LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Kitaaba Qulqulluu Dubbisuudhaan Faayidaa Guddaa Argachuu kan Dandeessu Akkamitti?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
    • Barumsa 11. Dubartii hojii mana keessaa irraa yommuu boqottutti Kitaaba Qulqulluu dubbisaa jirtu.

      BARUMSA 11

      Kitaaba Qulqulluu Dubbisuudhaan Faayidaa Guddaa Argachuu kan Dandeessu Akkamitti?

      Hojii guddaa tokko jalqabuu barbaaddee hojichi garuu baayʼee ulfaataa akka taʼe sitti dhagaʼamee beekaa? Tarii hojichi akka siif salphatu gochuuf bakka xixinnootti qoqqooddee hojjetta taʼa. Kitaaba Qulqulluu dubbisuu wajjin haala wal qabateenis akkas gochuu dandeessa. Haa taʼu malee, ‘Eessaan jalqaba laata?’ jettee gaafatta taʼa. Barumsa kana keessatti wantoota sasalphaa Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi qoʼachuuf si gargaaran tokko tokko ilaalla.

      1. Yeroo hunda Kitaaba Qulqulluu dubbisuu kan qabnu maaliifi?

      Namni yeroo hunda Kitaaba Qulqulluu ykn “seera Yihowaa” dubbisu gammachuu fi milkaaʼina argata. (Faarfannaa 1:1-3 dubbisi.) Guyyaa guyyaadhaan daqiiqaa muraasaaf Kitaaba Qulqulluu dubbisuudhaan jalqabuu dandeessa. Dubbii Waaqayyoo wajjin caalaatti wal baraa yommuu deemtu dubbisni Kitaaba Qulqulluu kees caalaatti gammachiisaa siif taʼa.

      2. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu irraa faayidaa argachuuf maaltu si gargaara?

      Kitaaba Qulqulluu dubbisuudhaan faayidaa guddaa argachuuf takka dhaabbannee wanta dubbisaa jirru irratti yaaduu qabna. Dubbisuu qofa utuu hin taʼin ‘irratti xiinxaluu’ qabna. (Iyyaasuu 1:8, miiljalee) Yommuu dubbistu akkana jedhii of gaafadhu: ‘Kun waaʼee Yihowaa maal na barsiisa? Jireenya koo keessatti hojii irra oolchuu kanan dandaʼu akkamitti? Warra kaan gargaaruuf caqasoota kanatti fayyadamuu kanan dandaʼu hoo akkamitti?’

      3. Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf yeroo argachuu kan dandeessu akkamitti?

      Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf yeroo argachuun sitti ulfaataa? Baayʼeen keenya yeroo argachuun nutti ulfaata. Kanaafuu, ‘yeroo keetti akka gaariitti fayyadamuuf’ carraaqqii godhi. (Efesoon 5:16) Guyyaa guyyaadhaan yeroo itti Kitaaba Qulqulluu dubbistu ramaduudhaan kana gochuu dandeessa. Namoonni tokko tokko ganama bariidhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf yeroo ramadaniiru. Kaan immoo guyyaa, tarii yeroo boqonnaa laaqanaatti dubbisuu filatu. Namoonni galgala rafuu isaanii dura Kitaaba Qulqulluu dubbisanis jiru. Siif hoo yeroon dubbisuuf caalaatti mijataa taʼe isa kami?

      CAALAATTI BARADHU

      Dubbisa Kitaaba Qulqulluu kee caalaatti gammachiisaa gochuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe baradhu. Kitaaba Qulqulluu qoʼachuudhaan faayidaa guddaa argachuuf qophii gaarii gochuu kan dandeessu akkamitti akka taʼe hubadhu.

      Fakkiiwwan: Mucaa suuta suuta nyaata tokko jaallachuu barachaa jiru. 1. Mucichi nyaataan taphataa jira. 2. Yeroo booda immoo mucicha nyaata sana nyaachuu jalqabe. 3. Ammas xinnoo yommuu guddatu nyaata sana nyaachuun isa gammachiisuu jalqabe.

      Nyaata gosa garaa garaa nyaachuu barachuu akkuma dandeenyu, dubbisa Kitaaba Qulqulluu keenya gammachiisaa gochuus barachuu dandeenya

      4. Dubbisni Kitaaba Qulqulluu kee gammachiisaa akka taʼu gochuuf maal gochuu dandeessa?

      Kitaaba Qulqulluu dubbisuu jalqabuun salphaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Haa taʼu malee, akkuma namni tokko nyaata haaraa dhandhamuu baratu, nutis Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf ‘dharraa’ qabaachuu dandeenya. Pheexiros Tokkoffaa 2:2 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

      • Guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuun dubbisa keetti gammaduuf kan si gargaaru akkamitti?

      Namoonni tokko tokko Kitaaba Qulqulluu dubbisuutti gammaduu kan jalqaban akkamitti akka taʼe ilaaluuf VIIDIYICHA taphachiisaa. Achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

      VIIDIYOO: Dargaggoota Dubbii Waaqayyoo Jaallachuu Baratan (5:33)

      • Dargaggoonni viidiyicha irratti argaman rakkoowwan akkamii dandamatan?

      • Wanti yeroo hunda Kitaaba Qulqulluu dubbisuu isaanii akka itti fufan isaan gargaare maali dha?

      • Dubbisa Kitaaba Qulqulluu isaanii caalaatti gammachiisaa kan godhan akkamitti?

      Yaadawwan dubbisuu jalqabuuf si gargaaran:

      • Hiikkaa sirrii fi ammayyaaʼaa taʼe filadhu. Afaan keetiin kan argamu yoo taʼe Hiika Addunyaa Haaraa fayyadami.

      • Kutaa Kitaaba Qulqulluu caalaatti si hawwatu dubbisuudhaan jalqabi. Yaada dabalataa argachuuf chaartii “Kitaaba Qulqulluu Guyyaa Guyyaadhaan Dubbisi” jedhu ilaali.

      • Wanta dubbiste irratti mallattoo godhi. Chaartii kitaaba kana keessatti argamuu fi “Dubbisa Kitaaba Qulqulluu Kee Galmeessi” jedhutti fayyadami.

      • Appilikeeshinii JW Library® jedhamutti fayyadami. Appilikeeshinii kanatti fayyadamtee moobaayilii ykn meeshaa kan biraatiin, afaanota hedduudhaan eessatti iyyuu Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi dhaggeeffachuu dandeessa.

      • Kutaa dabalataa Hiika Addunyaa Haaraa keessatti argamutti fayyadami. Kutaan dabalataa kun kaartaawwan, chaartiiwwanii fi ibsa jechoota Kitaaba Qulqulluu dubbisa kee caalaatti gammachiisaa gochuuf si gargaaran qabateera.

      5. Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu keetiif qophaaʼi

      Faarfannaa 119:34 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

      • Kitaaba Qulqulluu dubbisuu ykn qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu keetiif qophaaʼuu kee dura kadhachuun gaarii kan taʼe maaliifi?

      Tokkoon tokkoon qoʼannaa kee irraa faayidaa guddaa argachuu kan dandeessu akkamitti? Barumsa tokko yommuu qophooftu malawwan armaan gadiitti fayyadamuuf yaali:

      1. Keeyyatawwan jalqaba barumsichaa irratti argaman dubbisi.

      2. Caqasoota hunda baasii dubbisi, akkasumas barumsichaa wajjin akkamitti akka wal qabatan hubachuuf yaali.

      3. Jechoota ijoo gaaffii dhihaateef deebii taʼan jala muri ykn itti dibi; kunis barsiisaa kee wajjin barumsicha irratti mariʼachuuf si gargaara.

      Fakkiiwwan: Dubartii qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu ishiitiif qophaaʼaa jirtu. A. Fuula jalqabaa barumsichaa dubbisaa jirti. B. Caqasoota caqasaman Kitaaba Qulqulluu irraa dubbisaa jirti. C. Jechootaa fi gaaleewwan ijoo barumsicha keessatti argamanitti dibaa jirti.

      Kana beektaa?

      Dhugaa Baatonni Yihowaa hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu garaa garaatti ni fayyadamu. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun Hiikni Addunyaa Haaraa sirrii, ifaa fi maqaa Waaqayyootti kan fayyadamu waan taʼeef hiikkaa kanatti fayyadamuun isaan gammachiisa.—Mata duree jw.org irratti baʼee fi “Dhugaa Baatonni Yihowaa Macaafa Qulqulluu Mataasaanii Qabuu?” jedhu ilaali.

      NAMOONNI TOKKO TOKKO AKKANA JEDHU: “Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun baayʼee ulfaataa dha. Animmoo dubbisuuf yeroo ykn humna hin qabu.”

      • Atoo Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama?

      MAAL BARATTE?

      Kitaaba Qulqulluu irraa faayidaa guddaa argachuuf, dubbisuuf yeroo ramadi, wanta dubbistu hubachuuf kadhadhu, akkasumas qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu keetiif qophaaʼi.

      Irra Deebii

      • Kitaaba Qulqulluu irraa faayidaa guddaa argachuuf maaltu si gargaara?

      • Dhuunfaatti Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi qoʼachuuf yeroon ramadde yoomi?

      • Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu keetiif qophaaʼuun gaarii kan taʼe maaliifi?

      Galma

      QORANNOO DABALATAA GODHI

      Yaadawwan dubbisa Kitaaba Qulqulluu kee irraa caalaatti faayidaa argachuuf si gargaaran tokko tokko irratti mariʼadhaa.

      “Kitaaba Qulqulluu Dubbisuudhaan Faayidaa Argachuu” (Masaraa Eegumsaa Lakk. 1 2017)

      Karaawwan Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf gargaaran sadii baradhu.

      “Kitaabni Qulqulluun Na Gargaaruu kan Dandaʼu Akkamitti?—Kutaa 1: Kitaaba Qulqulluu Qoradhu” (Mata duree jw.org irratti baʼe)

      Dubbisa Kitaaba Qulqulluu gammachiisaa gochuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe hubadhu.

      “Kitaabni Qulqulluun Na Gargaaruu kan Dandaʼu Akkamitti?—Kutaa 2: Dubbisni Kitaaba Qulqulluu Kee Gammachiisaa Akka Taʼu Godhi” (Mata duree jw.org irratti baʼe)

      Namoota yeroo dheeraadhaaf Kitaaba Qulqulluu dubbisan irraa gorsawwan qoʼachuuf gargaaran tokko tokko baradhu.

      Qoʼannaa Dhuunfaa Buʼa Qabeessa Taʼe (2:06)

  • Guddina Gochuu Kee Itti Fufi
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
    • 4. Michuu kee isa hunda irra caalu haasofsiisuu fi isa dhaggeeffachuu kee itti fufi

      Kadhannaanii fi Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun michuu Yihowaa akka taatu si gargaaraniiru. Maarree wantoonni kun caalaatti Yihowaatti dhihaachuuf kan si gargaaran akkamitti?

      Faarfannaa 62:8 dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

      • Michummaa Yihowaa wajjin qabdu cimsachuuf qabiyyee kadhannaa kee fooyyessuu kan dandeessu akkamitti?

      Faarfannaa 1:2 fi miiljalee isaa dubbisaa, achiis gaaffii kana irratti mariʼadhaa:

      • Michummaa Yihowaa wajjin qabdu cimsachuuf dubbisa Kitaaba Qulqulluu kee fooyyessuu kan dandeessu akkamitti?

      Qoʼannaa dhuunfaa kee irraa caalaatti fayyadamuu kan dandeessu akkamitti? Yaadawwan tokko tokko ilaaluuf, VIIDIYICHA taphachiisaa, achiis gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa.

      VIIDIYOO: Qoʼannaa Dhuunfaa Kee Fooyyessi (5:22)

      • Yaadawwan viidiyicha irratti ibsaman keessaa isa kam hojii irra oolchuu dandeessa?

      • Waaʼee maalii qoʼachuu barbaadda?

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi