Ebla
Kibxata, Ebla 1
Wanti ati na irratti raawwatte kun maali dha? . . . maaliif na gowwoomsite?—Uma. 29:25.
Tajaajiltoonni Yihowaa bara durii rakkinni hin eegamne isaan mudateera. Mee fakkeenya Yaaqoob haa ilaallu. Abbaan isaa ijoollee durbaa Laabaan isa Yihowaa waaqeffatuu keessaa haadha manaa akka fuudhu isa ajajee ture, akkasumas Yihowaan baayʼee akka isa eebbisu isaaf mirkaneessee ture. (Uma. 28:1-4) Kanaafuu, Yaaqoob wanta sirrii godheera. Kanaʼaanii kaʼee gara Laabaan isa ijoollee durbaa lama qabuu dhaqe; isaanis Liyaa fi Raahel jedhamu. Yaaqoob intala quxusuu Laabaan kan taate Raaheliin waan jaallateef, ishii fuudhuu isaa dura abbaa ishiitiif waggaa torba hojjechuuf irratti walii gale. (Uma. 29:18) Taʼus, wanti hundi akka Yaaqoob yaade hin taane. Laabaan isa gowwoomsuudhaan intala isaa ishii hangafaa kan taate Liyaa isatti heerumsiise. Laabaan torban tokko booda Raaheliin akka fuudhus Yaaqoobiif heyyameera; taʼus, waggaa dabalataa torbaaf isaaf hojjechuu qaba ture. (Uma. 29:26, 27) Laabaan hojiirrattis Yaaqoobiin gowwoomseera. Walumaa galatti, Laabaan waggaa 20f humna Yaaqoobitti fayyadamuuf yaaleera!—Uma. 31:41, 42. w23.04 15 key. 5
Roobii, Ebla 2
Garaa keessan isa duratti dhangalaasaa.—Far. 62:8, Milj.
Yeroo jajjabinnii fi qajeelfamni nu barbaachisutti eenyuun gargaarsa gaafanna? Deebii isaa beekna. Kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaachuu dandeenya. Inni akkas akka goonu nu affeereera. Kitaabni Qulqulluun gorsa, “Yeroo hundumaa kadhadhaa” jedhu waan nuu kennuuf, Yihowaan yeroo baayʼee akka kadhannu akka barbaadu beekna. (1 Tas. 5:17) Kallattii jireenyaa keenya hundumaarratti qajeelfama akka nuuf kennu bilisummaadhaan isa kadhachuu dandeenya. (Fak. 3:5, 6) Yihowaan arjaa waan taʼeef, hamma barbaanne irra deddeebinee kadhannaa isatti dhiheessuu akka dandeenyu nutti himeera. Yesuus Yihowaan kadhannaadhaaf iddoo guddaa akka kennu hubateera. Gara lafaa dhufuu isaa yeroo dheeraa durayyuu, Abbaan isaa kadhannaa dhiironnii fi dubartoonni amanamoon dhiheessaniif deebii yeroo kennu argeera. Fakkeenyaaf, Yesuus yeroo Abbaan isaa kadhannaa garaadhaa maddee fi Hannaan, Daawit, Eeliyaasii fi tajaajiltoonni isaa kan biroon dhiheessaniif deebii kennu isa cinaa ture. (1 Sam. 1:10, 11, 20; 1 Mot. 19:4-6; Far. 32:5) Yesuus yeroo baayʼee akka kadhatanii fi amantiidhaan kadhannaa akka dhiheessan barattoota isaa kan barsiise kanaafi.—Mat. 7:7-11. w23.05 2 key. 1, 3
Kamisa, Ebla 3
Namoota sodaachuun kiyyoo dha, Namni Yihowaatti amanamu garuu eegumsa argata.—Fak. 29:25.
Yehoyaadaan inni luba olaanaa ture nama Yihowaa sodaatu ture. Kunis yeroo Ataaliyaan intalli Iizaabel seeraan ala Yihudaa bulchuu jalqabdetti ifatti mulʼateera. Dubartiin gara jabeettii fi aangoo argachuuf baayʼee hawwitu tun ilmaan ilmaan ishii warra sanyii mootii taʼan hunda ajjeesuufillee yaalteetti. (2 Sen. 22:10, 11) Ijoollee kana keessaa tokko kan taʼe Yoʼaas, haadha manaa Yehoyaadaa kan taate Yoshaabet waan isa dhoksiteef ooluu dandaʼeera. Yoshaabetii fi abbaan manaa ishii dhoksanii isa kunuunsaa turan. Haala kanaan Yehoyaadaa fi haati manaa isaa sanyiin moototaa karaa Daawit dhufu akka hin banne godhaniiru. Yehoyaadaan Yihowaadhaaf amanamaa ture; Ataaliyaas hin sodaanne. Yoʼaas umuriin isaa waggaa torba yeroo taʼu Yehoyaadaan karoora tokko qopheessuudhaan ammas Yihowaadhaaf amanamaa akka taʼe argisiiseera. Karoorri kun yoo milkaaʼe Yoʼaas inni teessoo Daawit dhaaluuf mirga qabu mootii taʼa. Yoo milkaaʼuu baate garuu Yehoyaadaan lubbuu isaa dhabuu dandaʼa; eebba Yihowaatiin karoorri kun milkaaʼuu dandaʼeera. w23.06 17 key. 12-13
Jimaata, Ebla 4
Inni Hundaa Olii mootummaa ilmaan namootaa irratti Bulchaa taʼuu isaa fi nama barbaade kamiif iyyuu akka isa kennu [beeki].—Dan. 4:25.
Nebukadnezaar mootichi yaada kana akka fonqolcha mootummaatti ilaaluudhaan Daaniʼel akka ajjeefamu gochuu dandaʼa ture. Taʼus, Daaniʼel ija jabinaan hiika abjuu sanaa isatti himeera. Daaniʼel umurii isaa guutuu ija jabeessa akka taʼu maaltu isa gargaare? Haatii fi abbaan isaa ijoollummaa isaatti fakkeenya akka isaaf taʼan hin shakkisiisu. (Kes. 6:6-9) Daaniʼel seerota kanneen akka Ajajawwan Kurnanii jiran qofa utuu hin taʼin, seera wanta Israaʼelonni nyaachuu dandaʼanii fi nyaachuu hin dandeenye ibsus beeka ture. (Lew. 11:4-8; Dan. 1:8, 11-13) Kana malees, Daaniʼel seenaa saba Waaqayyoo fi yeroo isaan ulaagaalee Yihowaa eeguu dhiisanitti maaltu akka isaanirra gaʼe beeka. (Dan. 9:10, 11) Muuxannoon guutummaa jireenya isaa keessatti argates Yihowaanii fi maleekonni isaa humna guddaa qaban akka isa deggeran amanannaa akka qabaatu godheera.—Dan. 2:19-24; 10:12, 18, 19. w23.08 3 key. 5-6
Sanbadduraa, Ebla 5
Ogummaan . . . warra humna isaanii beekan biratti argama.—Fak. 11:2.
Ribqaan dubartii ogeettii guutummaa jireenya ishii keessatti murtoo ija jabina gaafatu gootee fi yoomii fi akkamitti tarkaanfii fudhachuu akka qabdu beektudha. (Uma. 24:58; 27:5-17) Taʼus, dubartii warra kaan kabajjuu fi aangoodhaaf bitamtudha. (Uma. 24:17, 18, 65) Atis akkuma Ribqaa gad of qabuudhaan qophii Yihowaa kan deggertu yoo taʼe, maatii kee keessattis taʼe gumii keessatti dhiibbaa gaarii goota. Humna ofii beekuun amala Kiristiyaanonni bilchaatoon hundi qabaachuu qabanidha. Asteer dubartii humna ishii beektuu fi amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiltedha. Humna ofii beekuun ishii gocha of tuulummaa raawwachuurraa ishii eegeera. Asteer gorsa Mordekaayi inni ilma wasiila ishii taʼe ishiidhaaf kenne fudhatteetti. (As. 2:10, 20, 22) Atis gorsa gaarii warri kaan siif kennan fudhachuu fi hojiirra oolchuudhaan akkuma ishii humna kee akka beektu argisiisuu dandeessa. (Tit. 2:3-5) Asteer karaa kan biraatiinis humna ishii akka beektu argisiisteetti. “Dhaabbata kan toltuu fi bareedduu” taatus xiyyeeffannaa ofitti harkisuuf hin yaalle.—As. 2:7, 15. w23.12 19 key. 6-8
Dilbata, Ebla 6
Waaqayyo garaa keenya irra ni caala, wanta hundumaas beeka.—1 Yoh. 3:20.
Garmalee of ceephaʼuun baʼaa matumaa baachuu hin qabnedha. Cubbuu keenya yoo himanne, yaada yoo geddarannee fi cubbuu sana akka irra hin deebineef tarkaanfiiwwan barbaachisan yoo fudhanne, Yihowaan dhiifama akka nuuf godhu amanuu ni dandeenya. (HoE. 3:19) Yihowaan tarkaanfiiwwan kana erga fudhannee booda of ceephaʼuu keenya akka itti fufnu hin barbaadu. Akkas gochuun miidhaa guddaa akka qabu beeka. (Far. 31:10) Gaddaan yoo liqimfamne abdii kutannee fiigicha jireenyaa addaan kutuu dandeenya. (2 Qor. 2:7) Yeroo garmalee of ceephaatutti ‘dhiifama dhugaa’ Waaqayyorraa argamurratti xiyyeeffadhu. (Far. 130:4) Yihowaan namoota garaadhaa yaada geddarataniif dhiifama erga godhee booda ‘cubbuu isaanii sana booda akka hin yaadanne’ waadaa galeera. (Er. 31:34) Kana jechuun Yihowaan sana booda cubbuu raawwatte sanaaf si hin gaafatu jechuudha. Dogoggorri kanaan dura raawwatte wanta yeroo ammaatti tajaajila isaa keessatti raawwachuu dandeessu waan si jalaa daangesseef of hin adabin. Yihowaan waaʼee cubbuu kanaan dura raawwattee hin yaadu, atis yaaduu kee dhiisuu qabda. w23.08 30-31 key. 14-15
Wiixata, Ebla 7
Jabaadhaa dhaabbadhaa, hin sochoʼinaa.—1 Qor. 15:58.
Yeroo weerarri dhibee Kooviid-19 kaʼetti Dhugaa Baatonni Yihowaa qajeelfama jaarmiyaan keenya kenne dhagaʼan, dhiphina namoota odeeffannoo dogoggoraa dhagaʼaa turan mudaterraa ooluu dandaʼaniiru. (Mat. 24:45) Ija keenya “wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan” irraa buqqifachuu hin qabnu. (Filp. 1:9, 10) Wantoonni xiyyeeffannaa hihiran yeroo fi humna keenya hedduu nu jalaa qisaasessuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, jireenyi keenya wantoota guyyaa guyyaadhaan raawwannu kan akka nyaachuu, dhuguu, bashannanuu fi hojii jiranirratti akka xiyyeeffatu yoo goone, wantoonni kun xiyyeeffannaan keenya salphaatti akka hihiramu gochuu dandaʼu. (Luq. 21:34, 35) Kana malees, guyyaa guyyaadhaan gabaasawwan oduu waaʼee jeequmsa hawaasaa fi dhimmoota siyaasaa ibsan nu mudatu. Falmiiwwan dhimmoota akkasiirratti kaʼan xiyyeeffannaa keenya akka hin hihirre of eeggachuu qabna. Taʼuu baannaan, sammuu fi garaa keenya keessatti garee isa tokko deggeruu jalqabuu dandeenya. Seexanni malawwan olitti ilaalle hundatti fayyadamuudhaan kutannoo wanta sirrii taʼe raawwachuuf goone nu jalaa laaffisuuf yaala. w23.07 16-17 key. 12-13
Kibxata, Ebla 8
Kana yeroo hundumaa yaadannoo kootiif godhaa.—Luq. 22:19.
