LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • es25 ful. 17-26
  • Guraandhala

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Guraandhala
  • Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2025
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Sanbadduraa, Guraandhala 1
  • Dilbata, Guraandhala 2
  • Wiixata, Guraandhala 3
  • Kibxata, Guraandhala 4
  • Roobii, Guraandhala 5
  • Kamisa, Guraandhala 6
  • Jimaata, Guraandhala 7
  • Sanbadduraa, Guraandhala 8
  • Dilbata, Guraandhala 9
  • Wiixata, Guraandhala 10
  • Kibxata, Guraandhala 11
  • Roobii, Guraandhala 12
  • Kamisa, Guraandhala 13
  • Jimaata, Guraandhala 14
  • Sanbadduraa, Guraandhala 15
  • Dilbata, Guraandhala 16
  • Wiixata, Guraandhala 17
  • Kibxata, Guraandhala 18
  • Roobii, Guraandhala 19
  • Kamisa, Guraandhala 20
  • Jimaata, Guraandhala 21
  • Sanbadduraa, Guraandhala 22
  • Dilbata, Guraandhala 23
  • Wiixata, Guraandhala 24
  • Kibxata, Guraandhala 25
  • Roobii, Guraandhala 26
  • Kamisa, Guraandhala 27
  • Jimaata, Guraandhala 28
Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaan Qoruu—2025
es25 ful. 17-26

Guraandhala

Sanbadduraa, Guraandhala 1

Anis isin nan dhagaʼa.—Er. 29:12.

Hisqiyaas Mootichi yeroo baayʼee dhukkubsatee turetti akka isa fayyisu Yihowaa kadhatee ture. Yihowaanis kadhannaa isaa dhagaʼee isa fayyiseera. (2 Mot. 20:1-6) Karaa kan biraatiinimmoo, Phaawulos ergamaan “qoreen foon [isaa] waraanu” akka isarraa badu Yihowaa kan kadhate taʼus, Yihowaan rakkinicha isaaf hin balleessine. (2 Qor. 12:7-9) Yaaqoobii fi Pheexirosis Herodis Mootichi lamaan isaaniiyyuu ajjeesuu barbaadee ture. Haa taʼu malee, Yaaqoob ni ajjeefame; Pheexiros garuu dinqiidhaan ooleera. (HoE. 12:1-11) Tarii, ‘Yihowaan Pheexirosiin oolchee Yaaqoobiin kan hin oolchine maaliifi?’ jennee yaanna taʼa. Kitaabni Qulqulluun waaʼee kanaa hin dubbatu. Taʼus, Yihowaan “matumaa haqa [akka] hin jalʼisne” mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (Kes. 32:4) Yeroo tokko tokko, Yihowaan kadhannaa keenyaaf karaa nuti eegneen deebii kennuu dhiisuu dandaʼa. Taʼus, deebiin inni kadhannaa keenyaaf kennu yeroo hunda jaalalarratti kan hundaaʼee fi sirrii akka taʼe waan amannuuf, karaa inni kadhannaa keenyaaf deebii kennuuf filaterratti gaaffii hin kaasnu.—Iyo. 33:13. w23.11 21 key. 6

Dilbata, Guraandhala 2

Ogummaan inni ol gubbaadhaa dhufu . . . ajajamuuf kan qophaaʼe . . . dha.—Yaq. 3:17.

Yaaqoob hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee namoonni ogeeyyiin ‘ajajamuuf qophaaʼoo’ akka taʼan barreesseera. Kana jechuun maal jechuu akka taʼe yaadi. Namoota Yihowaan hamma tokko aangoo akka qabaatan heyyameef ajajamuuf fedhii guddaa qabaachuu qabna. Dhugaadha, Yihowaan nama ajaja isaa akka cabsinu nu gaafatu kamiifiyyuu akka ajajamnu nurraa hin eegu. (HoE. 4:18-20) Namootaaf ajajamuurra Yihowaadhaaf ajajamuutu nutti salphata taʼa. Qajeelfamni Yihowaan nuuf kennu mudaa kan hin qabne waan taʼeef kun taʼuun isaa nu hin dinqisiisu. (Far. 19:7) Namoonni aangoo qaban garuu qajeelfama akkasii nuu kennuu hin dandaʼan. Taʼus, Abbaan keenya inni samii warraaf, mootummootaa fi jaarsoliidhaaf hamma tokko aangoo kenneera. (Fak. 6:20; 1 Tas. 5:12; 1 Phe. 2:13, 14) Yeroo isaaniif ajajamnu Yihowaadhaaf ajajamaa jirra. w23.10 6 key. 2-3

Wiixata, Guraandhala 3

Jechoonni kun amanamoo fi dhugaa [dha].—Mul. 21:5.

Karaan amantii keenya itti cimsannu keessaa inni tokko, humna Yihowaan qaburratti yaaduudha. Inni waadaa gale hunda raawwachuuf humna qaba. Inni Waaqa hundumaa dandaʼudha. (Iyo. 42:2; Mar. 10:27; Efe. 3:20) Abrahaamii fi Saaraan bara dullumaa isaaniitti mucaa akka godhatan waadaa isaaniif galee ture. (Uma. 17:15-17) Kana malees, biyya Kanaʼaan sanyii isaatiif akka kennu Abrahaamiif waadaa galeera. Israaʼelonni sanyii Abrahaam taʼan waggoota hedduudhaaf Gibxii keessa garbummaadhaan yeroo jiraachaa turanitti waadaan kun matumaa raawwatamuu kan hin dandeenye fakkaata ture. Garuu raawwatameera. Maariyaam ishiin durba taate Ilma isaa akka deessu itti himee ture; kunis waadaan inni waggoota kumaan lakkaaʼaman dura iddoo biqiltuu Eedan keessatti gale akka raawwatamu godheera! (Uma. 3:15) Yihowaan waadaawwan gale kan raawwate akkamitti akka taʼe xiinxaluun keenya, humna inni addunyaa haaraa fiduuf qaburratti amantii qabnu nuuf cimsa.—Iya. 23:14; Isa. 55:10, 11. w23.04 28 key. 10-12

Kibxata, Guraandhala 4

Yaa Yihowaa, kadhannaa koo dhagaʼi; kadhatan gargaarsa argachuuf dhiheessu dhaggeeffadhu.—Far. 143:1.

