼe.—HoE. 10:38.
Yesuus dinqiiwwan hojjete dabalatee wantoota dubbatee fi raawwate hunda keessatti ilaalchaa fi miira Abbaa isaa guutummaatti akka calaqqisiise yaadadhu. (Yoh. 14:9) Dinqiiwwan Yesuus raawwaterraa barumsawwan akkamii arganna? Yesuusii fi Abbaan isaa baayʼee nu jaallatu. Yesuus yeroo lafarra turetti humna dinqii raawwachuuf qabu namoota rakkina isaaniirraa boqochiisuuf itti fayyadamuudhaan hammam akka isaan jaallatu argisiiseera. Yeroo tokko namoonni qaro dhabeeyyii taʼan lama akka isaan gargaaru isa kadhatanii turan. (Mat. 20:30-34) Yesuusis “isaaniif gaddee” akka isaan fayyise hubadhu. Gaaleen Afaan Giriikii asirratti “isaaniif gaddee” jedhamee hiikame, miira gara laafinaa cimaa keessa keenyatti nutti dhagaʼamu argisiisa. Yesuus gara laafina akkasii kan argisiise namootaaf jaalala waan qabuufi. Kunis namoota beelaʼan sooruu fi nama dhukkuba nadaayiitiin qabame tokko fayyisuuf isa kakaaseera. (Mat. 15:32; Mar. 1:41) Waaqa “gara laafina guddaa” kan taʼe Yihowaanii fi Ilmi isaa baayʼee akka nu jaallatanii fi yeroo rakkinni nurra gaʼu akka nuuf gaddan mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Luq. 1:78; 1 Phe. 5:7) Rakkoowwan ilmaan namootaa dararan hundumaa balleessuuf baayʼee akka hawwan homaa hin shakkisiisu. w23.04 3 key. 4-5
Roobii, Adoolessa 2
Isin warri Yihowaa jaallattan, wanta hamaa jibbaa. Inni lubbuu warra isaaf amanamoo taʼanii ni eega;harka hamootaa jalaas isaan ni oolcha.—Fr 97:10.
Tarkaanfii kadhannaa keenya wajjin wal simu fudhachuu qabna. Wantoota yaadawwan dogoggoraa addunyaa Seexanaa keessatti babalʼate argisiisan dubbisuus taʼe dhaggeeffachuurraa fagaachuuf wanta dandeenyu hundumaa gochuu qabna. Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi qoʼachuudhaan sammuu keenya yaadawwan qulqulluu taʼaniin guutuu dandeenya. Walgaʼiirratti argamuu fi tajaajilarratti hirmaachuunis yaada keenya eeggachuuf nu gargaara. Yihowaanis humna keenyaa ol akka qoramnu akka hin heyyamne waadaa nuuf galeera. (1 Qor. 10:12, 13) Hundi keenyayyuu yoomiyyuu caalaa guyyoota dhumaa ulfaatoo taʼan kanatti, Yihowaadhaaf amanamoo taanee itti fufuuf kadhachuun nu barbaachisa. Yihowaan kadhannaadhaan ‘garaa keenya isa duratti akka dhangalaasnu’ barbaada. (Far. 62:8) Wantoota gaggaarii inni raawwate hundumaaf isa jajadhu, akkasumas isa galateeffadhu. Tajaajilarratti ija jabinaan hirmaachuuf akka si gargaaru isa kadhadhu. Rakkinaa fi qorumsa si mudatu kamiyyuu dandamachuuf akka si gargaaru cimsii kadhadhu. Wanti akkamiiyyuu ykn eenyuyyuu yeroo hunda Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu akka si dhoowwu hin heyyamin. w23.05 7 key. 17-18
Kamisa, Adoolessa 3
Xiyyeeffannaa waliif [kennuudhaan] . . . wal haa jajjabeessinu.—Ibr. 10:24, 25.
Walgaʼii gumiirratti kan argamnu maaliifi? Sababiin itti walgaʼiirratti argamnu inni guddaan Yihowaa jajachuufi. (Far. 26:12; 111:1) Sababiin walgaʼiirratti itti argamnu kan biraanimmoo, yeroo rakkisaa taʼe kana keessatti wal jajjabeessuu akka dandeenyuufi. (1 Tas. 5:11) Harka baasnee yeroo yaada kenninu kaayyoo kana lamaanuu galmaan geenya. Taʼus, walgaʼiirratti yaada kennuu wajjin wal qabatee haalawwan rakkisoon nu mudachuu dandaʼu. Tarii yaada kennuun nu dhiphisa taʼa, yookiinimmoo hirmaachuuf fedhii guddaa kan qabnu taʼus, hamma barbaanne carraa hedduun nuuf hin kennamu taʼa. Rakkoowwan kana dandamachuuf maaltu nu gargaara? Phaawulos ergamaan ‘wal jajjabeessuu’ irratti xiyyeeffachuu akka qabnu addeesseera. Yaada salphaa amantii keenya ibsu kennuun keenya qoftillee namoota walgaʼicharratti argaman jajjabeessuu dandaʼa; kana beekuun keenya sodaan nutti dhagaʼamu akka hirʼatu godha. Yaada kennuuf carraa hedduun yoo nuuf kennamuu baatellee, warri gumicha keessa jiran kaan yaada kennuuf carraa argachuu isaaniitti gammaduu ni dandeenya.—1 Phe. 3:8. w23.04 20 key. 1-3
Jimaata, Adoolessa 4
Gara Yerusaalem ol baʼee mana Yihowaa deebisee haa ijaaru.’—Iz. 1:3.
Mootichi labsii ni baase! Yihudoonni gara waggaa 70tiif Baabilon keessatti boojiʼamtoota turan gara biyya isaanii Israaʼelitti akka deebiʼan isaaniif heyyamame. (Iz. 1:2-4) Kun akka taʼu gochuu kan dandaʼu Yihowaa qofadha. Baabilon boojiʼamtoota ishii hin gadhiistu turte. (Isa. 14:4, 17) Haa taʼu malee, Baabilon yeroo kuftu mootiin inni haaraan Yihudoonni biyyattii gadhiisanii deemuu akka dandaʼan isaanitti hime. Yeroo kanatti Yihudoonni hundi keessumaa mataawwan maatii Baabiloniin gadhiisanii deemuu ykn achumatti hafuu keessaa tokko filachuu qabu turan. Kun murtoo salphaa miti. Baayʼeen isaanii waan dulloomaniif imala kana gochuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. Yihudoonni hedduun Baabilonitti waan dhalataniif biyya kan biraa hin beekan. Israaʼel biyya akaakilee isaanii akka taatetti ilaalu. Yihudoonni tokko tokko Baabilon keessatti qabeenya hedduu waan horataniif mana isaanii mijataa taʼe ykn hojii isaanii dhiisanii deemuunii fi biyya hin beekne keessa jiraachuun isaanitti ulfaachuu dandaʼa. w23.05 14 key. 1-2
Sanbadduraa, Adoolessa 5
Qophaaʼoo taʼaa.—Mat. 24:44.
Dubbiin Waaqayyoo amala jabaatanii dhaabbachuu, gara laafinaa fi jaalalaa horachuu keenya akka itti fufnu nu jajjabeessa. Luqaas 21:19, “Jabaattanii dhaabbachuudhaan lubbuu keessan ni oolfattu” jedha. Qolosaayis 3:12, “Gara laafina . . . uffadhaa” jedha. Tasalonqee Tokkoffaa 4:9, 10 immoo akkana jedha: “Isinumti iyyuu wal jaallachuu akka qabdan Waaqayyo irraa [barattaniittu]. Haa taʼu malee, yaa obbolootaa, kana guutummaatti gochuu keessan akka itti fuftan isin gorsina.” Gorsawwan kun kan kennaman namoota amala jabaatanii dhaabbachuu, gara laafinaa fi jaalalaa argisiisaa turaniifi. Taʼus, amaloota kana horachuu itti fufuu qabu turan. Nutis akkasuma gochuu qabna. Kana gochuuf akka si gargaaruuf, mee Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa amaloota kana kan argisiisan akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Achiis fakkeenya isaanii hordofuudhaan rakkina guddaadhaaf qophaaʼuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe ilaalla. Taanaan rakkinni guddaan yeroo jalqabu, akkamitti akka dandamattuu fi dandamachuu kee akka itti fuftu beekuu dandeessa. w23.07 3 key. 4, 8
Dilbata, Adoolessa 6
Daandii guddaan tokkos achitti ni argama, . . . inni Daandii Qulqullummaa ni jedhama.—Isa. 35:8.
Dibamtootas taane “hoolota kan biroo” “Daandii Qulqullummaa” kanarra deemuu keenya itti fufuu qabna; daandiin kun yeroo ammaattis taʼe gara fuulduraatti yeroo Mootummichi eebbawwan dinqisiisoo taʼan fidutti Yihowaa waaqeffachuu keenya itti fufuuf nu gargaara. (Yoh. 10:16) Dhaloota Kiristoos Booda bara 1919 kaasee dhiironni, dubartoonnii fi ijoolleen miliyoonaan lakkaaʼaman Baabilon Guddittii ishii amantaawwan sobaa addunyaarra jiran hunda argisiistu keessaa baʼanii daandii fakkeenyaan ibsame kanarra deemuu jalqabaniiru. Yihowaan Yihudoota Baabilonii baʼan gufuun akka isaan hin mudanne godheera. (Isaayyaas 57:14) “Daandii Qulqullummaa” bara keenya jiru ilaalchiseehoo akkas godheeraa? Yihowaan jaarraawwan hedduu bara 1919 dura turanitti karaa Baabilon Guddittii keessaa itti baʼan akka qulqulleessaniif namoota isa sodaatan garaagaraatti fayyadameera. (Isaayyaas 40:3 wajjin wal bira qabii ilaali.) Namoonni kun yeroo booda namoonni garaa qajeelaa qaban Baabilon Guddittii keessaa baʼanii gara jannata hafuuraa bakka waaqeffannaa qulqulluun deebiʼee hundeeffametti seenuu akka dandaʼaniif daandii hafuuraa kana qopheessaniiru. w23.05 15-16 key. 8-9
Wiixata, Adoolessa 7
Gammachuudhaan Yihowaa tajaajilaa. Ililchuudhaanis isa duratti dhihaadhaa.—Far. 100:2.
Yihowaan gammachuu fi fedhiidhaan akka isa tajaajillu barbaada. (2 Qor. 9:7) Maarree, akkas gochuun nu hin gammachiisu taanaan galma hafuuraa tokkorra gaʼuuf carraaqqii gochuu qabnaa? Mee fakkeenya Phaawulos ergamaa haa ilaallu. “Qaama koo cimsee adabuudhaan akka garbichaatti akka naaf [ajajamun] godha” jedheera. (1 Qor. 9:25-27, milj.) Phaawulos wanta Yihowaan barbaadu gochuuf yeroo fedhii hin qabaannettillee of dirqisiisa ture. Maarree, Yihowaan tajaajila Phaawulos dhiheessetti gammadeeraa? Eeyyee gammadeera. Carraaqqii inni godheefis isa eebbiseera. (2 Xim. 4:7, 8) Nutis yeroo kakaʼumsa hin qabaannettillee galma keenyarra gaʼuuf carraaqqii yeroo goonu Yihowaan baayʼee gammada. Wanta tokko kan raawwannu wanta sana jaallannee taʼuu baatus, jaalala isaaf qabnuun kakaanee akka taʼe waan beekuuf nutti gammada. Yihowaan akkuma Phaawulosiin eebbise carraaqqii goonuuf nu eebbisa. (Far. 126:5) Eebba Yihowaa argachuun keenyammoo kakaʼumsa qabaachuuf nu gargaaruu dandaʼa. w23.05 29 key. 9-10
Kibxata, Adoolessa 8
Guyyaan Yihowaa [dhufaa jira].—1 Tas. 5:2.
Phaawulos ergamaan namoota guyyaa Yihowaarraa hin oolle namoota rafanii jiranitti fakkeesseera. Namoonni kun wanta naannoo isaaniitti raawwatamaa jiru ykn yeroon deemuu isaa hin hubatan. Kanaafuu, yeroo wanti baayʼee barbaachisaa taʼe raawwatamutti hubachuus taʼe deebii kennuu hin dandaʼan. Namoonni yeroo harʼaa jiran hedduun karaa hafuuraa rafaniiru. (Rom. 11:8) Ragaa “guyyoota dhumaa” keessa jiraachaa akka jirruu fi rakkinni guddaan dhiheenyatti akka jalqabu argisiisu hin amanan. (2 Phe. 3:3, 4) Haa taʼu malee, guyyaadhaa gara guyyaatti dammaqoo taanee itti fufuun keenya baayʼee barbaachisaadha. (1 Tas. 5:6) Kanaafuu tasgabbaaʼuu fi jabaannee dhaabbachuu qabna. Maaliifi? Dhimmoota siyaasaa ykn dhimmoota hawaasummaa yeroo harʼaatti babalʼatanii jiran keessa akka hin galleefi. Guyyaan Yihowaa dhihaachaa yeroo dhufu, dhimmoota akkasiirratti garee tokko akka deggerru dhiibbaan nurratti godhamu caalaatti dabalaa deema. Taʼus, ‘Deebii akkamiin kenna laata?’ jennee dhiphachuun nu hin barbaachisu. Hafuurri Waaqayyoo akka tasgabboofnuu fi murtoo ogummaarratti hundaaʼe akka goonu nu gargaara.—Luq. 12:11, 12. w23.06 10 key. 6-7
Roobii, Adoolessa 9
Yaa Yihowaa Gooftaa Ol Aanaa, maaloo, na yaadadhu . . . na jabeessi.—Abo. 16:28.
Maqaa Saamson jedhu yeroo dhageessu maaltu gara sammuu keetti dhufa? Nama jabina adda taʼe qabu akka yaadattu beekamaadha. Saamson nama akkasiiti. Haa taʼu malee Saamson murtoo gaarii hin taanee fi miidhaa isarraan geessisu godheera. Taʼus Yihowaan amanamummaa Saamson argisiiserratti xiyyeeffateera; seenaan isaas faayidaa akka irraa argannuuf Kitaaba Qulqulluu keessatti akka galmeeffamu godheera. Yihowaan saba isaa Israaʼeliin gargaaruuf Saamsonitti fayyadamee wantoota ajaaʼibsiisoo taʼan raawwateera. Saamson duʼee jaarraawwan hedduu booda Yihowaan maqaa isaa maqaa namoota amantii guddaa argisiisanii wajjin akka galmeessu Phaawulos ergamaa kakaaseera. (Ibr. 11:32-34) Fakkeenyi Saamson nu jajjabeessa. Saamson haalawwan rakkisoo taʼan keessattillee Yihowaatti amanameera. Saamsonirraa jajjabina argachuu fi fakkeenya isaa irraa barachuu dandeenya. w23.09 2 key. 1-2
Kamisa, Adoolessa 10
Iyyannoon keessan Waaqayyo biratti akka beekamu godhaa.—Filp. 4:6.
Nutis wantoota nu yaaddessan ilaalchisee irra deddeebinee kadhannaa garaadhaa madde dhiheessuudhaan amala jabaatanii dhaabbachuu horachuu keenya itti fufuu dandeenya. (1 Tas. 5:17) Tarii yeroo ammaatti qorumsi cimaan sirra gaʼaa hin jiru taʼa. Taʼus, yeroo aartu, yeroo burjaajoftu ykn wanta gootu yeroo wallaaltu hundumaatti qajeelfama Yihowaa argachuuf ni kadhattaa? Yeroo ammaatti guyyaa guyyaadhaan rakkinni yeroo si mudatu irra deddeebitee gargaarsa Yihowaa argachuuf kan kadhattu yoo taʼe gara fuulduraatti rakkoowwan guguddaan yeroo si mudatan akkas gochuurraa duubatti hin jettu. Akkas gochuun kee Yihowaan si gargaaruuf yoomii fi akkamitti tarkaanfii akka fudhatu guutummaatti akka beeku mirkanaaʼaa taʼuuf si gargaara. (Far. 27:1, 3) Yeroo ammaatti qorumsa keessatti jabaannee kan dhaabbannu yoo taʼe gara fuulduraatti yeroo rakkinni guddaan dhufu jabaannee dhaabbachuu dandeenya. (Rom. 5:3) Akkas kan jennu maaliifi? Obboloonni baayʼeen qorumsa isaan mudate tokko keessatti jabaatanii dhaabbachuun isaanii qorumsa sana booda isaan mudateef akka isaan qopheesse hubataniiru. Jabaatanii dhaabbachuun isaanii isaan qulqulleesseera; Yihowaan isaan gargaaruuf qophaaʼaa akka taʼee fi fedhii akka qabu amantii qaban isaaniif cimseera. Amantiin isaaniimmoo qorumsa sana booda isaan mudatu keessatti jabaatanii dhaabbachuuf isaan gargaareera.—Yaq. 1:2-4. w23.07 3 key. 7-8
Jimaata, Adoolessa 11
Ani . . . magaalaa jette sana oolchuudhaanis gaarummaa sitti nan argisiisa.—Uma. 19:21.
Yihowaan yaada isaatti akka hin cichine kan isa kakaasu kan gad of qabuu fi gara laafessa taʼuu isaati. Fakkeenyaaf, Yihowaan namoota hamoo Sodoom keessa turan balleessuuf yeroo jedhetti akka gad of qabu argisiiseera. Maleekota isaatti fayyadamee Loox inni nama qajeelaa taʼe gara naannoo gaarotaatti akka baqatu ajajee ture. Loox garuu achi deemuu sodaate. Kanaafuu, innii fi maatiin isaa magaalaa xinnoo Zoʼaar jedhamtuu fi Yihowaan balleessuuf murteessetti akka baqatan akka isaaniif heyyamu kadhate. Yihowaan Loox wanta ajajame akka raawwatu isatti himuu ni dandaʼa ture. Taʼus, magaalattii balleessuu dhiisuudhaan Loox achitti akka baqatu isaaf heyyameera. (Uma. 19:18-22) Jaarraawwan hedduu booda Yihowaan jiraattota Nanawweetti gara laafina argisiiseera. Magaalattiinii fi namoonni hamoon magaalattii keessa jiraatan akka balleeffaman akka isaanitti himu Yoonaasiin ajajee ture. Taʼus, namoonni Nanawwee yaada waan geddarataniif isaaniif gadduudhaan magaalattii balleessuu dhiiseera.—Yon. 3:1, 10; 4:10, 11. w23.07 21 key. 5
Sanbadduraa, Adoolessa 12
[Isaanis Yo’aasiin ni ajjeesan.] iddoowwan awwaalchaa moototaa [keessattis isa hin awwaalle].—2 Sen. 24:25.
Fakkeenya Yoʼaasirraa maal baranna? Yoʼaas akkuma muka hidda gadi hin fageeffannee fi baallaatti hirkatee jiruu ture. Yeroo Yehoyaadaan inni akka baallaatti isa deeggaraa ture duʼettii fi gantoota dhaggeeffachuu jalqabetti kufeera. Fakkeenya kanarraa akka barannutti, Waaqayyoof kan ajajamnu miseensota maatii keenya dabalatee obboloonni gumii keessa jiran akkas akka goonu waan nu jajjabeessaniif qofa taʼuu hin qabu. Karaa hafuuraa cimoo taanee itti fufuuf yeroo hunda qoʼachuu, xiinxaluu fi kadhachuudhaan jaalalaa fi sodaa Yihowaadhaaf qabnu guddifachuu keenya itti fufuu qabna. (Er. 17:7, 8; Qol. 2:6, 7) Yihowaan wanta humna keenyaa ol taʼe nu hin gaafatu. Wanti inni nurraa barbaadu ajaja Lallaba 12:13rratti ibsame akka hojiirra oolchinudha: “Waaqa dhugaa sodaadhu, ajajawwan isaas eegi; kun guutummaa dirqama namaa ti.” Waaqa kan sodaannu yoo taʼe qorumsawwan gara fuulduraatti nu mudatan dandamachuu fi jabaannee dhaabbachuu dandeenya. Wanti kamiyyuu michummaa Yihowaa wajjin qabnu nu jalaa balleessuu hin dandaʼu. w23.06 19 key. 17-19
Dilbata, Adoolessa 13
Kunoo, ani wantoota hundumaa haaraa gochaan jira.—Mul. 21:5.
Waadaan Waaqayyo gale, “Inni teessoo irra taaʼe sunis” jedhee jalqaba. (Mul. 21:5a) Kitaaba Mulʼataa keessatti Yihowaan ofii isaatiin akka dubbate kan ibsame siʼa sadii qofadha; kanaafuu, kun isaan keessaa tokko waan taʼeef addadha. Akkas jechuudhaan kan nuuf mirkaneesse maleekaa humna guddaa qabu ykn Yesuus isa duʼaa kaafame utuu hin taʼin Yihowaadha! Dhugaan kun wanta itti aansuudhaan dubbate guutummaatti amanuu akka dandeenyu nuuf mirkaneessa. Akkas kan jennu maaliifi? Yihowaan ‘sobuu waan hin dandeenyeefi.’ (Tit. 1:2) Kanaafuu, yaada Mulʼata 21:5, 6rratti argamurratti amantii guutuu qabna. Jecha, “Kunoo” jedhu haa qorru. Jechi Afaan Giriikii “kunoo” jedhamee hiikame kitaaba Mulʼataa keessatti yeroo baayʼee ibsameera. Waaqayyo itti aansuudhaan maal jedhe? “Wantoota hundumaa haaraa gochaan jira” jedhe. Dhugaadha, Yihowaan asirratti dubbachaa kan jiru waaʼee jijjiirama gara fuulduraatti dhufuuti; taʼus, waadaan kun akka raawwatamu guutummaatti mirkanaaʼaa waan taʼeef, akkuma waan jijjiiramawwan kun amma taʼaa jiranitti ibseera.—Isa. 46:10. w23.11 3-4 key. 7-8
Wiixata, Adoolessa 14
Gad baʼee hirqinfatee booʼe.—Mat. 26:75.
Pheexiros wantoota isa fayyadan hedduu argaa fi dhagaʼaa kan ture taʼus dadhabina isaa wajjin waldhaansoo gochuun isa barbaachiseera. Mee fakkeenyota muraasa haa ilaallu. Yeroo Yesuus raajiin Kitaaba Qulqulluu akka raawwatamuuf dhiphachuu fi duʼuun akka isa barbaachisu ibsaa turetti Pheexiros cimsee isa gorseera. (Mar. 8:31-33) Pheexirosii fi ergamoonni kaan isaan keessaa eenyu akka caalu irra deddeebiʼanii wal falmaniiru. (Mar. 9:33 34) Pheexiros galgala Yesuus duʼuu isaa dura turetti gurra namicha tokkoo kuteera. (Yoh. 18:10) Galgaluma sana baayʼee waan sodaateef michuu isaa kan taʼe Yesuusiin siʼa sadii ganeera. (Mar. 14:66-72) Kana gochuu isaattis hirqinfatee booʼe. Yesuus ergamaa isaa baayʼee gaddee ture kanatti abdii hin kutanne. Erga duʼaa kaʼee booda carraa jaalala isaaf qabu itti ibsu akka argatu Pheexirosiin gargaareera. Gad of qabee tiksee hoolota isaa taʼee akka tajaajilus isa affeereera. (Yoh. 21:15-17) Pheexiros wanta Yesuus isa gaafate raawwachuuf qophaaʼaa ture. Guyyaa Phenxeqosxeetti Yerusaalem keessa kan ture yeroo taʼu dibamtoota yeroo jalqabaatiif hafuura qulqulluudhaan dibaman keessaa tokko ture. w23.09 22 key. 6-7
Kibxata, Adoolessa 15
Ilmoolee hoolaa koo tiksi.—Yoh. 21:16.
Pheexiros, “Tuuta hoolota Waaqayyoo . . . tiksaa” jechuudhaan obboloota akkumasaa jaarsolii taʼan gorseera. (1 Phe. 5:1-4) Jaarsa yoo taate obbolootaa fi obboleettota kee akka jaallattuu fi isaan kunuunsuu akka barbaaddu beekna. Yeroo tokko tokko garuu hojiin garmalee akka sitti baayʼate ykn baayʼee dadhabuu keetiin kan kaʼe itti gaafatamummaa kana baʼuu akka hin dandeenye sitti dhagaʼama taʼa. Maarree, maal gochuu dandeessa? Wanta si yaaddessu hundumaa Yihowaatti himi. Pheexiros, “Namni tajaajilu yoo jiraate humna Waaqayyo kennutti amanamee haa tajaajilu” jedhee barreesseera. (1 Phe. 4:11) Obboloonnii fi obboleettonni kee rakkoowwan sirna kana keessatti guutummaatti furamuu hin dandeenye wajjin waldhaansoo gochaa jiru taʼa. Taʼus, Yesuus Kiristoos inni ‘dura buutuu tiksitootaa’ taʼe si caalaa isaan gargaaruu akka dandaʼu yaadadhu. Inni yeroo ammaattis taʼe addunyaa haaraa keessatti isaan gargaaruu dandaʼa. Wanti Waaqayyo jaarsoliirraa barbaadu obboloota isaanii akka jaallatan, akka isaan kunuunsanii fi “tuutichaaf fakkeenya” akka taʼan qofadha. w23.09 29-30 key. 13-14
Roobii, Adoolessa 16
Yihowaan yaanni namoota ogeeyyii taʼanii gatii akka hin qabne beeka.—1 Qor. 3:20.
Yaada namaatiin geggeeffamuu hin qabnu. Ilaalcha namoonni seera Yihowaatiif kabaja hin qabne qaban yoo horanne, Yihowaa fi ulaagaalee isaarraa fagaachuun keenya hin oolu. (1 Qorontos 3:19) “Ogummaan addunyaa kanaa” Yihowaadhaaf akka hin ajajamne dhiibbaa nurratti godha. Namoonni karaa naamusaa mancaʼanii fi waaqolii tolfamoo waaqeffatan Kiristiyaanota Phergaamoonii fi Tiyaaxiraa keessa jiraatan muraasarratti dhiibbaa godhanii turan. Yesuus gocha halalummaa calluma jedhanii waan bira darbaniif gumiiwwan kana lamaaniif gorsa cimaa kennee ture. (Mul. 2:14, 20) Yeroo harʼattis, namoonni naannoo keenya jiraatan ilaalcha dogoggoraa akka qabaannu dhiibbaa nurratti godhu. Miseensonni maatii keenyaa fi namoonni beeknu tokko tokko garmalee seera akka cimsinuu fi seera Yihowaatiif ajajamuun akka nu hin barbaachisne nu amansiisuuf yaalu. Fakkeenyaaf, fedhii keenyaaf moʼamuun rakkina akka hin qabnee fi ulaagaaleen naamusaa Kitaaba Qulqulluu yeroon kan itti darbe akka taʼe dubbatu. Yeroo tokko tokko, qajeelfamni Yihowaan nuuf kennu ifa akka hin taane nutti dhagaʼama taʼa. ‘Wantoota barreeffaman irra darbuufillee’ qoramuu dandeenya.—1 Qor. 4:6. w23.07 16 key. 10-11
Kamisa, Adoolessa 17
Michuu dhugaan yeroo hundumaa jaalala argisiisa, inni obboleessa yeroo dhiphinaatiif dhalate dha.—Fak. 17:17.
Maariyaam haati Yesuus jabinni ishii barbaachisee ture. Gabriʼeel itti gaafatamummaa ulfaataa taʼe yeroo ishiidhaaf kennetti hammam dhiphattee akka turte tilmaamuu dandeessa. Maariyaam hin heerumne, garuummoo ulfaaʼuuf jetti. Ijoollee guddistee kan hin beekne taʼus, mucaa yeroo booda Masiihicha taʼu guddisuuf jetti. Maariyaam saalqunnamtii raawwattee kan hin beekne taʼus, akka ulfoofte kaadhimaa ishii Yoseefitti himuu qabdi; kun baayʼee ulfaataa akka taʼe ifadha. (Luq. 1:26-33) Maariyaam itti gaafatamummaa addaa ulfaataa kana raawwachuuf jabina ishii barbaachisu kan argatte akkamitti? Gargaarsa warra kaanii argachuuf carraaqqii gooteetti. Fakkeenyaaf, Gabriʼeel itti gaafatamummaa kana ilaalchisee odeeffannoo dabalataa akka ishiidhaaf kennu gaafatteetti. (Luq. 1:34) Achiis utuma baayʼee hin turin fira ishii kan taate Elsaabexiin gaafachuuf “gara magaalaa Yihudaa tokkoo deemte.” Elsaabex Maariyaamiin galateeffatteetti, akkasumas hafuura Yihowaatiin geggeeffamtee waaʼee daaʼima Maariyaam garaatti baattee jirtuu raajii nama jajjabeessu dubbatteetti. (Luq. 1:39-45) Maariyaam Yihowaan “irree isaatiin hojiiwwan guguddaa [akka] hojjete” dubbatteetti. (Luq. 1:46-51) Yihowaan Gabriʼeelii fi Elsaabexitti fayyadamee Maariyaamiin jajjabeesseera. w23.10 14-15 key. 10-12
Jimaata, Adoolessa 18
Waaqa isaa fi Abbaa isaatiif moototaa fi luboota akka taanu godhe.—Mul. 1:6.
Barattoonni Kiristoos muraasni hafuura qulqulluudhaan dibamaniiru; isaan Yihowaa wajjin hariiroo addaa qabu. Dibamtoonni 144,000 taʼan kun Yesuus wajjin samii keessatti luboota taʼanii tajaajilu. (Mul. 14:1) Kutaa Qulqulluun godoo qulqulluu sanaa utuma lafarra jiranii akka ilmaan hafuuraa Waaqayyootti lakkaaʼamuu isaanii argisiisa. (Rom. 8:15-17) Kutaan Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼemmoo samii bakka Yihowaan jiraatu argisiisa. ‘Golgaan’ Kutaa Qulqulluu, Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼerraa gargar baasu qaama foonii Yesuus isa Luba Olaanaa mana qulqullummaa hafuuraa taʼuudhaan gara samiitti akka hin seenne isa dhoowwu argisiisa. Yesuus foon isaa ilmaan namootaatiif aarsaa godhee kennuudhaan karaa Kiristiyaanonni dibamoon hundi gara samiitti itti seenuu dandaʼan baneera. Isaanis badhaasa isaanii isa samii argachuuf foon isaaniirraa gargar baʼuun isaan barbaachisa.—Ibr. 10:19, 20; 1 Qor. 15:50. w23.10 28 key. 13
Sanbadduraa, Adoolessa 19
Waaʼee Giidewon . . . dubbachuuf yeroon na hin gaʼu.—Ibr. 11:32.
Giidewon yeroo namoonni Efreem isa komatanitti garraamummaadhaan deebii kenneera. (Abo. 8:1-3) Giidewon yeroo kanatti hin aarre. Wanta isaan yaaddesse yeroo dubbatanitti isaan dhaggeeffachuudhaan akka gad of qabu argisiiseera, akkasumas malaan haala isaa tasgabbeesseera. Jaarsoliin ogeeyyii taʼanis fakkeenya Giidewon hordofuudhaan yeroo komataman sirriitti dhaggeeffatu, akkasumas garraamummaadhaan deebii kennu. (Yaq. 3:13) Akkas gochuudhaan nageenya gumiitiif gumaacha godhu. Giidewon injifannoo Miidiyaanotarratti argateen kan kaʼe yeroo ulfinni isaaf kennametti, xiyyeeffannaa isaanii gara Yihowaatti akka naannessan godheera. (Abo. 8:22, 23) Dhiironni muudaman fakkeenya Giidewon hordofuu kan dandaʼan akkamitti? Milkaaʼina argataniif Yihowaan akka jajamu gochuu dandaʼu. (1 Qor. 4:6, 7) Fakkeenyaaf, jaarsi tokko dandeettii barsiisuu isaatiin kan kaʼe yeroo jajamu, warri kaan Dubbii Waaqayyoo isa madda barumsichaa taʼerratti ykn leenjii jaarmiyaa Yihowaarraa argaterratti akka xiyyeeffatan gochuu dandaʼa. Jaarsoliin darbee darbee, ‘Xiyyeeffannaa hin barbaachisne ofitti harkisaan jiraa laata?’ jedhanii of qoruun isaanii gaariidha. w23.06 4 key. 7-8
Dilbata, Adoolessa 20
Yaanni koo yaada keessanii wajjin, . . . tokko miti.—Isa. 55:8.
Wanta kadhannaa keenyarratti gaafanne hin arganne taanaan gaaffiin of gaafachuu qabnu, ‘Wantin kadhannaa koorratti gaafachaa jiru sirriidhaa?’ kan jedhudha. Yeroo baayʼee, wanta nu fayyadu akka beeknu nutti dhagaʼama. Taʼus, wanti kadhannaadhaan gaafanne wanta nu hin fayyanne taʼuu dandaʼa. Tarii rakkina tokko ilaalchisee kadhachaa jirra yoo taʼe, furmaanni isa nuti gaafachaa jirrurra wayyu jiraachuu dandaʼa. Wanti kadhannu tokko tokkommoo fedhii Yihowaa wajjin kan wal hin simne taʼuu dandaʼa. (1 Yoh. 5:14) Fakkeenyaaf, waaʼee warra mucaa isaanii dhugaa keessa akka isaaniif jiraachisu Yihowaa kadhatanii turan yaadi. Kun kadhannaa sirrii fakkaachuu dandaʼa. Taʼus, Yihowaan akka isa tajaajilu eenyuniyyuu hin dirqisiisu. Ijoollee keenya dabalatee hundi keenyayyuu filannaa keenyaan akka isa waaqeffannu barbaada. (Kes. 10:12, 13; 30:19, 20) Kanaafuu, warri kun garaa mucaa isaanii tuquuf akka isaan gargaaru Yihowaa kadhachuu ni dandaʼu; mucaan isaanii garaan isaa yoo tuqame Yihowaa jaallachuu fi michuu isaa taʼuuf kakaʼuu ni dandaʼa.—Fak. 22:6; Efe. 6:4. w23.11 21 key. 5; 23 key. 12
Wiixata, Adoolessa 21
Wal jajjabeessuu keessan itti fufaa.—1 Tas. 4:18.
Warra kaan jajjabeessuun karaa guddaa jaalala itti argisiisnu kan taʼe maaliifi? Barreeffamni Kitaaba Qulqulluurratti ibsa kennu tokko akka ibsetti jechi “jajjabeessuu” jedhuu fi Phaawulos itti fayyadame “nama qorumsa cimaa keessa jiru jajjabeessuuf isa cinaa dhaabbachuu” argisiisa. Kanaafuu, obboleessa dhiphina keessa jiru tokko yeroo jajjabeessinu, ol jedhee daandii jireenyaarra deemuu isaa akka itti fufu isa gargaarra. Yeroo obboloota keenya dhiphatan jajjabeessinu hundatti jaalala isaanitti argisiisaa jirra jechuudha. (2 Qor. 7:6, 7, 13) Warra kaaniif garaa laafuunii fi isaan jajjabeessuun baayʼee wal qabata. Akkamitti? Namni gara laafessa taʼe tokko warra kaan jajjabeessuu fi rakkina isaaniirraa boqonnaa akka argatan isaan gargaaruuf carraaqqii godha. Kanaafuu, gara laafina yoo qabaanne warra kaan jajjabeessuuf kakaana. Phaawulos Yihowaan namootaaf gara laafina qabaachuun isaa isaan jajjabeessuuf kan isa kakaasu akkamitti akka taʼe ibseera. Waaʼee Yihowaa yeroo dubbatu, “Abbaa gara laafina guddaa fi Waaqa jajjabina hundaa” jedheera.—2 Qor. 1:3. w23.11 9-10 key. 8-10
Kibxata, Adoolessa 22
Utuma rakkinni nu irra gaʼaa jiruus haa gammannu.—Rom. 5:3.
Duuka buutonni Kiristoos hundi rakkinni isaanirra gaʼuu akka dandaʼu eeguu qabu. Mee fakkeenya Phaawulos haa ilaallu. Obboloota Tasalonqee keessa turaniin, “Yeroo isinii wajjin turre, rakkinni akka nu irra gaʼu dursinee isinitti himaa turre; . . . wanti taʼes kanuma” jedhee ture. (1 Tas. 3:4) Warra Qorontosiifimmoo, “Yaa obbolootaa, rakkina . . . nu irra gaʼe akka beektan barbaanna. Lubbuudhaan hin oollu jennee hamma abdii kutannutti [geenyee turre]” jedhee barreesseera. (2 Qor. 1:8; 11:23-27) Kiristiyaanonni yeroo harʼaa jiranis rakkinni akkasii isaanirra gaʼuu akka dandaʼu beeku. (2 Xim. 3:12) Michoonnii fi firoonni keessan isin jibbuu dandaʼu. Wanta hundumaarratti amanamaa taʼuuf kutannoo gooteen kan kaʼe bakka hojiitti rakkinni si mudachaa jiraa? (Ibr. 13:18) Abdii kee warra kaanitti himuu keetiin kan kaʼe mootummaarraa mormiin si mudateeraa? Phaawulos rakkinni akkamiiyyuu yoo nurra gaʼe gammaduu akka qabnu dubbateera. w23.12 10-11 key. 9-10
Roobii, Adoolessa 23
Rakkina guddaa anatti fiddaniittu.—Uma. 34:30.
Yaaqoob rakkina hedduu dandamateera. Ijoolleen isaa lamaan Simiʼoonii fi Leewwiin maaticharratti salphina fidaniiru, maqaa Yihowaarrattis arrabsoo fidaniiru. Haati manaa isaa Raahel daʼumsarratti jalaa duute. Kana malees, Yaaqoob beela hamaa biyyattii keessatti buʼeen kan kaʼe bara dulluma isaatti gara biyya Gibxiitti godaane. (Uma. 35:16-19; 37:28; 45:9-11, 28) Yaaqoob rakkinni kun hundi kan isarra gaʼe taʼus, Yihowaarrattis taʼe waadaawwan inni galerratti amantii dhabee hin beeku. Kanaan kan kaʼes, Yihowaan gaarummaa isatti argisiiseera. Fakkeenyaaf, Yihowaan qabeenya hedduu isaaf kenneera. Kana malees, Yaaqoob ilma isaa Yoseef isa yeroo dheeraa dura akka duʼetti yaadaa ture deebiʼee yeroo argu Yihowaa hammam akka galateeffate tilmaamuu dandeessa! Yaaqoob Yihowaa wajjin michummaa cimaa qabaachuun isaa qorumsa isa mudate milkaaʼinaan dandamachuuf isa gargaareera. (Uma. 30:43; 32:9, 10; 46:28-30) Nutis michummaa Yihowaa wajjin qabnu yoo cimsanne, qorumsa hin eegamne milkaaʼinaan dandamachuu dandeenya. w23.04 15 key. 6-7
Kamisa, Adoolessa 24
Yihowaan tiksee koo ti. Homtuu natti hin hirʼatu.—Far. 23:1.
Faarfannaan 23 jaalalaa fi kunuunsa Yihowaa akka gaariitti ibsa. Barreessaa faarfannaa kanaa kan taʼe Daawit walitti dhufeenya cimaa isaa fi Yihowaa isa Tiksee isaa taʼe gidduu jiru ibseera. Daawit Yihowaan akka isa qajeelchu waan heyyameef nageenyi isatti dhagaʼameera, guutummaattis isatti amanameera. Daawit jaalalli Yihowaa bara jireenya isaa hundumaatti akka isa hordofu beeka. Amanannaa akkasii akka qabaatu maaltu isa gargaare? Daawit Yihowaan yeroo hunda wanta isa barbaachisu waan isaaf qopheessuuf kunuunsa akka qabu isatti dhagaʼameera. Yihowaan michuu isaa akka taʼee fi isa biratti fudhatama akka argates beeka. Gara fuulduraatti wanti akkamiiyyuu yoo isa mudate Yihowaan wanta isa barbaachisu akka isaaf qopheessu mirkanaaʼaa kan taʼe kanaafi. Daawit Yihowaan akka isa jaallatuu fi akka isa kunuunsu amantii qabaachuun isaa akka hin dhiphannee fi gammachuu akka qabaatu isa gargaareera.—Far. 16:11. w24.01 29 key. 12-13
Jimaata, Adoolessa 25
Ani hanga dhuma sirna kanaatti guyyaa hundumaa isinii wajjinan jira.—Mat. 28:20.
Waraana Addunyaa Lammaffaa booda sabni Yihowaa biyyoota hedduu keessa jiraatan bilisummaadhaan hojii lallabaarratti hirmaachaa turan. Hojichis baayʼee babalʼateera. Yeroo harʼaattis miseensonni Qaama Olaanaa qajeelfama Kiristoos argachuuf carraaqqii gochuu isaanii itti fufaniiru. Qajeelfamni obbolootaaf kennan ilaalcha Yihowaa kan calaqqisiisu akka taʼu barbaadu. Gumiiwwaniif qajeelfama kennuuf ilaaltota olaanaa aanaa fi jaarsoliitti fayyadamu. Jaarsoliin muudaman ‘harka mirgaa’ Kiristoos keessa jiru. (Mul. 2:1) Dhugaadha, jaarsoliin cubbuu waan dhaalaniif dogoggora ni raawwatu. Museen, Iyyaasuunii fi ergamoonni yeroo itti dogoggora raawwatan qabu. (Lak. 20:12; Iya. 9:14, 15; Rom. 3:23) Taʼus, Kiristoos garbicha amanamaa fi jaarsolii muudaman of eeggannoodhaan geggeessaa jira. Kanaafuu, qajeelfama obboloota dura buutota taʼanii muudaman kanatti fayyadamee nuu kennurratti amantii guutuu qabaachuu dandeenya. w24.02 23-24 key. 13-14
Sanbadduraa, Adoolessa 26
Ijoollee jaallatamoo waan taataniif, Waaqayyoon kan fakkaattan taʼaa.—Efe. 5:1.
Yeroo harʼaatti akka isa galateeffannuu fi akka isa jaallannu karaa argisiisuun waaʼeesaa dubbachuudhaan Yihowaa gammachiisuu dandeenya. Kaayyoon tajaajila itti baanu inni guddaan namoonni Yihowaatti akka dhihaatanii fi akkuma keenya akka Abbaa isaan jaallatutti akka isa ilaalan gargaaruudha. (Yaq. 4:8) Kitaabni Qulqulluun waaʼee Yihowaa maal akka jedhu, fakkeenyaaf jaalala, haqa, ogummaa, humnaa fi amaloota inni qabu kan biroo ilaalchisee maal akka jedhu namootatti argisiisuun nu gammachiisa. Fakkeenya Yihowaa hordofuuf carraaqqii gochuudhaanis isa jajachuu fi isa gammachiisuu ni dandeenya. Yeroo akkas goonu addunyaa hamaa kana keessatti warra kaanirraa adda taanee mulʼanna. Kunis namoonni gaaffiin akka isaanitti uumamu gochuu dandaʼa. (Mat. 5:14-16) Yeroo namoota wajjin wal arginu amala warra kaanirraa adda taʼe kan argisiisnu maaliif akka taʼe isaaniif ibsuu dandeenya. Sababii kanaatiin namoonni garaa qajeelaa qaban Waaqa keenyatti dhihaachuuf kakaʼuu dandaʼu. Karaawwan kanaan yeroo Yihowaa jajannu garaasaa gammachiisna.—1 Xim. 2:3, 4. w24.02 10 key. 7
Dilbata, Adoolessa 27
Jajjabeessuu fi . . . balleessaa [hubachiisuu kan dandaʼu].—Tit. 1:9.
Kiristiyaanota bilchina qabdan taʼuuf dandeettiiwwan faayidaa qaban tokko tokko horachuun isin barbaachisa. Kunis gumii keessatti itti gaafatamummaa fudhachuuf, hojii ofii keessanis taʼe maatii keessan deggeruuf isin dandeessisu argachuuf, akkasumas warra kaan wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuuf isin gargaara. Fakkeenyaaf sirriitti dubbisuu fi barreessuu baradhaa. Kitaabni Qulqulluun namni gammachuu fi milkaaʼina qabu tokko guyyaa guyyaadhaan Dubbii Waaqayyoo dubbisuu fi irratti xiinxaluuf yeroo akka ramadu dubbata. (Far. 1:1-3) Namni guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisu ilaalcha Yihowaa waan hubatuuf, sirriitti yaaduu fi gorsa Dubbii Waaqayyoorraa argate akkamitti akka hojiirra oolchu beeka. (Fak. 1:3, 4) Obboloonnii fi obboleettonni keenya qajeelfamnii fi gorsi Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼe isaan barbaachisa. Sirriitti dubbisuu fi barreessuu kan dandeessu yoo taʼe haasaa fi yaada warra kaan fayyaduu fi amantii isaanii cimsu kennuu dandeessa. Akkasumas yaadannoo gaarii qabachuun caalaatti amantii kee cimsachuu fi warra kaan jajjabeessuuf si gargaara. w23.12 26-27 key. 9-11
Wiixata, Adoolessa 28
Inni isinii wajjin tokkummaa qabu isa addunyaa wajjin tokkummaa qabu sana [ni caala].—1 Yoh. 4:4.
Yeroo sodaan sitti dhagaʼamu wanta Yihowaan gara fuulduraatti yommuu Seexanni balleeffamu godhurratti xiinxali. Hojiin argisiisni walgaʼii naannoo bara 2014 irratti dhihaate tokko, abbaan tokko 2 Ximotewos 3:1-5 waaʼee jireenya Jannata keessaa kan dubbatu utuu taʼee akkana jedhamee akka dubbifamu maatii isaa wajjin mariʼatee ture: “Addunyaa haaraa keessatti yeroon addaa baayʼee gammachiisaa taʼe akka dhufu beeki. Sababiin isaas, namoonni warra kaan kan jaallatan, qabeenya hafuuraa kan jaallatan, humna isaanii kan beekan, kan gad of qaban, Waaqayyoon kan jajatan, warra isaaniitiif kan ajajaman, kan galateeffatan, amanamoo kan taʼan, maatii isaaniitiif jaalala guddaa kan qaban, walii galuuf fedhii kan qaban, waaʼee warra kaanii yeroo hunda wanta gaarii kan dubbatan, kan of toʼatan, garraamota, wanta gaarii kan jaallatan, warra kaaniif kan amanaman, tole kan jedhan, kan of hin tuulle, wanta isaan gammachiisu jaallachuu mannaa Waaqa kan jaallatan, akkasumas Waaqa garaadhaa kan sodaatan taʼu; namoota akkasiitti maxxani.” Addunyaa haaraa keessatti jireenyi maal akka fakkaatu miseensota maatii kee ykn obboloota kee wajjin irratti ni mariʼattaa? w24.01 6 key. 13-14
Kibxata, Adoolessa 29
Ani sitti nan gammada.—Luq. 3:22.
Yihowaan saba isaatti akka gammadu beekuun baayʼee nama jajjabeessa! Kitaabni Qulqulluun, “Yihowaan saba isaatti ni gammada” jedha. (Far. 149:4) Haa taʼu malee, tajaajiltoonni Yihowaa tokko tokko darbee darbee, ‘Yihowaan natti gammadaa laata?’ jedhanii waan yaaddaʼaniif baayʼee dhiphatu. Namoonni Kitaaba Qulqulluu keessatti amanamummaadhaan Yihowaa akka tajaajilan ibsaman hedduun darbee darbee miira akkasii wajjin walʼaansoo godhu turan. (1 Sam. 1:6-10; Iyo. 29:2, 4; Far. 51:11) Kitaabni Qulqulluun namoonni mudaa qaban Yihowaa gammachiisuu akka dandaʼan ifatti dubbata. Kana kan godhan akkamitti? Yesuus Kiristoosirratti amantii akka qabnu argisiisuu fi cuuphamuu qabna. (Yoh. 3:16) Karaa kanaan cubbuu keenyarraa yaada akka geddarannee fi fedhii Waaqayyoo raawwachuuf waadaa akka galle namootatti argisiisna. (HoE. 2:38; 3:19) Yihowaan michoota isaa taʼuuf tarkaanfiiwwan kana yeroo fudhannu baayʼee gammada. Waadaa yeroo of murteessinetti galle eeguuf wanta dandeenyu hunda gochuu keenya hamma itti fufnetti nutti gammada, akkasumas michoota isaa akka taanetti nu ilaala.—Far. 25:14. w24.03 26 key. 1-2
Roobii, Adoolessa 30
Nuti garuu, waaʼee wantoota dhageenyee fi arginee dubbachuu keenya dhiisuu hin dandeenyu.—HoE. 4:20.
Yihowaan tajaajila keenya raawwachuuf akka nu gargaaru amanuu ni dandeenya. Ija jabinaa fi ogummaa akka nuuf kennu isa kadhachuu dandeenya. Rakkina si mudate dandamachuuf akka si gargaaru Yihowaa kadhadhu. Baayʼeen keenya dhibee qaamaa ykn dhiphina sammuutiin dararamaa jirra, nama jaallannu duʼaan dhabneerra, haala maatii rakkisaa taʼe dandamachaa jirra, ariʼatamni nurra gaʼaa jira ykn rakkina kan biraa dandamachaa jirra taʼa. Wantoonni akka weerara dhibee fi waraanaa jiranimmoo rakkoowwan kana dandamachuun caalaatti akka nutti ulfaatu godhaniiru. Yeroo akkasiitti wanta sitti dhagaʼamu hundumaa Yihowaatti himi. Akkuma michuu baayʼee itti dhihaattutti isa ilaaluudhaan haala keessa jirtu isatti himi. Yihowaan ‘siif jecha tarkaanfii akka fudhatu’ mirkanaaʼaa taʼi. (Fr. 37:3, 5) Kadhannaatti jabaachuun ‘rakkina keessatti jabaannee dhaabbachuuf’ nu gargaara. (Rom. 12:12) Yihowaan haala tajaajiltoonni isaa keessatti argaman waan beekuuf, “iyya gargaarsa argachuuf dhageessisan ni dhagaʼa.”—Far. 145:18, 19. w23.05 5-6 key. 12-15.
Kamisa, Adoolessa 31
Yeroo hundumaa wanta . . . fudhatama qabu qoraa mirkaneeffadhaa.—Efe. 5:10.
Murtoo iddoo guddaa qabu gochuuf, “fedhiin Yihowaa maal akka taʼe” hubachuu fi tarkaanfii fedhii isaa wajjin walsimu fudhachuun nu barbaachisa. (Efe. 5:17) Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu haala keenyaaf hojjetan argachuuf yaaluudhaan, ilaalcha Waaqayyo dhimmicharratti qabu beekuuf carraaqaa akka jirru argisiisna. Yeroo qajeelfama isaa hojiirra oolchinu murtoo gaarii goona. Inni ‘hamaan’ sun, jechuunis Seexanni inni diina keenya taʼe wantoota addunyaatiin akka qabamnu gochuudhaan tajaajila Yihowaatiif yeroo akka dhabnu godha. (1 Yoh. 5:19) Kiristiyaanni tokko carraa Yihowaa itti tajaajilu hedduu kan qabu taʼus, maallaqa, barumsaa fi hojiirratti xiyyeeffachuu jalqabuu dandaʼa. Kun akka taʼu yoo heyyame ilaalchi addunyaa dhiibbaa akka isarratti godhe argisiisa. Dhugaadha, wantoonni kun dogoggora miti; taʼus jireenya keenya keessatti dursa kennuufii hin qabnu. w24.03 24 key. 16-17