Faarfannaa
KITAABA TOKKOFFAA
(Faarfannaa 1-41)
1 Namni akka gorsa hamootaatti hin deddeebine,
Daandii cubbamootaa irra hin dhaabbanne,+
Teessuma qoostotaa irras hin teenye+ gammadaa dha.
2 Kanaa mannaa inni seera Yihowaatti ni gammada,+
Seera isaas halkanii fi guyyaa sagalee isaa gad qabee dubbisa.*+
3 Inni akka muka bishaan yaaʼu biratti dhaabamee,
Akka muka waqtii isaatti firii godhatuu,
Baalli isaas hin coollignee ni taʼa.
Wanti inni godhu hundis isaaf ni milkaaʼa.+
4 Hamoonni garuu akkana miti;
Isaan akka habaqii bubbeen fudhatee deemuu ti.