-
Kitaaba Qulqulluu kan Dubbistu Maaliifi?Masaraa Eegumsaa (Sabaa)—2017 | Lakk. 1
-
-
MATA DUREE FUULA JALQABAA | ODEEFFANNOO DABALATAA ARGACHUU YKN KAFFALTII MALEE KITAABA QULQULLUU QOʼACHUU NI BARBAADDAA?
Kitaaba Qulqulluu kan Dubbistu Maaliifi?
“Kitaabni Qulqulluun hubachuuf baayʼee ulfaataa akka taʼettan yaada ture.”—Juuvii
“Kitaaba Qulqulluu dubbisuun akka nama nuffisiisu natti dhagaʼama ture.”—Kuwiinii
“Kitaabni Qulqulluun hammam akka furdatu yommuun ilaalu, kitaabicha dubbisuuf fedhiin dhabe.”—Ezekiyel
Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf yaaddee akka namoota olitti ibsamanitti waan sitti dhagaʼameef duubatti jettee beektaa? Namoonni hedduun waaʼee Kitaaba Qulqulluu dubbisuu yeroo yaadan isaan dhiphisa. Taʼus, Kitaabni Qulqulluun jireenya caalaatti nama gammachiisu jiraachuuf si gargaaruu akka dandaʼu yoo beekte hoo? Kana malees, malawwan dubbisa kee gammachiisaa gochuuf si gargaaran tokko tokko akka jiran yoo beekte hoo? Faayidaa Kitaabni Qulqulluun siif argamsiisu ilaaluuf fedhii ni qabaattaa?
Yaadawwan namoota Kitaaba Qulqulluu dubbisuu jalqabanii fi kana gochuun isaanii akka isaan kiise dubbatan tokko tokko ilaali.
Ezekiyel inni umurii jalqaba waggoota 20nii keessatti argamu akkana jedheera: “Kanaan dura, ani akka nama bakka dhaqu utuu hin beekin konkolaataa oofuun ture. Kitaaba Qulqulluu dubbisuun koo garuu jireenya kaayyoo qabu akkan jiraadhu na gargaareera. Kitaabichi gorsa gaarii ani guyyaa guyyaadhaan itti fayyadamuu dandaʼu qabateera.”
Fireedaan ishiin umurii waggoota 20nii keessatti argamtus akkana jetteetti: “Kanaan dura nan ariifadhan ture. Taʼus, Kitaaba Qulqulluu dubbisuu kootiin, of toʼachuu baradheera. Kun namootaa wajjin salphaatti walii galuuf waan na gargaareef, amma michoota hedduun qaba.”
Dubartiin umurii waggoota 50nii keessatti argamtuu fi Yuunis jedhamtu tokko Kitaaba Qulqulluu ilaalchisee, “Caalaatti nama gaarii akkan taʼuu fi amala koo isa gaarii hin taane jijjiiruuf na gargaaraa jira” jetteetti.
Akkuma namoonni kunii fi namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman kan biraan hubatanitti, Kitaaba Qulqulluu dubbisuun jireenya caalaatti gammachiisaa taʼe akka jiraattu si gargaaruu dandaʼa. (Isaayaas 48:17, 18) Kitaabichi, (1) murtoo gaarii gochuu, (2) michoota dhugaa argachuu, (3) dhiphina dandamachuu fi (4) hunda caalaa immoo waaʼee Waaqayyoo dhugaa isaa barachuu dabalatee, karaa kan biraa hedduutiin si gargaaruu dandaʼa. Gorsi Kitaaba Qulqulluu Waaqayyo biraa kan dhufe waan taʼeef, gorsa kana hordofuu keetti matumaa hin dogoggortu. Waaqayyo matumaa gorsa gaarii hin taane hin kennu.
Wanti barbaachisaa taʼe kitaabicha dubbisuu jalqabuu dha. Yaadawwan dubbisuu jalqabuun akka salphatuu fi caalaatti kan nama gammachiisu akka taʼu gochuuf gargaaran kam faʼi?
-
-
Dubbisuu Jalqabuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?Masaraa Eegumsaa (Sabaa)—2017 | Lakk. 1
-
-
MATA DUREE FUULA JALQABAA | ODEEFFANNOO DABALATAA ARGACHUU YKN KAFFALTII MALEE KITAABA QULQULLUU QOʼACHUU NI BARBAADDAA?
Dubbisuu Jalqabuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
Kitaaba Qulqulluu dubbisuudhaan gammaduu fi wanta dubbistu irraa faayidaa guddaa argachuuf mala akkamiitu si gargaara? Malawwan namoota hedduu gargaaran shan ilaali.
Naannoo mijataa qopheeffadhu. Naannoo tasgabbii qabu argachuuf yaali. Wanta dubbistu irratti xiyyeeffachuu akka dandeessuuf wantoota yaada namaa hihhiran irraa fagaadhu. Ifni gaʼaanii fi qilleensi qulqulluun dubbisa kee irraa fayyadaa guddaa argachuuf si gargaaruu dandaʼu.
Ilaalcha sirrii qabaadhu. Kitaabni Qulqulluun Abbaa keenya isa samii biraa kan argame waan taʼeef, ilaalcha mucaan warra isaa jaalala qabeeyyii taʼan irraa barachuuf qophaaʼaa taʼe tokko qabuu wajjin wal fakkaatu yoo qabaatte caalaatti fayyadaa argatta. Kitaaba Qulqulluu ilaalchisee yaada sirrii hin taane yoo qabaatte, Waaqayyo akka si barsiisuuf yaadawwan akkasii of irraa fageessuuf yaali.—Faarfannaa 25:4.
Dubbisuu kee dura kadhadhu. Kitaabni Qulqulluun yaada Waaqayyoo kan qabate waan taʼeef, yaada isaa hubachuuf gargaarsa isaa argachuun keenya barbaachisaa dha. Waaqayyo, “warra isa kadhataniif . . . hafuura qulqulluu” akka kennu waadaa galeera. (Luqaas 11:13) Hafuurri qulqulluun yaada Waaqayyoo akka hubattu si gargaaruu dandaʼa. Yeroo booda immoo, “wantoota Waaqayyoo warra gad fagoo taʼan illee” akka hubattuuf sammuu kee siif bana.—1 Qorontos 2:10.
Yaada isaa hubachuuf dubbisi. Dubbistee xumuruudhaaf qofa hin dubbisin. Wanta dubbisaa jirtu irratti yaadi. Gaaffiiwwan akka armaan gadii jiran of gaafadhu: ‘Namni ani waaʼee isaa dubbisu kun amalawwan akkamii akka qabun hubadhe? Ani amala kana jireenya koo keessatti akkamittan argisiisuu dandaʼa?’
Galma ifa taʼe qabaadhu. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu kee irraa buʼaa argachuu akka dandeessuuf, yaada jireenya kee siif fooyyessu tokko argachuuf galma baafadhu. Galmawwan akka armaan gadii jiran baafachuu dandeessa: ‘Waaʼee Waaqayyoo caalaatti beekuun barbaada.’ ‘Nama gaarii, abbaa manaa ykn haadha manaa gaarii taʼuun barbaada.’ Achiis kutaawwan Kitaaba Qulqulluu galma kana irra gaʼuuf si gargaaran filadhu.a
Malawwan shanan kun dubbisuu jalqabuuf si gargaaru. Haa taʼu malee, dubbisa kee caalaatti gammachiisaa gochuu kan dandeessu akkamitti? Mata dureen itti aanu yaadawwan tokko tokko qabateera.
a Kutaawwan Kitaaba Qulqulluu gama kanaan caalaatti si gargaaran kamfaa akka taʼan mirkanaaʼaa yoo taʼuu baatte, Dhugaa Baatonni Yihowaa gammachuudhaan si gargaaru.
-
-
Dubbisa Kee Gammachiisaa kan Siif Godhu Maali Dha?Masaraa Eegumsaa (Sabaa)—2017 | Lakk. 1
-
-
MATA DUREE FUULA JALQABAA | ODEEFFANNOO DABALATAA ARGACHUU YKN KAFFALTII MALEE KITAABA QULQULLUU QOʼACHUU NI BARBAADDAA?
Dubbisa Kee Gammachiisaa kan Siif Godhu Maali Dha?
Kitaaba Qulqulluu dubbisuun si nuffisiisa moo si gammachiisa? Kun irra caalaan isaa akkaataa itti dubbistu irratti kan hundaaʼe dha. Mee fedhii dubbisuuf qabdu guddisuu fi caalaatti itti gammaduuf wanta gochuu dandeessu haa ilaallu.
Hiika amansiisaa fi ammayyaa taʼe filadhu. Kitaaba jechoota rakkisoo taʼan ykn jechoota yeroon itti darbee fi ati hin beekne hedduu qabu yoo dubbiste, kitaabicha dubbisuun si hin gammachiisu. Kanaafuu, Kitaaba Qulqulluu jechoota hubachuuf salphaa taʼanii fi garaa kee tuqanitti fayyadamu argachuuf yaali. Taʼus, kitaabichi of eeggannoodhaanii fi sirriitti kan hiikame taʼuu qaba.
Teknoolojii ammayyaatti fayyadami. Yeroo ammaatti Kitaabni Qulqulluun bifa kitaaba maxxanfameen qofa utuu hin taʼin, meeshaa elektirooniksiitiinis ni argama. Kitaabota Qulqulluu tokko tokko dhuunfaatti dubbisuuf kompiitara, taableetii ykn bilbila irratti intarneetii irraa dubbisuun ykn garagalfachuun ni dandaʼamaa. Hiikkaawwan tokko tokko immoo, malawwan dabalataa mataduree wal fakkaatu jalatti caqasawwan Kitaaba Qulqulluu kan biraa ykn hiikkaawwan kan biraa hedduu illee atattamaan wal bira qabanii ilaaluuf gargaaran qabu. Dubbisuu mannaa dhaggeeffachuu kan filattu yoo taʼe, Kitaabni Qulqulluun sagaleedhaan waraabames ni argama. Namoonni hedduun yommuu geejjibatti fayyadaman, uffata miican ykn sochiiwwan dhaggeeffachuuf isaan dandeessu kan biraa irratti hirmaatan dhaggeeffachuu jaallatu. Atoo mala siif taʼu tokko maaliif hin yaaltu?
Meeshaawwan qoʼachuuf gargaaranitti fayyadami. Meeshaawwan Kitaaba Qulqulluu qoʼachuuf gargaaran, dubbisa kee irraa faayidaa dabalataa hedduu akka argattu si gargaaruu dandaʼu. Fakkeenyaaf, kaartaawwan biyyoota Kitaaba Qulqulluu keessatti caqasaman argisiisan jiru; kaartaawwan kun biyyoonni yeroo dubbistu si mudatan eessatti akka argaman beekuu fi seenaa isaa sirriitti hubachuuf si gargaaru. Mata dureewwan kan akka barruu kanaa irra jiran ykn weebsaayitii jw.org/om irratti kutaa, “Barumsawwan Kitaaba Qulqulluu” jedhu jalatti argaman, hiika yaadawwan Kitaaba Qulqulluu hedduu qoruuf si gargaaru.
Akkaataa itti dubbistu jijijjiiri. Kitaaba Qulqulluu, jalqabaa kaastee hamma dhumaatti dubbisuun nuffisiisaa yoo sitti taʼe, kutaa keessumaa xiyyeeffannaa kee harkisu tokko irraa jalqabuudhaan fedhii dubbisuuf qabdu maaliif hin kakaastu? Waaʼee namoota beekamoo Kitaaba Qulqulluu keessatti caqasamanii beekuu yoo barbaadde, kutaawwan seenaa namootaa ibsan dubbisuuf yaalii godhi. Malli dubbisuuf gargaaru saanduqa, “Namoota Achi Keessatti Ibsaman Beekuudhaan Kitaabicha Qoradhu” jedhu keessatti ibsameera. Tarii immoo Kitaaba Qulqulluu mata dureedhaan ykn seenaawwan duraa duuba yerootiin raawwatamaniin dubbisuu barbaadda taʼa. Malawwan kana keessaa isa tokko maaliif hin yaaltu?
Namoonni hedduun Kitaabni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa sirrii, amansiisaa fi dubbisuuf baayʼee salphaa akka taʼe hubataniiru. Kitaabni Qulqulluun Dhugaa Baatonni Yihowaa qopheessan kun afaanota 130 oliin ni argama. Kitaaba kana weebsaayitii jw.org/om irraa buufachuu ykn appilikeeshinii JW Library jedhamu buufachuu dandeessa. Yoo barbaadde immoo, Dhugaa Baatonni Yihowaa kitaaba kana koppii tokko mana keetti sii fiduu dandaʼu.
Wantoota kana keessaa tokko tokko Ingiliffaa fi Amaariffaan argamu
-
-
Kitaabni Qulqulluun Jireenya Koo kan Fooyyessu Akkamitti?Masaraa Eegumsaa (Sabaa)—2017 | Lakk. 1
-
-
MATA DUREE FUULA JALQABAA | ODEEFFANNOO DABALATAA ARGACHUU YKN KAFFALTII MALEE KITAABA QULQULLUU QOʼACHUU NI BARBAADDAA?
Kitaabni Qulqulluun Jireenya Koo kan Fooyyessu Akkamitti?
Kitaabni Qulqulluun kitaabota kaan irraa adda dha. Gorsa Uumaa keenyaa qabateera. (2 Ximotewos 3:16) Ergaan isaa nu irratti dhiibbaa guddaa geessisuu dandaʼa. Kitaabni Qulqulluun iyyuu, “Dubbiin Waaqayyoo jiraataa fi humna qabeessa dha” jedha. (Ibroota 4:12) Kitaabichi karaawwan guguddaa lamaan jireenya keenya fooyyessuuf humna qaba; tokkoffaa, yeroo ammaatti jireenya keenyaaf qajeelfama nuu kenna; lammaffaa immoo Waaqayyoon, akkasumas abdiiwwan isaa akka beeknu nu gargaara.—1 Ximotewos 4:8; Yaaqoob 4:8.
Yeroo ammaatti jireenya kee sii fooyyessa. Kitaabni Qulqulluun dhimma dhuunfaa irratti si gargaaruu dandaʼa. Dhimmawwan armaan gadii irratti gorsa gaarii siif kenna:
Walitti dhufeenya warra kaanii wajjin qabdu irratti. —Efesoon 4:31, 32; 5:22, 25, 28, 33.
Nageenya miiraa fi qaamaatiif. —Faarfannaa 37:8; Fakkeenya 17:22.
Amala gaarii qabaachuuf.—1 Qorontos 6:9, 10.
Gama dinagdeetiin.—Fakkeenya 10:4; 28:19; Efesoon 4:28.
Hiriyoonni gaaʼelaa dargaggoota taʼanii fi Eeshiyaatti argaman tokko gorsi Kitaaba Qulqulluu faayidaa guddaa akka qabu hubataniiru. Akkuma hiriyoota gaaʼelaa haaraa taʼan kaanii, isaanis amala walii isaanii wajjin sirreeffama gochuunii fi ifatti waliin mariʼachuun isaan rakkisa ture. Taʼus, wanta Kitaaba Qulqulluu irraa dubbisan hojii irra oolchuu jalqaban. Buʼaa akkamii argatan? Viisent akkana jedheera: “Wantin Kitaaba Qulqulluu irraa dubbise, rakkoowwan gaaʼela keenya keessatti na mudatan jaalalaan hiikuuf na gargaareera. Akka Kitaabni Qulqulluun jedhutti jiraachuun keenya jireenya gammachuu qabu nuuf argamsiiseera.” Haati manaa isaa Anaaluunis yaada kana irratti walii galuudhaan, “Fakkeenyawwan Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman dubbisuun keenya nu gargaareera. Amma gaaʼela keenyatti, akkasumas galmawwan baafannetti nana gammada” jetteetti.
Waaqayyoon beekuu. Viisent yaada gaaʼela isaa ilaalchisee kenneen alattis, “Kitaaba Qulqulluu dubbisuudhaan, yeroo kam iyyuu caalaa amma caalaatti Yihowaatti akkan dhihaadhe natti dhagaʼama” jedheera. Yaanni Viisent kenne wanta barbaachisaa taʼe tokko irratti kan xiyyeeffate siʼa taʼu, innis Kitaabni Qulqulluun Waaqayyoon beekuuf si gargaaruu akka dandaʼu kan argisiisu dha. Akkana gochuudhaan gorsa isaa irraa faayidaa argachuu qofa utuu hin taʼin, akka michuu keetti isa beekuu akka dandeessus ni hubatta. Wanta gaarii gara fuulduraatti argamu, jechuunis yeroo “jireenya isa dhugaa” isa bara baraaf itti fufu itti argachuu dandeessu ilaalchisee wantoota hedduu akka ibse hubatta. (1 Ximotewos 6:19) Kitaabni abdii akkanaa kennuu dandaʼu kan biraan hin jiru.
Kitaaba Qulqulluu dubbisuu yoo jalqabdee fi dubbisuu kee yoo itti fufte atis faayidaawwan kana argachuu, jechuunis jireenya kee fooyyessuu fi Waaqayyoon beekuu ni dandeessa. Haa taʼu malee, Kitaaba Qulqulluu yommuu dubbistu gaaffii hedduun sitti uumamuun isaa hin oolu. Gaaffiiwwan yommuu sitti uumaman, fakkeenya gaarii abbaa taayitaa Itoophiyaa waggoota 2,000 dura jiraate tokkoo yaadadhu. Namichi kun Kitaaba Qulqulluu ilaalchisee gaaffiiwwan hedduu qaba ture. Wanta dubbisaa jiru kan hubate taʼuu isaa yommuu gaafatametti, “Namni na barsiisu utuu hin jiraatin akkamittan hubachuu dandaʼa?” jedhee deebiseera. Achiis gargaarsa Filiphoos inni barsiisaa Kitaaba Qulqulluu gaʼumsa qabuu fi barataa Yesuus ture isaaf kenne gammachuudhaan fudhateera. (Hojii Ergamootaa 8:30, 31, 34) Atis miiruma akkanaa qabaachuudhaan, waaʼee Kitaaba Qulqulluu caalaatti beekuu yoo barbaadde, weebsaayitii www.jw.org/om jedhamutti fayyadamtee gaaffii kee akka ergitu ykn teessoowwan barruu kana irratti argaman keessaa isa sitti dhihaatutti akka barreessitu si afeerra. Kana malees, Dhugaa Baatota Yihowaa sitti dhihoo jiran mariisisuu ykn Galma Mootummaa naannoo keetti argamu dhaquu dandeessa. Kitaaba Qulqulluu harʼuma dubbisuu jalqabuudhaan, jireenya fooyyaʼaatti akka si qajeelchu maaliif hin heyyamtu?
Guutummaatti Kitaaba Qulqulluutti amanuu ilaalchisee shakkii yoo qabaatte viidiyoo gabaabaa, Kitaabni Qulqulluun Dhugaa Taʼuu Isaa Akkamitti Beekna? jedhu akka ilaaltu si afeerra. Koodicha dubbisiisuudhaan ykn weebsaayitii jw.org/om irraa WANTOOTA QOPHAAʼAN > VIIDIYOO > KITAABA QULQULLUU jalaa viidiyoo kana argachuu dandeessa
Mata duree maxxansa kana keessatti argamuu fi “Kun Hubannaa Dogoggoraa Xinnoo Taʼe Qofa Dhaa?” jedhus ilaali.
-