Ayyaanni Yaadannoo duʼa Kiristoos saba Yihowaatiif guyyaa waggicha keessaa hundarra caaludha. Yesuus duuka buutonni isaa akka kabajan kan ajaje ayyaana kana qofadha. (Luq. 22:19, 20) Karaawwan aarsaa Yesuus akka dinqisiifannu argisiisuu itti dandeenyu yaadachuuf nu gargaara. (2 Qor. 5:14, 15) Kana malees, carraa obboloota keenya wajjin itti “wal jajjabeessinu” nuuf bana. (Rom. 1:12) Namoonni fedhii qaban hedduun wanta arganii fi dhagaʼaniin kan kaʼe daandii jireenyaarra deemuu jalqabaniiru. Ayyaanni Yaadannoo addunyaa maratti tokkummaa akka qabaannu akkamitti akka godhus yaadi. Kanaafuu, Ayyaana Yaadannootiif iddoo guddaa kennuun keenya nama hin dinqisiisu! w24.01 8 key. 1-3
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 9 guyyaa raawwataman) Luqaas 19:29-44
Roobii, Ebla 9
Isatti kan amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqayyo Ilma isaa isa tokkicha hamma kennutti addunyaa baayʼee jaallateera.—Yoh. 3:16.
Gatii guddaa Yihowaa fi Yesuus kaffalanirratti caalaatti yeroo xiinxallu jaalala isaan tokkoon tokkoon keenyaaf qaban caalaatti hubanna. (Gal. 2:20) Furichi kennaa jaalalarratti hundaaʼedha. Yihowaan wanta isaaf hundumaa caalaa gatii guddaa qabu, jechuunis Ilma isaa aarsaa nuuf gochuudhaan jaalala nuuf qabu argisiiseera. Ilmi isaa nuuf jedhee akka dhiphatuu fi akka duʼu heyyameera. Yihowaan miira isaa hin dhoksu, kanaa mannaa jaalala isaa ifatti ibseera. (Er. 31:3) Waan nu jaallatuuf ofitti nu harkiseera. (Keessa Deebii 7:7, 8 wajjin wal bira qabii ilaali.) Wanti kamiyyuu ykn eenyuyyuu jaalala isaarraa gargar nu baasuu hin dandaʼu. (Rom. 8:38, 39) Jaalalli kun miira akkamii sitti uuma? w24.01 28 key. 10-11
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 10 guyyaa raawwataman) Luqaas 19:45-48; Maatewos 21:18, 19; 21:12, 13
Kamisa, Ebla 10
Abdiidhaan . . . , uumamni . . . bilisa [baʼa].—Rom. 8:20, 21.
Kiristiyaanonni dibamoon abdii isaanii isa samiitiif iddoo guddaa kennu. Isaan keessaa tokko kan taʼe obboleessi keenya Fireedriik Firaanzi garaadhaa akkana jedheera: “Abdiin keenya akka raawwatamu mirkanaaʼaadha; warri kutaa 144,000 taane hundi wanta Waaqayyo waadaa nuuf gale ni arganna. Badhaasni keenya wanta tilmaamuu dandeenyu kamirrayyuu ni caala.” Obboleessi keenya Firaanzi bara 1991tti akkana jedheera: “Ammayyuu abdii keenyaaf iddoo guddaa kennina. . . . Abdii kana hammuma eeggachaa jiraanne dinqisiifannaan keenyas caalaatti dabaleera. Eeguun keenya nu hin gaabbisiisu. Abdii keenyaaf isa kanaan duraa caalaa iddoo guddaan kenna.” Bara baraaf jiraachuuf kan abdannu samii keessas taʼe lafarra, abdii ulfina qabeessa gammaduuf sababa nuuf taʼu qabna. Abdiin keenya kana caalaayyuu cimaa deemuu dandaʼa. w23.12 9 key. 6; 10 key. 8
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 11 guyyaa raawwataman) Luqaas 20:1-47
Jimaata, Ebla 11
Dhiigni jibootaa fi dhiigni reʼootaa cubbuu balleessuu hin dandaʼu.—Ibr. 10:4.
Balbala godoo qulqulluu dura iddoon aarsaa sibiila diimaarraa hojjetamee fi aarsaan horii Yihowaadhaaf irratti dhihaatu jira ture. (Bau. 27:1, 2; 40:29) Haa taʼu malee, aarsaawwan kun sabichaaf guutummaatti dhiifama cubbuu argamsiisuu hin dandeenye. (Ibr. 10:1-3) Aarsaan horii godoo qulqulluu keessatti itti fufiinsaan dhihaatu aarsaa cubbuu ilmaan namootaatiif guutummaatti dhiifama argamsiisu bakka buʼa. Yesuus Yihowaan gara lafaatti kan isa erge lubbuu isaa ilmaan namootaatiif aarsaa furii godhee akka kennuuf akka taʼe beeka ture. (Mat. 20:28) Kanaafuu, yeroo cuuphametti wanta Yihowaan barbaadu raawwachuuf of dhiheesseera. (Yoh. 6:38; Gal. 1:4). Yesuus namoonni isarratti amantii qaban hundi cubbuu isaaniitiif dhiifama akka argataniif, “yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha” lubbuu isaa aarsaa godhee dhiheesseera.—Ibr. 10:5-7, 10. w23.10 26-27 key. 10-11
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 12 guyyaa raawwataman) Luqaas 22:1-6; Maarqos 14:1, 2, 10, 11
GUYYAA AYYAANA YAADANNOO
Erga Biiftuun Lixxee Booda
Sanbadduraa, Ebla 12
Kennaan Waaqayyo kennu garuu, karaa Gooftaa keenya Kiristoos Yesuus jireenya bara baraa ti.—Rom. 6:23.
Nuti cubbuu fi duʼa jalaa bilisa of baasuu hin dandeenyu. (Far. 49:7, 8) Kanaafuu, Yihowaan fayyina akka argannuuf Ilmi isaa inni jaallatamaan lubbuu isaa dabarsee akka kennu qophii godhe. Yihowaa fi Yesuus aarsaa guddaa kaffalaniiru. Aarsaa Yihowaa fi Yesuus nuuf kaffalanirratti caalaatti yeroo xiinxallu, qophii furichaa caalaatti dinqisiifanna. Addaam yeroo cubbuu raawwatetti ofii isaas taʼe ijoollee isaa hundumaa abdii jireenya bara baraa dhabsiise. Yesuus wanta Addaam nu dhabsiise deebisee nuuf bituuf lubbuu isaa isa mudaa hin qabne aarsaa godhee dhiheesse. Yesuus yeroo lafarra jiraachaa ture hundumaatti “cubbuu tokko illee hin hojjenne, dubbii gowwoomsaanis afaan isaa keessatti hin argamne.” (1 Phe. 2:22) Yesuus yeroo duʼetti akkuma Addaam cubbuu raawwachuu isaa dura turetti mudaa hin qabu ture; kanaafuu, Yesuus lubbuu isaa aarsaa gochuudhaan gatii jireenya Addaam nu dhabsiisee kaffaluu dandaʼeera.—1 Qor. 15:45; 1 Xim. 2:6. w24.01 10 key. 5-6
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 13 guyyaa raawwataman) Luqaas 22:7-13; Maarqos 14:12-16 (Wantoota Niisaan 14 erga biiftuun lixxee booda raawwataman) Luqaas 22:14-65
Dilbata, Ebla 13
Inni dhiiga reʼootaa fi dhiiga jibootaa utuu hin taʼin, dhiiga ofii isaa qabatee yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha iddoo qulqulluutti seenuudhaan fayyina bara baraa nuuf argamsiise.—Ibr. 9:12.
Yesuus erga duʼaa kaafamee booda gara Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu taʼee fi mana qulqullummaa hafuuraa keessatti argamuu seeneera; kanaafuu, qophiin Yihowaan aarsaa furichaa fi lubummaa Yesuus Kiristoosirratti hundaaʼuudhaan waaqeffannaa qulqulluutiif godhe hundumaarra kan caalu taʼuu isaa ifatti hubachuu dandeenya. Lubni olaanaan Israaʼel dhiiga horii qabatee gara Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼee fi namaan hojjetametti seena ture; Yesuus garuu Yihowaa duratti dhihaachuuf “kallattiidhaan gara samiitti,” gara bakka iddoo kamiyyuu caalaa qulqulluu taʼetti seene. Achittis “aarsaa ofii isaatiin cubbuu balleessuuf” nuuf jecha gatii lubbuu isaa dhiheesseera. (Ibr. 9:24-26) Abdiin keenya samiirra jiraachuus taʼe lafarra jiraachuu, hundi keenyayyuu mana qulqullummaa hafuuraa keessatti Yihowaa waaqeffachuu ni dandeenya. w23.10 28 key. 13-14
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 14 guyyaa raawwataman) Luqaas 22:66-71
Wiixata, Ebla 14
Kanaafuu, . . . gaarummaa guddaa akka argannuuf, bilisummaadhaan gara teessoo gaarummaa Waaqayyoo isa guddaatti haa dhihaannu.—Ibr. 4:16.
Yesuus samii keessatti Mootii keenyaa fi Luba Olaanaa taʼuudhaan maal raawwachaa akka jirus yaadi. Karaa isaa kadhannaadhaan “teessoo gaarummaa Waaqayyoo isa guddaatti” dhihaachuudhaan “yeroo gargaarsi nu barbaachisutti” gara laafina akka nutti argisiisuu fi akka nu gargaaru gaafachuu dandeenya. (Ibr. 4:14-15) Wanta Yihowaanii fi Yesuus kanaan dura nuuf godhanii fi amma nuuf gochaa jiranirratti utuu hin xiinxalin guyyaan tokkollee akka si darbu hin heyyamin. Jaalalli nutti argisiisan garaa keenya baayʼee tuquu fi hinaaffaadhaan tajaajiluuf nu kakaasuu qaba. (2 Qor. 5:14, 15) Karaa gaariin dinqisiifannaa qabnu argisiisuu itti dandeenyu tokko warri kaan Dhugaa Baatota Yihowaa fi barattoota Yesuus akka taʼan gargaaruuf carraaqqii gochuudha. (Mat. 28:19, 20) Phaawulos akkas godheera. Fedhiin Yihowaa “akaakuun namootaa hundi akka fayyanii fi beekumsa dhugaa isa sirrii akka argatan” akka taʼe beeka.—1 Xim. 2:3, 4. w23.10 22-23 key. 13-14
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 15 guyyaa raawwataman) Maatewos 27:62-66
Kibxata, Ebla 15
Duutis kana booda hin jiraatu; gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni kana booda hin jiraatu.—Mul. 21:4.
Baayʼeen keenya tajaajilarratti jireenyi Jannata keessaa maal akka fakkaatu namootaaf ibsuuf caqasa nama jajjabeessu kanatti fayyadamna. Maarree, eebbawwan Mulʼata 21:3, 4rratti ibsaman raawwii isaanii akka argatan warra kaaniif mirkaneessuu kan dandeenyu akkamitti? Amantii Yihowaarrattis taʼe waadaa inni galerratti qabnu cimsachuu kan dandeenyuhoo akkamitti? Yihowaan waadaa nu jajjabeessu kana qofa utuu hin taʼin, sababiiwwan waadaa kana amanuuf nu kakaasanis nutti himeera. Sababiiwwan waadaa Yihowaan Jannata fiduuf gale amanuuf nu kakaasan lakkoofsota itti aananirratti ibsamaniiru. Akkana jedha: “Inni teessoo irra taaʼe sunis, ‘Kunoo, ani wantoota hundumaa haaraa gochaan jira’ jedhe. Akkasumas, ‘Jechoonni kun amanamoo fi dhugaa waan taʼaniif barreessi’ jedhe. Achiis akkana naan jedhe: ‘Raawwatamaniiru! Ani Alfaa fi Omeegaa, isa jalqabaa fi isa dhumaa ti.’”—Mul. 21:5, 6a. w23.11 3 key. 3-5
Dubbisa Kitaaba Qulqulluu tibba Ayyaana Yaadannoo: (Wantoota Niisaan 16 guyyaa raawwataman) Luqaas 24:1-12
Roobii, Ebla 16
Dhiironni dargaggoota taʼan sirriitti kan yaadan akka taʼan gorsi.—Tit. 2:6.
Dargaggeessi tokko dandeettii yaaduu gaarii akka qabu argisiisuu kan dandaʼu akkaataa uffannaa fi miidhaginaa ilaalchisee filannaa gaarii gochuudhaani. Yeroo baayʼee, namoonni diizaayinii uffataa baasanii fi beeksisan namoota Yihowaadhaaf kabaja hin qabnee fi jireenya naamusaan ala taʼe jiraatanidha. Kanaafuu, uffanni isaan hojjetan qaamatti kan maxxanu ykn dhiira dubartii kan fakkeessudha. Dargaggeessi bilchina qabaachuuf carraaqu tokko wanta uffatu yeroo filatu dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluutiin geggeeffama, akkasumas fakkeenya gaarii obboloota gumii keessa jiranii hordofa. Akkana jedhee of gaafachuu dandaʼa: ‘Filannaan koo sammuu fayyaa akkan qabuu fi warra kaaniif akkan yaadu ni argisiisaa? Akkaataan uffannaa koo warri kaan dhugumaan tajaajilaa Waaqayyoo taʼuu koo salphaatti akka hubatan kan godhudhaa?’ (1 Qor. 10:31-33) Dargaggeessi dandeettii yaaduu qabu obbolootaa fi obboleettota isaa biratti qofa utuu hin taʼin, Abbaa isaa isa samii birattis kabaja ni argata. w23.12 26 key. 7
Kamisa, Ebla 17
Mootummaan koo kutaa addunyaa kanaa miti. Mootummaan koo kutaa addunyaa kanaa utuu taʼee, . . . tajaajiltoonni koo anaaf lolu turan.—Yoh. 18:36.
Kanaan dura ‘mootiin kibbaas’ saba Waaqayyoorra kallattiidhaan ariʼatama geessisaa tureera. (Dan. 11:40) Fakkeenyaaf, jalqaba walakkeessa jaarraa 20ffaatti obboloonni hedduun siyaasa keessa galuu waan didaniif hidhamaniiru. Ijoolleen Dhugaa Baatota Yihowaa tokko tokkommoo sababuma kanaan mana barumsaatii ariʼamaniiru. Waggoota dhihoodhaa asitti garuu tajaajiltoonni Yihowaa bulchiinsa mootii kanaa jala jiraatan qorumsi dhokataan amanamummaa Mootummaa Waaqayyootiif qaban qoru isaan mudachaa jira. Fakkeenyaaf, yeroo duula filannootti Kiristiyaanni tokko paartii ykn bakka buʼaa siyaasaa tokko deggeruuf qoramuu dandaʼa. Filannoorratti hirmaachuu baatus, tarii sammuu fi garaa isaa keessatti isa tokko deggera taʼa. Gocha keenyaan qofa utuu hin taʼin, yaadaa fi miira keenyaanis siyaasarraa walaba taʼuun keenya baayʼee barbaachisaadha.—Yoh. 15:18, 19. w23.08 12 key. 17
Jimaata, Ebla 18
Yihowaan inni guyyaa guyyaadhaan baʼaa keenya nuuf baatu, . . . haa jajamu.—Far. 68:19.
Fiigicha jireenyaarratti yeroo hirmaannu ‘badhaasicha akka argannuuf fiiguu’ qabna. (1 Qor. 9:24) Yesuus ‘garmalee nyaachuu, garmalee dhuguu fi yaaddoo jireenyaatiin baʼaan akka nutti ulfaatu’ gochuu akka dandeenyu dubbateera. (Luq. 21:34) Caqasni kunii fi caqasoonni kan biroon yeroo fiigicha jireenyaarratti hirmaattutti sirreeffama gochuun si barbaachisu tokko tokko adda baafachuuf si gargaaruu dandaʼu. Yihowaan jabina nu barbaachisu waan nuu kennuuf, fiigicha jireenyaarratti injifannoo akka argannu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Isa. 40:29-31) Kanaafuu, saffisa kee hin hirʼisin. Fakkeenya Phaawulos ergamaa isa badhaasa isa dura jiru argachuuf wanta dandaʼu hunda godhee hordofi. (Filp. 3:13, 14) Fiigicha kana eenyuyyuu siif fiiguu hin dandaʼu; taʼus, gargaarsa Yihowaatiin milkaaʼina argachuu ni dandeessa. Yihowaan baʼaa kee akka baattuu fi baʼaa barbaachisaa hin taane akka ofirraa gattu si gargaara. Inni si wajjin waan jiruuf, fiigicha jireenyaarratti jabinaan fiiguu fi injifannoo argachuu ni dandeessa! w23.08 31 key. 16-17
Sanbadduraa, Ebla 19
Abbaa kee fi haadha tee kabaji.—Bau. 20:12.
Yesuus waggaa 12 yeroo turetti warrisaa Yerusaalemitti isa dhiisanii deebiʼanii turan. (Luq. 2:46-52) Yoseefii fi Maariyaam ijoolleen isaanii hundi isaan faana jiraachuu isaanii mirkaneeffachuu qabu turan. Yeroo isa argatanitti garuu, Maariyaam rakkina akka isaanitti fide dubbachuudhaan isa komatte. Yeroo kanatti Yesuus yaanni ishii sirrii akka hin taane dubbachuu ni dandaʼa ture. Inni garuu kabajaan deebii isaaniif kenneera. Yoseefii fi Maariyaam garuu, “wanta inni isaaniin jedhe hin hubanne.” Taʼus Yesuus, “isaaniif bitamuu [isaa] itti fufe.” Dargaggootaa, warri keessan yeroo dogoggora raawwatan ykn yeroo karaa sirrii hin taaneen isin hubatanitti isaaniif ajajamuun isinitti ulfaatee beekaa? Yeroo akkasiitti maaltu isin gargaara? Jalqaba miira Yihowaatti dhagaʼamu yaadaa. Kitaabni Qulqulluun warra keessaniif ajajamuun keessan, ‘Gooftaa akka gammachiisu’ dubbata. (Qol. 3:20) Yihowaan warri keessan yeroo tokko tokko karaa sirrii hin taaneen akka isin hubatanii fi seera isinitti ulfaatu akka baasan beeka. Taʼus, yeroo akkasiitti kan isaaniif ajajamtan yoo taʼe Yihowaa gammachiistu. w23.10 7 key. 5-6
Dilbata, Ebla 20
Yaada ofiitti [kan] hin cichine, akkasumas namoota hundatti garraamummaa hundumaa [kan] argisiistan taʼaa.—Tit. 3:2.
Tarii mucaan nu wajjin baratu tokko Dhugaa Baatonni Yihowaa ejjennoo sodoomummaarratti qaban jijjiiruu akka qaban dubbata taʼa. Mirga namni hundi filannaa mataa isaa gochuuf qabu akka kabajnu isaaf mirkaneessuun nu barbaachisuu dandaʼa. (1 Phe. 2:17) Sana booda dhimma kana ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun maal akka jedhuu fi gorsa isaa hordofuun faayidaa akkamii akka qabu isaaf ibsuu dandeenya. Namni tokko cimsee nu falmaa jira taanaan ariifannee wanta inni itti amanu akka beeknu yaaduu hin qabnu. Fakkeenyaaf, mucaan si wajjin baratu tokko Waaqayyotti amanuun gowwummaa akka taʼe yoo dubbate maal goota? Mucaan kun waaʼee jijjiirama tirannaa wanta baayʼee akka beekuu fi barumsa kanarratti amantii cimaa akka qabutti yaaduu qabdaa? Tarii wantuma warra kaanirraa dhagaʼe dubbachaa jira taʼa. Tarii yaada waaʼee uumamaa ibsuu fi jw.org irratti argamu isatti argisiisuu dandeessa. Yeroo booda mata duree ykn viidiyoo weebsaayiticha irratti argamu tokkorratti si wajjin mariʼachuuf fedhii qabaachuu dandaʼa. Eeyyee kabajaan deebii kennuun kee ilaalcha isaarratti akka yaadu isa kakaasuu dandaʼa. w23.09 17 key. 12-13
Wiixata, Ebla 21
Yaa Yihowaa, ati gaarii dha, dhiifama gochuufis qophaaʼaa dha; warra si waammatan hundumaatti jaalala amanamaa hedduu ni argisiista.—Far. 86:5.
Nutis dogoggora kan raawwannu taʼus. daandii keenya sirreessuuf carraaqqii gochuu fi isatti amanamuu keenya hamma itti fufnetti Yihowaan akka nutti fayyadamuu fi akka nu eebbisu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Fak. 28:13) Saamson nama mudaa qabudha; taʼus Deliilaa wajjin haala wal qabateen dogoggora erga raawwatee boodallee abdii kutatee Yihowaa tajaajiluuf carraaqqii gochuu isaa hin dhiisne. Yihowaanis abdii isatti hin kutanne. Yihowaan sana boodas karaa baayʼee ajaaʼibsiisaa taʼeen Saamsonitti fayyadameera. Namoota amanamoo Ibroota boqonnaa 11 keessatti galmeeffaman keessaa tokko akka taʼu gochuudhaan nama amantii guddaa qabu akka taʼetti isa ilaaleera. Abbaan keenya inni samii keessumaa yeroo dadhabnutti nu jabeessuuf fedhii guddaa akka qabu beekuun keenya baayʼee nu jajjabeessa. Kanaafuu, akkuma Saamson “Maaloo na yaadadhu; . . . na jabeessi” jennee kadhachuu keenya itti haa fufnu.—Abo. 16:28. w23.09 7 key. 18-19
Kibxata, Ebla 22
Dhufaatii guyyaa Yihowaa . . . sammuu keessanitti dhiheessaa yaadaa!—2 Phe. 3:12.
Guyyaa Yihowaa sammuu keenyatti dhiheessinee kan yaannu yoo taʼe misiraachicha namootatti himuuf kakaana. Taʼus haalawwan tokko tokko keessatti dubbachuurraa duubatti jenna taʼa. Maaliif? Tarii yeroodhaaf sodaa namaatiin waan mooʼamneef taʼuu dandaʼa. Haalli akkasii Pheexirosiin mudateera. Pheexiros galgala Yesuusitti murteeffametti barataa Yesuus akka taʼe dubbachuu sodaatee ture; akka isa hin beeknellee irra deddeebiʼee dubbateera. (Mat. 26:69-75) Haa taʼu malee, Pheexiros sodaa isaa mooʼeera; yeroo booda, “Wanta isaan sodaatan hin sodaatinaa akkasumas hin jeeqaminaa” jedhee barreesseera. (1 Phe. 3:14) Wanti Pheexiros barreesse kun nutis sodaa namaa moʼuu akka dandeenyu nuuf mirkaneessa. Sodaa namaa moʼuuf maaltu nu gargaara? Pheexiros, “Garaa keessan keessatti Kiristoosiif akka Gooftaatti ulfina kennaa” nuun jedheera. (1 Phe. 3:15) Kunis aangoo fi humna Gooftaa fi Mootiin keenya Kiristoos Yesuus qaburratti xiinxaluu dabalata. w23.09 27-28 key. 6-8
Roobii, Ebla 23
Halalummaan, xuraaʼummaan akaakuu hundumaa . . . isin gidduutti hin dubbatamin.—Efe. 5:3.
Nuti “hojiiwwan dukkanaa firii hin qabne” akka hin hojjenne baayʼee of eeggachuu qabna. (Efe. 5:11) Muuxannoorraa akka hubatametti namni tokko wanta xuraaʼaa ykn wanta naamusaan ala taʼe kan ilaalu, kan dhaggeeffatu ykn waaʼee isaa kan haasaʼu yoo taʼe wanta dogoggora taʼe raawwachuun isatti salphata. (Uma. 3:6; Yaq. 1:14, 15) Addunyaan Seexanaa nu gowwoomsee wanta Yihowaan naamusaan ala ykn xuraaʼaa akka taaʼetti dubbate raawwachuun dogoggora akka hin taane nu amansiisuuf yaala. (2 Phe. 2:19) Malli Seexanni yeroo dheeraadhaaf namoota gowwoomsuuf itti fayyadamaa ture tokko, wanta sirrii fi dogoggora taʼe adda baasanii akka hin beekne isaan burjaajessuudha. (Isa. 5:20; 2 Qor. 4:4) Fiilmiiwwan, agarsiisawwan televizyinii fi weebsaayitoonni hedduun yaada ulaagaalee Yihowaa warra qajeeloo faallessu kan babalʼisan taʼuun isaa nu hin ajaaʼibsiisu! Seexanni nu gowwoomsuudhaan gochawwan xuraaʼoonii fi akkaataan jireenyaa qulqulluu hin taane miidhaa kan hin qabne akka taʼanitti akka yaannu gochuuf yaala.—Efe. 5:6. w24.03 22 key. 8-10
Kamisa, Ebla 24
Namoonni kun isa fakkeenyaa fi gaaddidduu wantoota samii keessa jiranii taʼe keessatti tajaajila qulqulluu dhiheessu.—Ibr. 8:5.
Godoo qulqulluun wanta dunkaana fakkaatuu fi Israaʼelonni jalqabarratti iddoodhaa gara iddootti baatanii deemaa turanidha. Hanga manni qulqullummaa Yerusaalem keessatti ijaaramutti gara waggaa 500f godoo qulqulluu kanatti fayyadamaniiru. (Bau. 25:8, 9; Lak. 9:22) Godoo qulqulluun bakka Israaʼelonni aarsaa fi waaqeffannaa isaanii itti dhiheeffatanidha. (Bau. 29:43-46) Haa taʼu malee, godoo qulqulluun wanta kanarra baayʼee caalu bakka buʼa. Godoo qulqulluun “gaaddidduu wantoota samii keessa jiranii” waan taʼeef, mana qulqullummaa hafuuraa Yihowaa isa guddaa argisiisa. Phaawulos, “Dunkaanni [ykn godoo qulqulluun] kun yeroo ammaatiif fakkeenya” akka taʼe dubbateera. (Ibr. 9:9) Kanaafuu, yeroo Phaawulos ergamaan xalayaa kana barreessetti manni qulqullummaa hafuuraa kun jira ture. Manni qulqullummaan kun kan jalqabe Dh.K.B. bara 29ttidha. Yesuus kan cuuphamee fi mana qulqullummaa hafuuraa keessatti “luba ol aanaa guddaa” taʼee tajaajiluu kan jalqabe bara kanattidha.—Ibr. 4:14; HoE. 10:37, 38. w23.10 25-26 key. 6-7
Jimaata, Ebla 25
Yaada ofiitti kan hin cichine taʼuun keessan namoota hundumaa biratti kan beekame haa taʼu.—Filp. 4:5.
Nutis gammachuudhaan Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuuf yeroo haalli rakkisaan nu mudatu akkuma haala isaatti jijjiirama gochuun keenya barbaachisaadha. Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Haalli keenya yeroo jijjiiramu sirreeffama gochuudhaan, akkasumas ilaalchaa fi murtoo warra kaanii kabajuudhaan yaada keenyatti akka hin cichine argisiisuu qabna. Tajaajiltoota Yihowaa waan taaneef yaada keenyatti kan hin cichine taʼuu barbaanna. Gad of qabuu fi gara laafina argisiisuus ni barbaanna. Yihowaan cimaa fi kan hin sochoone waan taʼeef “Qarsaa” jedhameera. (Kes. 32:4) Taʼus, yaada isaatti hin cichu. Addunyaan kun jijjiiramaa yeroo deemu Yihowaan kaayyoo isaa raawwachuuf jecha akkuma haala isaatti jijjiirama gochuu isaa itti fufeera. Yihowaan akka bifa isaatti waan nu uumeef ilmaan namootaa dandeettii jijjiiramatti baruu qabu. Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu ifa taʼanii fi rakkinni akkamiiyyuu yoo nu mudate murtoo gaarii gochuuf nu gargaaran nuuf kenneera. Yihowaan gama kanaan fakkeenya taʼuun isaa fi dhugaawwan buʼuuraa nuu kennuun isaa inni “Qarsaa” qofa utuu hin taʼin yaada isaatti kan hin cichine akka taʼe argisiisa. w23.07 20 key. 1-3
Sanbadduraa, Ebla 26
Yaaddoon yeroo na liqimsetti, ati na jajjabeessite, na tasgabbeessites.—Far. 94:19.
Kitaaba Qulqulluu keessatti, Yihowaan haadha daaʼima ishii baayʼee jaallattutti of fakkeesseera. (Isa. 66:12, 13) Mee waaʼee haadha daaʼima ishii jaalalaan kunuunsitu tokkoo yaadi. Yeroo dhiphannu Yihowaan akka nu jaallatu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Yeroo dogoggora raawwannu abdii nutti hin kutatu. (Far. 103:8) Israaʼelonni irra deddeebiʼanii Yihowaa gaddisiisanii turan; taʼus, saba isaa yaada geddarataniif jaalala hin badne akka qabu argisiisuuf akkana jedheera: “Ati na duratti bakka guddaa ni qabaatte, ulfina ni argatte, anis sin jaalladhe.” (Isa. 43:4, 5) Jaalalli Waaqayyoo hin jijjiiramne. Dogoggora cimaa yoo raawwannellee yaada geddarannee gara isaatti yeroo deebinu jaalalli inni nuuf qabu akka hin jijjiiramne hubanna. “Dhiifamni isaa guddaa” akka taʼe waadaa nuu galeera. (Isa. 55:7) Kitaabni Qulqulluun dhiifama yeroo argannu “Yihowaa biraa yeroon haareffamuu” akka nuuf dhufu dubbata.—HoE. 3:19. w24.01 27 key. 4-5
Dilbata, Ebla 27
Harki Waaqa koo Yihowaa anaa wajjin waan ture.—Iz. 7:28.
Yihowaan yeroo haalli rakkisaan nu mudatu nu gargaara. Fakkeenyaaf, walgaʼii naannoorratti argamuuf hogganaa keenya yeroo heyyama gaafannu ykn walgaʼii hundarratti argamuuf sagantaa hojii keenya akka nuuf sirreessu yeroo gaafannu jireenya keenya keessatti harka Yihowaa arguuf carraa arganna. Deebiin yeroo kanatti argannu baayʼee nu ajaaʼibuu dandaʼa. Kunimmoo amantiin Yihowaarratti qabnu caalaatti akka cimu godha. Izraan gad of qabuudhaan Yihowaan akka isa gargaaru kadhateera. Izraan itti gaafatamummaan isaaf kenname humna isaatii ol akka taʼe yeroo isatti dhagaʼametti gad of qabuudhaan Yihowaa kadhateera. (Iz. 8:21-23; 9:3-5) Izraan Yihowaatti waan amanameef, warri kaan isa deggeruu fi fakkeenya isaa hordofuuf kakaʼaniiru. (Iz. 10:1-4) Waaʼeen wantoota jireenyaaf nu barbaachisanii ykn waaʼeen nageenya maatii keenyaa yeroo baayʼee nu yaaddessutti kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaachuun keenya barbaachisaadha. w23.11 18 key. 15-17
Wiixata, Ebla 28
Abraam Yihowaatti amane, innis kana akka qajeelummaatti isaaf lakkaaʼe.—Uma. 15:6.
Yihowaan isa biratti qajeeloo taʼuuf wantuma Abrahaam godhe akka goonu nu hin ajajne. Karaawwan amantii keenya hojiidhaan argisiisuu itti dandeenyu hedduun jiru. Namoota haaraa gara gumii keenyaa dhufan simachuu, obbolootaa fi obboleettota gargaarsi isaan barbaachisu gargaaruu, akkasumas miseensota maatii keenyaaf wanta gaarii gochuu dandeenya; Waaqayyo wantoota akkasiitti ni gammada, akkasumas ni eebbisa. (Rom. 15:7; 1 Xim. 5:4, 8; 1 Yoh. 3:18) Karaan amantii keenya hojiidhaan argisiisuu itti dandeenyu inni guddaan hinaaffaadhaan misiraachicha warra kaanitti himuudha. (1 Xim. 4:16) Hundi keenya Yihowaan waadaa gale akka raawwatuu fi karaan isaa hundarra kan wayyu taʼuu isaa akka amannu gocha keenyaan argisiisuu dandeenya. Akkas yoo goone, Waaqayyo qajeelota jedhee akka nu waamuu fi michoota isaa akka taanetti akka nu ilaalu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. w23.12 2 key. 3; 6 key. 15
Kibxata, Ebla 29
Jabaadhu; dhiira taʼi.—1 Mot. 2:2.
Daawit Mootichi, duʼuu jala yeroo gaʼetti, yaada olitti ibsame dubbachuudhaan Solomooniin gorseera. (1 Mot. 2:1, 3) Dhiironni Kiristiyaanota taʼanii fi yeroo harʼaa jiran hundis gorsa kana hojiirra oolchuun isaanii gaariidha. Gama kanaan milkaaʼina argachuuf, seera Waaqayyootiif ajajamuu, akkasumas dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu jireenya isaanii keessatti hojiirra oolchuu barachuu qabu. (Luq. 2:52) Obboloonni dargaggoota taʼan Kiristiyaanota bilchina qaban taʼuun isaanii barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Obboleessi tokko maatii keessattis taʼe gumii keessatti gaʼee guddaa qaba. Obboloonni dargaggoonni itti gaafatamummaa gara fuulduraatti isin eeggaturratti akka yaaddan homaa gaaffii hin qabu. Tarii tajaajilaa yeroo guutuu, tajaajilaa gumii, yeroo boodammoo jaarsa gumii taʼuuf galma baafattaniittu taʼa. Gaaʼela dhaabbachuu fi ijoollee godhachuus ni barbaaddu taʼa. (Efe. 6:4; 1 Xim. 3:1) Galmawwan kanarra gaʼuu fi milkaaʼina argachuuf bilchina qabaachuun isin barbaachisa. w23.12 24 key. 1-2
Roobii, Ebla 30
Waaʼee Giidewon . . . dubbachuuf yeroon na hin gaʼu.—Ibr. 11:32.
Jaarsoliin hoolota Yihowaa jaallatamoo taʼan akka kunuunsaniif adaraan isaanitti kennameera. Obboloonni amanamoon kun mirga obboloota isaanii tajaajiluuf argataniif iddoo guddaa kennu, “tiksitoota dhugumaan isaan tiksan” taʼuufis carraaqqii guddaa godhu. (Er. 23:4; 1 Phe. 5:2) Dhiironni kun gumii keenya keessa jiraachuu isaaniitti baayʼee galateeffanna. Jaarsoliin Giidewon isa abbaa murtii taʼee tajaajilaa turerraa barumsa guddaa argatu. (Ibr. 6:12) Giidewon saba Waaqayyoo eegaa fi tiksaa ture. (Abo. 2:16; 1 Sen. 17:6) Jaarsoliinis akkuma Giidewon yeroo baayʼee rakkisaa taʼetti saba Waaqayyootiif kunuunsa akka godhan muudamaniiru. (HoE. 20:28; 2 Xim. 3:1) Giidewon nama humna isaa beeku, gad of qabuu fi nama ajajamu ture; nutis gama kanaan fakkeenya isaa hordofuu dandeenya. Giidewon hojii isaaf kenname yeroo raawwatutti obsi isaa qoramee ture. Jaarsolii taanus taʼuu baannus dinqisiifannaa jaarsolii keenyaaf qabnu guddifachuu dandeenya. Dhiirota jabaatanii hojjetan kana deggeruu ni dandeenya.—Ibr. 13:17. w23.06 2 key. 1; 3 key. 3