Amajjii
Roobii, Amajjii 1
Namoonni reeffa tokko baatanii baʼaa turan; namni duʼe kun haadha isaatiif ilma tokkicha ture. Kana malees, ishiin dubartii abbaan manaa irraa duʼe turte.—Luq. 7:12.
Yesuus dubartii gadditee turte sana yommuu “argu baayʼee ishiidhaaf gadde.” (Luq. 7:13) Taʼus, Yesuus ishiidhaaf gaddee dhiisuu mannaa, gara laafina ishiitti argisiiseera. Karaa nama jajjabeessuun ishii haasofsiiseera; akkasumas, “Hin booʼin” ishiidhaan jedheera. Achiis ishii gargaaruuf ofuma isaatiin kakaʼee tarkaanfii fudhateera. Mucaa duʼe sana duʼaa kaasee “haadha isaatiif isa kenne.” (Luq. 7:14, 15) Dinqii Yesuus ilma dubartii kanaa duʼaa kaasuudhaan raawwaterraa maal baranna? Namoota gaddarra jiranitti gara laafina argisiisuu akka qabnu baranna. Taʼus, akkuma isaa hubatoo taʼuudhaan namoota gaddi irra gaʼetti gara laafina argisiisuu dandeenya. Wanta isaan gargaaruu fi isaan jajjabeessu dubbachuudhaan, akkasumas raawwachuudhaan gara laafina isaanitti argisiisuuf dursa fudhachuu dandeenya. (Fak. 17:17; 2 Qor. 1:3, 4; 1 Phe. 3:8) Jechoonni muraasni dubbannu ykn wanti xinnoon goonullee baayʼee isaan jajjabeessuu dandaʼa. w23.04 5-6 key. 13-15
Kamisa, Amajjii 2
Dhukkubni kun ulfina Waaqayyoo kan mulʼisu dha malee duʼaan kan xumuramu miti.—Yoh. 11:4.
Yesuus michuun isaa Alaazaar akka duʼe kan beeku taʼus guyyoota dabalataa lamaaf erga achi turee booda gara Bitaaniyaa deemuu jalqabe. Kanaafuu, Yesuus Bitaaniyaa yeroo gaʼu Alaazaar erga duʼee guyyaa afur taʼee ture. Yesuus wanta michoota isaa fayyaduu fi Waaqayyoof ulfina fidu gochuu barbaadee ture. (Yoh. 11:6, 11, 17) Seenaa kanarraa michummaa ilaalchisee barumsa gaarii arganna. Maariyaamii fi Maartaan Yesuusitti ergaa yeroo erganitti Bitaaniyaa akka dhufu isa hin gaafanne. Michuun isaa inni baayʼee jaallatu akka dhukkubsatu qofa itti himan. (Yoh. 11:3) Alaazaar yeroo duʼetti Yesuus fageenyarra taaʼee duʼaa isa kaasuu dandaʼa ture. Taʼus, michoota isaa Maariyaamii fi Maartaa wajjin taʼuuf gara Bitaaniyaa deemeera. Michuu utuu hin gaafatamin si gargaaru qabdaa? ‘Yeroo dhiphinaatti’ isatti amanamuu akka dandeessu beekta. (Fak. 17:17) Nutis akkuma Yesuus warra kaaniif michoota akkasii haa taanu. w23.04 10 key. 10-11
Jimaata, Amajjii 3
Inni waadaa gale amanamaa [dha].—Ibr. 10:23.
Yeroo rakkinni nurra gaʼu, addunyaa haaraan matumaa akka hin dhufne nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Maarree, kun amantiin keenya akka laafe kan argisiisudhaa? Taʼuu dhiisuu dandaʼa. Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Ganna baayʼee qorru keessa utuu jirruu bonni matumaa akka hin dhufne nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Taʼus, bonni dhufuun isaa hin oolu. Haaluma wal fakkaatuun, yeroo baayʼee abdii kutannu, addunyaa haaraan matumaa akka hin dhufne nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Amantiin keenya cimaa yoo taʼe garuu, waadaan Waaqayyo gale akka raawwatamu beekna. (Far. 94:3, 14, 15; Ibr. 6:17-19) Amanannaa akkasii waan qabnuuf, jireenya keenya keessatti waaqeffannaa Yihowaadhaaf dhiheessinuuf dursa kennuu keenya itti fufuu dandeenya. Hojii lallabaarratti hirmaachuufis amantii cimaan nu barbaachisa. Namoonni hedduun “misiraachoon” waaʼee addunyaa haaraa dubbatu wanta taʼuu hin dandeenye akka taʼe isaanitti dhagaʼama. (Mat. 24:14; His. 33:32) Shakkiin isaanii dhiibbaa akka nurratti godhu matumaa heyyamuu hin qabnu. Kun akka hin taaneef amantii keenya cimsachuu keenya itti fufuu qabna. w23.04 27 key. 6-7; 30 key. 14
Sanbadduraa, Amajjii 4
Wanta sana waan isa kadhanneef, wanta kadhanne akka argannu beekna.—1 Yoh. 5:15.
‘Yihowaan kadhannaa kootiif deebii ni kennaa laata’ jettee yaaddee beektaa? Taanaan, akkas kan itti dhagaʼamu si qofa miti. Obboloonnii fi obboleettonni keenya hedduun keessumaa yeroo haalli rakkisaan isaan mudatutti akkas isaanitti dhagaʼama. Rakkinni nurra gaʼaa jira yoo taʼe Yihowaan kadhannaa keenyaaf deebii kan kennu akkamitti akka taʼe hubachuun nutti ulfaachuu dandaʼa. Yihowaan kadhannaa tajaajiltoota isaatiif deebii akka kennu mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliif? Kitaabni Qulqulluun Yihowaan baayʼee akka nu jaallatuu fi isa duratti gatii guddaa akka qabnu nuuf mirkaneessa. (Hag. 2:7; 1 Yoh. 4:10) Kadhannaadhaan gargaarsa akka isa gaafannu kan nu affeere kanaafi. (1 Phe. 5:6, 7) Akka isatti dhihaannuu fi haala rakkisaa nu mudatu milkaaʼinaan akka dandamannu nu gargaaruu barbaada. Kitaaba Qulqulluu keessatti yeroo baayʼee Yihowaan kadhannaa tajaajiltoota isaatiif deebii akka kenne ibsameera. Fakkeenya tokko caqasuu dandeessaa? w23.05 8 key. 1-4
Dilbata, Amajjii 5
Maariyaamis akkana jette: “Lubbuun koo Yihowaa jajatti.”—Luq. 1:46.
Maariyaam Yihowaa wajjin dhuunfaatti michummaa cimaa qabdi turte; amantiin ishii wanta Yoseef godhurratti kan hundaaʼe hin turre. Kitaabota Qulqulluu akka gaariitti beekti turte. Xiinxaluufis yeroo ni ramaddi turte. (Luq. 2:19, 51) Maariyaam nama hafuuraa taʼuun ishii haadha manaa gaarii taʼuuf akka ishii gargaare hin shakkisiisu. Yeroo harʼaatti haadhotiin manaa hedduun fakkeenya Maariyaam hordofuuf carraaqqii godhu. Fakkeenyaaf, obboleettiin Eemiikoo jedhamtu akkana jetteetti: “Yeroon qeenxee turetti dhuunfaatti barsiifata hafuuraa gaarii qaban ture. Ergan heerumee booda garuu maatii keenyaaf kan kadhatuu fi waaqeffannaa keenya dursa fudhatee kan geggeessu abbaa manaa koo waan taʼeef amantiin koo wantoota inni godhurratti kan hundaaʼe taʼe. Yeroo booda garuu michummaan Yihowaa wajjin qabu ilaalchisee baʼaa ofii kootii baachuun akka na barbaachisun hubadhe. Kanaafuu, amma kadhachuudhaan, Kitaaba Qulqulluu dubbisuudhaan, akkasumas yaada isaarratti xiinxaluudhaan kophaatti yeroon Waaqa koo wajjin dabarsu ramadeera.” (Gal. 6:5) Haadhotiin manaa, michummaa Yihowaa wajjin qabdan cimsachuu keessan yeroo itti fuftan abbootiin manaa keessan caalaatti isin dinqisiifachuu fi isin jaallachuu dandaʼu.—Fak. 31:30. w23.05 22 key. 6
Wiixata, Amajjii 6
Yihowaa sodaachuu isin nan barsiisa.—Far. 34:11.
Yihowaa sodaachuun wanta nu wajjin dhalatu miti; amala kana horachuu qabna. Karaan kana gochuu itti dandeenyu inni tokko uumamawwan isaa qorachuudha. Ogummaa Waaqayyoo, humna isaa fi jaalala isaa isa “wantoota uumaman” irratti mulʼatuuf caalaatti xiyyeeffannaa yeroo kenninu kabajnii fi jaalalli isaaf qabnus caalaatti dabala. (Rom. 1:20) Karaan Waaqa sodaachuu barachuu itti dandeenyu kan biraanimmoo yeroo hunda kadhachuudha. Caalaatti kadhachuun keenya Yihowaan caalaatti akka nuuf dhugoomu godha. Yeroo humna qorumsa tokko dandamachuuf nu barbaachisu akka nuuf kennu kadhannu hundatti humna dinqisiisaa inni qabu yaadanna. Ilma isaa waan nuu kenneef yeroo isa galateeffannu jaalala inni nuuf qabu of yaadachiisna. Yihowaan rakkina tokko dandamachuuf akka nu gargaaru cimsinee yeroo kadhannu ogummaa guddaa akka qabu yaadanna. Kadhannaan akkasii kabajni isaaf qabnu akka guddatu godha. Akkasumas wanta michummaa isa wajjin qabnu nu jalaa balleessu kamirraayyuu fagaachuuf murtoo goone nuuf cimsa. w23.06 15 key. 6-7
Kibxata, Amajjii 7
Yihowaan isa seera nuu kennu dha.—Isa. 33:22.
Yihowaan inni seera baasuurratti aangoo hundarra caalu qabu, yeroo hunda saba isaatiif seera salphaatti hubachuu dandaʼan kenna. Fakkeenyaaf, qaamni olaanaa jaarraa jalqabaa karaawwan Kiristiyaanonni ejjennoo cimaa qabaachuun itti isaan barbaachisu sadii ibseera: isaanis (1) waaqeffannaa waaqolii tolfamoorraa fagaachuudhaan Yihowaa qofa waaqeffachuu, (2) dhiiga akka qulqulluutti ilaaluu, akkasumas (3) ulaagaalee naamusaa Kitaaba Qulqulluu warra olaanoo eeguudha. (HoE. 15:28, 29) Yeroo harʼaatti Kiristiyaanonni dhimmoota sadan kanarratti ejjennoo cimaa qabaachuu kan dandaʼan akkamitti? Waaqeffannaa waaqolii tolfamoorraa fagaachuudhaan Yihowaa qofa waaqeffanna. Yihowaan isa qofa akka waaqeffatan Israaʼelota ajajee ture. (Kes. 5:6-10) Yesuus yeroo Diyaabilos isa qoretti waaqeffachuu kan qabnu Yihowaa qofa akka taʼe ifatti dubbateera. (Mat. 4:8-10) Kanaafuu, waaqolii tolfamoo hin waaqeffannu. Geggeessitoota amantaa, geggeessitoota siyaasaa ykn namoota ispoortii fi bashannanarratti beekamoo taʼan akka waaqaatti ilaaluurraas ni fagaanna. Isa ‘wantoota hundumaa uume’ qofa waaqeffanna.—Mul. 4:11. w23.07 14-15 key. 3-4
Roobii, Amajjii 8
[Namni tokko] Yihowaa sodaachuudhaan wanta hamaa irraa ni fagaata.—Fak. 16:6.
Addunyaan Seexanaa halalummaa fi poornoogiraafii jajjabeessa. (Efe. 4:19) Kanaafuu, Waaqayyoon sodaachuu fi daandii hamaarraa fagaachuu qabna. Fakkeenya boqonnaa 9 irratti ogummaa fi gowwummaan dubartoota lamatti fakkeeffamaniiru. Dubartoonni lamaanuu warra muuxannoo hin qabneef, jechuunis “warra hubannaa hin [qabneef]” affeerrii akka dhiheessan ibsameera. Lamaan isaaniiyyuu akkuma waan, ‘Mana koo koottaa, nyaata nyaadhaa,’ jechuudhaan affeerrii dhiheessaniiti. (Fak. 9:1, 4-6, ) Buʼaan affeerrii dubartoonni kun lamaan dhiheessanii garuu baayʼee garaagaradha. Affeerraa “dubartii gowwaan” dhiheessitu mee haa ilaallu. (Fak. 9:13-18) Qaanii tokko malee namoonni muuxannoo hin qabne, “gara mana ishii” akka dhufan affeerti. Maarree, namoota affeerraa ishii fudhatanirra maaltu gaʼa? “Warri duʼaan moʼaman achi [jiru].” Waaʼee dubartii “addaggee” fi “dubartii baalagee” akeekkachiisni nuuf kennameera. ‘Manni ishii gara duʼaatti akka gad lixu’ nutti himameera. (Fak. 2:11-19) Fakkeenya 5:3-10rratti “dubartii addaggee” kan biraa ‘miilli ishii gara duʼaatti gad buʼu’ ilaalchisee akeekkachiisni nuuf kennameera. w23.06 22 key. 6-7
Kamisa, Amajjii 9
Yaada ofiitti kan hin cichine taʼuun keessan namoota hundumaa biratti kan beekame haa taʼu.—Filp. 4:5.
Jaarsoliin yaada ofiitti kan hin cichine taʼuurratti fakkeenya gaarii taʼuu qabu. (1 Xim. 3:2, 3) Fakkeenyaaf, jaarsi tokko jaarsolii kaanirra umuriidhaan waan caaluuf qofa yaanni isaa yeroo hunda fudhatama akka argatu eeguu hin qabu. Hafuurri Yihowaa miseensi qaama jaarsolii kamiyyuu yaada murtoo ogummaarratti hundaaʼe gochuuf gargaaru akka kennu kakaasuu akka dandaʼu ni yaadata. Jaarsoliin yaada ofiitti hin cichine dhugaan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hamma hin cabnetti murtoon godhame kan isaan filatanirraa adda yoo taʼellee wanta jaarsolii hedduun irratti walii galan fedhiidhaan ni deeggaru. Kiristiyaanonni yaada ofiitti kan hin cichine taʼuudhaan eebba hedduu argachuu dandaʼu. Obbolootaa fi obboleettota keenya wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaanna, gumichis nagaa qabaata. Saba Yihowaa gidduu namoonni eenyummaa fi aadaa garaagaraa qaban jiraachuu isaanitti, akkasumas tokkummaadhaan waaqeffachuu keenyatti ni gammanna. Hunda caalaammoo Waaqa keenya Yihowaa isa yaada isaatti hin cichine fakkaachaa akka jirru beekuu keenyatti ni gammanna. w23.07 25 key. 16-17
Jimaata, Amajjii 10
Warri hubannaa gad fagoo qaban garuu kana ni hubatu.—Dan. 12:10.
Daaniʼel raajii Kitaaba Qulqulluu qoʼachaa kan ture kakaʼumsa sirriidhaan, jechuunis dhugaa beekuu barbaadeeti. Kana malees, Daaniʼel nama gad of qabu ture; Yihowaan namoota isa beekanii fi ulaagaalee isaa warra qulqulluu taʼan hordofaniif hubannaa akka kennu beeka ture. (Dan. 2:27, 28) Gargaarsa Yihowaatti amanamuudhaan akka gad of qabu argisiiseera. (Dan. 2:18) Daaniʼel nama of eeggannoodhaan qoʼatu ture. Kitaabota Qulqulluu bara isaatti turanirratti qorannaa godheera. (Er. 25:11, 12; Dan. 9:2) Maarree, fakkeenya Daaniʼel hordofuu kan dandeessu akkamitti? Kakaʼumsa kee qori. Raajii Kitaaba Qulqulluu qoruuf kan kakaate dhugaa beekuuf fedhii cimaa waan qabduufii? Akkas taanaan Yihowaan si gargaara. (Yoh. 4:23, 24; 14:16, 17) Namoonni kana kan godhan ragaa Kitaabni Qulqulluun geggeessaa hafuura Waaqayyootiin akka hin barreeffamne argisiisu ni arganna jedhanii waan abdataniifi. Kitaabni Qulqulluun geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan hin barreeffamne yoo taʼe wanta sirrii fi dogoggora taʼe ofuma isaaniitiin murteeffachuu akka dandaʼan isaanitti dhagaʼama. Haa taʼu malee, kakaʼumsa sirrii qabaachuun barbaachisaadha. w23.08 9 key. 7-8
Sanbadduraa, Amajjii 11
Yoo abdii kutatte, humni kee ni xiqqaata.—Fak. 24:10.
Warra kaan wajjin walbira of qabuudhaan yeroo wanta humna keenyaa ol taʼe ofirraa eegnu baʼaa ulfaataa taʼe ofirratti feena. (Gal. 6:4) Akkas goona taanaan, hinaaffaa fi dorgommii keessa galuu dandeenya. (Gal. 5:26) Bakka namoonni kaan gaʼanirra gaʼuuf yeroo carraaqqii goonu, wanta humna keenyaa ol taʼee fi haalli keenya nuuf hin heyyamne akka raawwannu of dirqisiisna. “Abdiin turu garaa nama dhukkubsa,” wanta matumaa gochuu hin dandeenye ofirraa eeguunimmoo kana caalaa nama miidha! (Fak. 13:12) Akkas gochuun humna keenya nu jalaa waan fixuuf, fiigicha jireenyaarratti saffisni keenya akka hirʼatu godha. Wanta Yihowaan sirraa eegu caalaa ofirraa hin eegin. Inni wanta ati hin qabne akka kennitu matumaa sirraa hin eegu. (2 Qor. 8:12) Yihowaan wanta ati raawwattu wanta warri kaan raawwatan wajjin wal bira akka hin qabne mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. (Mat. 25:20-23) Lubbuu guutuudhaan isa tajaajiluu kee, amanamummaa kee fi jabaattee dhaabbachuu keetiif iddoo guddaa kenna. w23.08 29 key. 10-11
Dilbata, Amajjii 12
Ani dheebuudhaan [duʼuun] . . . qabaa?—Abo. 15:18.
Yihowaanis dinqiidhaan bishaan isaaf kennuudhaan kadhannaa Saamson gargaarsa argachuuf dhiheesseef deebii kenneera. Saamson yommuu bishaanicha dhugu, “humni isaa isatti ni deebiʼe. ni jajjabaates.” (Abo 15:19 milj.) Haala isaarraa hubachuu akka dandeenyutti. burqaan bishaanii kun waggoota hedduu booda yeroo Saamuʼel raajichi kitaaba Abbootii Murtii barreessettis jira ture. Israaʼelonni yeroo bishaan yaaʼu sana ilaalan Yihowaan hamma isatti amanamanitti tajaajiltoota isaa amanamoo taʼan yeroo isaan barbaachisutti akka isaan gargaaru yaadatanii taʼuu dandaʼa. Nutis dandeettii akkamiiyyuu yoo qabaanne ykn tajaajila Yihowaa keessatti maaliyyuu yoo raawwanne gargaarsaaf isatti amanamuun keenya baayʼee barbaachisaadha. Milkaaʼina dhugaa argachuu kan dandeenyu Yihowaatti yoo amanamne qofa akka taʼe gad of qabuudhaan amanuu qabna. Akkuma Saamson bishaan Yihowaan isaaf qopheesse yeroo dhugetti jabina argate. Nutis qophii Yihowaan nuuf godhe hundatti yeroo fayyadamnu karaa hafuuraa jabina arganna.—Mat. 11:28. w23.09 4 key. 8-10
Wiixata, Amajjii 13
Deebii laafaan aarii qabbaneessa, dubbii hamaan garuu aarii kakaasa.—Fak. 15:1.
Namni tokko wanta Waaqa keenya salphisu dubbachuudhaan ykn Kitaaba Qulqulluutti qoosuudhaan nu aarsuuf yoo yaale maal gochuu dandeenya? Garraamummaadhaan deebii kennuu akka dandeenyuuf hafuura isaa fi ogummaa isaa akka nuuf kennu Yihowaa kadhachuu qabna. Deebii kan kennine karaa sirrii hin taaneen akka taʼe yoo hubannehoo maal gochuu qabna? Waaʼee kanaas kadhannaa dhiheessuu fi yeroo itti aanutti deebii gaarii kennuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe irratti yaaduu dandeenya. Akkas yoo goone Yihowaan aarii keenya toʼachuu fi garraamummaa argisiisuu akka dandeenyuuf hafuura isaa nuuf kenna. Caqasoonni Kitaaba Qulqulluu tokko tokko yeroo haalli rakkisaan nu mudatutti arraba keenya toʼachuuf nu gargaaru. Hafuurri Waaqayyoo caqasoota kana akka yaadannu nu gargaara. (Yoh. 14:26) Fakkeenyaaf, dhugaawwan buʼuuraa kitaaba Fakkeenyaa keessatti argaman garraamii taʼuuf nu gargaaru. (Fakkeenya 15:18) Kitaabni kutaa Kitaaba Qulqulluu taʼe kun haala ulfaataa taʼe keessatti of toʼachuun faayidaa akkamii akka qabus ni ibsa.—Fak. 10:19; 17:27; 21:23; 25:15. w23.09 15 key. 6-7
Kibxata, Amajjii 14
Yeroo hundumaa waaʼee wantoota kanaa isin yaadachiisuu nan barbaada.—2 Phe. 1:12.
Pheexiros ergamaan waggoota hedduudhaaf amanamummaadhaan Yihowaa tajaajileera. Yesuus yeroo tajaajilaa turetti isa wajjin deemeera yeroo jalqabaatiif namoota Yihudoota hin taaneef lallabeera yeroo boodammoo miseensa qaama olaanaa taʼee tajaajileera. Dhuma jireenya isaattis yeroo duʼuuf akka jedhu beeketti Yihowaan hojii dabalataa isaaf kenneera. Dhaloota Kiristoos Booda naannoo bara 62-64tti geggeessaa hafuuraatiin xalayaawwan lama jechuunis kitaaba Pheexiros 1ffaa fi 2ffaa barreesseera. (2 Phe. 1:13-15) Pheexiros xalayaawwan isaa kan barreesse obboloonni isaa yeroo ‘qorumsa garaa garaatiin dhiphachaa’ turanittidha. (1 Phe. 1:6) Namoonni hamoon barumsawwan sobaa fi gochawwan qulqulluu hin taane gara gumii Kiristiyaanaatti fiduuf yaalaa turan. (2 Phe. 2:1, 2, 14) Kiristiyaanonni Yerusaalem keessa jiraatan yeroo muraasa booda ‘dhuma wantoota hundumaa’ jechuunis magaalattiin yeroo balleeffamtuu fi loltoonni Roomaa sirna Yihudootaa yeroo balleessan ni argu. (1 Phe. 4:7) Xalayaawwan Pheexiros Kiristiyaanonni sun rakkoowwan isaan mudatan dandamachuu fi qorumsa gara fuulduraatiif qophaaʼuuf maal gochuu akka qaban hubachuuf akka isaan gargaare homaa hin shakkisiisu. w23.09 26 key. 1-2
Roobii, Amajjii 15
[Kiristoos] rakkoowwan isa irra gaʼan irraa ajajamuu barateera.—Ibr. 5:8.
Akkuma Yesuus nutis yeroo baayʼee ajajamuu kan barannu haala rakkisaa taʼe keessattidha. Fakkeenyaaf, yeroo weerarri dhibee Kooviid-19 jalqabetti, yommuu Galma Walgaʼii keessatti walitti qabamuu keenyaa fi manaa gara manaa tajaajiluu keenya akka dhaabnu nutti himametti ajajamuun sitti ulfaatee turee? Taʼus, ajajamuun kee eegumsa siif godheera, obboloota kee wajjin tokkummaa akka qabaattu si gargaareera, akkasumas Yihowaan akka sitti gammadu godheera. Hundi keenyayyuu yeroo kamiyyuu caalaa amma qajeelfama yeroo rakkina guddaatti nuuf kennamu kamiifiyyuu ajajamuuf qophoofneerra. Yeroo sanatti ajajamuun keenya lubbuu keenya nuuf oolcha. (Iyo. 36:11) Sababiin Yihowaadhaaf ajajamuuf nu kakaasu inni guddaan garuu, waan isa jaallannuu fi isa gammachiisuu waan barbaannuufi. (1 Yoh. 5:3) Wanta Yihowaan nuuf godhe hundaaf yoomiyyuu gatii isaaf deebisuu hin dandeenyu. (Far. 116:12) Taʼus, isaafis taʼe warra aangoo qabaniif ajajamuu ni dandeenya. Yoo ajajamne ogeeyyii taʼuu keenya argisiisna. Ogeeyyii taʼuun keenyammoo garaa Yihowaa gammachiisa.—Fak. 27:11. w23.10 11 key. 18-19
Kamisa, Amajjii 16
Isa samii, lafa, . . . uume sana waaqeffadhaa.—Mul. 14:7.
Maleekaan tokko utuu sitti dubbatee wanta inni jedhu ni dhaggeeffattaa? Maleekaan tokko yeroo harʼaatti, “saba, gosa, qooqaa fi nama [hundumaatti]” dubbachaa jira. Maal jechaa jira? ‘Waaqayyoon sodaadhaa, ulfinas isaaf kennaa; isa samii fi lafa uume sana waaqeffadhaa’ jechaa jira. (Mul. 14:6, 7) Yihowaan Waaqa dhugaa tokkicha uumamni hundi waaqeffachuu qabudha. Mana qulqullummaa hafuuraa isaa isa guddaa keessatti akka isa waaqeffannu mirga nuu kennuu isaatti baayʼee galateeffanna! Manni qulqullummaa hafuuraa maalidha? Ibsa balʼaa waaʼee mana qulqullummaa kanaa dubbatuhoo eessaa argachuu dandeenya? Manni qulqullummaa hafuuraa kallattiidhaan gamoo tokko kan argisiisu miti. Qophii Yihowaan aarsaa furii Yesuusirratti hundaaʼuudhaan waaqeffannaa isa biratti fudhatama qabu akka isaaf dhiheessinu nuuf godhedha. Phaawulos ergamaan xalayaa Kiristiyaanota Ibrootaa jaarraa jalqabaatti Yihudaa keessa turaniif barreesserratti waaʼee qophii kanaa ibseera. w23.10 24 key. 1-2
Jimaata, Amajjii 17
“‘Humna waraanaatiin yookiin jabina namaatiin utuu hin taʼin, hafuura kootiin raawwatamu’ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.”—Zak. 4:6.
Dhaloota Kiristoos Dura, bara 522tti diinonni isaanii mootummaa Faarsi amansiisanii ijaarsi mana qulqullummaa Yihowaa akka dhaabbatu godhanii turan. Taʼus, Zakkaariyaas Yihowaan hafuura isaa isa humna guddaa qabutti fayyadamee gufuu isaan mudatu hundumaa isaan duraa akka kaasu Yihudootaaf mirkaneesseera. Daariyos Mootichis Dh.K.D. bara 520tti dhorkaa ijaarsa mana qulqullummaarra kaaʼamee ture ni kaase; kana qofa utuu hin taʼin deggersa maallaqaa isaaniif godheera, akkasumas akka isaan deggeran bulchitoota naannichaa ajajeera. (Iz. 6:1, 6-10) Yihowaan Yihudoonni ijaarsa mana qulqullummaatiif dursa yoo kennan akka isaan deggeru waadaa isaaniif galeera. (Hag. 1:8, 13, 14; Zak. 1:3, 16) Isaanis wanta raajonni kun dubbataniin waan jajjabaataniif Dh.K.D. bara 520tti mana qulqullummaa ijaaruusaanii itti fufaniiru; ijaarsa sanas waggaa shan keessatti xumuruu dandaʼaniiru. Haala rakkisaa keessatti fedhii Yihowaatiif dursa waan kennaniif Yihowaan isaan gargaareera. Kanaan kan kaʼes, gammachuudhaan Yihowaa waaqeffachuu dandaʼaniiru.—Iz. 6:14-16, 22. w23.11 15 key. 6-7
Sanbadduraa, Amajjii 18
Amantii abbaan keenya Abrahaam . . . akka gaariitti [hordofaa.]—Rom. 4:12.
Namoonni hedduun waaʼee Abrahaam kan dhagaʼan taʼus baayʼeen isaanii sirriitti isa hin beekan. Ati garuu waaʼee Abrahaam sirriitti beekta. Fakkeenyaaf, Abrahaam ‘namoota amantii qaban hundumaaf abbaa’ jedhamee akka waamame beekta taʼa. (Rom. 4:11) Haa taʼu malee, ‘Fakkeenya Abrahaam hordofuu fi akkuma isaa amantii cimaa qabaachuu nan dandaʼaa laata?’ jettee yaadda taʼa. Eeyyee ni dandeessa. Karaan amantii akka Abrahaam horachuu itti dandeenyu inni tokko fakkeenya isaa qoʼachuudha. Abrahaam ajaja Waaqayyoo hordofuudhaan gara biyya fagoo deemee waggoota hedduudhaaf dunkaana keessa jiraateera; akkasumas ilma isaa Yisihaaqiin aarsaa godhee dhiheessuuf yaaleera. Wanti inni godhe kun amantii cimaa akka qabu argisiisa. Amantiinii fi hojiin isaa Waaqayyo biratti fudhatama isaaf argamsiiseera, akkasumas michuu isaa taʼuuf isa gargaareera. (Yaq. 2:22, 23) Yihowaan si dabalatee hundi keenyayyuu eebba akkasii akka argannu barbaada. Phaawulosii fi Yaaqoob warra barreessitoota Kitaaba Qulqulluu taʼan waaʼee fakkeenya Abrahaam akka barreessan kan kakaase kanaafi. w23.12 2 key. 1-2
Dilbata, Amajjii 19
Namni hundi dhaggeeffachuuf ariifataa, dubbachuuf suuta jedha . . . haa taʼu.—Yaq. 1:19.
Obboleettonni dandeettii warra kaan wajjin walii galuu horadhaa. Kiristiyaanonni warra kaan wajjin akka gaariitti walii galuu qabu. Gama kanaan Yaaqoob baratichi yaada olitti ibsame dubbachuudhaan gorsa gaarii nuuf kenneera. Warri kaan yeroo dubbatan xiyyeeffannaadhaan kan dhaggeeffattu yoo taʼe ‘miira isaanii akka isaaniif hubattu’ argisiista. (1 Phe. 3:8) Wanta namni tokko dubbatu ykn miira isaa hubachuun yoo si rakkise gaaffii tokko tokko isa gaafadhu. Achiis dubbachuu kee dura takka irratti yaadi. (Fak. 15:28, milj.) Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Wantin dubbachuuf jedhu dhugaa fi kan nama jajjabeessudhaa? Kabajaa fi gaarummaa kan argisiisudhaa?’ Obboleettota bilchaatoo warra kaan wajjin walii galuurratti dandeettii qabanirraa baradhu. (Fak. 31:26) Wanta isaan dubbatanii fi akkaataa itti dubbataniif xiyyeeffannaa kenni. Dandeettii kana caalaatti horachaa yeroo deemtu, hariiroon warra kaan wajjin qabdus caalaatti fooyyaʼa. w23.12 21 key. 12
Wiixata, Amajjii 20
Namni warra kaan irraa adda of baasu . . . ogummaa hundumaas ni tuffata.—Fak. 18:1.
Yeroo harʼaatti Yihowaan nu deggeruuf maatii keenya, michoota keenyaa fi jaarsoliitti fayyadamuu dandaʼa. Yeroo baayʼee miidhamnutti garuu warra kaanirraa fagaachuuf qoramna taʼa. Yeroo akkasiitti kophaa keenya taʼuu barbaanna. Kun waanuma jirudha. Maarree, deggersa Yihowaa argachuuf maal gochuu dandeenya? Warra kaanirraa akka of hin fageessine carraaqqii godhi. Yeroo warra kaanirraa of fageessinu ofii keenyaa fi rakkina nurra gaʼaa jirurratti qofa xiyyeeffanna. Ilaalchi akkasiimmoo murtoo keenyarratti dhiibbaa gochuu dandaʼa. Dhugaadha, hundi keenyayyuu keessumaa haalli rakkisaan yeroo nu mudatu kophaa taʼuu barbaanna. Haa taʼu malee, yeroo dheeraadhaaf namarraa kan of fageessinu yoo taʼe gargaarsa namoota Yihowaan deggersa nuu gochuuf itti fayyadamuu utuu hin argatin hafuu dandeenya. Kanaafuu gargaarsa maatiin, michoonnii fi jaarsoliin siif godhan fudhadhu. Yihowaan isaanitti fayyadamee si gargaaraa akka jiru godhii yaadi.—Fak. 17:17; Isa. 32:1, 2. w24.01 24 key. 12-13
Kibxata, Amajjii 21
Haadduun mataa isaa hin tuqin.—Lak. 6:5.
Namoonni Naazrota taʼan rifeensa isaanii murachuu dhiisuuf kakuu galu. Karaa kanaan guutummaatti Yihowaadhaaf akka bitaman argisiisu. Kan nama gaddisiisu garuu, seenaa Israaʼelotaa keessatti yeroon Naazronni itti hin kabajamnee fi deggarsa hin arganne jira ture. Yeroo tokko tokko namni Naazricha taʼe tokko kakuusaa eeguunii fi warra kaanirraa adda taʼuun ija jabina guddaa isa gaafata ture. (Amo. 2:12) Fedhii Yihowaatiif bitamuuf waan filanneef namoota naannoo keenya jiranirraa adda taanee mulʼanna. Bakka hojiittis taʼe mana barumsaatti Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuu keenya ibsuuf ija jabinni nu barbaachisa. Ilaalchii fi amalli addunyaa kanaa isa gadheerraa gara isa caalaatti gadhee taʼetti yeroo deemaa dhufu dhugaawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluutiin jiraachuunii fi misiraachicha warra kaanitti himuun caalaatti nutti ulfaachuu dandaʼa. (2 Xim. 1:8; 3:13) Haa taʼu malee, ija jabinaan warra Yihowaa hin tajaajillerraa adda taanee yeroo mulʼannu ‘garaa Yihowaa akka gammachiisnu’ yeroo hunda haa yaadannu.—Fak. 27:11; Mil. 3:18. w24.02 16 key. 7; 17 key. 9
Roobii, Amajjii 22
Wal simadhaa.—Rom. 15:7.
Mee garaagarummaa obboloonni gumii Roomaa keessa turan qaban haa ilaallu. Gumicha keessa Yihudoota seera Musee eegaa guddatan qofa utuu hin taʼin, namoonni saboota kaan keessaa dhufanii fi akkaataa guddinaa guutummaatti isaanirraa adda taʼe qabanis jiru turan. Kiristiyaanonni tokko tokko garboota turan, tokko tokkommoo garboota kan qaban taʼuu hin oolan. Maarree, Kiristiyaanonni kun garaagarummaa akkasii qabaatanis jaalala waliif qaban cimsachuu kan dandaʼan akkamitti? Phaawulos ergamaan ‘akka wal simatan’ isaan jajjabeesseera. Maal jechuu isaati? Jechi ‘simachuu’ jedhamee hiikame nama tokko gaarummaadhaan mana ofiitti simachuu ykn michuu godhachuu argisiisa. Fakkeenyaaf, Phaawulos Fiilmoon garba Oneesimos jedhamuu fi isa jalaa baqatee ture ‘gaarummaadhaan akka simatu’ isatti himeera. (Film. 17) Phirisqiilaa fi Aqiilaanis Apholos isa waaʼee Kiristiyaanummaa hamma isaanii hin beekne ‘ofitti fudhachuudhaan’ isa simataniiru. (HoE. 18:26) Kiristiyaanonni kun garaagarummaan isaan gidduu jiru akka isaan qoqqoodu heyyamuu mannaa walii isaanii simataniiru. w23.07 6 key. 13
Kamisa, Amajjii 23
Wareega koo Yihowaadhaaf nan raawwadha.—Far. 116:14.
Wanti Yihowaadhaaf of murteessuuf si kakaasu inni guddaan jaalala isaaf qabdudha. Jaalalli isaaf qabdu garuu miirarratti qofa kan hundaaʼe miti. Kanaa mannaa, “beekumsa sirrii” fi “hubannaa hafuuraa,” jechuunis wantoota waaʼee Yihowaa barattee fi jaalalli isaaf qabdu akka guddatu godhanirratti kan hundaaʼedha. (Qol. 1:9) Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun kee (1) Yihowaan dhugumaan akka jiru, (2) Kitaabni Qulqulluun geggeessaa hafuurasaatiin akka barreeffamee fi (3) fedhiisaa raawwachuuf jaarmiyaasaatti akka fayyadamu si amansiiseera. Namoonni Yihowaadhaaf of murteessan barumsawwan buʼuuraa Dubbii Waaqayyoo keessatti argaman beekuu qabu; ulaagaalee isaa wajjinis wal simanii jiraachuu qabu. Hamma haallisaanii isaaniif heyyame waaʼee amantiisaanii namootatti ni himu. (Mat. 28:19, 20) Jaalalli Yihowaadhaaf qaban waan guddateef isa qofa waaqeffachuu barbaadu. Atoo akkasii? w24.03 4-5 key. 6-8
Jimaata, Amajjii 24
Isaan foon tokko taʼu.—Uma. 2:24.
Abigaayil Naabaal isa Kitaabni Qulqulluun “nama hamaa fi amala badaa qabu” akka taʼetti ibsutti heerumtee turte. (1 Sam. 25:3) Abigaayil nama akkasii wajjin jiraachuun baayʼee ishiitti ulfaatee akka ture ifadha. Abigaayil karaa itti gaaʼela kanarraa obbaafattu argattee turtee? Yeroo Daawit inni mootii Israaʼel taʼuuf jedhu, abbaa manaa ishii isa isaa fi namoota isaa arrabse ajjeesuuf dhufetti carraa gaaʼela ishiirraa itti obbaafattu argattee turte. (1 Sam. 25:9-13) Abigaayil baqachuu fi Daawit tarkaanfii yaade akka fudhatu gochuu dandeessi turte. Taʼus, gidduu galuudhaan Daawit Naabaaliin akka hin ajjeesne amansiisuu dandeesseetti. (1 Sam. 25:23-27) Akkas gochuuf maaltu ishii kakaase? Abigaayil Yihowaa waan jaallattuuf ulaagaa inni gaaʼelaaf baaseef kabaja qabdi. Isheen Yihowaan gaaʼela qophii qulqulluu akka taʼetti akka ilaalu beekti. Waaqa gammachiisuu waan barbaadduuf abbaa manaa ishii dabalatee maatii ishii oolchuuf wanta dandeessu hunda gooteetti. Daawit Naabaaliin akka hin ajjeesne daftee tarkaanfii fudhatteetti. w24.03 16-17 key. 9-10
Sanbadduraa, Amajjii 25
Ani . . . dubbii afaan kootiin isin nan jajjabeessa.—Iyo. 16:5.
Gumii keessan keessa obboloonni sochiiwwan tiʼookraasiirratti caalaatti hirmaachuuf jedhanii jireenya isaanii salphisuuf carraaqqii gochaa jiran jiruu? Akkas gochuun salphaa taʼuu baatus dargaggoota mana barumsaatti warra kaanirraa adda taʼuuf ija jabinaan tarkaanfii fudhatan beektaa? Namoonni mormiin maatii utuma isaan mudatuu amanamummaa isaanii eeguuf carraaqqii gochaa jiran jiruu? Obboloota kana jajjabeessuuf carraa argattu hundatti fayyadami; aarsaa isaan kaffalanii fi ija jabina isaan argisiisan akka dinqisiifattu isaanitti himi. (Film. 4, 5, 7) Yihowaan isa gammachiisuuf garaadhaa akka hawwinuu fi waadaa yeroo of murteessinetti galle eeguuf aarsaa kaffaluuf fedhii akka qabnu beeka. Dhuunfaatti jaalala isaaf qabnu akka argisiisnu nuuf heyyamuudhaan kabaja guddaa nutti argisiiseera. (Fak. 23:15, 16) Kanaafuu, wanta qabnu keessaa isa hundarra caalu isaaf kennuudhaan isa tajaajiluu keenya itti fufuuf haa murteessinu. w24.02 18 key. 14; 19 key. 16
Dilbata, Amajjii 26
Yesuus wanta gaarii hojjechaa fi namoota . . . fayyisaa biyyattii keessa naannaʼe.—HoE. 10:38.
Mee wanta Dh.K.B. bara 29 yeroo Yesuus tajaajila isaa jalqabetti raawwatame yaadaan ilaali. Yesuusii fi haati isaa Maariyaam, cidha Qaanaa keessatti geggeeffame tokkorratti affeeramanii turan. Maariyaam keessummoota simachuurratti isaan gargaaraa waan turte fakkaata. Taʼus, cidha sanarratti rakkinni ni uumame; daadhiin wayinii ni dhume. Achiis Maariyaam daftee gara ilma ishii deemtee, “Daadhii wayinii hin qaban” isaan jette. (Yoh. 2:1-3) Maarree, Yesuus maal godhe? Dinqiidhaan bishaan gara ‘daadhii wayinii gaariitti’ jijjiire. (Yoh. 2:9, 10.) Yesuus yeroo lafarra tajaajilaa turetti dinqiiwwan hedduu raawwateera. Humna dinqii raawwachuuf qabutti fayyadamee namoota kuma kudhaniin lakkaaʼaman gargaareera. Fakkeenyaaf, yeroo tokko dhiirota 5,000, yeroo kan biraattimmoo dhiirota 4,000 sooreera; dubartootaa fi ijoollee dabalatee yeroo sanatti dinqiidhaan kan soore walumaa galatti namoota 27,000 ol taʼuu dandaʼu. (Mat. 14:15-21; 15:32-38) Yeroo kana lamaanitti Yesuus namoota dhukkubsatan hedduus fayyiseera.—Mat. 14:14; 15:30, 31. w23.04 2 key. 1-2
Wiixata, Amajjii 27
Ani Waaqni kee Yihowaan, isa harka kee mirgaa qabee, ‘Hin sodaatin. Ani sin gargaara’ siin jedhu sana dha.—Isa. 41:13.
Qorumsi baayʼee cimaa taʼe yeroo nu mudatu karaa qaamaa fi karaa miiraa akka bututne nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Akkuma Eeliyaas ol jechuun waan nutti ulfaatuuf calluma jennee ciisuu barbaanna taʼa. (1 Mot. 19:5-7) Nutis tajaajila Yihowaa keessatti sochii gaarii gochuuf gargaarsi nu barbaachisuu dandaʼa. Akkuma caqasa harʼaarratti ibsame yeroo akkasiitti Yihowaan akka nu gargaaru nuuf mirkaneesseera. Daawit Mootichi gargaarsa akkasii argateera. Yeroo qorumsi garaa garaa isa mudatettis taʼe diinonni isaa isa dhiphisanitti Yihowaadhaan, “Harki kee mirgaa na deggera” jedheera. (Far. 18:35) Yihowaan yeroo baayʼee warri kaan nu gargaaruuf akka kakaʼan gochuudhaan nu deggera. Fakkeenyaaf, Daawit yeroo baayʼee dadhabee turetti michuun isaa Yonaataan isa cimsuu fi isa jajjabeessuuf gara isaa deemee ture. (1 Sam. 23:16, 17) Haaluma wal fakkaatuun, Yihowaan Eelsaaʼitti fayyadamee Eeliyaasiin gargaareera.—1 Mot. 19:16, 21; 2 Mot. 2:2 w24.01 23-24 key. 10-12
Kibxata, Amajjii 28
Yihowaan ogummaa ni kenna; Beekumsii fi hubannaanis afaan isaa keessaa ni baʼu.—Fak. 2:6.
Yihowaan Waaqa arjaa wanta nu barbaachisu baayʼinaan nuuf kennudha. “Ogummaa dhugaa” Fakkeenya boqonnaa 9 irratti dubartiitti fakkeeffamterraa Yihowaan Waaqa akkasii akka taʼe hubanna. Seenaan waaʼee dubartii fakkeenyaan ibsamtee dubbatu kun dubartiin kun mana ishii keessatti guutummaatti foon akka qopheessite, daadhii wayinii ishii akka waliin maktee fi maaddii ishii akka qopheessite dubbata. (Fak. 9:2, milj.) Lakkoofsa 4 fi 5 irratti, ‘ogummaa dhugaan warra hubannaa hin qabneen, “Kottaa, nyaata koo nyaadhaa”’ akka jette ibsameera. Gara mana ogummaa dhugaa deemnee nyaata ishiin qopheessite nyaachuu kan qabnu maaliifi? Yihowaan ijoolleen isaa ogeeyyii akka taʼanii fi nagaa akka qabaatan barbaada. Dogoggora miidhaa nurraan geessisu akka raawwannu hin barbaadu. Inni ‘qajeelotaaf ogummaa kan kuusu’ kanaafi. (Fak. 2:7) Yihowaadhaaf sodaa sirrii yoo qabaanne isa gammachiisuu barbaanna. Gorsa isaa isa ogummaarratti hundaaʼe ni dhageenya; hojiirra oolchuunis nu gammachiisa.—Yaq. 1:25. w23.06 23-24 key. 14-15
Roobii, Amajjii 29
Waaqayyo jalʼaa miti; inni hojii keessan, . . . hin irraanfatu.—Ibr. 6:10.
Wanti tajaajila isaa keessatti raawwannu daangeffamaa akka taʼe yoo nutti dhagaʼamellee, Yihowaan carraaqqii garaadhaa isa gammachiisuuf goonu akka hubatu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Kana akkamitti beekna? Bara Zakkaariyaasitti Yihowaan warqii fi meetii boojiʼamtoonni Baabilon keessa jiran erganirraa gonfoo tokko akka tolchu raajii isaa kanatti himee ture. (Zak. 6:11) “Gonfoon guddichi” kun buusii arjummaadhaan godhaniif akka “yaadannootti” tajaajila ture. (Zak. 6:14, milj.) Yihowaan yeroo rakkisaa taʼe keessatti carraaqqii garaadhaa isa tajaajiluuf goone matumaa akka hin irraanfanne mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Guyyoota dhumaa kana keessatti rakkinni nu mudachuun isaa akka hin oolle beekna; gara fuulduraatti haalli amma jiru caalaatti hammaachuuyyuu dandaʼa. (2 Xim. 3:1, 13) Haa taʼu malee, garmalee yaaddaʼuun nu hin barbaachisu. Wanta Yihowaan bara Haageetti saba isaatiin jedhe kana yaadadhu: “Ani isinii wajjinan jira . . . Hin sodaatinaa.” (Hag. 2:4, 5) Nutis fedhii isaa raawwachuuf wanta dandeenyu hunda hamma goonetti Yihowaan nu wajjin akka taʼu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. w23.11 19 key. 20-21
Kamisa, Amajjii 30
Ani nama cubbamaa [dha].—Luq. 5:8.
Dogoggorri Pheexiros raawwate Kitaaba Qulqulluu keessatti akka hin galmeeffamne taasifamuu dandaʼa ture. Haa taʼu malee barumsa irraa argachuu akka dandeenyuuf nuuf galmeeffameera. (2 Xim. 3:16 17) Waaʼee nama akkuma keenya dadhabinaa fi miira garaa garaa wajjin waldhaansoo gochaa ture kanaa barachuun keenya Yihowaan nama mudaa hin qabne akka taanu akka nurraa hin eegne hubachuuf nu gargaara. Yihowaan dadhabina qabaannus utuu abdii hin kutatin carraaqqii gochuu keenya akka itti fufnu barbaada. Abdii kutachuu kan hin qabne maaliifi? Dadhabina tokko akka injifanne erga nutti dhagaʼamee boodallee dogoggora raawwachuu dandeenya. Taʼus fooyyaʼiinsa gochuuf carraaqqii gochuu keenya itti fufna. Hundi keenyayyuu wanta booda itti gaabbinu dubbachuu fi raawwachuun keenya hin oolu; taʼus yoo abdii kutachuu baanne Yihowaan fooyyaʼiinsa gochaa akka deemnu nu gargaara. (1 Phe. 5:10) Pheexiros dadhabina kan qabu taʼus Yesuus gara laafina isatti argisiisuun isaa Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuuf nu kakaasa. w23.09 20-21 key. 2-3)
Jimaata, Amajjii 31
Yaa Gooftaa, utuu ati as jiraattee silaa obboleessi koo hin duʼu ture.—Yoh. 11:21.
Dhugaadha, akkuma Maartaan jettee fi caqasa keenya harʼaa irratti ibsame Yesuus Alaazaariin fayyisuu dandaʼa ture. Taʼus Yesuus wanta kana caalaa dinqisiisaa taʼe raawwachuu yaadee ture. “Obboleessi kee ni kaʼa” jedhee waadaa ishiidhaaf gale. Akkasumas, “Duʼaa kaʼuu fi jireenyi ana” ishiidhaan jedhe. (Yoh. 11:23, 25) Eeyyee, Waaqayyo jireenyaa fi duʼarratti aangoo isaaf kenneera. Sana dura intalli xinnoon takka erga duutee utuma baayʼee hin turin duʼaa kaaseera; dargaggeessa tokkos duʼaa kaaseera, kanas kan godhe gaafuma inni duʼetti taʼuu hin oolu. (Luq. 7:11-15; 8:49-55) Haa taʼu malee, nama erga duʼee guyyaa afur taʼee fi qaamni isaa tortoruu jalqabe kaasuu ni dandaʼaa? Maariyaam obboleettiin Alaazaar Yesuusiin simachuudhaaf gadi baate. Ishiinis akkuma obboleettii ishii, “Yaa Gooftaa, utuu ati as jiraattee silaa obboleessi koo hin duʼu ture” isaan jette. (Yoh. 11:32) Yesuus yeroo isaan booʼanii fi gaddan yeroo arguu fi dhagaʼu baayʼee gadde. Michoota isaatiif baayʼee garaa waan laafeef imimmaan isaa dhangalaase. Nama jaallatan duʼaan dhabuun hammam akka nama miidhu hubateera. Wanta imimmaan akka dhangalaasan isaan taasise balleessuuf baayʼee akka hawwe hin shakkisiisu. w23.04 10-11 key. 12-13