Waxabajjii
Dilbata, Waxabajjii 1
Mootummaa Waaqayyootti galuuf rakkina hedduu keessa darbuu qabna.—HoE. 14:22.
Yihowaan carraaqqii Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa haala rakkisaa isaan mudatetti baruuf godhan isaaniif eebbiseera. Yeroo baayʼee ariʼatamni isaanirra gaʼeera; yeroo tokko tokko ariʼatamni kan isaanirra gaʼe yeroo isaan hin eegnetti taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, wanta Barnaabaasii fi Phaawulos ergamaan yeroo naannoo Lisxiraatti lallabaa turanitti isaan mudate haa ilaallu. Jalqabarratti, namoonni miira hoʼaadhaan isaan simatanii isaan dhaggeeffachaa turan. Booda garuu, mormitoonni “namoota sana amansiisan”; achiis isaan keessaa tokko tokko Phaawulosiin dhagaadhaan erga tumanii booda duʼaa fi jireenya gidduutti isa dhiisanii deeman. (HoE. 14:19) Taʼus, Barnaabaasii fi Phaawulos bakka biraatti lallabuu isaanii itti fufaniiru. Maarree, buʼaa akkamii argatan? “Namoota hedduu barattoota” godhaniiru, dubbii fi gocha isaaniitiinis obboloota isaanii jajjabeessaniiru. (HoE. 14:21, 22) Barnaabaasii fi Phaawulos ariʼatama akka tasaa isaan mudateen kan kaʼe abdii kutachuu dhiisuu isaanitti namoonni hedduun fayyadamaniiru. Nutis hojii Yihowaan nuuf kenne yeroo hojjennu abdii hin kutannu taanaan eebba guddaa arganna. w23.04 16 key. 13-14
Wiixata, Waxabajjii 2
Yaa Yihowaa, kadhannaa koo dhaggeeffadhu; kadhata ani gargaarsa argachuuf dhiheessus xiyyeeffannaadhaan dhagaʼi. Deebii waan naa kennituuf, guyyaa dhiphina kootiitti sin waammadha.—Far. 86:6, 7.
Daawit Mootichi jireenyasaa keessatti diinonni ciccimoo hedduun isa mudataniiru; innis yeroo baayʼee kadhannaadhaan gargaarsa Yihowaa gaafata ture. Daawit Mootichi Yihowaan kadhannaa isaa akka dhagaʼee fi deebii akka isaaf kenne mirkanaaʼaa ture. Atis amantii akkasii qabaachuu dandeessa. Kitaabni Qulqulluun Yihowaan ogummaa fi humna jabaannee dhaabbachuuf nu barbaachisu akka nuu kennu nuuf mirkaneessa. Obboloota keenyatti ykn namoota isa hin waaqeffannettillee fayyadamee nu gargaaruu dandaʼa. Yihowaan yeroo hunda karaa nuti eegneen kadhannaa keenyaaf deebii kan kennu taʼuu baatus deebii akka nuuf kennu garuu beekna. Wanta nu barbaachisu yeroo sirrii taʼetti akka nuuf kennu beekna. Kanaafuu, amantiidhaan Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu kee itti fufi; inni yeroo ammaatti akka siif yaaduu fi addunyaa haaraa keessatti ‘fedhii uumamawwan jiraatoo hundumaa akka quubsu’ mirkanaaʼaa taʼi.—Far. 145:16. w23.05 8 key. 4; 13 key. 17-18
Kibxata, Waxabajjii 3
Wanta gaarii inni naaf godhe hundumaatiif,Yihowaadhaaf maalan deebisa?—Far. 116:12
Eebba yeroo galma keenyarra geenyu argannurratti xiyyeeffachuun keenya gaariidha. Atoo eebbawwan akkamiirratti xiyyeeffachuu dandeessa? Dubbisa Kitaaba Qulqulluu kee ykn kadhannaa keerratti fooyyaʼiinsa gochuuf galma baafatteetta taanaan galma kanarra gaʼuun michummaa Yihowaa wajjin qabdu kan siif cimsu akkamitti akka taʼe yaadi. (Far. 145:18, 19) Amala Kiristiyaanaa tokko horachuuf galma baafatteetta taanaanimmoo amala sana qabaachuun kee hariiroo warra kaan wajjin qabdu kan fooyyessu akkamitti akka taʼe yaadi. (Qol. 3:14) Sababiiwwan galma kanarra gaʼuuf si kakaasan hundumaa maaliif hin barreessitu? Wanta barreessite yeroo yeroodhaan ilaali. Akkasumas, namoota fedhii akka qabaattu si gargaaranii wajjin yeroo dabarsi. (Fak. 13:20) Dhugaa dubbachuuf hundi keenyayyuu yeroo tokko tokko kakaʼumsa dhabuu dandeenya. Kana jechuun galma keenyarra gaʼuuf carraaqqii gochuu hin dandeenyu jechuudhaa? Lakki. Yeroo kakaʼumsa hin qabaannettillee galma keenyarra gaʼuuf carraaqqii gochuu dandeenya. Akkas gochuun of toʼachuu kan gaafatu taʼus, buʼaan isaa nama kiisa. w23.05 27-28 key. 5-8
Roobii, Waxabajjii 4
Namni waanuma facaase sana haammata.—Gal. 6:7.
Murtoo gooneef akka itti gaafatamnu beekuun keenya cubbuu keenya himachuuf, dogoggora keenya sirreessuuf, akkasumas deebinee dogoggora akkasii akka hin raawwanne of eeguuf nu kakaasuu dandaʼa. Tarkaanfiiwwan akkasii fudhachuun keenya fiigicha jireenyaarratti hirmaachuu keenya itti fufuuf nu gargaara. Murtoo dogoggoraa goote sirreessuu hin dandeessu taanaan haala amma keessa jirtu amanii fudhadhu. Dogoggora raawwatteef sababii dhiheessuudhaan ykn ofis taʼe warra kaan komachuudhaan yeroo fi humna kee hin fixin. Kanaa mannaa, dogoggora raawwatte amanii fudhadhu, akkasumas haala amma keessa jirtutti akka gaariitti fayyadamuuf carraaqqii godhi. Dogoggora raawwatte tokkoon kan kaʼe miirri balleessaa sitti dhagaʼamaa jira taanaan, gad of qabuudhaan kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaadhu, balleessaa kee amanii fudhadhu, dhiifama akka siif godhus isa kadhadhu. (Far. 25:11; 51:3, 4) Namoota balleessaa irratti raawwatte dhiifama gaafadhu; barbaachisaa taanaan, jaarsolii gargaarsa gaafadhu. (Yaq. 5:14, 15) Balleessaa keerraa baradhu, dogoggora sana akka irra hin deebines of eeggadhu. Akkas yoo goote Yihowaan araara akka sitti argisiisuu fi deggersa si barbaachisu akka siif godhu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.—Far. 103:8-13. w23.08 28-29 key. 8-9
Kamisa, Waxabajjii 5
Yoʼaas yeroo Yehoyaadaan lubichi isa barsiisaa ture hundatti, wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe gochuu isaa itti fufe.—2 Mot. 12:2.
Yoʼaas Mootichi dhiibbaa gaarii Yehoyaadaan isarratti godherraa fayyadameera. Kanaan kan kaʼes, ijoollummaa isaatti Yihowaa gammachiisuu barbaada ture. Yehoyaadaan erga duʼee booda garuu, Yoʼaas bulchitoota gantoota taʼan dhagaʼuu jalqabe. (2 Sen. 24:4, 17, 18) Yihowaan gocha isaanii kanatti baayʼee waan gaddeef “akka isaan deebisaniif raajota isaaniif erga ture; . . . isaan garuu dhagaʼuu didan.” Zakkaariyaas ilma Yehoyaadaallee dhagaʼuu didaniiru; Zakkaariyaas raajii fi luba Yihowaa qofa utuu hin taʼin durbii Yoʼaas ture. Yoʼaas Mootichi Zakkaariyaasiin ajjeesiseera. (2 Sen. 22:11; 24:19-22) Yoʼaas Yihowaa sodaachuu isaa itti hin fufne. Yihowaan, “Warri na tuffatan . . . ni tuffatamu” jedheera. (1 Sam. 2:30) Yeroo booda raayyaan waraanaa Sooriyaa inni xinnoo taʼe “raayyaa waraanaa guddaa” Yoʼaas injifate; isaanis “akka malee . . . isa madeessan.” (2 Sen. 24:24, 25) Yoʼaas Zakkaariyaasiin waan ajjeeseef, tajaajiltoonni isaa isa ajjeesaniiru. w23.06 18-19 key. 16-17
Jimaata, Waxabajjii 6
Isin yeroo tokkotti dukkana turtan; amma garuu . . . ifa taataniittu.—Efe. 5:8.
Phaawulos gara waggaa kudhanii booda Efesoon keessatti misiraachicha lallabuu fi barsiisuudhaan yeroo muraasa dabarse. (HoE. 19:1, 8-10; 20:20, 21) Obboloota isaa waan jaallatuuf Yihowaadhaaf amanamoo taʼanii akka jiraatan isaan gargaaruu barbaadee ture. Warri Efesoon dhugaa baratanii Kiristiyaanota taʼuusaanii dura garbummaa amantaa sobaa fi gocha hafuurota xuraaʼoo jala turan. Namoonni Efesoon gocha naamusaan ala taʼee fi addaggumaadhaan beekamu turan. Taphawwan tiyaatiraa fi ayyaanota isaaniirratti dhihaatan yeroo baayʼee waaʼee saalqunnamtii kan ibsan turan. (Efe. 5:3) Jiraattonni ishii hedduun, ‘miirri naamusaa isaanii guutummaatti hadoodeera.’ (Efe. 4:17-19) Warri Efesoon wanti sirrii ykn dogoggora taʼe maal akka taʼe barachuu isaanii dura qalbiin isaanii isaan hin ceephaʼu ture. Phaawulos, “Sammuun isaanii dukkanaaʼeera; jireenya isa kan Waaqayyoo irraas fagaataniiru” jedhee kan barreesse kanaafi. Isaan keessaa tokko tokko garuu dukkana keessa jiraachuusaanii itti hin fufne. w24.03 20 key. 2, 4; 21 key. 5-6
Sanbadduraa, Waxabajjii 7
Warri Yihowaa abdatan . . . humni isaanii ni haareffama. Isaan . . . hin dadhaban.—Isa. 40:31.
Giidewon abbaa murtii taʼee yeroo hojjechaa turetti hojii hedduu hojjechuu qaba ture. Yeroo Miidiyaanonni isa duraa baqachaa turan sanatti, sulula Yezriʼelirraa kaasee hanga Laga Yordaanositti isaan ariʼeera. (Abo. 7:22) Giidewon Yordaanos bira yeroo gaʼu dhaabbateeraa? Lakki! Innis taʼe namoonni 300 isa faana turan dadhabanii kan turan taʼus, lagicha ceʼuudhaan isaan ariʼuu isaanii itti fufaniiru. Dhumarrattis, Miidiyaanota erga dhaqqabanii booda isaan injifataniiru. (Abo. 8:4-12) Giidewon Yihowaan cimina akka isaaf kennu amantii qaba ture; Yihowaanis isa hin qaanessine. (Abo. 6:14, 34) Yeroo tokko, Giidewonii fi namoonni isa faana turan mootota Miidiyaan lama miilaan duukaa buʼanii ariʼaa turan; mootonni kun baqachaa kan turan garuu gaala yaabbatanii taʼuu hin oolu. (Abo. 8:12, 21) Taʼus, Israaʼelonni kutatoo taʼan kun gargaarsa Waaqayyootiin injifannoo argachuu dandaʼaniiru. Haaluma wal fakkaatuun, jaarsoliinis Yihowaa ‘isa matumaa hin dadhabne yookiin hin bututnetti’ amanamuu dandaʼu. Inni yeroo isaan barbaachisutti cimina isaaniif ni kenna.—Isa. 40:28, 29. w23.06 6 key. 14; 7 key. 16
Dilbata, Waxabajjii 8
[Yihowaan] isin hin dhiisu, isin hin gatus.—Kes. 31:6.
Rakkinni akkamiiyyuu yoo nu mudate, garaan keenya cimaa waan taʼuuf Yihowaa amanachuu ni dandeenya. Baaraaq qajeelfama Yihowaarratti amantii qabaachuun isaa milkaaʼina kan isaaf argamsiise akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Biyyattii keessa gaachannis taʼe eeboon kan hin jirre taʼus, Yihowaan, Siseeraa isa ajajaa raayyaa waraanaa Kanaʼaanotaa taʼee fi loltoota isaa akka gaariitti hidhatanirratti akka duulu Baaraaqiif qajeelfama kennee ture. (Abo. 5:8) Dibooraan Siseeraa fi gaariiwwan fardaa isaa 900 waraanuuf gara dirreetti akka gadi buʼu Baaraaqitti himte. Gaariiwwan fardaa kun lafa diriiraarratti injifannoo argamsiisuu kan dandaʼan fakkaatus, Baaraaq ajajameera. Yeroo loltoonni sun Gaara Taaborirraa gadi buʼan Yihowaan bokkaa cimaan akka roobu godhe. Kanaan kan kaʼes, gaariiwwan fardaa Siseeraa dhoqqeedhaan qabaman; akka kanaan Yihowaan Baaraaqiif injifannoo kenne. (Abo. 4:1-7, 10, 13-16) Nutis isaa fi qajeelfama inni karaa jaarmiyaa isaa nuuf kennurratti amantii yoo qabaanne, Yihowaan injifannoo nuuf kenna. w23.07 19 key. 17-18
Wiixata, Waxabajjii 9
Namni hanga dhumaatti jabaatee dhaabbatu garuu ni fayya.—Mat. 24:13.
Obsi fayyina keenyaaf baayʼee barbaachisaadha. Akkuma tajaajiltoota amanamoo bara durii hamma Waaqayyo waadaa gale raawwatutti obsaan eeguu qabna. (Ibr. 6:11, 12) Kitaabni Qulqulluun qonnaan bulaa wajjin wal nu fakkeessa. (Yaq. 5:7, 8) Qonnaan bulaan tokko sanyii facaasuu fi bishaan obaasuuf jabaatee hojjeta; garuu sanyiin facaase yoom akka guddatu sirriitti hin beeku. Kanaafuu, midhaan isaa akka haammatu amanuudhaan obsaan eeggata. Haaluma wal fakkaatuun, nutis ‘Gooftaan keenya guyyaa kamitti akka dhufu beekuu baannus’ sochiiwwan hafuuraarratti hirmaachuuf carraaqqii ni goona. (Mat. 24:42) Yihowaan wanta waadaa gale hundumaa yeroo isaatti akka raawwatu amanuudhaan obsaan ni eegganna. Obsa yoo dhabne nuffinee suutuma suuta dhugaa keessaa baʼuu dandeenya. Wantoota yeroodhaaf gammachuu nuuf argamsiisanirrattis xiyyeeffachuu dandeenya. Obsa yoo qabaanne garuu hamma dhumaatti jabaannee dhaabbachuudhaan fayyina argachuu ni dandeenya.—Mik. 7:7. w23.08 22 key. 7
Kibxata, Waxabajjii 10
Qubni miilaa sun walakkaan isaa sibiila irraa, walakkaan isaa immoo suphee irraa tolfame.—Dan. 2:42.
Raajii Daaniʼel 2:41-43rra jiru raajiiwwan kan biroo kitaaba Daaniʼelii fi kitaaba Mulʼataa keessatti ibsaman wajjin wal bira qabuudhaan miilli kun Mootummaa Addunyaa Angiloo Ameerikaa bara keenyatti bulchaa jiru akka argisiisu hubachuu dandeenya. Daaniʼel mootummaa addunyaa kana ilaalchisee “[Mootummichi] walakkaan isaa jabaa, walakkaan isaa immoo dadhabaa ni taʼa” jedheera. Walakkaan isaa dadhabaa kan taʼe maaliifi? Namoonni mootummaa kana jalatti bulanii fi suphee laafaatti fakkeeffaman jabina sibiilaatiin tarkaanfii akka inni hin fudhanne dhiibbaa waan isarratti godhaniifi. Ibsa Daaniʼel siidaa sanaaf, kennerraa dhugaawwan barbaachisoo taʼan hedduu barachuu dandeenya. Tokkoffaa, Mootummaan Addunyaa Angiloo Ameerikaa karaa tokko tokkoon jabina isaa argisiiseera. Fakkeenyaaf, Waraana Addunyaa Tokkoffaa fi Waraana Addunyaa Lammaffaa injifachuurratti shoora guddaa taphateera. Haa taʼu malee, mootummaan addunyaa kun walitti buʼiinsa lammiilee isaa gidduutti uumamuun kan kaʼe dadhabaa taʼeera, haalli kun gara fuulduraattis itti fufa. Lammaffaa, mootummaan kun mootummaa addunyaa isa dhumaati. w23.08 10-11 key. 12-13
Roobii, Waxabajjii 11
Yeroo dhiphina kootti Yihowaa nan waammadhe, gargaarsa argachuufis irra deddeebiʼee gara Waaqa kootti nan iyyadhe. Innis mana qulqullummaa isaa keessa taʼee sagalee koo dhagaʼe.—Far. 18:6.
Daawit yeroo tokko tokko rakkinaa fi qorumsa isa mudatuun kan kaʼe baayʼee dhiphata ture. (Far. 18:4-5) Taʼus, jaalallii fi kunuunsi Yihowaa isa haaromseera. Yihowaan michuu isaa baayʼee dadhabe kana gara “kaloo lalisaa” fi “iddoo boqonnaa bishaan baayʼee qabutti” geesseera. Kanaan kan kaʼes, Daawit deebiʼee jabaachuu fi Yihowaa tajaajiluu isaa itti fufuu dandaʼeera. (Far. 18:28-32; 23:2) Yeroo harʼaatti, nutis qorumsii fi rakkinni adda addaa yeroo nu mudatutti “kan hin dhumne jaalala Yihowaa isa amanamaa taʼeen kan kaʼe dha.” (Faru. 3:22; Qol. 1:11) Daawit yeroo baayʼee lubbuun isaa balaadhaaf saaxilameera, diinota ciccimoo hedduus qaba ture. Haa taʼu malee, jaalalli Yihowaan isaaf qabu akka tasgabbaaʼuu fi eegumsa akka qabu akka isatti dhagaʼamu godheera. Daawit Yihowaan haala akkamiiyyuu keessatti isa wajjin akka jiru waan isatti dhagaʼameef tasgabbaaʼeera. ‘Yihowaan sodaa koo hundumaa jalaa na oolche’ jedhee kan faarfate kanaafi. (Far. 34:4) Daawit yeroo tokko tokko baayʼee sodaatee kan ture taʼus Yihowaan akka isa jaallatu waan beekuuf sodaa isaa injifachuu dandaʼeera. w24.01 30 key. 15-17
Kamisa, Waxabajjii 12
Cubbamoonni si sossobuuf yaalii yoo godhan, tole hin jedhin.—Fak. 1:10.
Murtoo dogoggoraa Yoʼaas godherraa baradhaa. Yoʼaas Yehoyaadaan Lubni Olaanaan erga duʼee booda michoota gadhee filate. (2 Sen. 24:17, 18) Gorsa bulchitoonni Yihudaa warri Yihowaa hin jaallanne isaaf kennan dhagaʼuuf murteesse. ‘Yoʼaas namoota gaarii hin taane kanarraa fagaachuu qaba ture’ jettee yaadda taʼa. Inni garuu gorsa isaanii fudhate. Durbiin isaa Zakkaariyaas isa gorsuuf yeroo yaalu Yoʼaas isa ajjeesiseera. (2 Sen. 24:20 21; Mat. 23:35) Kun gocha gowwummaa baayʼee gaddisiisaa taʼedha. Yoʼaas jalqabbiin isaa gaarii taʼus booda garuu gantuu fi nama nama ajjeesu taʼeera. Dhumarrattis tajaajiltoonni isaa isa ajjeesan. (2 Sen. 24:22-25) Yihowaa fi warra Yihowaa jaallatan dhagaʼuu isaa itti fufeera utuu taʼee jireenyi isaa kanarraa baayʼee adda taʼa ture. w23.09 9 key. 6
Jimaata, Waxabajjii 13
Hin sodaatin.—Luq. 5:10.
Yesuus Pheexiros amanamaa taʼee itti fufuu akka dandaʼus beeka. Kanaafuu gaarummaadhaan kakaʼee “hin sodaatin” isaan jedhe. Yesuus amantii isarratti qabaachuun isaa jireenya Pheexiros jijjiireera. Innii fi obboleessi isaa Indiriyaas hojii qurxummii qabuu dhiisanii yeroo isaanii guutuu Masiihicha duukaa buʼuuf murteessaniiru; murtoon kunis eebbawwan dinqisiisoo taʼan hedduu isaaniif argamsiiseera. (Mar. 1:16-18) Pheexiros duuka buutuu Kiristoos taʼuudhaan muuxannoowwan dinqisiisoo taʼan hedduu argateera. Yeroo Yesuus namoota dhukkubsatan fayyisu jinnii baasuu fi namoota duʼan duʼaa kaasullee argeera. (Mat. 8:14-17; Mar. 5:37, 41, 42) Pheexiros mulʼata ajaaʼibsiisaa Yesuus yeroo Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼu ulfina akkamii akka qabaatu argisiisus argeera; taʼeen kun jireenya isaarratti dhiibbaa guddaa godheera. (Mar. 9:1-8; 2 Phe. 1:16-18) Eeyyee Pheexiros wantoota utuu duuka buutuu Yesuus taʼuu baatee arguu hin dandeenye hedduu argeera. Miira dogoggoraa isatti dhagaʼamaa ture hunda injifachuudhaan eebbawwan kana hunda argachuu isaatti baayʼee akka gammade hin shakkisiisu! w23.09 21 key. 4-5
Sanbadduraa, Waxabajjii 14
Yesuusis akkana isaan jedhe: “Ani siin nan jedha, siʼa 77 malee, siʼa torba qofa miti.”—Mat. 18:22.
Pheexiros xalayaa isaa isa jalqabaarratti yaada “jaalala guddaa” jedhutti fayyadameera. Jaalalli akkasii cubbuu muraasa qofa utuu hin taʼin “cubbuu hedduu ni haguuga.” (1 Phe. 4:8) Tarii Pheexiros barumsa Yesuus waaʼee dhiifama gochuu waggoota hedduu dura isa barsiise yaadatee taʼuu dandaʼa. Pheexiros yeroo sanatti obboleessa isaatiif “siʼa torba” dhiifama akka godhu yeroo dubbatu arjaa akka taʼe isatti dhagaʼamee taʼuu hin oolu. Taʼus, Yesuus “siʼa 77” jechuunis daangaa tokko malee dhiifama gochuu akka qabnu Pheexirosiin dabalatee hunda keenya barsiiseera. (Mat. 18:21) Gorsa kana hojiirra oolchuun yoo sitti ulfaate abdii hin kutatin. Tajaajiltoonni Yihowaa mudaa qaban hundi yeroo tokko tokko dhiifama gochuun isaanitti ulfaata. Wanti guddaan obboleessa keetiif dhiifama gochuu fi isa wajjin nagaa buusuuf wanta dandeessu hunda gochuu keeti. w23.09 29 key. 12
Dilbata, Waxabajjii 15
Yihowaa nan waammadhe; innis naaf deebise.—Yoonaas 2:2.
Yoonaas garaa qurxummii keessa yeroo turetti Yihowaan kadhannaa isaa akka dhagaʼu amantii qaba ture. Yihowaan akka isa gargaarus amantii qaba ture. Boodas Yoonaas Yihowaan erga isa oolchee booda itti gaafatamummaa isaaf kennamu fudhachuu fi raawwachuuf qophaaʼaa taʼeera. (Yon. 2:10–3:4) Yeroo qorumsi si mudatu baayʼee dhiphachuu keetiin kan kaʼe kadhannaadhaan miira kee ibsuun sitti ulfaatee beekaa? Yookiin baayʼee dadhabuu keetiin kan kaʼe qoʼachuun sitti ulfaataa? Yihowaan haala keessa jirtu sirriitti akka hubatu yaadadhu. Kanaafuu, kadhannaa gabaabaa yeroo dhiheessituttillee Yihowaan wanta si barbaachisu akka siif kennu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. (Efe. 3:20) Dhukkubbii, dadhabbii ykn dhiphina sitti dhagaʼamuun kan kaʼe dubbisuun ykn qoʼachuun yoo sitti ulfaate, Kitaaba Qulqulluu ykn barreeffamoota keenya sagaleedhaan waraabaman dhaggeeffachuuf yaali. Faarfannaawwan keenya dhaggeeffachuun ykn jw.org irraa viidiyoo tokko ilaaluun si fayyaduu dandaʼa. Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu fi deebii inni qophiiwwan hafuuraatti fayyadamee kadhannaa keetiif kennu hubachuuf yaaluudhaan akka si jabeessu heyyamuu dandeessa. w23.10 13 key. 6; 14 key. 9
Wiixata, Waxabajjii 16
Dunkaanni inni jalqabaa dhaabbatee utuu jiruu, karaan gara iddoo qulqulluutti geessu amma iyyuu akka hin mulʼanne hafuurri qulqulluun ifa godheera.—Ibr. 9:8.
Godoo qulqulluunii fi manneen qulqullummaa yeroo booda Yerusaalem keessatti ijaaraman keessi isaanii baayʼee wal fakkaata. Keessa isaaniitii kutaa lama qabu; isaanis “Iddoo Qulqulluu” fi Kutaa “Hundumaa Caalaa Qulqulluu” taʼedha; kutaawwan kana lamaan golgaatu gargar baasa. (Ibr. 9:2-5; Bau. 26:31-33) Kutaa Qulqulluu keessa baattuun ibsaa warqiirraa tolfame, iddoon aarsaa ixaanni irratti aarfamuu fi minjaalli daabboon ilaalchaa irra kaaʼamu jira ture. Gara Kutaa Qulqulluutti seenanii tajaajila qulqulluu akka dhiheessan kan isaaniif heyyamamu ‘luboota muudaman’ qofadha. (Lak. 3:3, 7, 10) Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼe keessammoo taabota kakuu warqiirraa tolfamee fi Yihowaan achitti argamuu isaa argisiisutu jira. (Bau. 25:21, 22) Waggaatti al tokko Guyyaa Araaraatti golgaa sana darbee gara Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼetti akka seenu kan isaaf heyyamamu luba olaanaa qofadha. (Lew. 16:2, 17) Cubbuu ofii isaatiifis taʼe cubbuu sabichaatiif araara argamsiisuuf dhiiga horii qabatee gara kutaa kanaa seena ture. Yeroo booda, Yihowaan wantoonni kun maal akka argisiisan karaa hafuura isaa ifa godheera.—Ibr. 9:6, 7. w23.10 27 key. 12
Kibxata, Waxabajjii 17
Wal [jaalladhaa.]—Yoh. 15:17.
Dubbiin Waaqayyoo irra deddeebiʼee ajaja, “Wal jaalladhaa” jedhu nuuf kenna. (Yoh. 15:12; Rom. 13:8; 1 Tas. 4:9; 1 Phe. 1:22; 1 Yoh. 4:11) Haa taʼu malee, jaalalli miira garaa keenya ykn keessa keenya jirudha; namni garaa keenya arguu dandaʼummoo hin jiru. Maarree, jaalalli waliif qabnu akka mulʼatu gochuu kan dandeenyu akkamitti? Dubbii fi gocha keenyaani. Karaa garaagaraatiin jaalala obboloota keenyaaf qabnu argisiisuu dandeenya. Fakkeenyonni muraasni kanatti aananii ibsamaniiru: “Walii keessanitti dhugaa dubbadhaa.” (Zak. 8:16) “Walii wajjin nagaa qabaadhaa.” (Mar. 9:50) “Kabaja walii kennuuf dursa fudhadhaa.” (Rom. 12:10) “Wal simadhaa.” (Rom. 15:7) “Tola waliif dhiisuu keessan itti fufaa.” (Qol. 3:13) “Baʼaa walii baachuu keessan itti fufaa.” (Gal. 6:2) “Wal jajjabeessuu keessan itti fufaa.” (1 Tas. 4:18) “Wal ijaaruu keessan itti fufaa.” (1 Tas. 5:11) “Waliif kadhadhaa.”—Yaq. 5:16. w23.11 9 key. 7-8
Roobii, Waxabajjii 18
Abdichatti gammadaa.—Rom. 12:12.
Guyyaa guyyaadhaan, murtoowwan amantii cimaa gaafatan goona. Fakkeenyaaf, hiriyoota, bashannana, barumsa, gaaʼela, ijoollee fi hojii ilaalchisee murtoo ni goona. Akkana jennee of gaafachuun keenya gaariidha: ‘Filannaan koo sirni kun yeroo muraasaaf qofa akka turuu fi yeroo dhihootti addunyaa haaraadhaan akka bakka buufamu akkan amanu argisiisaa? Moo ilaalchi namoonni duuti dhuma waan hundumaati jedhanii amanan qaban dhiibbaa akka narratti godhe argisiisa?’ (Mat. 6:19, 20; Luq. 12:16-21) Sirni haaraan baayʼee akka dhihaate amantii qabnu kan cimsannu yoo taʼe murtoo gaarii goona. Rakkoowwan amantii cimaa gaafatanis nu mudatu. Ariʼatamni nurra gaʼuu, dhibee cimaadhaan qabamuu ykn wantoonni abdii nu kutachiisan kan biroon nu mudachuu dandaʼu. Jalqabarratti rakkoowwan kana dandamachuun nutti hin ulfaatu taʼa. Haa taʼu malee, rakkoowwan akkasii yeroo dheeraadhaaf waan turaniif, jabaannee dhaabbachuu fi gammachuudhaan Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuuf amantii cimaan nu barbaachisa.—1 Phe. 1:6, 7. w23.04 27 key. 4-5
Kamisa, Waxabajjii 19
Yeroo hundumaa kadhadhaa.—1 Tas. 5:17.
Yihowaan tarkaanfii kadhannaa keenya wajjin wal simu akka fudhannu nurraa eega. Fakkeenyaaf, obboleessi tokko walgaʼii naannoorratti argamuu akka dandaʼuuf iddoo hojiitii heyyama argachuuf akka isa gargaaru Yihowaa kadhateera taʼa. Yihowaan kadhannaa kanaaf deebii kan kennu akkamitti taʼuu dandaʼa? Obboleessi sun ija jabina hogganaa isaa haasofsiisuuf isa dandeessisu akka qabaatu isa gargaara taʼa. Taʼus, obboleessi sun hogganaa isaa haasofsiisuu qaba. Tarii hogganaa isaa irra deddeebiʼee gaafachuun isa barbaachisuu dandaʼa. Nama bakka buufatu akka barbaaddatu dubbachuunillee isa barbaachisuu dandaʼa. ykn mindaan guyyaa sanaa akka isarraa citu yaada dhiheessa taʼa. Yihowaan waaʼee dhimmoota nu yaaddessanii irra deddeebinee akka kadhannu nurraa eega. Wanta Yesuus dubbaterraa akka hubannutti, wantoota kadhannaa keenyarratti gaafannu tokko tokko yeruma sana argachuu dhiisuu dandeenya. (Luq. 11:9) Kanaafuu, abdii hin kutatin! Garaadhaa irra deddeebiʼii kadhadhu. (Luq. 18:1-7) Kadhachuu keenya yeroo itti fufnu, wanta kadhanne sana hammam akka barbaannu Yihowaatti argisiisna. Akkas gochuun keenya dandeettii nu gargaaruuf qaburratti amantii akka qabnus ni argisiisa. w23.11 22 key. 10-11
Jimaata, Waxabajjii 20
Abdichis nama hin qaanessu.—Rom. 5:5.
Yihowaan saboonni lafarraa hundi karaa sanyii isaa eebba akka argatan michuu isaa Abrahaamiif waadaa galee ture. (Uma. 15:5; 22:18) Abrahaam Waaqayyorratti amantii guddaa waan qabuuf, waadaan isaaf galame akka raawwatamu mirkanaaʼaa ture. Haa taʼu malee, Abrahaam waggaa 100, haati manaa isaammoo waggaa 90 yeroo turanittillee mucaa hin godhanne turan. (Uma. 21:1-7) Taʼus, Kitaabni Qulqulluun, “Abrahaam abdii isaaf kenname irratti hundaaʼee, . . . akkuma itti himame abbaa saboota hedduu akka taʼu amaneera” jedha. (Rom. 4:18) Wanti Abrahaam abdachaa ture kun akka raawwatame beekta. Ilma yeroo dheeraadhaaf abdachaa turee fi Yisihaaq jedhamu godhateera. Abrahaam Yihowaan waadaa isaaf gale akka raawwatu mirkanaaʼaa kan taʼe maaliifi? Abrahaam “Waaqayyo wanta waadaa gale raawwachuu akka dandaʼu guutummaatti mirkanaaʼaa” kan taʼe isa wajjin michummaa cimaa waan qabuuf ture. (Rom. 4:21) Yihowaanis kan isatti gammadee fi qajeelaa akka taʼetti kan isa ilaale amantii isaatiin kan kaʼedha.—Yaq. 2:23. w23.12 8 key. 1-2
Sanbadduraa, Waxabajjii 21
Namni wanta xinnoo irratti amanamaa taʼe, wanta hedduu irrattis amanamaa taʼa; namni wanta xinnoo irratti amanamaa hin taane, wanta hedduu irrattis amanamaa hin taʼu.—Luq. 16:10.
Dargaggeessi amanamaa taʼe tokko itti gaafatamummaa isaa hunda raawwachuuf ni carraaqa. Mee fakkeenya Yesuus haa ilaallu. Yesuus nama dantaa hin qabne ykn itti gaafatamummaan itti hin dhagaʼamne taʼee hin beeku. Kanaa mannaa, yeroo baayʼee ulfaataa taʼettillee itti gaafatamummaa Yihowaan isaaf kenne raawwateera. Namootaaf, keessumaammoo barattoota isaatiif jaalala waan qabuuf lubbuu isaallee dabarsee isaaniif kenneera. (Yoh. 13:1) Isinis fakkeenya Yesuus hordofuudhaan itti gaafatamummaa isinitti kenname hunda raawwachuuf carraaqqii godhaa. Akkamitti raawwachuun akka dandaʼamu mirkanaaʼaa miti taanaan gad of qabuudhaan obboloota bilchina qaban gargaarsa gaafadhaa. Hojiin tokko yeroo isiniif kennamu xinnuma yaaltanii hin dhiisinaa. (Rom. 12:11) Kanaa mannaa, ‘namootaaf utuu hin taʼin Yihowaadhaaf’ akka hojjettanitti yaaduudhaan hojii isiniif kenname guutummaatti fiixaan baasaa. (Qol. 3:23) Mudaa waan qabdaniif, gad of qabuudhaan dogoggora raawwattan amanaa.—Fak. 11:2. w23.12 26 key. 8
Dilbata, Waxabajjii 22
Namni Yihowaatti amanamu, Yihowaa kan abdatus eebbifamaa dha.—Er. 17:7.
Cuuphamanii kutaa maatii Yihowaa taʼuun gammachuu guddaa argamsiisa. Namoonni mirga addaa kana argatan wanta Daawit faarfatichi dubbate kanarratti walii galu: “Namni mooraa kee keessa akka jiraatu filattee fi ofitti dhiheessite gammadaa dha.” (Far. 65:4) Yihowaan gara mooraa isaatti kan fidu nama hunda miti. Itti dhihaachuuf kan filatu namoota isa wajjin michummaa cimaa qabaachuu akka barbaadan argisiisanittidha. (Yaq. 4:8) Yihowaadhaaf of murteessitee yeroo cuuphamtu sana booda ‘hamma iddoo kaaʼattu dhabdutti eebba akka si irratti roobsu’ mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. (Mil. 3:10; Er. 17:8) Cuuphaan jalqabbii qofadha. Yeroo qorumsii fi rakkinni sirra gaʼuttillee waadaa yeroo of murteessitetti galte eegdee jiraachuuf wanta dandeessu hunda gochuu barbaadda. (Lal. 5:4, 5) Barataa Yesuus waan taateef fakkeenyaa fi ajajawwansaa hamma siif dandaʼame dhiheenyatti hordofta.—Mat. 28:19, 20; 1 Phe. 2:21. w24.03 8 key. 1-3
Wiixata, Waxabajjii 23
Namni abbaa isaa fi haadha isaa ni dhiisa, haadha manaa isaattis ni maxxana.—Uma. 2:24.
Haa taʼu malee, yeroo waliin dabarsuun isin hin gammachiisu yoo taʼehoo? Maarree, maal gochuu dandeessu? Mee waaʼee ibiddaa yaadaa. Ibiddi bobaʼuu kan jalqabu akkuma tasaa miti. Bobaʼuu isaa akka itti fufuuf qoraan guguddaa itti dabaluu keessan itti fufuu qabdu. Haaluma wal fakkaatuun, guyyaa guyyaadhaan yeroo gabaabaa waliin dabarsuuf maaliif hin yaaltan? Yeroo waliin taatanitti wanta lamaan keessaniyyuu gammachiisu gochuuf yaalaa. (Yaq. 3:18) Wantoota xixinnoo gochuudhaan jaalalli keessan cimaa akka deemu gochuu dandeessu. Gaaʼela keessatti kabajni baayʼee barbaachisaadha. Kabajni akkuma oksijiinii ibiddi akka gaariitti bobaʼuu isaa akka itti fufu godhuuti. Ibiddi oksijiinii hin argatu taanaan yeruma sana dhaama. Haaluma wal fakkaatuun, hiriyoonni gaaʼelaa wal hin kabajan taanaan jaalalli isaanii yeruma sana qabbanaaʼa. Faallaa kanaatiin, abbaan manaa fi haati manaa wal kabajuuf carraaqqii godhan jaalalli isaanii cimaa taʼee akka itti fufu godhu. Haa taʼu malee, wanti guddaan isin hiriyaa gaaʼelaa keessan akka kabajjan isinitti dhagaʼamuu isaa utuu hin taʼin, hiriyaan gaaʼelaa keessan akka isa kabajjan isatti dhagaʼamuu isaa akka taʼe yaadadhaa. w23.05 22 key. 9; 24 key. 14-15
Kibxata, Waxabajjii 24
Yaaddoon yeroo na liqimsetti, ati na jajjabeessite, na tasgabbeessites.—Far. 94:19.
Kitaaba Qulqulluu keessatti tajaajiltoonni Waaqayyoo amanamoo taʼan diinota isaanii ykn dhiibbaa kan biraatiin kan kaʼe yeroon itti dhiphatanii fi sodaatan jira ture. (Far. 18:4; 55:1, 5) Haaluma wal fakkaatuun, nutis mana barumsaatti, bakka hojiitti, maatii keenyarraa ykn mootummootarraa mormiin nu mudachuu dandaʼa. Dhibee fayyaa nu mudateen kan kaʼe ni duuna jennee sodaanna taʼa. Yeroo akkasiitti akkuma daaʼima xinnoo tokkootti homaa gochuu akka hin dandeenye nutti dhagaʼama taʼa. Yihowaan haalawwan akkasii keessatti kan nu gargaaru akkamitti? Inni nu jajjabeessa akkasumas nu tasgabbeessa. Kanaafuu, kadhachuu fi Kitaaba Qulqulluu dubbisuudhaan Yihowaa wajjin yeroo dabarsi. (Far. 77:1, 12-14) Kana yoo goote yeroo dhiphattu hundumaatti yaanni jalqaba sii dhufu gara Abbaa kee isa samiitti garagaluudha. Sodaa qabduu fi yaaddoo kee Yihowaatti himi. Achiis Kitaaba Qulqulluutti fayyadamee akka si haasofsiisuu fi akka si jajjabeessu isaaf heyyami.—Far. 119:28. w24.01 24-25 key. 14-16
Roobii, Waxabajjii 25
Waaqayyo . . . fedhii fi humna hojiidhaaf isin barbaachisu isiniif kennuudhaan isin jabeessa.—Filp. 2:13.
Galma hafuuraa tokkorra gaʼuuf kakaʼumsa qabaachuun baayʼee barbaachisaadha. Galma baafatterra gaʼuuf fedhii guddaa yoo qabaanne carraaqqii cimaa goota. Caalaatti kakaʼumsa yoo qabaanne galma keenyarra gaʼuun nuuf salphata. Maarree, caalaatti kakaʼumsa qabaachuuf maal gochuu dandeessa? Caalaatti kakaʼumsa qabaachuuf kadhadhu. Yihowaan hafuura isaatti fayyadamee galma keerra gaʼuuf kakaʼumsa akka qabaattu si gargaaruu dandaʼa. Yeroo tokko tokko galma kan baafannu baafachuu akka qabnu waan nutti dhagaʼamuufi; kun gaariidha. Taʼus, galma sanarra gaʼuuf fedhii qabaachuu dhiisuu dandeenya. Wanta Yihowaan siif godherratti xiinxali. (Far. 143:5) Phaawulos ergamaan gaarummaa guddaa Yihowaan isatti argisiiserratti xiinxaluun isaa Yihowaadhaaf jabaatee hojjechuuf isa kakaaseera. (1 Qor. 15:9, 10; 1 Xim. 1:12-14) Haaluma wal fakkaatuun, wanta Yihowaan siif godherratti yeroo xiinxaltu galma keerra gaʼuuf caalaatti kakaʼumsa qabaatta.—Far. 116:12. w23.05 27 key. 3-5
Kamisa, Waxabajjii 26
Maqaa Yihowaa jajadhaa.—Far. 113:1.
Abbaan keenya inni samii maqaasaa yeroo jajannu baayʼee gammada. (Far. 119:108) Kana jechuun garuu Waaqni hundumaa dandaʼu akka namoota mudaa qabanii fi jajjabinni waan isaan barbaachisuuf warri kaan akka isaan jajan barbaadaniiti jechuudhaa? Akkas jechuu miti. Abbaa keenya isa samii yeroo jajannu wanti Seexanni waaʼee tokkoon tokkoon keenyaa dubbate soba taʼuusaa saaxilla. Seexanni namni kamiyyuu amanamummaadhaan maqaa Waaqayyootiif akka hin dhaabbanne dubbateera. Namni kamiyyuu yeroo qorumsi isarra gaʼu Waaqayyoof amanamaa akka hin taane dubbateera. Hundi keenyayyuu faayidaa akka nuuf argamsiisu yoo nutti dhagaʼame Waaqayyoon tajaajiluu akka dhiisnu dubbate. (Iyo. 1:9-11; 2:4) Iyyoob inni nama amanamaa taʼe garuu Seexanni sobduu taʼuusaa saaxileera. Atoo Waaqayyoof amanamaa ni taataa? Hundi keenyayyuu Abbaa keenya isa samii cinaa dhaabbachuuf filachuu, akkasumas amanamummaadhaan isa tajaajiluudhaan isa gammachiisuu ni dandeenya. (Fak. 27:11) Kun mirga guddaadha! w24.02 8-9 key. 3-5
Jimaata, Waxabajjii 27
Raajota isaatti amanaa; milkaaʼina ni argattu.—2 Sen. 20:20.
Bara Musee fi Iyyaasuu booda Yihowaan sabasaa geggeessuuf abbootii murtii kaaseera. Bara moototaan bulaa turanittimmoo Yihowaan sabasaa geggeessuuf raajota muudeera. Mootonni amanamoo taʼan gorsa raajotaa hordofaniiru. Fakkeenyaaf, Daawit Mootichi sirreeffama Naataan raajichi isaaf kenne gad of qabuudhaan fudhateera. (2 Sam. 12:7, 13; 1 Sen. 17:3, 4) Yoshaafaax Mootichi qajeelfama Yaahaaziʼel hordofuudhaan, “Raajota [Waaqayyootti] amanaa” jedhee saba Yihudaa jajjabeesseera. (2 Sen. 20:14, 15) Hisqiyaas Mootichi yeroo dhiphatetti Isaayyaas raajicha gargaarsa gaafateera. (Isa. 37:1-6) Mootonni Israaʼel qajeelfama Yihowaa yeroo hordofan hundatti Yihowaan isaan eebbisa, sabichis eegumsa argata ture. (2 Sen. 20:29, 30; 32:22) Yihowaan sabasaa geggeessuuf raajotatti fayyadamaa akka ture namni hundi ifatti arguu dandaʼa ture. w24.02 21 key. 8
Sanbadduraa, Waxabajjii 28
Isaanii wajjin tokkummaa hin qabaatinaa.—Efe. 5:7.
Seexanni namoota ulaagaalee Yihowaa eeguun akka nutti ulfaatu godhanitti akka dhihaannu barbaada. Hariiroo kan uumnu namoota qaamaan yeroo wajjin dabarsinu wajjin qofa akka hin taane yaadachuu qabna. Namoota karaa weebsaayitii hawaasaa wajjin wal qunnamnus kan dabalatudha. Ilaalcha addunyaa ‘Gochi naamusaan ala taʼe fudhatama qaba’ jedhurraa fagaachuuf carraaqqii cimaa gochuu qabna. Ilaalchi akkasii sirrii akka hin taane beekna. (Efe. 4:19, 20) Akkana jennee of gaafachuun keenya gaariidha: ‘Utuu hin barbaachisin namootan wajjin hojjedhu, wajjin baradhu ykn namoota ulaagaalee Yihowaa warra qajeeloo taʼaniif kabaja hin qabne kan biroo wajjin yeroo nan dabarsaa? Namoonni tokko tokko akkas gochuu kootti kan na balaaleffatan taʼus, ija jabinaan ulaagaalee Yihowaa nan deggeraa?’ Akkuma 2 Ximotewos 2:20-22 irratti ibsametti, yeroo gumii Kiristiyaanaa keessaa michoota filannuttis of eeggachuun nu barbaachisuu dandaʼa. Isaan keessaa tokko tokko Yihowaadhaaf amanamoo akka taanu nu gargaaruu dhiisuu akka dandaʼan yaadachuu qabna. w24.03 22-23 key. 11-12
Dilbata, Waxabajjii 29
Yihowaan jaalala guddaa kan qabu . . . dha.—Yaq. 5:11.
Yihowaan maal akka fakkaatu tilmaamuuf yaaltee beektaa? Yihowaan kan hin mulʼanne taʼus Kitaabni Qulqulluun karaa garaa garaatiin isa ibsa. Yihowaan “aduu fi gaachana,” akkasumas “ibidda gubee balleessu” akka taʼetti ibsameera. (Far. 84:11; Ibr. 12:29) Hisqiʼel mulʼata arge tokkorratti Yihowaan dhagaa safiroos, sibiila calaqqisuu fi sabbata waaqaa ifa guddaa qabu akka fakkaatu ibseera. (His. 1:26-28) Yihowaa ijaan arguu waan hin dandeenyeef akka nu jaallatu amanuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Namoonni tokko tokko wanta jireenya isaanii keessatti isaan mudateen kan kaʼe Yihowaan isaan jaallachuu akka hin dandeenye isaanitti dhagaʼama. Yihowaan miira akkasiis taʼe dhiibbaa miirri akkasii nurraan geessisu ni hubata. Yihowaan nu gargaaruuf jedhee Dubbii isaa keessatti waaʼee amaloota isaa ibseera. Jechi Yihowaa akka gaariitti ibsu tokko jaalaladha. Kitaabni Qulqulluun, “Waaqayyo jaalala” jedha. (1 Yoh. 4:8) Wanta hunda kan godhu jaalalaan kakaʼeeti. Yihowaan, jaalalli isaa humna guddaa waan qabuuf, amala isaa kana namoota isa jaallatanitti qofa utuu hin taʼin namoota isa hin jaallannettis ni argisiisa.—Mat. 5:44, 45. w24.01 26 key. 1-3
Wiixata, Waxabajjii 30
Inni utubaa duumessaa keessaa isaanitti dubbata ture.—Far. 99:7.
Yihowaan Israaʼelota Gibxii keessaa akka baasuuf Musee muudeera, akkasumas ragaa ijaan mulʼatu isaaniif kenneera. Guyyaa utubaa duumessaa, halkanimmoo utubaa ibiddaa isaaniif qopheesseera. (Bau. 13:21) Museen utubaa sana hordofuudhaan gara Galaana Diimaatti Israaʼelota geesseera. Sabichi galaanichaa fi loltoota Gibxii isaan ariʼaa jiran gidduu akka galan yeroo hubatan baayʼee naʼan. Garuu dogoggora hin turre. Yihowaan Museetti fayyadamee sabasaa garasitti kan geesse taʼe jedheeti. (Bau. 14:2) Achiis Waaqayyo karaa baayʼee nama ajaaʼibsiisuun isaan oolcheera. (Bau. 14:26-28) Sana booda waggoota 40f Museen saba Waaqayyoo lafa onaa keessa geggeessuuf utubaa duumessaa sanatti fayyadamuusaa itti fufeera. (Bau. 33:7, 9, 10) Yihowaan utubaa sana keessaa Museetti dubbata ture; Museenis qajeelfama Yihowaa biraa argate uummatichatti dabarsa. Israaʼelonni Yihowaan isaan geggeessuuf Museetti fayyadamaa akka jiru ifatti hubachuu dandaʼu turan. w24.02 21 key. 4-5