Yihowaan kadhannaa Daawit rakkinarraa akka is oolchuuf dhiheessee deebii kenneera. (1 Sa. 19:10, 18-20; 2 Sa. 5:17-25) Nutis amanannaa akkasii qabaachuu ni dandeenya. (Far. 145:18) Yihowaan kadhannaa keenyaaf karaa nuti eegneen deebii kennuu dhiisuu dandaʼa. Phaawulos, ‘qoree foon isaa waraanu’ akka isaaf balleessu Yihowaa kadhatee ture. Haala rakkisaa isa mudate kana adda baasee caqasuudhaan siʼa sadii kadhateera. Maarree, Yihowaan kadhannaa isaatiif deebii kenneeraa? Eeyyee, garuu karaa inni eegeen miti. Yihowaan rakkina sana balleessuu mannaa, humna amanamummaadhaan isa tajaajiluu isaa itti fufuuf isa dandeessisu isaaf kenneera. (2 Qor. 12:7-10) Nutis yeroo tokko tokko kadhannaa keenyaaf deebii kan argannu karaa nuti hin eegneen taʼuu dandaʼa. Yihowaan karaa gaarii itti nu gargaaru akka beeku mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Inni “wantoota nuti gaafannu yookiin yaadnu hundumaa irra hedduu caalchisee gochuu” dandaʼa. (Efe. 3:20) Kanaafuu, kadhannaa keenyaaf deebii kan kennu yeroo nuti hin eegnetti ykn karaa nuti hin eegneen taʼuu dandaʼa. w23.05 8-9 key. 4-6

Roobii, Guraandhala 5

Saʼaatiin warri awwaala yaadannoo keessa jiran hundi sagalee isaa itti [dhagaʼanii fi awwaala keessaa itti baʼan] . . ni dhufa.—Yoh. 5:28, 29.

Nutis darbee darbee abdii duʼaa kaʼuu Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamerratti xiinxaluun keenya gaariidha. Maaliif? Sababiin isaas dhukkuba duʼaaf nu saaxiluun qabamuu ykn akkuma tasaa nama jaallannu duʼaan dhabuu dandeenya. (Lal. 9:11; Yaq. 4:13, 14) Abdiin duʼaa kaʼuu rakkoowwan akkasii dandamachuuf nu gargaara. (1 Tas. 4:13) Kitaabni Qulqulluun Abbaan keenya inni samii sirriitti akka nu beekuu fi akka nu jaallatu nuuf mirkaneessa. (Luq. 12:7) Yihowaan eenyummaa fi yaadannoo keenya waliin, deebisee nu uumuuf hammam nu beekuun akka isa barbaachisu yaadi. Yoo duunellee deebisee duʼaa nu kaasuudhaan carraa jireenya bara baraa nuuf kennuun isaa baayʼee akka nu jaallatu argisiisa. Abdii duʼaa kaʼuutti kan amannu maaliifi? Sababiinsaas Yihowaan inni waadaa kana nuuf gale waadaa kana raawwachuuf fedhiis taʼe humna qaba. w23.04 8-9 key. 2-4

Kamisa, Guraandhala 6

[Yoseefii fi Maariyaam] waggaa waggaadhaan Ayyaana Faasikaa kabajuuf gara Yerusaalem deemuu amaleeffatanii turan.—Luq. 2:41.

Yoseefii fi Maariyaam michummaan Yihowaa wajjin qaban cimaa taʼee akka itti fufuuf waliin taʼaniis carraaqqii godhaniiru. Maatiidhaan taʼanii Yihowaa waaqeffachuun barbaachisaa taʼuu isaa hubataniiru. (Luq. 2:22-24; 4:16) Kun hiriyoota gaaʼelaa yeroo harʼaa jiraniif fakkeenya gaarii taʼa. Akkuma Yoseefii fi Maariyaam ijoollee kan qabdan yoo taʼe walgaʼiirratti argamuun, akkasumas waaqeffannaa maatiitiif sagantaa baafachuun isin rakkisuu dandaʼa. Hiriyaa gaaʼelaa keessan wajjin qoʼachuuf ykn kadhachuuf yeroo argachuunis caalaatti isin rakkisuu dandaʼa. Haa taʼu malee, yeroo waliin taatanii Yihowaa waaqeffattan isattis taʼe walitti caalaatti akka dhihaattan yaadadhaa. Kanaafuu, waaqeffannaa keessaniif dursa kennaa. Gaaʼela keessan keessatti rakkinni isin mudachaa jira yoo taʼe waliin taatanii waaqeffannaa maatii godhachuun isinitti toluu dhiisuu dandaʼa. Taanaan, wanta gabaabaa fi namatti toluun jalqabaa. Akkas gochuun keessan hariiroo keessan cimsuu fi fedhii wantoota hafuuraarratti hirmaachuuf qabdan isiniif guddisuu dandaʼa. w23.05 22 key. 7-8

Jimaata, Guraandhala 7

Obaadiyaan nama baayʼisee Yihowaa sodaatu ture.—1 Mot. 18:3.

Obaadiyaan sodaa sirrii taʼe qabaachuun isaa kan isa gargaare akkamitti? Mootichi itti gaafatamaa mana mootummaa godhee waan isa muudeef nama amanamaa taʼuuf isa gargaareera. (Nahimiyaa 7:2 wajjin walbira qabii ilaali.) Obaadiyaan nama Waaqa sodaatu taʼuun isaa ija jabina guddaa akka qabaatu isa gargaareera; amalli kun baayʼee isa barbaachisa ture. Kan jiraate bara bulchiinsa Ahaab Mootichaa isa hamaa turee keessadha. (1 Mot. 16:30) Kana malees, haati manaa isaa Iizaabel ishiin Baʼaaliin waaqeffattu Yihowaa baayʼee waan jibbituuf mootummaa kaabaa keessaa waaqeffannaa dhugaa balleessuuf yaalteetti. Raajota Waaqayyoo hedduus ajjeesisteetti. (1 Mot. 18:4) Iizaabel raajota Waaqayyoo ajjeesuuf yeroo isaan adamsaa turtetti Obaadiyaan raajota 100 fuudhee “50 holqa tokko keessa, 50 immoo holqa kan biraa keessa dhoksee nyaataa fi bishaan isaaniif kennaa” ture. (1 Mot. 18:13, 14) Akkas gochaa akka ture utuu isarratti beekamee ajjeefamuu dandaʼa ture. Obaadiyaan yeroo kanatti sodaatee akka ture ifadha, duʼuus hin barbaadu. Taʼus, Obaadiyaan lubbuu isaa caalaa Yihowaa fi tajaajiltoota isaa jaallata ture. w23.06 16 key. 9-10

Sanbadduraa, Guraandhala 8

Ani Yihowaa Isa . . . si geggeessu dha.—Isa. 48:17.

Yihowaan akkuma bara duriitti gochaa ture harʼas sabasaa geggeessuu isaa itti fufeera. Kana gochaa kan jirus Dubbiisaa fi Ilmasaa isa mataa gumichaa taʼetti fayyadameeti. Yihowaan bara keenyattis namootatti fayyadamaa akka jiru ragaan argisiisu jiraa? Eeyyee. Mee wantoota dhuma bara 1800​tti raawwataman tokko tokko akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Chaarlis Teez Raasilii fi michoonnisaa barri 1914 hundeeffama Mootummaa Waaqayyoo wajjin walqabatee bara addaa akka taʼe hubachuu jalqaban. (Dan. 4:25, 26) Xumura kanarra kan gaʼan raajii Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼaniiti. Yihowaan yeroo Kitaaba Qulqulluurratti qorannaa gochaa turanitti isaan geggeessaa turee? Eeyyee. Bara 1914​tti wantoonni addunyaarratti raawwataman Mootummaan Waaqayyoo bulchuu akka jalqabe mirkaneessaniiru. Waraanni Addunyaa Tokkoffaan akkuma jalqabeen golfaan, kirkirri lafaa fi hanqinni nyaataa ni uumame. (Luq. 21:10, 11) Dhugumayyuu, Yihowaan sabasaa gargaaruuf Kiristiyaanota garaa qajeelaa qaban sanatti fayyadamaa ture. w24.02 22 key. 11

Dilbata, Guraandhala 9

Rakkinni nama qajeelaa hedduu dha, Yihowaan garuu hunduma isaa jalaa isa ni oolcha.—Far. 34:19.

Tajaajiltoota Yihowaa waan taaneef, inni akka nu jaallatuu fi jireenya hundarra caalu akka jiraannu akka barbaadu beekna. (Rom. 8:35-39) Qajeelfamoota Kitaaba Qulqulluu hojiirra oolchuun keenyas yeroo hunda faayidaa akka nuuf argamsiisu beekna. (Isa. 48:17, 18) Haa taʼu malee, rakkinni hin eegamne yoo nu mudatehoo? Fakkeenyaaf, miseensi maatii keenya tokko karaa taʼe tokkoon nu mufachiisuu dandaʼa. Dhibee fayyaa cimaa wanta tajaajila Yihowaa keessatti raawwannu nu jalaa daangessu qabaachuu dandeenya. Balaa uumamaatiin kan kaʼe miidhaan nurra gaʼeera taʼa. Yookiinimmoo sababii amantii keenyaatiin ariʼatamni nurra gaʼaa jira taʼa. Qorumsi akkasii yeroo nu mudatu akkana jennee yaanna taʼa: ‘Rakkinni kun kan narra gaʼe maaliifi? Balleessaa taʼe tokko raawwadheeraa laata? Eebba Yihowaa akkan dhabe kan argisiisudhaa?’ Atoo akkas sitti dhagaʼamee beekaa? Taanaan, abdii hin kutatin. Tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo taʼan hedduun miira akkasii wajjin walʼaansoo godhaniiru.—Far. 22:1, 2; An. 1:2, 3. w23.04 14 key. 1-2

Wiixata, Guraandhala 10

Yeroo hundumaa, . . . dambiiwwan keetiif ajajamuuf kutadheera.—Far. 119:112.

Wanta dogoggora taʼe raawwachuuf yeroo qoramnu, yaadas taʼe gocha michummaa Yihowaa wajjin qabnu nu jalaa balleessuu dandaʼu akkamiirraayyuu dafnee fagaanna. Yihowaan ‘garaadhaa akka ajajamnu’ nurraa eega. (Rom. 6:17) Wanti inni akka goonu nu gaafatu yeroo hunda kan nu fayyadudha; seera isaarratti jijjiirama gochuus hin dandeenyu. (Isa. 48:17, 18; 1 Qor. 6:9, 10) Diyaabilos karaa qaamaa fi karaa miiraa miidhaa nurraan gaʼuudhaan kutannoo keenya laaffisuuf yaala. Kaayyoon isaa ‘nu liqimsuu,’ jechuunis hariiroo Yihowaa wajjin qabnu nu jalaa balleessuudha. (1 Phe. 5:8) Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa ejjennoo isaanii laaffisuu diduu isaaniitiin kan kaʼe, doorsifamaniiru, reebamaniiru, akkasumas ajjeefamaniiru. (HoE. 5:27, 28, 40; 7:54-60) Seexanni yeroo harʼaattis ariʼatamatti fayyadamuu isaa itti fufeera. Mormitoonni obboloota keenya Raashiyaa fi biyyoota kan biroo keessa jiran dararaa jiru; addunyaa maratti mormitoonni karaa garaa garaatiin obboloota keenya ariʼachaa jiru. Seexanni “malawwan haxxummaa” malees ariʼatama ni fayyadama.—Efe. 6:11. w23.07 15-16 key. 6-9

Kibxata, Guraandhala 11

Wanta hundumaan . . . jaalalaan haa guddannu.—Efe. 4:15.

Dubbii Waaqayyoo qoʼachuu kee yeroo itti fuftu jaalalli isaaf qabdu guddachaa dhufa. Jaalalli kunimmoo wanta baratte hojiirra oolchuuf si kakaasa. Dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluurratti hundaaʼuudhaan murtoowwan gaggaarii gochuu jalqabda. Yihowaa gammachiisuu waan barbaadduuf ilaalchaa fi amala keerratti sirreeffama goota. Akkuma mucaan tokko fakkeenya abbaa isaa hordofu, atis fakkeenya Abbaa kee isa samii hordofuu jalqabda. (Efe. 5:1, 2) Akkana jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Jaalallin Yihowaadhaaf qabu isa yeroon cuuphametti qaburra ni caalaa? Obbolootaa fi obboleettota kootti jaalala argisiisuurratti caalaatti fakkeenya Yihowaa hordofaan jiraa?’ ‘Jaalalli jalqaba irratti qabdu’ hamma tokko yoo qabbanaaʼe abdii hin kutatin. Haalli kun Kiristiyaanota jaarraa jalqabaas mudatee ture. Yesuus isaanitti abdii hin kutanne, nuttis abdii hin kutatu. (Mul. 2:4, 7) Jaalala yeroo jalqaba dhugaa dhageenyetti qabnu deebinee horachuu akka dandeenyu beeka. w23.07 8 key. 2-3

Roobii, Guraandhala 12

Yaa Yihowaa, ati gaarii dha, dhiifama gochuufis qophaaʼaa dha.—Far. 86:5.

Pheexiros ergamaan dogoggora hedduu raawwateera. Jalqaba, ergamoonni kaan Yesuusiin dhiisanii yoo deemanillee inni garuu isaaf amanamaa akka taʼu of jajee dubbachuudhaan garmalee akka ofitti amanamu argisiiseera. (Mar. 14:27-29) Ittaansuudhaan, irra deddeebiʼee dammaqinaan utuu hin eegin hafeera. (Mar. 14:32, 37-41) Achiis yeroo namoonni Yesuusiin qabuu dhufanitti isa dhiisee baqateera. (Mar. 14:50) Dhumarrattis, utuma isa beekuu siʼa sadi isa ganeera; akka isa hin beeknellee kakateera. (Mar. 14:66-71) Pheexiros cubbuun isaa hammam cimaa akka taʼe yeroo hubatu maal godhe? Hinqirfatee booʼe. (Mar. 14:72) Yesuus dogoggora inni raawwateef isa qeequu mannaa itti gaafatamummaa guguddaa akka isaaf kennu michuusaa kanatti himeera. (Yoh. 21:15-17) Pheexiros cubbuu cimaa akka hojjete beeka; taʼus, abdii ofitti hin kutanne. Maaliif? Sababiin isaas, Gooftaan isaa Yesuus abdii isatti hin kutanne. Kanarraa maal baranna? Yihowaan akka nu jaallatuu fi dhiifama nuuf godhu akka amannu barbaada.—Rom. 8:38, 39. w24.03 18-19 key. 13-15

Kamisa, Guraandhala 13

Namoonni ishiin galaafattes hedduu dha.—Fak. 7:26.

Namni halalummaa raawwatu qaanii ofitti fiduu, ulfi hin barbaadamne akka uumamu gochuu, maatiin isaa diigamuu fi gatii akka hin qabne isatti dhagaʼamuu dandaʼa. Kanaafuu, “mana” dubartii gowwaa fi maaddii ishiirraa fagaachuun ogummaadha. Namoonni halalummaa raawwatan hedduun dhukkuba garaa garaatiin waan qabamaniif, karaa hafuuraa qofa utuu hin taʼin karaa qaamaas duʼaaf saaxilamu. (Fak. 7:23) Fakkeenyi boqonnaan 9 lakkoofsi 18, “keessummoonni [ishii] awwaala gadi fagoo keessa akka jiran” dubbata. Maarree, namoonni baayʼeen affeerraa ishii isa miidhaa guddaa geessisu kan fudhatan maaliifi? (Fak. 9:13-18) Kiyyoon irraa of eeguu qabnu tokko poornoogiraafiidha. Namoonni tokko tokko poornoogiraafii ilaaluun miidhaa akka hin qabne isaanitti dhagaʼama. Haa taʼu malee, poornoogiraafiin wanta miidhaa guddaa geessisu, nama salphisuu fi araada namatti taʼudha. Fakkiiwwan akkasii sammuu keessaa baasuun baayʼee rakkisaadha. Kana malees, poornoogiraafiin fedhii dogoggoraa ajjeesuu mannaa caalaatti akka kakaʼu godha. (Qol. 3:5; Yaq. 1:14, 15) Eeyyee, namoonni poornoogiraafii ilaalan hedduun halalummaa raawwataniiru. w23.06 23 key. 10-11

Jimaata, Guraandhala 14

Innis mootummoota kana hundumaa caccabsee ni balleessa; kophaa isaas bara baraaf ni dhaabbata.—Dan. 2:44.

Yeroo tokko tokko mootummoonni kan biroon Mootummaa Addunyaa Angiloo Ameerikaa kan morkatan taʼus bakka isaa buʼuu hin dandaʼan. Sababiin isaas, “dhagaan” Mootummaa Waaqayyoo bakka buʼu miila siidaa sanaa isa Angiloo Ameerikaa argisiisu ni caccabsa. (Dan. 2:34, 35, 44, 45) Raajiin Daaniʼel miila sibiilaa fi supheerraa tolfame ilaalchisee dubbate dhugaa taʼuu isaa ni amantaa? Taanaan, kun akkaataa jireenya kee itti geggeeffatturratti jijjiirama fida. Addunyaa yeroo dhihootti badu kana keessatti qabeenya kuufachuuf hin dhamaatu. (Luq. 12:16-21; 1 Yoh. 2:15-17) Raajii kana hubachuun kee hojiin lallabuu fi barsiisuu baayʼee barbaachisaa taʼuu isaa beekuuf si gargaara. (Mat. 6:33; 28:18-20) Raajii kana erga qoʼattee booda akkana jettee of gaafachuu dandeessa: “Murtoon godhu Mootummaan Waaqayyoo yeroo dhihootti mootummoota ilmaan namootaa hundumaa akka balleessu akkan amanu ni argisiisaa?” w23.08 11 key. 13-14

Sanbadduraa, Guraandhala 15

Tokkoon tokkoon keenya waaʼee ofii keenyaa Waaqayyoof deebii ni kennina.—Rom. 14:12.

Umuriin kee, fayyaan kee fi haalli keessa jirtu wanta amma gochuu dandeessu akka si jalaa daangessu gad of qabuudhaan amanii fudhadhu. Akkuma Baarzilaay fayyaan kee ykn umuriin kee itti gaafatamummaa tokko raawwachuun akka sitti ulfaatu kan godhu yoo taʼe, itti gaafatamummaa sana fudhachuu dhiisuuf murteessi. (2 Sam. 19:35, 36) Akkuma Musee barbaachisaa taanaan gargaarsa warra kaanii fudhadhu ykn itti gaafatamummaa tokko tokko warra kaaniif kenni. (Bau. 18:21, 22) Kan gad of qabdu yoo taʼe, wanta humna keetii ol taʼee fi humna kee si jalaa fixu ofirraa hin eegdu. Murtoo dogoggoraa warri kaan godhaniif itti gaafatamummaan akka nurra jiru yaaduu hin qabnu. Warra kaaniif murtoo gochuu hin dandeenyu; miidhaa filannaa dogoggoraa gochuu isaaniitiin kan kaʼe isaanitti dhufurraas yeroo hunda isaan eeguu hin dandeenyu. Fakkeenyaaf, mucaan tokko yeroo booda Yihowaa tajaajiluu isaa dhiisuuf murteessa taʼa. Murtoon akkasii warrarratti gadda guddaa fiduu dandaʼa. Haa taʼu malee, warri murtoo dogoggoraa mucaan isaanii godheen of ceephaʼan baʼaa barbaachisaa hin taane ofirratti feʼu. Baʼaan akkasii baʼaa Yihowaan akka baatan isaanirraa eegu miti. w23.08 29 key. 11-12

Dilbata, Guraandhala 16

[Saamson] dubartii . . . Deliilaa jedhamtu irraa jaalalli isa qabe.—Abo. 16:4.

Saamson akkuma keenya mudaa waan qabuuf yeroo itti filannoo sirrii hin taane godhe qaba. Keessumaa murtoon inni godhe tokko miidhaa guddaa geessiseera. Saamson yeroo muraasaaf abbaa murtii taʼee erga tajaajilee booda, “dubartii Sulula Soreeq keessatti argamtuu fi Deliilaa jedhamtu irraa jaalalli isa qabe.” Sana dura Saamson dubartii Filisxeem takka kaadhimatee ture; kun akka taʼu kan godhe garuu, ‘Yihowaa isa carraa Filisxeemota itti waraanu barbaadaa turedha.’ Boodas Saamson mana dubartii sagaagaltuu biyya Filisxeem magaalaa Gaazaatti argamtuu dhaqe. Yeroo kanatti Waaqayyo Saamson karra magaalattii buqqisee gara iddoo biraatti akka geessu humna isaaf kenneera; kunis magaalattiin balaadhaaf akka saaxilamtu godheera. (Abo. 14:1-4; 16:1-3) Haalli Deliilaa garuu kanarraa adda ture; ishiin dubartii Israaʼel taʼuu hin ooltu. Daliilaan Saamoniin dabarsitee isaanitti kennuuf Filisxeemota irraa qarshii hedduu fudhatte. w23.09 5 key. 12-13

Wiixata, Guraandhala 17

Hubannaan, namni tokko aariin isaa akka qabbanaaʼu godha.—Fak. 19:11.

Hubannaa qabaachuun garraamii taʼuuf nu fayyada. Namni hubannaa qabu amantii isaa ilaalchisee yeroo namoonni isa falmanitti of toʼata. Yeroo baayʼee namoonni gaaffii tokko yeroo kaasan sababii gaaffii sana itti kaasan nutti hin himan. Kanaafuu, deebii kennuu keenya dura sababii namni sun gaaffii sana itti kaase beekuu dhiisuu akka dandeenyu yaaduun keenya gaariidha. (Fak. 16:23) Mee Giidewon namoota Efreemiif deebii kan kenne akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Yeroo diinota Israaʼel waraanuuf dhaqetti dursee kan isaan hin waamne maaliif akka taʼe aariidhaan isa gaafatanii turan. Garuu kan isa lolan maaliifi? Tarii waan mufataniif taʼuu dandaʼa. Taʼus Giidewon miira isaanii isaaniif kabajuudhaan akkasumas garraamummaadhaan deebii isaaniif kennuudhaan hubannaa akka qabu argisiiseera. Maarree buʼaa akkamiitu argame? Kitaabni Qulqulluun “Yommuu inni karaa kanaan dubbatus isaan ni tasgabbaaʼan” jedha.—Abo. 8:1-3. w23.09 16 key. 8-9

Kibxata, Guraandhala 18

Inni guyyaa guyyaadhaan haala adda taʼeen natti gammada ture.—Fak. 8:30.

Yihowaa fi Yesuus abbaa fi ilma kamiyyuu caalaa baayʼee walitti dhihaatu. Ilmi isaa yeroo dararamu, yeroo tuffatamuu fi yeroo qoramu arguu isaatti baayʼee akka gadde homaa hin shakkisiisu. Abbaan mucaa isaa duʼaan dhabe kamiyyuu miira gaddi akkasii namatti uumu beeka. Abdii duʼaa kaʼuurratti amantii cimaa kan qabnu taʼus, namni jaallannu yeroo nu jalaa duʼu baayʼee gaddina. Fakkeenyi kun Yihowaan Dh.K.B. bara 33​tti yeroo Ilmi isaa inni jaallatamaan dhiphatuu fi duʼu maaltu isatti dhagaʼamee akka ture hubachuuf nu gargaara. (Mat. 3:17) Ammaa kaasee hamma Ayyaanni Yaadannoo gaʼutti qoʼannaan dhuunfaa ykn waaqeffannaan maatii keessan furicharratti akka xiyyeeffatu maaliif hin gootan? Guyyaa Ayyaana Yaadannootti sagantaa addaa Waaqeffannaa Ganamaas ilaaluu hin dagatinaa. Garaa keenya Ayyaana Yaadannootiif yoo qopheessine warri kaanis ayyaanicharraa akka fayyadaman gargaaruun nuuf salphata.—Iz. 7:10. w24.01 11 key. 10-12

Roobii, Guraandhala 19

Inni isin cimsa.—1 Phe. 5:10.

Karaan Yihowaarraa jabina argachuu itti dandeenyu inni tokko kadhannaadhaan isa gaafachuudha. Yihowaanis ‘humna humna caalu’ nuuf kennuudhaan kadhannaa keenya nuuf deebisa. (2 Qor. 4:7) Dubbii isaa dubbisnee irratti xiinxaluunis jabina nuuf kenna. (Far. 86:11) Ergaan Yihowaan Kitaaba Qulqulluu keessatti barreessise “humna qabeessa” dha. (Ibr. 4:12) Yihowaa kan kadhattuu fi Dubbii isaa kan dubbistu yoo taʼe, humna jabaattee dhaabbachuuf, gammachuu qabaachuuf ykn itti gaafatamummaa ulfaataa taʼe tokko raawwachuuf si barbaachisu argatta. Yihowaan Yoonaas raajichaaf jabina kan kenne akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Yoonaas itti gaafatamummaa ulfaataa Yihowaan isaaf kenne jalaa baqatee ture. Kanaan kan kaʼes, obomboleettii cimaadhaan lubbuu isaa dhabuu jala gaʼee ture; lubbuu namoota isa wajjin dooniidhaan deemaa turaniis balaadhaaf saaxilee ture. Namoonni doonicha oofan galaanichatti yeroo isa darbatan qurxummii guddaan tokko isa liqimse. Yoonaas kophaa isaa yeroo turetti jabina argachuuf maal godhe? Ni kadhate.—Yon. 2:1, 2, 7. w23.10 13 key. 4-6

Kamisa, Guraandhala 20

Dhumni wantoota hundumaa dhihaateera.—1 Phe. 4:7.

Pheexiros xalayaawwan isaa kan barreesse Kiristiyaanota jaarraa jalqabaatiif taʼus Yihowaan xalayaawwan kun kutaa Dubbii isaa akka taʼan godheera. Kanaafuu, xalayaawwan kun yeroo ammaatti nu fayyadu. (Rom. 15:4) Namoota Kitaaba Qulqulluurratti amantii hin qabneen marfamnee jiraanna. Waggoota hedduudhaaf dhuma sirna kanaa hawwiidhaan eeggachaa waan turreef mormitoonni nutti qoosu taʼa. Qeeqxonni tokko tokko dhumni sirna kanaa yoomiyyuu akka hin dhufne dubbatu. (2 Phe. 3:3 4) Namni tajaajilarratti arganne namni nu wajjin hojjetu ykn miseensi maatii keenyaa tokko wanta akkasii yeroo dubbatu amantiin keenya raafamuu dandaʼa. Pheexiros wanta nu gargaaruu dandaʼu ibseera. Namoonni tokko tokko yeroon itti Yihowaan sirna hamaa kana balleessu akka ture isaanitti dhagaʼama taʼa. Wanti Pheexiros barreesse ilaalchi Yihowaan yeroodhaaf qabu kan ilmaan namootaarraa baayʼee adda akka taʼe waan nu yaadachiisuuf ilaalcha sirrii qabaachuuf nu gargaara. (2 Phe. 3:8, 9) Waggaan kumni tokko Yihowaa biratti akkuma guyyaa tokkooti. Yihowaan ni obsa namni kamiyyuu akka badus hin barbaadu. w23.09 26-27 key. 2-5

Jimaata, Guraandhala 21

Suutuma suuta amantii irraa akka hin fagaanneef, wantoota dhageenyeef isa yeroo kaanii caalaa xiyyeeffannaa kennuun keenya [barbaachisaa dha].—Ibr. 2:1.

Phaawulos ergamaan Kiristiyaanota Ibrootaa Yihudaa keessa turaniif xalayaa kana kan barreesse maaliifi? Sababii guguddaa lamaan kan kaʼe taʼuu hin oolu. Tokkoffaa, isaan jajjabeessuu barbaadeeti. Baayʼeen isaanii kan guddatan amantaa Yihudii keessattidha. Geggeessitoonni amantaa Yihudii Kiristiyaanota taʼuu isaaniitiin kan kaʼe isaanitti qoosanii taʼuu dandaʼa. Maaliif? Sababiin isaas, Kiristiyaanonni mana qulqullummaa keessatti waaqeffatan, iddoo aarsaa Waaqayyoof aarsaa irratti dhiheessanii fi luboota hin qaban. Haalli kun barattoota Kiristoos abdii kutachiisee fi amantii isaanii laaffisee taʼuu dandaʼa. (Ibr. 3:12, 14) Isaan keessaa tokko tokko gara amantaa Yihudiitti deebiʼuufillee qoramanii taʼuu dandaʼa. Lammaffaa, Phaawulos Kiristiyaanonni Ibrootaa sun barumsawwan hafuuraa haaraa taʼan ykn gadi fageenya qaban hubachuuf carraaqqii gochaa akka hin jirre isaanitti himeera; barumsawwan kun “nyaata jabaa” Dubbii Waaqayyoo keessatti argamanidha. (Ibr. 5:11-14) Haala isaarraa hubachuun akka dandaʼamutti, isaan keessaa tokko tokko ammas Seera Musee hordofaa turan. w23.10 24-25 key. 3-4

Sanbadduraa, Guraandhala 22

Dubartoota umurii dargaggummaa irra jiran akka obboleettotaatti qulqullummaa hundumaatiin gorsi.—1 Xim. 5:2.

Obboleettonni tokko tokko heerumuu dhiisuuf filataniiru. (Mat. 19:10-12) Yihowaa fi Yesuus Kiristiyaanota qeenxee taʼan akka hin tuffanne mirkanaaʼaa taʼi. Addunyaa maratti, obboleettonni qeenxee taʼan gumii keessatti dhiibbaa gaarii gochaa jiru. Obboleettonni kun warra kaaniif jaalala waan qabanii fi waan isaaniif yaadaniif karaa hafuuraa obboleettotaa fi haadha isaaniif taʼaniiru. (Mar. 10:29, 30) Tokko tokko tajaajila yeroo guutuu keessa seenuu dandaʼaniiru. Obboleettonni keenya hojii lallabaa addunyaa maratti godhamurratti gaʼee guddaa qabu. (Far. 68:11) Tajaajila yeroo guutuu keessa seenuuf ammuma karoorfachuu dandeessaa? Qajeelchituu taʼuu, hojii ijaarsaarratti hirmaachuu ykn Beetelitti tajaajiluu dandeessa. Waaʼee galma keetii kadhadhu. Obboloota galma sanarra gaʼan mariisisuudhaan ulaagaa barbaadamu guutuuf maal gochuun akka si barbaachisu beekuuf yaali. Achiis karoora galma keerra gaʼuuf si gargaaru baafadhu. Galma keerra gaʼuun kee tajaajila Yihowaa keessatti carraa gammachiisaa taʼe hedduu siif bana. w23.12 22 key. 16-17

Dilbata, Guraandhala 23

Jalqaba saba . . . misiraachoon lallabamuu qaba.—Mar. 13:10.

Rakkinni guddaan baayʼee waan dhihaateef, ajaja hojii lallabaarratti akka hirmaannu nuuf kenname hojiirra oolchuun baayʼee barbaachisaa taʼuu isaa yaadachuu qabna. Haa taʼu malee, rakkinni maallaqaa yoo nu mudatee fi hojii lallabaarratti mormiin nurra gaʼaa jira yoo taʼe tajaajila keenyarratti xiyyeeffachuun ulfaataa nutti taʼuu dandaʼa. Hojii Mootummichaatiif dursa kennuuf maaltu nu gargaara? “Yihowaan Gooftaan Raayyaa” nu cinaa akka jiru amantii qabaachuu keenyadha. Fedhii keenya caalaa fedhii Mootummichaatiif dursa kennuu keenya kan itti fufnu yoo taʼe Yihowaan nu deggera. Kanaafuu, wanti nu sodaachisu hin jiru. (Hag. 2:4) Yihowaan hojii barattoota gochuu isa lubbuu baraarurratti akka xiyyeeffannu barbaada. Haageen sabni Yihowaa akkuma waan buʼuura mana qulqullummaa irra deebiʼanii kaaʼanitti hojicha akka haaraatti akka jalqaban isaan jajjabeesseera. Akkas yoo godhan, Yihowaan ‘eebba akka ergu’ waadaa galeera. (Hag. 2:18, 19) Hojii inni nuu kenneef dursa kan kenninu yoo taʼe, Yihowaan carraaqqii keenya akka eebbisu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. w23.11 16 key. 8; 17 key. 11

Wiixata, Guraandhala 24

Hundi isaanii cubbuu hojjetaniiru.—Rom. 3:23.

Phaawulos xalayaa warra Roomaatiif barreesserratti ilmaan namootaa hundi cubbamoota akka taʼan ibseera. Maarree, namni tokko qajeelaa ykn balleessaa kan hin qabne akka taʼetti ilaalamuu fi Waaqayyo biratti fudhatama argachuu kan dandaʼu akkamitti? Phaawulos Kiristiyaanonni garaa qajeelaa qaban hundi deebii gaaffii kanaa argachuu akka dandaʼan gargaaruuf fakkeenya Abrahaamitti fayyadameera. Yihowaan Abrahaamiin qajeelaa jedhee kan waame yeroo inni biyya Kanaʼaan keessa jiraachaa turettidha. Yihowaan qajeelaa jedhee kan isa waame maaliifi? Abrahaam Seera Musee guutummaatti waan eegeefii? Sababii kanaan akka hin taane beekamaadha. (Rom. 4:13) Seerri kun saba Israaʼeliif kan kenname Waaqayyo Abrahaamiin qajeelaa jedhee erga waamee waggaa 400 boodadha. Maarree, Waaqayyo Abrahaamiin qajeelaa akka taʼetti kan ilaale maaliifi? Yihowaan Abrahaamiin qajeelaa jedhee kan waame amantii isaatiin kan kaʼedha; kunis gaarummaa guddaa akka qabu argisiisa.—Rom. 4:2-4. w23.12 3 key. 4-5

Kibxata, Guraandhala 25

Wanta garaa kee keessa jiru hundumaa raawwadhu.—1 Sen. 17:2.

Halkanuma Naataan raajichi yaada caqasa guyyaa keenya irratti argamu Daawititti himetti Yihowaan mana qulqullummaa kan isaaf ijaaru Daawiti akka hin taane Naataanitti hime. (1 Sen. 17:3, 4, 11, 12) Daawit kana yeroo dhagaʼu maal godhe? Maallaqaa fi wantoota ijaarsa Solomoon ijaaruuf barbaachisan walitti qabuurratti xiyyeeffate. (1 Sen. 29:1-5) Yihowaan mana qulqullummaa kan ijaaru isa akka hin taane Daawititti erga himee booda, yeruma sana kakuu isa wajjin galeera. Sanyii isaa keessaa tokko bara baraaf akka bulchu waadaa isaaf gale. (2 Sam. 7:16) Daawit Addunyaa haaraa keessatti, yeroo Bulchiinsa Barkumee Yesuusitti, Mootii hidda dhalootaa isaa keessaa taʼe jalatti akka bulu yeroo beeku hammam akka gammadu tilmaamuu dandeessa. Seenaan kun tajaajila Yihowaa keessatti wanta yaanne hunda gochuu dandaʼuu baannus, Waaqni keenya karaa nuti matumaa hin eegneen nu eebbisuu akka dandaʼu hubachuuf nu gargaara. w23.04 15-16 key. 8-10

Roobii, Guraandhala 26

Yihowaan saba isaa hin dhiisu.—Far. 94:14.

Yeroo sodaan sitti dhagaʼamu kutaa Kitaaba Qulqulluu tokko tokko dubbisuun si jajjabeessa taʼa. Fakkeenyaaf, kitaaba Iyyoob, Faarfannaa fi kitaaba Fakkeenyaa, akkasumas yaada Yesuus Maatewos boqonnaa 6 irratti dubbate dubbisuun si jajjabeessuu dandaʼa. Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu fi Kitaaba Qulqulluu dubbisuun kee jajjabina isaa akka argattu si gargaara. Jireenya keenya keessatti yeroo rakkinni nu mudatu Yihowaan akka nu gargaaru isatti amanamuu dandeenya. Matumaa kophaa hin taanu. (Far. 23:4) Yihowaan akka nu eegu, akka nu tasgabbeessu, akka nu deggeruu fi akka nu jajjabeessu waadaa galeera. Isaayyaas 26:3 Yihowaa ilaalchisee akkana jedha: “Ati warra guutummaatti sitti hirkatan ni eegda; isaan waan sitti amanamaniif, nagaa wal irraa hin cinne isaaniif ni kennita.” Kanaafuu, Yihowaatti amanami; gargaarsa inni siif godhurraa fayyadamuuf wanta dandeessu hunda godhi. Akkas yoo goote haala rakkisaa taʼe keessattillee humna kee haareffachuu ni dandeessa. w24.01 25 key. 16-17

Kamisa, Guraandhala 27

Meeshaan waraanaa si balleessuuf tolfamu kam iyyuu milkaaʼina hin argatu.—Isa. 54:17.

Raajiin geggeessaa hafuuraatiin dubbatamee fi caqasa armaan olii irratti argamu kun yeroo harʼaatti raawwatamaa jira. Yaanni nama jajjabeessu kunis bara keenyatti raawwatamaa jira: “Ilmaan kee hundi Yihowaa irraa kan baratan ni taʼu, nagaan ilmaan keetiis baayʼee ni taʼa. Ati qajeelummaadhaan jabaattee ni dhaabamta. . . . homaa hin sodaattu, sababa itti jeeqamtus hin qabaattu.” (Isa. 54:13, 14) Seexanni inni ‘waaqa sirna kanaa’ taʼellee hojii sabni Yihowaa namoota waaʼee isaa barsiisuuf hojjechaa jiran dhaabsisuu hin dandaʼu. (2 Qor. 4:4) Waaqeffannaa qulqulluun iddootti deebiʼeera; matumaa deebiʼee hin mancaʼu. Waaqeffannaa qulqulluun barabaraaf eegamee itti fufa. Meeshaan waraanaa nu balleessuuf tolfamu kamiyyuu milkaaʼina hin argatu. w24.02 4 key. 10

Jimaata, Guraandhala 28

Namni ana caalaa abbaa yookiin haadha isaa jaallatu kam iyyuu anaaf hin malu; namni ana caalaa ilma yookiin intala isaa jaallatu kam iyyuus anaaf hin malu.—Mat. 10:37.

Kiristiyaanota waan taaneef waadaa yeroo Yihowaadhaaf of murteessinetti galleef iddoo guddaa kennina. Kunis dhimmoota maatii wajjin wal qabatan ilaalchisee murtoo goonuu fi tarkaanfii fudhannurratti dhiibbaa godha. Itti gaafatamummaa maatii keessatti qabnu baʼuuf jabaannee kan hojjennu taʼus, yoomiyyuu wanta Yihowaan nurraa eegu caalaa fedhii miseensota maatii keenyaatiif dursa hin kenninu. (Mat. 10:35-36; 1 Xim. 5:8) Yeroo tokko tokko Yihowaa gammachiisuuf jecha murtoo isaan itti hin gammanne gochuun nu barbaachisuu dandaʼa. Maatii kan hundeesse isa waan taʼeef maatiin keenya gammachuu akka qabaatu barbaada. (Efe. 3:14, 15) Gammachuu dhugaa argachuu yoo barbaanne garuu wanta inni barbaadu raawwachuu qabna. Yihowaan maatii kee kunuunsuu fi jaalalaa fi kabaja isaanitti argisiisuuf utuma carraaqqii gootuu, aarsaa isa tajaajiluuf kaffaltuuf iddoo guddaa akka kennu yaadadhu.—Rom. 12:10. w24.02 18 key. 11, 13

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi