Bitootessa
Sanbadduraa, Bitootessa 1
[Abdichi] nama hin qaanessu.—Rom. 5:5.
Dhugaadha, addunyaa haaraan ammayyuu hin dhufne. Haa taʼu malee, urjiileen, mukeetiin, bineeldonnii fi namoonni ammayyuu akka jiran yaadadhu. Yeroon itti wantoonni kun hin jirre kan ture taʼus, wantoonni kun hundi jiraachuu isaanii namni shakku hin jiru. Amma jiraachuu kan dandaʼan Yihowaan waan isaan uumeefi. (Uma. 1:1, 26, 27) Waaqni keenya addunyaa haaraa fiduufis kaayyoo qaba. Kaayyoo kanas ni raawwata. Addunyaa haaraa keessatti namoonni fayyaa guutuu qabaatanii bara baraaf jiraatu. Yeroo Waaqayyo murteessetti akkuma hawaa ijaan arginu kanaa addunyaa haaraas ni argina. (Isa. 65:17; Mul. 21:3, 4) Hammasitti, amantii kee cimsachuuf carraa argattu hundatti fayyadami. Dinqisiifannaa furichaaf qabdu guddifadhu. Humna Yihowaan qaburratti yaadi. Jireenyi kee sochiiwwan hafuuraarratti akka xiyyeeffatu godhi. Akkas yoo goote “warra amantii fi obsaan abdii sana dhaalan” keessaa tokko taʼuu dandeessa.—Ibr. 6:11, 12. w23.04 31 key. 18-19
Dilbata, Bitootessa 2
Yoo amante ulfina Waaqayyoo akka argitu sitti himee hin turree?—Yoh. 11:40.
Yesuus gara samii ilaalaa namoota sana duratti kadhannaa dhiheesse. Wanta itti aansuudhaan raawwatameef Yihowaadhaaf ulfina kennuu barbaadee ture. Achiis, “Alaazaar, as baʼi!” jedhee waame. (Yoh. 11:43) Alaazaaris awwaalicha keessaa ni baʼe. Yesuus wanta namoonni tokko tokko matumaa akka hin dandaʼamnetti yaadan godheera. Seenaan kun amantii abdii duʼaa kaʼuurratti qabnu nuuf cimsa. Akkamitti? Yesuus, “Obboleessi kee ni kaʼa” jechuudhaan Maartaadhaaf waadaa galuu isaa yaadadhu. (Yoh. 11:23) Yesuus akkuma abbaa isaa waadaa kana raawwachuuf fedhiis taʼe humna qaba. Imimmaan isaa dhangalaasuun isaa duʼas taʼe gadda sababa duʼaatiin gaʼu balleessuuf garaadhaa akka hawwu argisiisa. Alaazaar awwaala keessaa yeroo baʼu Yesuus warra duʼan kaasuuf humna akka qabu irra deebiʼee mirkaneesseera. Yaada Yesuus Maartaatti dubbatee fi caqasa guyyaa harʼaa keenyarratti argamu yaadi. Waadaan Waaqayyo namoota duʼaa kaasuuf gale akka raawwatamu amanuuf sababa gaʼaa qabna. w23.04 11-12 key. 15-16
Wiixata, Bitootessa 3
Yihowaan warra isa waammatan hundumaatti,Warra dhugaadhaan isa waammatan hundumaatti dhihoo dha.—Far. 145:18.
Fedhii Yihowaa caalaatti yeroo hubannu kadhannaa keenyarratti jijjiirama gochuun nu barbaachisuu dandaʼa. Yihowaan kaayyoo akka qabuu fi kaayyoo isaa kanas yeroo murteessetti akka raawwatu yaadachuu qabna. Kaayyoon kunis rakkoowwan yeroo ammaatti miidhaa guddaa geessisaa jiran kanneen akka balaa uumamaa, dhukkubaa fi duʼaa jiran guutummaatti balleessuu dabalata. Yihowaan Mootummaa isaatti fayyadamee kaayyoo isaa ni raawwata. (Dan. 2:44; Mul. 21:3, 4) Haa taʼu malee, hamma yeroo sanaatti Seexanni addunyaa akka bulchu heyyameera. (Yoh. 12:31; Mul. 12:9) Yihowaan yeroo ammaatti rakkina ilmaan namootaatiif furmaata yoo kenne bulchiinsi Seexanaa hamma tokko milkaaʼina kan argate fakkaachuu dandaʼa. Kanaafuu, Yihowaan waadaawwan gale tokko tokko hamma raawwatutti eeguun nu barbaachisa; kana jechuun garuu nu hin gargaaru jechuu miti. Yihowaan nu gargaara. w23.05 8 key. 4; 9-10 key. 7-8
Kibxata, Bitootessa 4
Nama hundumaatiif akkamitti deebii kennuu akka qabdan [beekaa].—Qol. 4:6.
Warri kaan Ayyaana Yaadannoorraa akka fayyadaman gargaaruu kan dandeenyu akkamitti? Tarkaanfiin inni jalqabaa isaan affeeruudha. Namoota yeroo tajaajila baanu argannu ni affeerra; dabalataanis namoota affeerru barreeffachuu ni dandeenya. Kunis firoottan keenya, namoota nu wajjin hojjetan, ijoollee nu wajjin baratanii fi namoota kan biroo dabalachuu dandaʼa. Waraqaa affeerrii maxxanfame gaʼaa qabaachuu baannullee liinkii isaa isaaniif erguu dandeenya. Maaltu beeka, isa eegne caalaa namoonni baayʼeen ayyanicharratti ni argamu taʼa. (Lal. 11:6) Namoonni affeerru keessumaa walgaʼii keenyarratti argamanii hin beekan taanaan gaaffilee garaa garaa qabaachuu akka dandaʼan yaadadhu. Kanaafuu, wanta gaaffii isaanitti taʼuu dandaʼu dursinee yaaduudhaan deebii isaaniif kenninu qophaaʼuun keenya gaariidha. Ayyaana Yaadannoo erga hirmaatanii boodallee namoonni fedhii qaban gaaffii dabalataa qabaachuu dandaʼu. Namoonni “kakaʼumsa sirrii qaban” Ayyaana Yaadannoorraa akka fayyadaman gargaaruuf, ayyaanicha dura, yeroo ayyaanichi kabajamuu fi ayyaanicha booda wanta dandeenyu hunda gochuu barbaanna.—HoE. 13:48. w24.01 12 key. 13, 15; 13 key. 16
Roobii, Bitootessa 5
Isin hurrii yeroo muraasaaf mulʼatee sana booda badu dha.—Yaq. 4:14.
Kitaabni Qulqulluun lafarratti namoonni saddeet duʼaa akka kaafaman dubbata. Seenaawwan kanarratti qorannoo maaliif hin gootu? Akkas yeroo gootu barumsa irraa argachuuf yaali. Barumsa irraa argatturrattis yaadi. Fakkeenyonni kun Waaqayyo namoota duʼan kaasuuf fedhiis taʼe humna akka qabu kan argisiisan akkamitti akka taʼe yaadi. Hunda caalaammoo, duʼaa kaʼuu Yesuus isa hundumaa caalaa iddoo guddaa qaburratti xiinxali. Duʼaa kaʼuun isaa ragoota dhibbaan lakkaaʼamaniin kan mirkanaaʼe akka taʼee fi amantii keenyaaf buʼuura cimaa akka taʼe yaadadhu. (1 Qor. 15:3-6, 20-22) Yihowaan namoota duʼan duʼaa kaasuuf waadaa galuu isaatti baayʼee isa galateeffanna! Yihowaan waadaa gale raawwachuuf fedhiis taʼe humna waan qabuuf, waadaa kana akka raawwatu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Kanaafuu, amantii abdii iddoo guddaa qabu kanarratti qabnu guddifachuu keenya itti fufuuf haa murteessinu. Akkas yoo goone, Waaqa isa, ‘Namoonni jaallattan ni kaʼu!’ jechuudhaan waadaa nuuf galetti caalaatti dhihaanna.—Yoh. 11:23. w23.04 8 key. 2; 12 key. 17; 13 key. 20
Kamisa, Bitootessa 6
Gad of qabuudhaan Waaqa kee wajjin [deddeebiʼi!]—Mik. 6:8.
Humna ofii beekuunii fi gad of qabuun amaloota baayʼee wal fakkaatanidha. Humna keenya kan beeknu yoo taʼe, ofii keenyaaf ilaalcha sirrii qabaanna, humni keenya daangeffamaa taʼuu isaas ni hubanna. Kan gad of qabnu yoo taʼe warra kaan ni kabajna, nu caalaa iddoo guddaa akka qabanis ni yaanna. (Filp. 2:3) Namni humna isaa beekummoo gad of qaba. Giidewon nama humna isaa beekuu fi gad of qabu ture. Maleekaan Yihowaa Israaʼelota Miidiyaanota humna guddaa qaban jalaa akka oolchuuf filatamuu isaa yeroo isatti himetti Giidewon gad of qabuudhaan, “Qomoon koo gosa Minaasee keessaa isa hundumaa irra xinnaatu dha; anis mana abbaa koo keessatti iddoo guddaa kan hin qabne dha” jedheera. (Abo. 6:15) Itti gaafatamummaa kana fudhachuuf gaʼumsa akka hin qabne isatti dhagaʼamee ture; Yihowaan garuu akka inni dandaʼu beekee ture. Giidewon gargaarsa Yihowaatiin itti gaafatamummaa isaaf kenname guutummaatti raawwateera. Jaarsoliin waan hundumaarratti humna isaanii akka beekanii fi akka gad of qaban argisiisuuf carraaqqii godhu. (HoE. 20:18, 19) Dandeettii isaaniis taʼe wanta raawwatan arbeessanii hin ilaalan; dadhabina isaaniitiin kan kaʼes gatii akka hin qabne isaanitti hin dhagaʼamu. w23.06 3 key. 4-5
Jimaata, Bitootessa 7
Inni mataa kee ni buruqsa.—Uma. 3:15.
Mataan Seexanaa kan buruqfamu waggaa 1,000 boodadha. (Mul. 20:7-10) Kun taʼuusaa dura Kitaaba Qulqulluun taateewwan lafa sochoosan akka raawwataman dubbateera. Jalqaba, saboonni “Nagaa dha, tasgabbii dhas!” jedhanii labsu. (1 Tas. 5:2, 3) Saboonni amantaa sobaarratti haleelaa yeroo banan “yeruma sana” rakkinni guddaan ni jalqaba. (Mul. 17:16) Sana booda Yesuus hoolotaa fi reʼoota gargar baasuudhaan ilmaan namootaarratti murteessa. (Mat. 25:31-33, 46) Haa taʼu malee, Seexanni yeroo kanattis hojii hin hiiku. Jibba guddaadhaan kakaʼee tajaajiltoota Yihowaarratti haleellaa akka bananiif saboota wal taʼiinsa uumanii fi Kitaabni Qulqulluun Goog isa biyya Maagoog jedhee waamu kakaasa. (His. 38:2, 10, 11) Dibamtoonni hafan Kiristoosii fi raayyaa samii wajjin taʼanii waraana Armaagedoonirratti akka hirmaataniif yeroo taʼe tokkotti samii keessatti walitti qabamu; rakkinni guddaan waraana kanaan xumurama. (Mat. 24:31; Mul. 16:14, 16) Achiis Bulchiinsi Barkumee Kiristoos ni jalqaba.—Mul. 20:6. w23.10 20-21 key. 9-10
Sanbadduraa, Bitootessa 8
Ani tajaajilaan kee ijoollummaa kootii jalqabee Yihowaa nan sodaadha.—1 Mot. 18:12.
Yeroo harʼaatti tajaajiltoonni Yihowaa biyyoota hojiin keenya itti dhorkame keessa jiraatan hedduun jiru. Obboloonni jaallatamoon kun abbootii taayitaatiif kabaja isaaniif malu ni kennu; taʼus, akkuma Obaadiyaa Yihowaadhaaf wanta isaaf malu ni kennu, jechuunis guutummaatti isaaf bulu. (Mat. 22:21) Namootaaf ajajamuurra Waaqayyoof ajajamuudhaan akka isa sodaatan argisiisu. (HoE. 5:29) Kanas kan godhan misiraachicha lallabuu fi dhoksaatti walitti qabamuu isaanii itti fufuudhaani. (Mat. 10:16, 28) Obboloonnii fi obboleettonni isaanii nyaata hafuuraa isaan barbaachisu akka argatan gargaaruuf carraaqqii godhu. Mee fakkeenya Henarii isa biyya Afrikaa hojiin keenya yeroodhaaf itti dhorkamee ture keessa jiraatuu haa ilaallu. Yeroo dhorkaa sanatti Henariin nyaata hafuuraa obbolootaaf raabsaa ture. Akkana jedhee barreesseera: “Uumama kootiin ija laafessadha. Kanaafuu, ija jabina na barbaachisu kan naaf kenne . . . Yihowaadha.” Atoo akka Henarii ija jabina argisiisuu ni dandeessaa? Waaqayyoof sodaa sirrii yoo qabaatte ija jabina argisiisuu ni dandeessa. w23.06 16 key. 9, 11
Dilbata, Bitootessa 9
Cubbuun karaa nama tokkoo addunyaatti gale.—Rom. 5:12.
Addaamii fi Hewaan yeroo fincilanitti Seexanni kaayyoo Waaqayyo lafa namoota mudaa hin qabnee fi ajajamoo taʼaniin guutuuf qabu kan gufachiise fakkaata taʼa. Yeroo kanatti Seexanni, Yihowaan waadaa gale eeguu akka hin dandeenye isatti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Tarii kaayyoo ilmaan namootaatiif qabu raawwachuuf Addaamii fi Hewaaniin balleessee hiriyoota gaaʼelaa kan biraa akka uumu eegee taʼuu dandaʼa. Garuu Waaqayyo akkas godheera utuu taʼee Diyaabilos sobduu akka taʼetti isa himata ture. Maaliif? Sababiin isaas, Uumama 1:28 irratti akka ibsametti Yihowaan sanyiin isaanii lafa akka guutu Addaamii fi Hewaanitti himeera. Tarii, Addaamii fi Hewaan ijoollee cubbuu qabanii fi yoomiyyuu mudaa isaaniirraa walaba hin taane akka godhatan isaaniif heyyama jedhee yaadee taʼuu dandaʼa. (Lal. 7:20; Rom. 3:23) Kun utuu taʼees, Diyaabilos kaayyoo isaa raawwachuu hin dandeenye jedhee Yihowaa falmuun isaa hin oolu ture. Akkas kan jennu maaliifi? Kun yoo taʼe, kaayyoon Waaqayyo lafa sanyii Addaamii fi Hewaan cubbuurraa walaba taʼaniin guutuuf qabu hin raawwatamu. w23.11 6 key. 15-16
Wiixata, Bitootessa 10
Wantoota barreeffaman irra hin darbin.—1 Qor. 4:6.
Yihowaan Dubbii isaa fi jaarmiyaa isaatti fayyadamee qajeelfama ifa taʼe nuuf kenna. Qajeelfama inni nuuf kennetti qajeelfama kan biraa dabaluun nu hin barbaachisu. (Fak. 3:5-7) Kanaafuu, wanta Kitaaba Qulqulluu keessatti barreeffamerra hin darbinu ykn dhimmoota dhuunfaa ilaalchisee obboloota keenyaaf seera hin baasnu. Seexanni “gowwoomsaa homaa of keessaa hin qabnee” fi “wantoota jalqabaa addunyaatti” fayyadamee namoota dogoggorsuu fi qoqqooduuf yaala. (Qol. 2:8) Jaarraa jalqabaatti, kun falaasama yaada namaa, barumsa Yihudootaa Kitaaba Qulqulluurratti hin hundoofnee fi barumsa ‘Kiristiyaanonni Seera Musee hordofuu qabu’ jedhurratti hundaaʼe kan dabalatu ture. Yaadawwan kun namoonni Yihowaa isa madda ogummaa dhugaa taʼerratti akka hin xiyyeeffanne kan godhan waan taʼaniif kan nama gowwoomsan turan. Yeroo harʼaatti, Seexanni oduu buʼuura hin qabnee fi gabaasawwan sobaa geggeessitoonni siyaasaa dubbatan babalʼisuuf miidiyaalee hawaasaatti fayyadama. w23.07 16 key. 11-12
Kibxata, Bitootessa 11
Yaa Yihowaa, hojiin kee akkam guddaa dha! Yaanni kee akkam gad fagoo dha!—Far. 92:5.
Seexannis taʼe Addaamii fi Hewaan isarratti fincilanis, Yihowaan furmaata hundarra wayyuu fi kaayyoo isaa raawwachuuf isa dandeessisu qaba. Yihowaan Addaamii fi Hewaan ijoollee akka godhatan isaaniif heyyamuudhaan wanti inni dubbate akka raawwatamu godheera. “Sanyii” ijoollee Addaamii fi Hewaan ajajamoo taʼaniif fayyina argamsiisu qopheessuudhaan kaayyoon isaa akka raawwatamu mirkaneesseera. (Uma. 3:15; 22:18) Seexanni Yihowaan furicha qopheessuun isaa baayʼee isa naasisee taʼuu qaba! Maaliif? Sababiin isaas, qophiin kun jaalala ofittummaarraa walaba taʼerratti kan hundaaʼedha. (Mat. 20:28; Yoh. 3:16) Seexanni ofittoo waan taʼeef amala akkasii qabaachuu hin dandaʼu. Maarree, qophiin furichaa faayidaa akkamii argamsiisa? Xumura bulchiinsa Barkumeerratti ijoolleen Addaamii fi Hewaan cubbuurraa walaba taʼanii fi ajajamoo taʼan lafa jannata taate dhaalu; akka kanaan kaayyoon Yihowaa inni jalqabaa ni raawwatama. w23.11 6 key. 17
Roobii, Bitootessa 12
Waaqayyo . . . ni murteessa.—Ibr. 13:4.
Qulqullummaa lubbuu fi dhiigaa ilaalchisee seera Yihowaan kenne ni eegna. Maaliifi? Sababiin isaas, Yihowaan dhiigni lubbuu isa kennaa isaa gatii guddaa qabu akka bakka buʼu dubbateera. (Lew. 17:14) Yihowaan foon beelladootaa akka nyaatan yeroo jalqaba namootaaf heyyametti, dhiiga isaa akka hin nyaanne qajeelfama isaaniif kenneera. (Uma. 9:4) Yeroo Seera Musee Israaʼelotaaf kennettis seera kana irra deebiʼee caqaseera. (Lew. 17:10) Kiristiyaanota hundaaf qajeelfama, “Dhiiga irraa . . . fagaadhaa” jedhu akka kennus qaama olaanaa jaarraa tokkoffaatti ture kakaaseera. (HoE. 15:28, 29) Yeroo murtoo yaalii fayyaa wajjin wal qabatu goonutti ajaja kana cimsinee hordofna. Akkasumas ulaagaalee naamusaa Yihowaa warra olaanoo cimsinee hordofna. Phaawulos ergamaan kutaawwan qaama keenyaa akka ‘ajjeesnu,’ jechuunis fedhiiwwan dogoggoraarraa fagaachuuf tarkaanfii cimaa akka fudhannu gorsa nuuf kenneera. Wanta gara halalummaatti nu geessuu dandaʼu ilaaluus taʼe gochuurraa ni fagaanna.—Qol. 3:5; Iyo. 31:1. w23.07 15 key. 5-6
Kamisa, Bitootessa 13
Dhuma irratti, . . . wanta garaa isaa keessa jiru hundumaa ishiitti hime.—Abo. 16:17.
Saamson wanta Deliilaan isarratti raawwachuuf jettu hubachuu kan dadhabe jaalalli inni ishiidhaaf qabu ija isaa waan jaamseef turee? Deliilaan madda humna isaa akka ishiitti himu irra deddeebitee dhiibbaa isarratti goote; innis dhumarratti waan hundumaa ishiitti hime. Kan nama gaddisiisu. dogoggorri Saamson raawwate kun humna isaa isa dhabsiiseera akkasumas yeroo muraasaaf Yihowaa biratti fudhatama akka dhabu godheera. (Abo. 16:16-20 ) Saamson Yihowaa utuu hin taʼin Deliilaa amanuun isaa miidhaa guddaa isarraan geessiseera. Warri Filisxeem qabanii ija isaa jaamsaniiru. Saamson Gaazaa keessatti hidhamee midhaan daaka ture. Achiis Filisxeemonni qophii ayyaanaa tokkorratti yeroo walitti qabamanii turanitti wanta Saamsoniin salphisu godhan. Saamsoniin harka isaaniitti dabarsee kan kenne waaqa isaanii Daagon akka taʼe waan amananiif aarsaa guddaa isaaf dhiheessanii turan. Qophii isaaniirratti ‘akka isaan bashannansiisuuf’ Saamsoniin mana hidhaatii fichisiisan.—Abo. 16:21-25. w23.09 5-6 key. 13-14
Jimaata, Bitootessa 14
Wanta namoota hundumaa duratti gaarii taʼe hojjedhaa.—Rom. 12:17.
Namni nu wajjin hojjetu ykn baratu tokko ulaagaalee Kitaaba Qulqulluu nuti hordofnu ilaalchisee gaaffii kaasa taʼa. Ilaalcha isaa kan kabajnu taʼus wanta itti amannu isaaf ibsuuf wanta dandeenyu gochuun keenya gaariidha. (1 Phe. 3:15) Gaaffii sana kan kaase nu qeequuf akka taʼe goonee yaaduu mannaa yeroo baayʼee gaaffichi wanta isa yaaddessu hubachuuf akka nu gargaaru yaaduun gaariidha. Sababiin namni tokko gaaffii itti kaasu maaliyyuu yoo taʼe garraamummaadhaan deebii kennuun keenya gaariidha. Tarii deebiin isaaf kenninu ilaalcha isaarratti akka yaadu isa kakaasuu dandaʼa. Fakkeenyaaf namni nu wajjin hojjetu tokko guyyaa dhalootaa kan hin kabajne maaliif akka taʼe kan nu gaafate yeroo gammachiisaa akka dabarsinu akka nuuf hin heyyamamne godhee waan yaadeefii laata? Haalli warra kaanii kan isa yaaddessu taʼuu isaatiif isa galateeffachuu dandeenya. Akkas gochuun keenya Kitaabni Qulqulluun guyyaa dhalootaa kabajuu ilaalchisee maal akka jedhu isaaf ibsuuf haala nuuf mijeessuu dandaʼa. w23.09 17 key. 10-11
Sanbadduraa, Bitootessa 15
Dogoggora namoonni hamoon hojjetaniin gowwoofamtanii isaanii wajjin akka hin fudhatamnee fi ejjennoo cimaan qabdan akka hin laafne of eeggadhaa.—2 Phe. 3:17.
Yeroo hafe kana saba hundumaatiif dhugaa ba’uuf itti fayyadamuun mirga guddaadha. Pheexiros ergamaan guyyaa Yihowaa ‘sammuu keenyatti dhiheessinee akka yaannu’ nu jajjabeesseera. (2 Phe. 3:11, 12) Kana gochuu kan dandeenyu akkamitti? Hamma dandaʼametti guyyaa guyyaadhaan eebbawwan addunyaa haaraa keessatti argannurratti xiinxaluun keenya gaariidha. Qilleensa qulqulluu yeroo fudhattu nyaata madaalamaa yeroo soorattu namoota jaallattuu fi duʼaa kaʼan yeroo simattu akkasumas namoota jaarraawwan hedduu dura jiraatan waaʼee raawwii raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu yeroo barsiistu yaadaan ilaali. Haala kanaan xiinxaluun kee yeroo sana hawwiidhaan akka eeggattuu fi guyyoota dhumaa keessa jiraachaa akka jirru mirkanaaʼaa taʼuuf si gargaara. Waaʼee gara fuulduraa ‘dursinee waan beeknuuf’ barsiistota sobaatiin ‘gowwoomfamnee hin fudhatamnu.’ w23.09 27 key. 5-6
Dilbata, Bitootessa 16
Kun qajeelaa waan taʼeef, fedhii Gooftaa wajjin haala wal simuun warra keessaniif ajajamaa.—Efe. 6:1.
Dargaggoonni ijoollee ‘warra isaaniitiif hin ajajamneen’ marfamanii oolu. (2 Xim. 3:1, 2) Ijoollee baayʼeen warra isaaniitiif kan hin ajajamne maaliifi? Isaan keessaa tokko tokko warri isaanii fakkeessitoota akka taʼan isaanitti dhagaʼama. Warri tokko tokko wanta ofii hin raawwanne ijoollee isaaniirraa eegu. Ijoolleen tokko tokkommoo gorsi warri isaanii isaaniif kennan yeroo kan itti darbee fi garmalee cimaa akka taʼe isaanitti dhagaʼama. Dargaggeessa yoo taate akkas sitti dhagaʼamee beekaa? Namoonni hedduun ajaja caqasa keenya guyyaa harʼaarratti argamu hojiirra oolchuun isaanitti ulfaata. Maarree, ajaja kana eeguuf maaltu si gargaaruu dandaʼa? Yesuus gama kanaan fakkeenya hundarra caaludha; atis fakkeenya isaarraa barumsa guddaa argatta. (1 Phe. 2:21-24) Yesuus mudaa kan hin qabne taʼus, warri isaa garuu mudaa qabu turan. Yesuus warri isaa dogoggora kan raawwatanii fi yeroo tokko tokko karaa sirrii hin taaneen kan isa hubatan taʼus isaan kabajeera.—Bau. 20:12. w23.10 7 key. 4-5
Wiixata, Bitootessa 17
Ajajni duraanii dadhabaa fi buʼaa kan hin qabne waan taʼeef hafeera.—Ibr. 7:18.
Phaawulos ergamaan aarsaawwan Seerichi ajaju guutummaatti dhiifama cubbuu argamsiisuu akka hin dandeenye ibseera. Kanaan kan kaʼes Seerichi “hafeera.” Achiis Phaawulos dhugaawwan gadi fageenya qaban tokko tokko isaaniif ibse. “Abdiin inni caaluu” fi aarsaa Yesuusirratti hundaaʼe ‘gara Waaqayyootti dhihaachuuf’ akka isaan gargaaru obboloota isaa yaadachiiseera. (Ibr. 7:19) Phaawulos waaqeffannaan isaan Kiristiyaanota taʼuudhaan dhiheessan waaqeffannaa sana dura dhiheessaa turanirra baayʼee kan caalu maaliif akka taʼe isaaniif ibseera. Wantoonni Yihudoonni waaqeffannaa isaaniirratti raawwachaa turan “gaaddidduu wantoota dhufuuf jiranii ti; inni dhugaan garuu Kiristoosi.” (Qol. 2:17) Gaaddidduun boca wanta tokkoo argisiisa malee wanta sana bakka hin buʼu. Haaluma wal fakkaatuun, wantoonni Yihudoonni durii waaqeffannaa isaanii keessatti raawwatan gaaddidduu wanta dhugaa dhufuuf jiruuti. Qophii Yihowaan cubbuu keenyaaf dhiifama argannee waaqeffannaa isa biratti fudhatama qabu dhiheessuu akka dandeenyuuf nuuf godhe hubachuu qabna. w23.10 25 key. 4-5
Kibxata, Bitootessa 18
Bara dhumaatti mootiin inni kibbaa isaa wajjin wal ni dhiiba; . . . akka obomboleettiitti isa irratti ni dhufa.—Dan. 11:40.
Daaniʼel boqonnaan 11 waaʼee mootota ykn humnoota siyaasaa addunyaarratti olaantummaa argachuuf wal morkatan lamaa dubbata. Raajii kana raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu kan biroo wajjin wal bira qabuudhaan “mootiin kaabaa” Raashiyaa fi deggartoota ishii, ‘mootiin kibbaammoo’ Mootummaa Addunyaa Angiloo Ameerikaa akka argisiisu hubachuu dandeenya. Sabni Waaqayyoo bulchiinsa “mootii kaabaa” jala jiraatan ariʼatama mootii kanarraa isaanirra gaʼu dandamachaa jiru. Dhugaa Baatonni Yihowaa tokko tokko sababa amantii isaaniitiin reebamaniiru, akkasumas hidhamaniiru. Gochi “mootii kaabaa” kun obboloota keenya sodaachisuu mannaa amantiin isaanii akka cimu godheera. Maaliif? Sababiin isaas, obboloonni keenya ariʼatamni saba Waaqayyoorra gaʼu raajiin Daaniʼel dubbate akka raawwatamu kan godhu taʼuu isaa beeku. (Dan. 11:41) Nutis kana beekuun keenya abdii keenya cimsachuu fi Yihowaadhaaf amanamoo taanee itti fufuuf nu gargaara. w23.08 11 key. 15-16
Roobii, Bitootessa 19
Kan isin tuqu kam iyyuu qaroo ija kootii tuqa.—Zak. 2:8.
Yihowaan waan nu jaallatuuf miira keenyaaf of eeggata, nu eeguufis fedhii guddaa qaba. Yeroo gaddinu innis ni gadda. Kanaafuu, “Akka qaroo ija keetiitti na eegi” jennee kadhachuu dandeenya. (Far. 17:8) Ijji kutaa qaamaa of eeggannoo guddaa barbaaduu fi gatii guddaa qabudha. Kanaafuu, Yihowaan akkuma qaroo ija isaatti waan nu ilaaluuf, akkuma waan, ‘Namni saba koo miidhu, wanta na biratti gatii guddaa qabu miidha’ jedhetti ilaalama. Yihowaan dhuunfaatti akka nu jaallatu mirkanaaʼoo akka taanu barbaada. Taʼus, wanta jireenya keenya keessatti nu mudateen kan kaʼe akka nu jaallatu shakkuu akka dandeenyus beeka. Tariimmoo yeroo ammaatti haalli amantii jaalala Yihowaarratti qabnu qoru nu mudachaa jira taʼa. Maarree, amantii keenya maaltu nuuf cimsa? Yihowaan jaalala Yesuusiif, dibamtootaa fi hunda keenyaaf qabu kan ibse akkamitti akka taʼe barachuun keenya amantii keenya nuuf cimsa. w24.01 27 key. 6-7
Kamisa, Bitootessa 20
Harki Waaqa keenyaa nuu wajjin ture; inni . . . harka diinaa . . . irraa nu oolche.—Iz. 8:31.
Izraan yeroo qorumsaatti Yihowaan saba isaa akkamitti deggeraa akka ture argeera. Waggoota muraasa dura jechuunis, Dh.K.D. bara 484tti yeroo Ahaashweros Mootichi Yihudoonni bulchiinsa Faarsi keessa jiran akka balleeffaman labsii baasetti Izraan Baabilon keessa jiraachaa waan ture fakkaata. (As. 3:7, 13-15) Kanaafuu, yeroo sanatti lubbuun isaa balaadhaaf saaxilamee ture. Yihudoonni “koonyaa . . . hundumaa” keessa jiran labsii baʼe kana yeroo dhagaʼan soomuudhaan, akkasumas gadduudhaan Yihowaan akka isaan gargaaru kadhachaa turan. (As. 4:3) Izraanii fi Yihudoonni kaan namoonni isaan balleessuuf shira xaxaa turan yeroo ajjeefamanitti maaltu akka isaanitti dhagaʼame yaadi. (As. 9:1, 2) Wanti Izraan yeroo rakkisaa taʼe kanatti arge qorumsa gara fuulduraatiif akka isa qopheessee fi dandeettii Yihowaan saba isaa eeguuf qaburratti amantii qabu akka isaaf cimse hin shakkisiisu. w23.11 17 key. 12-13
Jimaata, Bitootessa 21
Hojii isaa malee Waaqayyo akka qajeelaatti [lakkaaʼa.]—Rom. 4:6.
Phaawulos adda durummaadhaan waaʼee “hojii seerichaa,” jechuunis waaʼee Seera Musee Israaʼelotaaf kennameef ajajamuu dubbachaa ture. (Rom. 3:21, 28) Bara Phaawulositti Yihudoonni Kiristiyaanota taʼan tokko tokko ammas Seera Musee hordofuun barbaachisaa akka taʼe waan amanan fakkaata. Phaawulos namni tokko Waaqayyo biratti fudhatama kan isaaf argamsiisu “hojii seerichaa” akka hin taane ibsuuf fakkeenya Abrahaamitti fayyadameera. Wanti barbaachisu amantii qabaachuudha. Yaanni kun Waaqayyo biratti ejjennoo gaarii qabaachuun akka dandaʼamu waan nuuf mirkaneessuuf nu jajjabeessa. Waaqayyoo fi Kiristoosirratti amantii yoo qabaanne Yihowaa biratti fudhatama argachuu ni dandeenya. Karaa kan biraatiinimmoo ‘hojiin’ Yaaqoob boqonnaa 2rratti ibsame “hojii seerichaa” Phaawulos ibse miti. Yaaqoob kan ibse waaʼee hojii ykn sochii Kiristiyaanonni jireenya isaanii keessatti guyyaa guyyaadhaan raawwataniiti. (Yaq. 2:24) Hojiin akkasii Kiristiyaanni tokko Waaqayyorratti amantii dhugaa qabaachuu fi dhiisuu isaa argisiisa. w23.12 3 key. 8; 4-5 key. 10-11
Sanbadduraa, Bitootessa 22
Abbaan [manaa] mataa haadha manaa isaa ti.—Efe. 5:23.
Obboleettonni heerumuu yaadan nama itti heeruman sirriitti filachuu qabu. Namni itti heerumtu mataa kee akka taʼu yaadadhu. (Rom. 7:2; Efe. 5:33) Kanaafuu akkana jedhii of gaafadhu: ‘Namni kun Kiristiyaana bilchina qabudhaa? Jireenya isaa keessatti wantoota hafuuraatiif dursa kennaa jiraa? Murtoowwan gaggaarii ni godhaa? Balleessaa isaa ni amanaa? Dubartootaaf kabaja qabaa? Dandeettii karaa hafuuraa, karaa foonii fi karaa miiraa na deggeruuf isa dandeessisu qabaa? Dhugaadha, abbaa manaa gaarii taʼe argachuuf atis haadha manaa gaarii taʼuuf qophaaʼuu qabda. Haati manaa gaarii taate abbaa manaa ishiitiif “gargaartuu” akka taatee fi “guutuu” akka isa gootu dubbata. (Uma. 2:18) Yihowaa waan jaallattuuf abbaan manaa ishii maqaa gaarii akka qabaatu gochuuf carraaqqii gooti. (Fak. 31:11, 12; 1 Xim. 3:11) Jaalala Yihowaadhaaf qabdu guddifachuun kee fi mana keessattis taʼe gumii keessatti warra kaaniif gargaartuu taʼuun kee gaʼee kanaaf si qopheessa. w23.12 22-23 key. 18-19
Dilbata, Bitootessa 23
Isin keessaa namni kam iyyuu ogummaan yoo isatti hirʼate, Waaqa kadhachuu isaa itti haa fufu.—Yaq. 1:5.
Yihowaan ogummaa murtoo gaarii gochuuf nu dandeessisu akka nuuf kennu waadaa galeera. Keessumaa murtoo guutummaa jireenya keenyaa tuqu yeroo goonutti, Waaqayyoo ogummaa isaa, akkasumas humna jabaannee dhaabbachuuf nu barbaachisu nuuf kenna. Yihowaan akkuma Phaawulos ergamaadhaaf godhe humna yeroo qorumsaatti jabaannee dhaabbachuuf nu barbaachisu nuuf kenna. (Filiphisiyus 4:13) Kan inni itti fayyadamu tokko maatii hafuuraa keenyadha. Yesuus galgala duʼuusaa dura turetti cimsee kadhateera. Yesuus maqaa Waaqayyoo arrabseera jedhamee waan himatameef himata kanarraa akka isa oolchu Yihowaatti wawwaannaa dhiheessee ture. Yihowaan garuu wanta inni gaafate gochuu mannaa, akka isa jajjabeessuuf maleekota obboloota isaa taʼan keessaa tokko ergeera. (Luq. 22:42, 43) Yihowaan obboleessi ykn obboleettiin tokko nuuf bilbiluudhaan ykn dhufanii nu gaafachuudhaan akka nu jajjabeessan gochuudhaanis nu gargaaruu dandaʼa. Hundi keenyayyuu obboloota keenyatti “dubbii gaarii” dubbachuuf carraa barbaaddachuu ni dandeenya.—Fak. 12:25. w23.05 10-11 key. 9-11
Wiixata, Bitootessa 24
Wal jajjabeessuu fi wal ijaaruu keessan itti fufaa.—1 Tas. 5:11.
Obboloonni qabbanaaʼanii turanii fi Ayyaana Yaadannoorratti argaman simannaa gaariin akka isaaniif hin godhamne yaadanii taʼuu dandaʼa. Kanaafuu, gaaffii isaan qaanessu isaan hin gaafatinaa ykn wanta isaan miidhuu dandaʼu hin dubbatinaa. Isaanis obboloota keenyadha. Deebinee isaan wajjin Yihowaa waaqeffachuun baayʼee nu gammachiisa! (Far. 119:176; HoE. 20:35) Yesuus waggaa waggaadhaan duʼa isaa akka yaadannu qophii nuu gochuu isaatti baayʼee galateeffanna; ayyaanni kun baayʼee barbaachisaa kan taʼe maaliif akka taʼe ni hubanna. Ayyaana kanarratti yeroo argamnu ofis taʼe warra kaan karaa hedduudhaan fayyadna. (Isa. 48:17, 18) Jaalalli Yihowaa fi Yesuusiif qabnu ni guddata. Wanta isaan nuuf godhan hammam akka dinqisiifannu argisiisna. Obboloota keenyatti caalaatti dhihaanna. Warri kaan eebbawwan furichi argamsiisu argachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe akka baratanis isaan gargaarra. Kanaafuu, Ayyaana Yaadannoo waggaa kanaatiif qophaaʼuuf wanta dandeenyu hunda haa goonu; guyyaan kun waggicha keessaa guyyaa hundarra caaludha! w24.01 14 key. 18-19
Kibxata, Bitootessa 25
Ani Yihowaan . . . isa . . . si geggeessu dha.—Isa. 48:17.
Yihowaan kan nu geggeessu akkamitti? Adda durummaadhaan Dubbiisaa Kitaaba Qulqulluutti fayyadameeti. Haa taʼu malee, namoota bakka buutotasaa taʼanittis ni fayyadama. Fakkeenyaaf, nyaata hafuuraa murtoo gaarii gochuuf nu gargaaru nuu qopheessuuf ‘garbicha amanamaa fi ogeessatti’ fayyadama. (Mat. 24:45) Yihowaan nu geggeessuuf dhiirota gaʼumsa qaban kan biroottis ni fayyadama. Fakkeenyaaf, ilaaltonni olaanaa aanaa fi jaarsoliin gumii jajjabinaa fi qajeelfama haala rakkisaa dandamachuuf nu gargaaru nuu kennu. Guyyoota dhumaa baayʼee ulfaataa taʼe kana keessatti qajeelfama amansiisaa argachuu keenyatti baayʼee galateeffanna. Qajeelfamni kun Yihowaa biratti fudhatama argachuu fi daandii jireenyaarra deemuu keenya itti fufuuf nu gargaara. Haa taʼu malee, yeroo tokko tokko keessumaa nama mudaa hin qabneen yeroo kennamu qajeelfama Yihowaa hordofuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Yeroo akkasiitti sabasaa geggeessaa kan jiru Yihowaa akka taʼee fi qajeelfamasaa hordofuun eebba akka nuuf argamsiisu amanuu qabna. w24.02 20 key. 2-3
Roobii, Bitootessa 26
Dubbiidhaan yookiin afaaniin utuu hin taʼin, hojii fi dhugaadhaan wal haa jaallannu.—1 Yoh. 3:18.
Dubbii Waaqayyoo gadi fageenyaan qoruudhaan jaalala isaaf qabnu guddifachuu dandeenya. Kitaaba Qulqulluu yeroo dubbistu wanti dubbisaa jirtu waaʼee Yihowaa maal akka si barsiisu hubachuuf yaali. Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Seenaan kun Yihowaan akka na jaallatu kan argisiisu akkamitti? Yihowaa jaallachuuf kan na kakaasu hoo akkamitti?’ Karaan jaalala Yihowaadhaaf qabnu guddifachuu itti dandeenyu kan biraanimmoo yeroo hunda kadhannaadhaan garaa keenya isaaf banuudha. (Far. 25:4, 5) Yihowaanis kadhannaa keenyaaf deebii nuuf kenna. (1 Yoh. 3:21, 22) Phaawulos ergamaa akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Dargaggeessa gaarii Ximotewos jedhamu wajjin wal bare. Ximotewos Yihowaa fi namoota ni jaallata ture. Phaawulos warra Filiphisiyusiin, “Ani nama akka isaatti waaʼee keessan garaadhaa yaadu kan biraa hin qabu” jedheera. (Filp. 2:20) Ximotewos obbolootaa fi obboleettota isaa akka jaallatu hubateera. Gumiiwwan Ximotewos keessatti tajaajilaa ture yeroo inni itti isaan daawwatu hawwiidhaan eeggachaa akka turan hin shakkisiisu.—1 Qor. 4:17. w23.07 9 key. 7-10
Kamisa, Bitootessa 27
Ani matumaa si hin dhiisu.—Ibr. 13:5.
Museen kan duʼe Israaʼelonni Biyyattii Abdachiifamtetti galuu isaanii duradha. Namni amanamaan kun erga duʼee booda Yihowaan sabasaa dhiiseeraa? Lakki. Hamma isaan isaaf amanamoo taʼanitti Yihowaan wanta isaan barbaachisu isaaniif ni kenna ture. Yihowaan Museen duʼuusaa dura Iyyaasuun sabicha akka geggeessuuf akka isa muudu itti himee ture. Museen waggoota hedduudhaaf Iyyaasuu leenjiseera. (Bau. 33:11; Kes. 34:9) Kana malees, dhiironni gaʼumsa qabanii fi dura buutota taʼanii tajaajilan hedduun jiru turan; isaanis ajajjoota kumaa, ajajjoota dhibbaa, ajajjoota shantamaa fi ajajjoota kudhanii taʼanii muudamanii turan. (Kes. 1:15) Kanaafuu, sabni Waaqayyoo kunuunsa gaarii argachaa turan. Mee ammammoo fakkeenya Eeliyaas haa ilaallu. Eeliyaas waggoota hedduudhaaf Israaʼelonni Yihowaa akka waaqeffatan gargaaruuf carraaqqii godheera. Haa taʼu malee, yeroo booda Yihowaan Yihudaa keessatti akka tajaajilu isa ramade. (2 Mot. 2:1; 2 Sen. 21:12) Maarree, Yihowaan namoota amanamoo mootummaa Israaʼel isa gosoota kudhan of keessatti qabate keessa jiraatan dhiiseeraa? Lakki. Eeliyaas waggoota hedduudhaaf Elsaaʼi leenjisaa tureera. Yihowaan kaayyoosaa raawwachuusaa itti fufeera, tajaajiltootasaa amanamoo taʼanis kunuunseera. w24.02 5 key. 12
Jimaata, Bitootessa 28
Akka ijoollee ifaatti deddeebiʼuu keessan itti fufaa.—Efe. 5:8.
Namoonni Efesoon ifa dhugaa Kitaaba Qulqulluu fudhataniiru. (Far. 119:105) Warri Efesoon gochawwan amantaa sobaa fi gochawwan naamusaan ala taʼan raawwachuurraa fagaataniiru. ‘Waaqayyoon kan fakkaatan taʼaniiru,’ akkasumas Yihowaa waaqeffachuu fi isa gammachiisuuf wanta dandaʼan gochaa turan. (Efe. 5:1) Haaluma wal fakkaatuun, dhugaa barachuu keenya dura karaa amantaa fi karaa naamusaa dukkana keessa turre. Nu keessaa tokko tokko ayyaanota amantaa sobaa kabajaa turre; kaanimmoo jireenya naamusaan ala taʼe jiraachaa turre. Ulaagaalee Yihowaan wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee baase yeroo barannetti garuu jijjiirama goone. Jireenya keenya ulaagaalee qajeelinaasaa wajjin walsimsiisuuf carraaqqii gochuu jalqabne. Kunis faayidaa hedduu nuuf argamsiiseera. (Isa. 48:17) Taʼus, ammayyuu haalli rakkisaan nu mudachaa jira. Dukkana keessaa baane sanarraa fagaachuu fi ‘akka ijoollee ifaatti deddeebiʼuu keenya itti fufuu’ qabna. w24.03 21 key. 6-7
Sanbadduraa, Bitootessa 29
Guddina hammamii iyyuu yoo goone, daandiidhuma kana irra seeraan deddeebiʼuu keenya itti haa fufnu.—Flp. 3:16.
Yihowaadhaaf of murteessuu fi cuuphamuuf qophaaʼaa akka hin taane sitti dhagaʼama taʼa. Tarii ammayyuu ulaagaalee Yihowaa wajjin wal simtee jiraachuuf jireenya keerratti jijjiirama tokko tokko gochuun si barbaachisa taʼa; yookiinimmoo amantii kee cimsachuuf yeroon dabalataa si barbaachisa taʼa. (Qol. 2:6, 7) Barattoonni Kitaaba Qulqulluu hundi saffisa walfakkaatuun guddina gochuu dhiisuu dandaʼu; dargaggoonni hundis umurii walfakkaaturratti Yihowaadhaaf of murteessanii cuuphamuuf qophaaʼoo taʼuu dhiisuu dandaʼu. Nama kan biraa wajjin wal bira of qabuudhaan utuu hin taʼin, wanta gochuu dandeessu tilmaama keessa galchuudhaan guddina hafuuraa goote gamaaggamuuf yaali. (Gal. 6:4, 5) Ammayyuu Yihowaadhaaf of murteessuuf qophaaʼaa akka hin taane yoo hubattellee galma kana akkuma baafattetti itti fufi. Jireenya kee keessatti jijjiirama barbaachisu gochuuf akka si gargaaru Yihowaa kadhadhu. (Filp. 2:13) Kadhannaa keetiif deebii akka kennu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.—1 Yoh. 5:14. w24.03 5 key. 9-10
Dilbata, Bitootessa 30
Abbootiin manaa, beekumsaan [haadhotii manaa keessanii] wajjin jiraachuu keessan itti fufaa.—1 Phe. 3:7.
Yeroo tokko, Saaraan baayʼee dhiphachuu ishiitiin kan kaʼe wanta ishii aarse Abrahaamitti himtee turte; rakkinichaaf kan itti gaafatamu isa akka taʼellee dubbattee turte. Abrahaam erga ishii dhaggeeffatee booda dhimmichaaf furmaata kenneera. (Uma. 16:5, 6) Seenaa kanarraa maal baranna? Abbootiin manaa, maatii keessaniif murtoo gochuuf aangoo qabdu. (1 Qor. 11:3) Taʼus, keessumaa murtoo haadha manaa keessan tuqu yeroo gootanitti ilaalcha ishii xiyyeeffannaa keessa galchuudhaan jaalala ishiitti argisiisuu dandeessu. (1 Qor. 13:4, 5) Yeroo biraattimmoo Abrahaam keessummoota akkuma tasaa dhufan simachuuf murteessee ture. Yeroo kanatti wanta hojjechaa jirtu dhiistee daabboo akka tolchitu ishiitti hime. (Uma. 18:6) Saaraanis murtoo Abrahaam deggeruudhaan daftee tarkaanfii fudhatte. Haadhotiin manaa, murtoo abbaa manaa keessanii deggeruudhaan fakkeenya Saaraa hordofuu dandeessu. Akkas yeroo gootan, gaaʼela keessan cimsitu.—1 Phe. 3:5, 6. w23.05 24-25 key. 16-17
Wiixata, Bitootessa 31
Ogummaan inni ol gubbaadhaa dhufu . . . ajajamuuf kan qophaaʼe . . . dha.—Yaq. 3:17.
Giidewon abbaa murtii taʼee erga muudamee booda ajajamuunii fi ija jabina argisiisuun isa barbaachisee ture. Iddoo aarsaa Baʼaal isa abbaan isaa ijaare akka balleessu itti gaafatamummaan isaaf kennamee ture; kun wanta lubbuu isaa balaadhaaf saaxilu ture. (Abo. 6:25, 26) Yeroo boodas, Giidewon loltoota erga walitti qabee booda lakkoofsa isaanii akka hirʼisu qajeelfamni isaaf kennamee ture. (Abo. 7:2-7) Dhumarrattis, halkan walakkaa buufata diinotaa akka haleelu isatti himame. (Abo. 7:9-11) Jaarsoliin “ajajamuuf kan [qophaaʼan]” taʼuu qabu. Jaarsi ajajamaa taʼe tokko wanta Kitaabonni Qulqulluun dubbatanii fi qajeelfama jaarmiyaan Waaqayyoo kennuuf bitamuuf qophaaʼaadha. Kana gochuudhaan warra kaaniif fakkeenya gaarii taʼa. Taʼus, ajajamuun isatti ulfaachuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, qajeelfama isaaf kennamu hunda hordofuun isatti ulfaachuu dandaʼa. Yeroo tokko tokko, ‘Qajeelfamni kun dhuguma ogummaarratti kan hundaaʼedhaa?’ gaaffiin jedhu isatti uumamuu dandaʼa. Yookiinimmoo itti gaafatamummaan bilisummaa isaa balaadhaaf saaxilu isaaf kennamuu dandaʼa. Jaarsoliin haalawwan akkasii keessatti ajajamuudhaan fakkeenya Giidewon hordofuu kan dandaʼan akkamitti? Qajeelfama isiniif kennamu xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffadhaa, akkasumas hojiirra oolchaa. w23.06 4-5 key. 9-11