LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es25 ful. 47-57
  • Caamsaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Caamsaa
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2025
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Kamisa, Caamsaa 1
  • Jimaata, Caamsaa 2
  • Sanbadduraa, Caamsaa 3
  • Dilbata, Caamsaa 4
  • Wiixata, Caamsaa 5
  • Kibxata, Caamsaa 6
  • Roobii, Caamsaa 7
  • Kamisa, Caamsaa 8
  • Jimaata, Caamsaa 9
  • Sanbadduraa, Caamsaa 10
  • Dilbata, Caamsaa 11
  • Wiixata, Caamsaa 12
  • Kibxata, Caamsaa 13
  • Roobii, Caamsaa 14
  • Kamisa, Caamsaa 15
  • Jimaata, Caamsaa 16
  • Sanbadduraa, Caamsaa 17
  • Dilbata, Caamsaa 18
  • Wiixata, Caamsaa 19
  • Kibxata, Caamsaa 20
  • Roobii, Caamsaa 21
  • Kamisa, Caamsaa 22
  • Jimaata, Caamsaa 23
  • Sanbadduraa, Caamsaa 24
  • Dilbata, Caamsaa 25
  • Wiixata, Caamsaa 26
  • Kibxata, Caamsaa 27
  • Roobii, Caamsaa 28
  • Kamisa, Caamsaa 29
  • Jimaata, Caamsaa 30
  • Sanbadduraa, Caamsaa 31
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2025
es25 ful. 47-57

Caamsaa

Kamisa, Caamsaa 1

Beelli guddaan buʼuuf [jedha].—HoE. 11:28.

Beelli guddaan “Guutummaa lafaa irratti” buʼee ture Kiristiyaanota jaarraa jalqabaa irrattis miidhaa geessiseera. Mataawwan maatii wanta maatii isaaniitiif barbaachisu dhiheessuun akka isaan yaaddessu beekamaadha. Dargaggoota tajaajila isaanii balʼifachuuf yaadanittoo maaltu dhagaʼama? Galma isaanii yeroodhaaf dhiisuun akka isaan barbaachisu isaanitti dhagaʼamee turee laata? Kiristiyaanonni sun haalli isaan mudate maaliyyuu yoo taʼe haala isaan mudate dandamachuu dandaʼaniiru. Karaa isaaniif dandaʼame hundumaatiin lallabuu isaanii itti fufaniiru, akkasumas obboloota isaanii Yihudaa keessa jiraataniif wanta qaban gammachuudhaan hiraniiru. (HoE. 11:29, 30) Namoonni gargaarsi isaaniif godhame harka Yihowaa arguu dandaʼaniiru. (Mat. 6:31-33) Obboloota isaan gargaaraa turanitti caalaatti akka dhihaatan hin shakkisiisu. Obboloonni buusii gochuudhaanis taʼe karaa kan biraatiin gargaarsa godhan gammachuu kennuudhaan argamu argataniiru.—HoE. 20:35. w23.04 16 key. 12-13

Jimaata, Caamsaa 2

Akkasumas wanta isa kadhannu hunda akka nu dhagaʼu yoo beekne, wanta sana waan isa kadhanneef, wanta kadhanne akka argannu beekna.—1 Yo 5:15.

Yeroo tokko tokko Yihowaan namoota isa hin waaqeffannetti fayyadamee kadhannaa tajaajiltoota isaatiif deebii kenna. Fakkeenyaaf, Arxeksis Mootichi gaaffii Nahimiyaa fudhachuudhaan gara Yerusaalemitti deebiʼee magaalattii ijaaruurratti gargaarsa akka godhu akka isaaf heyyamu isa kakaaseera. (Nah. 2:3-6) Yihowaan yeroo harʼaattis yeroo nu barbaachisutti nu gargaaruuf namoota isa hin waaqeffannetti ni fayyadama. Kadhannaan keenya karaa dinqisiisaa taʼeen deebii kan argatu yeroo baayʼee miti. Taʼus, deebiin argannu wantuma Abbaa keenya isa samiitiif amanamoo taʼuuf nu barbaachisudha. Kanaafuu, Yihowaan kadhannaa keetiif deebii kan kennu akkamitti akka taʼe hubachuuf dammaqaa taʼi. Darbee darbee Yihowaan kadhannaa keetiif akkamitti deebii akka kenne xiinxali. (Far. 66:19, 20) Yihowaarratti amantii akka qabnu kadhannaa isatti dhiheessuudhaan qofa utuu hin taʼin, deebii inni kadhannaa keenyaaf kennu kamiyyuu fudhachuudhaanis taʼuu qaba.—Ibr. 11:6. w23.05 11 key. 13; 12 key. 15-16

Sanbadduraa, Caamsaa 3

Yaa Waaqa koo, fedhii kee raawwachuun na gammachiisa.—Far. 40:8.

Yeroo Yihowaadhaaf of murteessinetti isa waaqeffachuu fi fedhii isaa raawwachuuf waadaa galleerra. Waadaa kana eeguu qabna. Waadaan yeroo of murteessinetti galle baʼaa ulfaataa miti. Yihowaaniyyuu kan nu uume fedhii isaa akka raawwannu godheeti. (Mul. 4:11) Uumamaan fedhii hafuuraa qabna, Waaqayyos akka bifa isaatti nu uume. Kanaafuu, isatti dhihaachuus taʼe fedhii isaa raawwachuudhaan gammaduu ni dandeenya. Hunda caalaammoo, fedhii Waaqayyoo yeroo raawwannuu fi Ilma isaa duukaa yeroo buunu ‘boqonnaa arganna.’ (Mat. 11:28-30) Kanaafuu, wantoota gaggaarii inni siif godherratti, akkasumas eebba gara fuulduraatti siif qopheesserratti xiinxaluudhaan jaalala Yihowaaf qabdu cimsadhu. Jaalalli Waaqayyoof qabdu guddachuun isaammoo isaaf ajajamuun akka sitti salphatu godha. (1 Yohaannis 5:3) Yesuus kadhannaadhaan Yihowaa gargaarsa waan gaafateef, akkasumas badhaasa inni isaaf qopheesserratti xiyyeeffachuu isaa waan itti fufeef fedhii Waaqayyoo raawwachuurratti milkaaʼina argateera. (Ibr. 5:7; 12:2) Atis akkuma Yesuus, jabina argachuuf Yihowaa kadhadhu, sammuun kees abdii jireenya bara baraarratti akka xiyyeeffatu godhi. w23.08 27-28 key.4-5

Dilbata, Caamsaa 4

Waaqayyo gaarummaa isaatiin gara yaada geddarachuutti si geessuuf yaalaa akka jiru utuu hin beekin, baayʼina gaarummaa, gara balʼinaa fi obsa isaa ni tuffattaa?—Rom. 2:4.

Hundi keenya namoota obsa qaban ni dinqisiifanna. Namoota utuu hin aarin wanta tokko obsaan eeguu dandaʼan ni kabajna. Namoota yeroo dogoggora raawwannu nuuf obsan ni dinqisiifanna. Namni Kitaaba Qulqulluu nu qoʼachiise barumsa Kitaaba Qulqulluu tokko barachuuf, fudhachuu fi hojiirra oolchuuf yeroo waldhaansoo goonutti waan nuuf obseef ni galateeffanna. Hunda caalaammoo Yihowaan obsa nutti argisiisuu isaatiif baayʼee isa galateeffanna. Namoota obsa qaban kan dinqisiifannu taʼus, nuti garuu obsa qabaachuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, keessumaa bakka tokko dhaquuf jarjarreerra taanaan yeroo dabaree eeggannu tasgabbaaʼuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Namoonni yeroo nu aarsan baayʼee dheekkamna taʼa. Yeroo tokko tokkommoo, addunyaa haaraan Yihowaan waadaa gale hamma dhufutti eeguun nutti ulfaachuu dandaʼa. Haataʼu malee, haalawwan kana hunda keessatti obsa guddaa qabaachuu qabna. w23.08 20 key. 1-2

Wiixata, Caamsaa 5

Giidewon namoonni Israaʼel kaan hundi gara mana isaaniitti akka deebiʼan godhe; kan of biratti hambise namoota 300 qofa ture.—Abo. 7:8.

Giidewon qajeelfama Yihowaa hordofuudhaan lakkoofsa raayyaa isaa dhibbeentaa 99 oliin hirʼiseera. Tarii, ‘Jijjiiramni kun barbaachisaadhaa? Akkas gochuun keenyahoo nu baasaa?’ jedhee yaadee taʼuu dandaʼa. Taʼus, Giidewon ajajameera. Jaarsoliin yeroo harʼaa jiranis, yeroo jaarmiyichi wanta kanaan dura gochaa turan akka jijjiiran qajeelfama kennu ajajamuudhaan fakkeenya Giidewon hordofu. (Ibr. 13:17) Giidewon sodaatee kan turee fi hojiin isaaf kenname balaadhaaf kan isa saaxilu taʼus Yihowaadhaaf ajajameera. (Abo. 9:17) Yihowaarraa jajjabina erga argatee booda, Waaqayyo saba isaatiif eegumsa gochuurratti akka isa gargaaru amanannaa guutuu qaba ture. Jaarsoliin biyyoota hojiin keenya itti dhorkame keessa jiraatan fakkeenya Giidewon hordofu. Akka hidhaman, akka qorataman, hojii isaanii akka dhaban ykn miidhaan akka isaanirra gaʼu kan doorsifaman taʼus, walgaʼiiwwanii fi tajaajilarratti ija jabinaan dursa fudhatanii geggeessu. Jaarsoliin yeroo rakkina guddaatti qajeelfama isaaniif kennamu hojiirra oolchuuf ija jabinni isaan barbaachisa; tarii akkas gochuun balaadhaaf isaan saaxiluu dandaʼa. w23.06 5-6 key. 12-13

Kibxata, Caamsaa 6

Warra ulfina naa kennaniif ulfina nan kenna.—1 Sam. 2:30.

Yihowaan barumsa akka irraa argannuuf seenaan Yehoyaadaa Kitaaba Qulqulluu keessatti akka barreeffamu godheera. (Rom. 15:4) Kana malees, Yehoyaadaan yeroo duʼetti ulfinni addaa isaaf kennameera; “Waaqa dhugaa fi mana isaa wajjin haala wal qabateen Israaʼel keessatti wanta gaarii taʼe waan raawwateef, Magaalaa Daawit keessatti moototaa wajjin isa awwaalan.” (2 Sen. 24:15, 16) Seenaan Yehoyaadaa hundi keenya sodaa Waaqayyoof qabnu akka guddifannu nu gargaara. Ilaaltonni olaanaa gumii Kiristiyaanaa yeroo hunda dammaqoo taʼuu fi amanamummaadhaan hoolota Waaqayyootiif eegumsa gochuudhaan fakkeenya Yehoyaadaa hordofuu dandaʼu. (HoE. 20:28) Maanguddoonni Yihowaa kan sodaatanii fi isaaf amanamoo taʼanii kan itti fufan yoo taʼe, Yihowaan kaayyoo isaa raawwachuuf isaanitti fayyadamuu akka dandaʼu fakkeenya Yehoyaadaarraa barachuu dandaʼu. Dargaggoonnis akkaataa Yihowaan Yehoyaadaa itti qaberraa barumsa argatu; keessumaa maanguddoota waggoota hedduudhaaf amanamummaadhaan Yihowaa tajaajilaniif ulfina kennuudhaan fakkeenya Yihowaa hordofuu dandaʼu. (Fak. 16:31) “Warra . . . dura buutota taʼaniif” ajajamuudhaan amanamummaadhaan isaan haa deeggarru.—Ibr. 13:17. w23.06 17 key. 14-15

Roobii, Caamsaa 7

Afaan nama qajeelaa namoota hedduu ni soora.—Fak. 10:21.

Walgaʼii irratti deebii kennuuf yeroo hammamii harka akka baastu murteessuuf dandeettii hubannaa keetti fayyadami. Irra deddeebinee harka kan baasnu yoo taʼe, obboleessi qoʼannaa sana geggeessu warri carraa hin arganne utuma jiranii carraa akka nuu kennu dhiibbaa isarratti gochuu dandaʼa. Kunimmoo warri kaan abdii kutatanii harka baasuu isaanii akka dhiisan gochuu dandaʼa. (Lal. 3:7) Qoʼannaa tokkorratti babalʼistoonni hedduun harka kan baasan yoo taʼe, hamma barbaanne yaada kennuuf carraa argachuu dhiisuu dandeenya. Yeroo tokko tokkommoo, obboleessi qoʼannaa sana geggeessu carraa nuu kennuu dhiisuu dandaʼa. Kun abdii kan nama kutachiisu taʼuu dandaʼa; garuu deebii kennuuf yeroo carraa hin argannetti obboleessa qoʼannaa sana geggeessutti mufachuu hin qabnu. (Lal. 7:9) Hamma barbaadde yaada kennuuf yoo carraa argachuu baattellee, yaada warri kaan kennan sirriitti dhaggeeffachuudhaan walgaʼiin yeroo xumuramu maaliif isaan hin galateeffattu? Akkuma yaada walgaʼiirratti kennitutti isaan galateeffachuun kees baayʼee isaan jajjabeessuu dandaʼa. w23.04 23-24 key. 14-16

Kamisa, Caamsaa 8

Yaa Waaqayyo, garaan koo cimaa dha.—Far. 57:7.

Dubbii Waaqayyoo qoʼadhu, akkasumas irratti xiinxali. Akkuma mukti tokko hidda gadi fageeffachuun isaa cimee dhaabbachuuf isa gargaaru, nutis Dubbii Waaqayyoorratti amantii cimaa qabaachuun keenya cimnee dhaabbachuuf nu gargaara. Mukti tokko guddachaa yeroo deemu hiddi isaa gara gadiittii fi gara maddiitti babalʼachaa deema. Yeroo qoʼannuu fi xiinxallu karaan Waaqayyoo hundarra kan caalu taʼuu isaa ilaalchisee amantiin qabnu caalaatti cima. (Qol. 2:6, 7) Yihowaan bara duriitti tajaajiltoota isaatiif gorsaa fi qajeelfama kennuun isaa fi eegumsa isaaniif gochuun isaa kan isaan fayyade akkamitti akka taʼe xiinxali. Fakkeenyaaf, Hisqiʼel mulʼata arge tokkorratti yeroo maleekaan tokko mana qulqullummaa of eeggannoodhaan safaru xiyyeeffannaadhaan hordofaa ture. Mulʼanni kun Hisqiʼeliif cimina argamsiiseera, ulaagaalee Yihowaan waaqeffannaa dhugaatiif baase deggeruu kan dandeenyu akkamitti akka taʼes nu hubachiiseera. (His. 40:1-4; 43:10-12) Nutis wantoota gadi fagoo Dubbii Waaqayyoo keessatti argaman qoʼachuu fi xiinxaluuf yeroo kan ramannu yoo taʼe faayidaa guddaa arganna. Garaan keenya cimaa taʼuu dandaʼa, guutummaatti Yihowaatti amanamna.—Far. 112:7. w23.07 18 key. 15-16

Jimaata, Caamsaa 9

Dandeettii yaaduu eeggadhu.—Fak. 3:21

Kitaaba Qulqulluu keessatti namoonni obboloota dargaggoota taʼaniif fakkeenya gaarii taʼan hedduun ibsamaniiru. Namoonni bara duriitti jiraatan kun Waaqayyoon kan jaalatanii fi saba isaa karaa garaa garaatiin kunuunsaa kan turanidha. Maatii keessanii fi gumii keessan keessaas obboloota bilchaatoo fakkeenya gaarii isiniif taʼan argachuu dandeessu. (Ibr. 13:7) Yesuus Kiristoos fakkeenya hunda caalu isiniif taʼa. (1 Phe. 2:21) Fakkeenyota kana yeroo qoʼattan amaloota gaggaarii isaanqabanirratti xiyyeeffadhaa. (Ibr. 12:1, 2) Achiis fakkeenya isaanii akkamitti akka hordoftan murteessaa. Namni dandeettii yaaduu qabu tokko tarkaanfii fudhachuu isaa dura filannoowwan qaburratti of eeggannoodhaan yaada. Kanaafuu, dandeettii kana horachuu fi eeggattee itti fufuuf carraaqqii godhi. Waaʼee dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu barachuu fi dhugaawwan buʼuuraa kun faayidaa akkamii akka qaban yaaduudhaan jalqabuu dandeessu. Achiis murtoo Yihowaa gammachiisu gochuuf dhugaawwan buʼuuraa kanatti fayyadamaa. (Far. 119:9) Kun Kiristiyaana bilchaataa taʼuuf tarkaanfii murteesseedha.—Fak. 2:11, 12; Ibr. 5:14. w23.12 24-25 key. 4-5

Sanbadduraa, Caamsaa 10

Nama waaʼee abdii keessanii isin gaafatu hundumaaf deebii kennuuf yeroo hunda qophaaʼoo taʼaa; kana kan gootan garuu garraamummaa fi ulfina guddaadhaan haa taʼu.—1 Phe. 3:15.

Warri ijoolleen isaanii wanta itti amanan ilaalchisee falmiin yeroo isaan mudatu garraamummaadhaan deebii kennuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe isaan barsiisuu dandaʼu. (Yaq. 3:13) Maatiin tokko tokko yeroo waaqeffannaa maatiitti sagantaa shaakalaa qabu. Dhimmoota mana barumsaatti isaan mudatan erga kaasanii booda deebii kennuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe ijoollee isaanii wajjin irratti mariʼatu akkasumas hojiin argisiisa qopheessu; akka kanaan garraamummaadhaan akkasumas karaa nama hawwatuun akkamitti deebii kennuu akka dandaʼan ijoollee isaanii barsiisu. Sagantaan shaakalaa akkasii dargaggoonni sababii wanta tokkotti itti amanan sirriitti hubachuu fi warra kaaniif ibsuuf isaan gargaaru. Mata dureen jw.org irratti walitti aanee baʼuu fi “Gaaffii Dargaggootaa” jedhu waraqaa qoʼannaa dargaggootaaf qophaaʼe qaba. Meeshaaleen akkasii dargaggoonni amantii isaanii akka cimsatanii fi deebii jecha mataa isaaniitti fayyadamanii deebisan akka qopheeffatan isaan gargaaru. Hundi keenyayyuu mata dureewwan walitti aananii baʼan kana maatiidhaan qoʼachuudhaan amantii keenya garraamummaadhaan akkasumas karaa nama hawwatuun akkamitti ibsuu akka dandeenyu barachuu dandeenya. w23.09 17 key. 10; 18 key. 15-16

Dilbata, Caamsaa 11

Yoo abdii kutachuu baanne yommuu yeroon isaa gaʼu waan haammannuuf, wanta gaarii hojjechuuf abdii hin kutannu.—Gal. 6:9.

Galma hafuuraa tokko kan baafatte taʼus irra gaʼuun sitti ulfaatee beekaa? Taanaan, haalli akkasii kan mudate si qofa miti. Fakkeenyaaf, Filiippi qabiyyee kadhannaa isaa fooyyessuu fi irra deddeebiʼee kadhannaa dhiheessuu kan barbaadu taʼus yeroo argachuun isatti ulfaata. Eeriikaan yeroodhaan walgaʼii tajaajila dirreerratti argamuuf galma baafattee turte; taʼus yeroo hunda barfatti. Galma baafatte tokkorra ammayyuu hin geenye taanaan abdii hin kutatin. Galma salphaa taʼerra gaʼuufillee yeroo fi carraaqqii hedduu gaafachuu dandaʼa. Ammayyuu galma keerra gaʼuuf fedhii qabaachuun kee michummaa Yihowaa wajjin qabduuf iddoo guddaa akka kennituu fi wanta hundarra caalu isaaf kennuu akka barbaaddu argisiisa. Yihowaan carraaqqii gootuuf iddoo guddaa kenna. Inni wanta humna keetii ol taʼe sirraa hin eegu. (Far. 103:14; Mik. 6:8) Kanaafuu, galma tokko yeroo baafattu irra gaʼuu kan dandeessu taʼuu isaa mirkaneeffadhu. w23.05 26 key. 1-2

Wiixata, Caamsaa 12

Waaqayyo nuu wajjin yoo taʼe, eenyutu nu mormuu dandaʼa?—Rom. 8:31.

Namoonni ija jabeeyyiin sodaan isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa; taʼus sodaan wanta sirrii raawwachuu akka isaan dhowwu hin heyyaman. Daaniʼel dargaggeessa ija jabina guddaa qabu ture. Raajiiwwan Ermiyaas dabalatee wantoota raajonni Waaqayyoo barreessan qoʼateera. Yeroo booda qoʼannaa isaarraa yeroon Yihudoonni Baabilon keessatti boojuudhaan dabarsan dhiheenyatti akka xumuramu hubateera. (Dan. 9:2) Daaniʼel raajiin Kitaaba Qulqulluu yeroo raawwatamu arguun isaa amantii Yihowaarratti qabu isaaf cimseera; namoonni Waaqayyorratti amantii cimaa qabanimmoo ija jabina guddaa argisiisuu ni dandaʼu. (Rom. 8:32, 37-39 wajjin wal bira qabii ilaali.) Hunda caalaammoo, Daaniʼel Abbaa isaa isa samiitti kadhannaa ni dhiheessa ture. (Dan. 6:10) Cubbuu isaa Yihowaatti himateera, miira isatti dhagaʼamus isaaf ibseera. Akka isa gargaarus isa kadhateera. (Dan. 9:4, 5, 19) Daaniʼel akkuma keenya nama waan taʼeef ija jabina qabaatee hin dhalanne. Amala kana kan horate qoʼachuudhaan, kadhachuudhaan, akkasumas Yihowaatti amanamuudhaani. w23.08 3 key. 4; 4 key. 7

Kibxata, Caamsaa 13

Namoonni hojii keessan isa gaarii arganii Abbaa keessan isa samiitiif ulfina akka kennaniif, ifni keessan namoota duratti haa ifu.—Mat. 5:16.

Abbootii taayitaa iddoo olaanaa qabaniif yeroo ajajamnu, ofii keenyas taʼe warra kaan ni fayyadna. Akkamitti? Tokkoffaa, adaba namoonni seerichaaf hin ajajamne adabamanirraa ni oolla. (Rom. 13:1, 4) Ajajamuun keenya ilaalcha abbootiin taayitaa Dhugaa Baatota Yihowaatiif qabanirratti dhiibbaa gochuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, waggoota hedduu dura Naayijeeriyaa keessatti loltoonni utuma walgaʼiin geggeeffamaa jiruu namoota gibira kaffaluu didan qabuuf gara Galma Walgaʼii dhufanii turan. Taʼus, ajajaan isaanii Dhugaa Baatonni Yihowaa yeroo hunda gibira akka kaffalan dubbachuudhaan akka deebiʼan loltoota sanatti hime. Yeroo hunda seera eeguun kee sabni Yihowaa maqaa gaarii akka qabaatan gochuu dandaʼa; kunis gaaf tokko obboloota kee fayyaduu dandaʼa. w23.10 9 key. 13

Roobii, Caamsaa 14

Fedhii Waaqayyoo erga raawwattanii booda, waadaa inni gale sana argachuuf jabaattanii dhaabbachuun isin barbaachisa.—Ibr. 10:36.

Tajaajiltoonni Yihowaa tokko tokko dhuma sirna kanaa waggoota hedduudhaaf eeggachaa turaniiru. Akka ilaalcha namaatti waadaan Waaqayyo gale waan ture fakkaachuu dandaʼa. Taʼus, Yihowaan miira tajaajiltoota isaa ni hubata; Anbaaqom raajichaan akkana jedheera: “Mulʼatichi yeroo isaaf murteeffame qaba, inni gara xumura isaatti ni ariifata, hin sobus. Utuma turee illee eeggachuu kee itti fufi! Sababiin isaas, inni shakkii tokko malee ni raawwatama. Hin turus!” (An. 2:3) Yihowaan kana kan dubbate Anbaaqomiin qofa jajjabeessuuf yaadeetii? Moo wanti inni dubbate kun yeroo harʼaatti nuufis hiika qaba? Phaawulos ergamaan hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee yaanni kun Kiristiyaanota addunyaa haaraa hawwiidhaan eeggachaa jiraniifis akka hojjetu dubbateera. (Ibr. 10:37) Eeyyee, waadaan fayyina akka argannu nuuf galame kan ture yoo fakkaatellee, “shakkii tokko malee ni raawwatama. Hin turus!” w23.04 30 key. 16

Kamisa, Caamsaa 15

Israaʼelonni hundis Musee . . . irratti gungumuu jalqaban.—Lak. 14:2.

Israaʼeloonni ragaa ifa taʼee fi Yihowaan Museetti fayyadamaa akka jiru argisiisu fudhachuu didan. (Lak. 14:10, 11) Irra deddeebiʼanii Yihowaan Museetti fayyadamaa akka jiru fudhachuu didaniiru. Kanaan kan kaʼes dhaloonni sun gara Biyyattii Abdachiifamteetti utuu hin galin hafeera. (Lak. 14:30) Haa taʼu malee, Israaʼelonni tokko tokko qajeelfama Yihowaa hordofaniiru. Fakkeenyaaf, Yihowaan, “Kaaleb . . . garaa guutuudhaan ana duukaa [buʼeera]” jedheera. (Lak. 14:24) Waaqayyo Kaalebiin eebbiseera; biyya Kanaʼaan keessaa bakka filate akka jiraatullee isaaf heyyameera. (Iya. 14:12-14) Dhaloonni sana booda tures qajeelfama Yihowaa hordofuurratti fakkeenya gaarii taʼu. Iyyaasuun Musee bakka buʼee Israaʼelota geggeessuu yeroo jalqabetti Israaʼelonni “umurii isaa guutuu ulfina guddaa isaaf ni kennan.” (Iya. 4:14) Kanaan kan kaʼes Yihowaan biyya waadaa isaaniif galetti isaan galchuudhaan isaan eebbiseera.—Iya. 21:43, 44. w24.02 21 key. 6-7

Jimaata, Caamsaa 16

Namni Waaqayyoon jaallatu hundi obboleessa isaas jaallachuu qaba.—1 Yoh. 4:21.

Akkuma doktarri tokko rukuttaa onnee keenyaa ilaaluun isaa haala onnee keenyaa hamma tokko beekuuf isa dandeessisu, jaalala warra kaaniif qabnu qoruun keenyas jaalalli Waaqayyoof qabnu hammam cimaa akka taʼe beekuuf nu dandeessisa. Jaalalli obboloota keenyaaf qabnu hamma tokko akka hirʼate yoo hubanne, tarii kun jaalalli Waaqayyoof qabnus hirʼachaa akka jiru kan argisiisu taʼuu dandaʼa. Yeroo hunda obboloota keenyatti jaalala kan argisiisnu yoo taʼe garuu, kun jaalalli Waaqayyoof qabnus cimaa akka taʼe argisiisa. Jaalalli obboloota keenyaaf qabnu hirʼachaa jira taanaan kun nu yaaddessuu qaba. Maaliif? Kun taʼuun isaa karaa hafuuraa balaarra akka jirru kan argisiisu waan taʼeefi. Yohaannis ergamaan, “Namni obboleessa isaa isa ijaan argu hin jaallanne, Waaqayyo isa ijaan hin argine jaallachuu hin dandaʼu” jedhee yeroo barreessetti kana ifa godheera. (1 Yoh. 4:20) Kanarraa maal baranna? Yihowaa gammachiisuu kan dandeenyu yoo ‘wal jaallanne’ qofadha.—1 Yohaannis 4:7-9, 11 w23.11 8 key. 3; 9 key. 5-6

Sanbadduraa, Caamsaa 17

Abbaan kee fi haati tee ni gammadu.—Fak. 23:25.

Yoʼaas Mootichi ijoollummaa isaatti murtoo gaarii godhee ture. Abbaa kan hin qabne taʼus Yehoyaadaan isa luba olaanaa amanamaa taʼerraa qajeelfama argateera; qajeelfama isaas hordofeera. Lubni kun akkuma mucaa isaatti isa ilaaluudhaan isa gorseera. Kanaafuu, Yoʼaas Yihowaa tajaajiluu fi sabichis akkas akka godhan gargaaruuf murteesseera. Yoʼaas mana qulqullummaa Yihowaa haaressuufillee qophii godheera. (2 Sen. 24:1, 2, 4, 13, 14) Warri kee ykn namni kan biraan Yihowaa akka jaallattuu fi ulaagaalee isaatiin akka jiraattu si barsiisaa jiru yoo taʼe kennaa gatii guddaa qabu sii kennaa jiru. (Fak 2:1, 10-12) Warri kee karaa hedduutiin si leenjisuu dandaʼu. Gorsa Kitaaba Qulqulluu isiniif kennamu hojiirra kan oolchitan yoo taʼe warra keessan ni gammachiistu. Hunda caalaammoo Waaqa gammachiistu, isa wajjinis michummaa barabaraaf turu uumtu. (Fak. 22:6; 23:15, 24) Kana beekuun keessan akkuma Yoʼaas ijoollummaa isaatti godhe murtoo gaarii gochuuf isin hin kakaasuu? w23.09 8-9 key. 3-5

Dilbata, Caamsaa 18

Anis isin nan dhagaʼa.—Er. 29:12.

Yihowaan kadhannaa keenya akka dhagaʼu waadaa galeera. Waaqni keenya tajaajiltoota isaa amanamoo baayʼee waan jaallatuuf, kadhannaa isaaniitiif yeroo hundumaa iddoo guddaa kenna. (Far. 10:17; 37:28) Kana jechuun garuu, wanta isa gaafannu hunda nuuf kenna jechuu miti. Wantoota isa gaafanne tokko tokko argachuuf hamma addunyaa haaraan dhufutti eeguun nu barbaachisuu dandaʼa. Yihowaan kadhannaa keenya yeroo dhaggeeffatu kaayyoo isaa tilmaama keessa galcha. (Isa. 55:8, 9) Kaayyoon isaa lafti namoota bulchiinsa isaatiif gammachuudhaan bitamaniin akka guutamtu gochuu kan dabalatudha. Haa taʼu malee, Seexanni ilmaan namootaa caalaatti milkaaʼina kan argatan yoo ofiin of bulchan akka taʼe dubbateera. (Uma. 3:1-5) Yihowaan wanti Diyaabilos dubbate kun soba taʼuu isaa mirkaneessuuf namoonni akka ofiin of bulchan heyyameera. Taʼus, bulchiinsi namootaa rakkina yeroo ammaatti argaa jirru hedduu geessiseera. (Lal. 8:9) Kanaafuu, Yihowaan yeroo ammaatti rakkina hunda akka hin balleessine beekna. w23.11 21 key. 4-5

Wiixata, Caamsaa 19

Ani saboota hedduudhaaf abbaa si godheera.—Rom. 4:17.

Yihowaan saboonni hedduun karaa Abrahaam akka eebbifaman abdachiisee ture. Haa taʼu malee, hamma Abrahaam umuriin isaa waggaa 100 taʼuu fi Saaraan umuriin ishii waggaa 90 taʼutti ilma waadaa isaaniif galame hin arganne turan. Akka ilaalcha namaatti Abrahaamii fi Saaraan dhala godhachuu waan dandaʼan hin fakkaatu ture. Haalli kun amantii Abrahaam qoree ture. Taʼus, “Abrahaam abdii isaaf kenname irratti hundaaʼee . . . abbaa saboota hedduu akka taʼu amaneera.” (Rom. 4:18, 19) Oolee bulees wanta abdate sana argateera. Ilma isaa Yisihaaq isa yeroo dheeraadhaaf abdiidhaan eeggachaa ture argateera. (Rom. 4:20-22) Nutis Waaqayyo biratti fudhatama argachuu fi akkuma Abrahaam michuu isaa taʼuu ni dandeenya. Phaawulos akkana jedhee yeroo barreessetti kana ifa godheera: “Yaanni, ‘isaaf lakkaaʼame’ jedhu [Abrahaam] qofaaf kan barreeffame miti; kanaa mannaa, Waaqa isa Yesuus Gooftaa keenya duʼaa kaase sanatti waan amannuuf, nu warra akka qajeelotaatti lakkaaʼamneefis kan barreeffame dha.” (Rom. 4:23, 24) Nutis akkuma Abrahaam amantii qabaachuun, hojii gaarii hojjechuunii fi abdiin nu barbaachisa. w23.12 7 key. 16-17

Kibxata, Caamsaa 20

Ati rakkina koo waan argiteef . . . ati dhiphina koo isa cimaa beekta.—Far. 31:7.

Rakkinni si sodaachisu tokko yeroo si mudatu, Yihowaan rakkinichas taʼe miira rakkinichaan kan kaʼe sitti dhagaʼamu akka hubatu yaadadhu. Fakkeenyaaf, Yihowaan cunqursaa Gibxii keessatti Israaʼelotarra gaʼe qofa utuu hin taʼin, “miidhaa isaan irra gaʼaa” tures hubateera. (Bau. 3:7) Rakkinni sodaachisaa taʼe yeroo si mudatutti Yihowaan si gargaaraa kan jiru akkamitti akka taʼe hubachuun sitti ulfaachuu dandaʼa. Maarree, maal gochuu dandeessa? Gargaarsa siif gochaa jiru hubachuuf akka si gargaaru kadhadhu. (2 Mot. 6:15-17) Achiis kanarratti yaadi: Haasaan ykn yaanni walgaʼii gumiirratti dhageesse si cimseeraa? Barreeffamni, viidiyoon ykn faarfannaan tokko si jajjabeesseeraa? Namni tokko yaada ykn caqasa nama jajjabeessu siif hireeraa? Waldaa obbolummaa keenya isa jaalala qabeessa taʼee fi nyaata hafuuraa argannu salphisnee ilaalla taʼa. Haa taʼu malee, wantoonni kun kennaa addaa Yihowaa biraa argannedha. (Isa. 65:13; Mar. 10:29, 30) Yihowaan akka siif yaadu siif mirkaneessu. (Isa. 49:14-16) Isatti amanamuu akka dandeessus siif mirkaneessu. w24.01 4-5 key. 9-10

Roobii, Caamsaa 21

Garboonni kee ija jabina guddaadhaan dubbii kee dubbachuu isaanii akka itti fufan isaan gargaari.—HoE. 4:29.

Yesuus gara samiitti deebiʼuu isaa dura barattoonni isaa “Yerusaalemitti, guutummaa Yihudaa fi Samaariyaatti, akkasumas hanga andaara lafaatti” waaʼee isaa dhugaa akka baʼan hojiin akka isaaniif kenname isaan yaadachiiseera. (HoE. 1:8; Luq. 24:46-48) Yeroo muraasa booda garuu geggeessitoonni amantaa Yihudii, Pheexiros ergamaa fi Yohaannis ergamaa qabanii yaaʼii Saanhedriin duratti isaan dhiheessuudhaan lallabuu isaanii akka dhaaban isaan ajajan, akkasumas isaan sossodaachisan. (HoE. 4:18, 21) Pheexirosii fi Yohaannis akkana jedhanii deebisan: “Waaqayyoon dhagaʼuu mannaa isiniin dhagaʼuun Waaqayyo duratti sirrii taʼuu fi dhiisuu isaa isinumti murteessaa. Nuti garuu, waaʼee wantoota dhageenyee fi arginee dubbachuu keenya dhiisuu hin dandeenyu.” (HoE. 4:19, 20) Pheexirosii fi Yohaannis yeroo gadhiifamanitti fedhii isaa raawwachuuf akka isaan gargaaru sagalee isaanii ol kaasuudhaan Yihowaa kadhatan. Yihowaanis kadhannaa isaaniif deebii kenneera.—HoE. 4:31. w23.05 5 key. 11-12

Kamisa, Caamsaa 22

Kun Ilma koo isa jaallatamaa . . . dha.—Mat. 17:5.

Yihowaanii fi Ilmi isaa waggoota hangana hin jedhamneef walitti dhufeenya cimaa jaalalarratti hundaaʼe uumuu dandaʼaniiru. Hamma isaanii yeroo dheeraadhaaf waliin kan jiraate hin jiru. Akkuma caqasa guyyaa harʼaa irraa ilaallu Yihowaan Yesuusiin akka jaallatu ifatti dubbateera. Yihowaan, ‘Kun isa ani itti gammadu dha’ jedhee dhiisuu dandaʼa ture. Haa taʼu malee, Yesuusiin hammam akka jaallatu akka beeknu waan barbaadeef, “Ilma koo isa jaallatamaa” jedhee isa waameera. Yihowaan Yesuusitti ni boona ture, wanta inni gochuuf jedhuttis gammadee ture. (Efe. 1:7) Yesuusis miira Abbaan isaa isaaf qaburratti shakkii tokkollee hin qabu ture. Yihowaan baayʼee akka isa jaallatu mirkanaaʼaa ture. Abbaan isaa akka isa jaallatu irra deddeebiʼee dubbateera.—Yoh. 3:35; 10:17; 17:24. w24.01 28 key. 8

Jimaata, Caamsaa 23

Qabeenya guddaa mannaa maqaa gaariin filatamaa dha.—Fak. 22:1.

Namni ati baayʼee yaadduuf tokko waaʼee kee wanta gaarii hin taane akka dubbate godhii yaadi. Wanti inni dubbate soba taʼuusaa beekta; taʼus namoonni tokko tokko isa amananiiru. Baayʼee kan nama gaddisiisummoo isaanis wanta dhagaʼan warra kaanitti waan himaniif namoonni kan biroo hedduun soba kana amananiiru. Maarree maaltu sitti dhagaʼama? Maqaan kee baduu isaatti akka gadditu beekamaadha. Fakkeenyi kun Yihowaan yeroo maqaan isaa balleeffametti miirri akkamii akka isatti dhagaʼame hubachuuf nu gargaara. Maleekota isaa keessaa tokko waaʼee isaa wanta soba taʼe dubartii jalqabaa kan taate Hewaanitti himee ture. Ishiinis soba inni dubbate ni amante. Soba kanaan kan kaʼe Addaamii fi Hewaan Waaqayyorratti fincilan. Kanaan kan kaʼes ilmaan namootaa hundi cubbamoota taʼan, akkasumas duʼuu jalqaban. (Uma. 3:1-6; Rom. 5:12) Duuti, waraannii fi rakkinni addunyaa keessatti babalʼatee argaa jirra. Yihowaan maqaan isaa baduu isaatti, akkasumas miidhaa sababa kanaatiin dhufetti gaddeeraa? Eeyyee gaddeera. Taʼus, Yihowaan garmalee gadduudhaan haaloo hin qabanne. Kanaa mannaa, “Waaqa gammadaa taʼee” itti fufeera.—1 Xim. 1:11. w24.02 8 key. 1-2

Sanbadduraa, Caamsaa 24

Ani badii guddaa kana akkamittan raawwadha? Waaqayyo [irratti] akkamittan cubbuu hojjedha?—Uma. 39:9.

Atoo akkuma Yoseef kutannoo akka qabdu argisiisuu kan dandeessu akkamitti? Qorumsi yoo si mudate maal akka gootu ammuma murteessuu dandeessa. Wanta Yihowaan jibburraa yeruma sana fagaachuu baradhu; waaʼee wanta akkasii yaaduurraallee of qusadhu. (Far. 97:10; 119:165) Akkas yoo goote yeroo qorumsi si mudatu hin mooʼamtu. Tarii ati dhugaa akka argatte beekta, garaa kee guutuudhaan Yihowaa tajaajiluus ni barbaadda; garuu wanti Yihowaadhaaf of murteessuu fi cuuphamuurraa duubatti akka jettu si taasisu tokko jira taʼa. Wanta Daawit Mootichi godhe gochuu dandeessa. Akkana jettee Yihowaa kadhachuu dandeessa: “Yaa Waaqayyo, akka gaariitti na sakattaʼi, garaa koos beeki. Na qori, yaadawwan na dhiphisanis beeki. Daandiin miidhaa geessisu akkamii iyyuu na keessa yoo jiraate ilaali, daandii bara baraa irras na geggeessi.” (Far. 139:23, 24) Yihowaan “warra cimsanii isa barbaaddatan” ni eebbisa. Galma of murteessitee cuuphamuuf baafatterra gaʼuuf carraaqqii gochuun kee cimsitee isa barbaaddachaa akka jirtu argisiisa.—Ibr. 11:6. w24.03 6 key. 13-15

Dilbata, Caamsaa 25

Guyyaa guyyaadhaan aarsaa dhiheessuun isa hin barbaachisu.—Ibr. 7:27.

Lubni olaanaan sabicha bakka buʼee Waaqayyo duratti dhihaata ture. Yihowaan luba olaanaa Israaʼel isa jalqabaa kan taʼe Aaroniin kan muude yeroo godoo qulqulluun eebbifamettidha. Haa taʼu malee, akkuma Phaawulos ergamaan ibsetti, “tajaajila isaanii akka itti hin fufne duuti waan isaan dhowweef luboonni hedduun bakka walii buufamuu qabu turan.” (Ibr. 7:23-26) Luboonni kun cubbamoota waan taʼaniif cubbuu ofii isaaniitiifis aarsaa dhiheessuu qabu turan. Garaa garummaa guddaan luboota olaanoo Israaʼelii fi Yesuus Kiristoos isa Luba Olaanaa guddaa taʼe gidduu jiru kanadha. Luba Olaanaa keenya kan taʼe Yesuus Kiristoos “tajaajilaa . . . dunkaana dhugaa isa nama utuu hin taʼin Yihowaan dhaabe sanaa ti.” (Ibr. 8:1, 2) Akkuma Phaawulos ibse “[Yesuus] bara baraaf waan jiraatuuf, namni bakka isaa buʼee luba taʼu hin jiru.” Phaawulos itti dabaluudhaan Yesuus ‘xurii akka hin qabnee fi cubbamoota irraa adda akka taʼe,’ akkasumas luboota olaanoo Israaʼelirraa haala adda taʼeen cubbuu ofii isaatiif “guyyaa guyyaadhaan aarsaa dhiheessuun” akka isa hin barbaachisne ibseera. w23.10 26 key. 8-9

Wiixata, Caamsaa 26

Samiin inni duraa fi lafti inni duraa darbaniiru.—Mul. 21:1.

“Samiin inni duraa” mootummoota dhiibbaa Seexanaa fi jinniiwwan isaa jala jiran argisiisa. (Mat. 4:8, 9; 1 Yoh. 5:19) Kitaaba Qulqulluu keessatti akka itti hojjetametti, yaanni “lafti” jedhu namoota lafarra jiraatan argisiisa. (Uma. 11:1; Far. 96:1) Kanaafuu, “lafti inni duraa” namoota hamoo yeroo harʼaa jiran argisiisa. Yihowaan “samii” fi ‘lafa’ amma jiru fooyyessuu mannaa guutummaatti haxaaʼee balleessa. Samii fi lafa yeroo ammaatti argamu “samii haaraa fi lafa haaraa,” jechuunis bulchiinsa haaraa fi hawaasa ilmaan namootaa haaraa taʼeen bakka buusa. Yihowaan lafaa fi ilmaan namootaa mudaarraa walaba akka taʼan gochuudhaan isaan haaromsa. Akkuma Isaayyaas raajiidhaan dubbatetti Yihowaan guutummaan lafaa akkuma iddoo biqiltuu Eedan akka taatu godha. Tokkoon tokkoon keenya guutummaatti fayyisuudhaan nu haaromsa. Namoonni naafatan, namoonni qaro dhabeeyyiinii fi namoonni gurri isaanii duude ni fayyifamu; namoonni duʼanillee duʼaa ni kaafamu.—Isa. 25:8; 35:1-7. w23.11 4 key. 9-10

Kibxata, Caamsaa 27

Qophaaʼoo taʼaa.—Mat. 24:44.

“Rakkinni guddaan” akkuma tasaa jalqaba. (Mat. 24:21) Haa taʼu malee, balaawwan kaanirraa haala adda taʼeen rakkinni guddaan akka dhufu dursinee beekna. Gara waggaa 2,000 dura Yesuus duuka buutonni isaa guyyaa sanaaf akka qophaaʼan akeekkachiiseera. Dursinee yoo qophoofne yeroo rakkisaa taʼe sana keessa darbuunii fi warri kaanis akkas akka godhan gargaaruun nuuf salphata. (Luq. 21:36) Yihowaadhaaf ajajamuuf jabaannee dhaabbachuun nu barbaachisa; yeroo sanatti Yihowaan eegumsa akka nuuf godhu ni amanna. Obboloonni keenya qabeenya isaanii muraasa ykn hunda isaa yoo dhaban maal goona? (An. 3:17, 18) Isaan gargaaruuf gara laafina qabaachuun nu barbaachisa. Haleellaa saboonni waltaʼiinsa uuman geessisaniin kan kaʼe yeroo muraasaaf obboloota keenya hedduu wajjin iddoo dhiphaa taʼe keessa jiraachuuf yoo dirqamnehoo maal goona? (His. 38:10-12) Yeroo rakkisaa taʼe sana keessa darbuuf jaalala cimaa isaaniif qabaachuun nu barbaachisa. w23.07 2 key. 2-3

Roobii, Caamsaa 28

Egaa kan deddeebitan akka warra ogummaa hin qabneetti utuu hin taʼin, akka warra ogeeyyiitti taʼuu isaa of eeggannoodhaan hubadhaa; . . . yeroo keessan akka gaariitti itti fayyadamaa.—Efe. 5:15, 16.

Hiriyoonni gaaʼelaa Aqiilaa fi Phirisqiilaarraa barumsa argachuu dandaʼu; Kiristiyaanonni durii hedduun hiriyoota gaaʼelaa kana baayʼee dinqisiifatu turan. (Rom. 16:3, 4) Isaan waliin hojjetu, waliin lallabu, akkasumas waliin warra kaan gargaaru turan. (HoE. 18:2, 3, 24-26) Kitaaba Qulqulluu keessatti maqaan isaanii kan caqasames wal faanadha. Hiriyoonni gaaʼelaa fakkeenya isaanii hordofuu kan dandaʼan akkamitti? Wantoota isinis taatan hiriyaan gaaʼelaa keessan hojjechuun isin barbaachisan hedduu yaadaa. Hojiiwwan kana keessaa muraasa isaanii kophaatti utuu hin taʼin, waliin hojjechuu ni dandeessuu? Fakkeenyaaf, Aqiilaa fi Phirisqiilaan waliin tajaajilaniiru. Isinoo sagantaa dhaabbataa waliin itti tajaajiltan qabduu? Aqiilaa fi Phirisqiilaan waliin ni hojjetu turan. Tarii isin hojii wal fakkaatu hin qabdan taʼa; garuu hojii mana keessaa waliin hojjechuu ni dandeessuu? (Lal. 4:9) Yeroo waliin taatanii hojii tokko hojjettan garee tokko akka taatan isinitti dhagaʼama, carraa itti haasoftanis ni argattu. w23.05 22-23 key. 10-12

Kamisa, Caamsaa 29

Yommuun sodaadhu, sitti nan amanama.—Far. 56:3.

Namni hundi darbee darbee ni sodaata. Fakkeenyaaf, yeroo Saaʼol Mootichi isa adamsuuf yaalaa turetti Daawit magaalaa Filisxeemotaa kan taate Gaatitti baqachuuf murteessee ture. Utuma baayʼee hin turin mootiin Gaat Akiish, Daawit goota Filisxeemota “kumaatama kudhan” ajjeesee isaaf sirbame taʼuu isaa hubate. Daawit yeroo kanatti “baayʼee sodaate.” (1 Sam. 21:10-12) Wanti Akiish isarratti raawwachuu dandaʼu isa yaaddesse. Maarree, Daawit sodaa isaa kan injifate akkamitti? Daawit Faarfannaa 56 irratti yeroo Gaat keessa turetti miira isatti dhagaʼame ibseera. Faarfannaan kun sodaa Daawititti dhagaʼame qofa utuu hin taʼin, sodaa isaa akkamitti akka injifates ni ibsa. Daawit yeroo sodaatetti Yihowaatti amanameera. (Far. 56:1-3, 11) Daawit Yihowaatti amanamuuf sababa gaʼaa qaba ture. Gargaarsa Yihowaatiin mala baramaa hin taane garuummoo buʼa qabeessa taʼe tokko qopheeffate: Akka nama maraatee taʼe! Yeroo kanatti Akiish Daawitiin ajjeesuu mannaa isa biraa akka deemu barbaade; akka kanaan Daawit miliquu dandaʼeera.—1 Sam. 21:13–22:1. w24.01 2 key. 1-3

Jimaata, Caamsaa 30

Warri isaa wajjin jiran, jechuunis warri waamaman, filatamanii fi amanamoo taʼanis ni injifatu.—Mul. 17:14.

Namoonni caqasa guyyaa harʼaa irratti ibsaman eenyufaʼi? Dibamtoota duʼaa kaafamanidha! Kanaafuu, rakkinni guddaan xumuramuuf yeroo jedhu dibamtoonni lafarratti hafan yeroo gara samii deeman hojiin isaanii inni jalqabaa tokko lolarratti hirmaachuudha. Duʼaa kaafamanii gara samii erga deemanii booda Kiristoosii fi maleekota qulqulluu wajjin taʼanii diinota Waaqayyoorratti waraana isa xumuraa banu. Mee yaadi! Dibamtoonni yeroo ammaatti lafarra jiran tokko tokko dulloomaniiru, karaa qaamaas dadhabaniiru. Duʼaa kaafamanii gara samii erga deemanii booda garuu uumamawwan hafuuraa humna guddaa qabanii fi duʼuu hin dandeenye taʼanii Yesuus Kiristoos wajjin akka lolan ramadamu. Waraana Armaagedoonirratti erga lolanii booda ilmaan namootaa mudaarraa akka bilisa taʼan gargaaruurratti hirmaatu. Yeroo namoota mudaa qaban taʼanii jiraachaa turan caalaa, samiirra taʼanii obbolootaa fi obboleettota isaanii lafarra jiran gargaaruu dandaʼu. w24.02 6-7 key. 15-16

Sanbadduraa, Caamsaa 31

Hafuuraan deddeebiʼuu keessan itti fufaa; yoo akkas gootan matumaa fedhii foonii hin raawwattan.—Gal. 5:16.

Namoonni of murteessuu fi cuuphamuuf qophaaʼoo taʼan tokko tokko ammas tarkaanfii kana fudhachuurraa duubatti jedhu taʼa. ‘Cubbuu cimaa hojjedhee yoon gumiidhaa baafamehoo?’ jedhanii yaadu taʼa. Atis sodaan akkasii sitti dhagaʼama yoo taʼe Yihowaan ‘guutummaatti isa gammachiisuuf akka isaaf taʼutti akka deddeebituuf’ wanta si barbaachisu hunda akka siif kennu mirkanaaʼaa taʼi. (Qol. 1:10) Humna wanta sirrii taʼe raawwachuuf si barbaachisu sii kenna. Kanaan dura namoota hedduu gargaaruudhaan akkas gochuu akka dandaʼu mirkaneesseera. (1 Qor. 10:13) Sababiin lakkoofsi namoota gumiidhaa baafamanii muraasa itti taʼe tokko kanadha. Yihowaan sabnisaa amanamoo taʼanii akka itti fufan isaan gargaara. Namoonni mudaa qaban hundi wanta dogoggora taʼe raawwachuuf ni qoramu. (Yaq. 1:14) Haa taʼu malee, yeroo qorumsi si mudatu maal akka gootu filachuu qabda. Akkaataa jireenya kee itti geggeeffattu kan murteessu sidha. Namoonni tokko tokko akkas isaanitti dhagaʼamuu baatus fedhii kee toʼachuu barachuu ni dandeessa. w24.03 5 key. 11-12

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi