LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp17 Lakk. 1 ful. 3
  • Kitaaba Qulqulluu kan Dubbistu Maaliifi?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kitaaba Qulqulluu kan Dubbistu Maaliifi?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Kitaaba Qulqulluu Dubbisuudhaan Faayidaa Guddaa Argachuu kan Dandeessu Akkamitti?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Dubbisuuf Carraaqqii Godhi
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Ijoolleen Dubbisuun Isaanii Barbaachisaa kan Taʼe Maaliifi?—Kutaa 1: Dubbisuu moo Ilaaluu?
    Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu
  • Dubbisuu Jalqabuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
wp17 Lakk. 1 ful. 3
Dubartiin tokko Kitaaba Qulqulluu sheelfii irraa yeroo fudhattu

MATA DUREE FUULA JALQABAA | ODEEFFANNOO DABALATAA ARGACHUU YKN KAFFALTII MALEE KITAABA QULQULLUU QOʼACHUU NI BARBAADDAA?

Kitaaba Qulqulluu kan Dubbistu Maaliifi?

“Kitaabni Qulqulluun hubachuuf baayʼee ulfaataa akka taʼettan yaada ture.”—Juuvii

“Kitaaba Qulqulluu dubbisuun akka nama nuffisiisu natti dhagaʼama ture.”—Kuwiinii

“Kitaabni Qulqulluun hammam akka furdatu yommuun ilaalu, kitaabicha dubbisuuf fedhiin dhabe.”—Ezekiyel

Kitaaba Qulqulluu dubbisuuf yaaddee akka namoota olitti ibsamanitti waan sitti dhagaʼameef duubatti jettee beektaa? Namoonni hedduun waaʼee Kitaaba Qulqulluu dubbisuu yeroo yaadan isaan dhiphisa. Taʼus, Kitaabni Qulqulluun jireenya caalaatti nama gammachiisu jiraachuuf si gargaaruu akka dandaʼu yoo beekte hoo? Kana malees, malawwan dubbisa kee gammachiisaa gochuuf si gargaaran tokko tokko akka jiran yoo beekte hoo? Faayidaa Kitaabni Qulqulluun siif argamsiisu ilaaluuf fedhii ni qabaattaa?

Yaadawwan namoota Kitaaba Qulqulluu dubbisuu jalqabanii fi kana gochuun isaanii akka isaan kiise dubbatan tokko tokko ilaali.

Ezekiyel inni umurii jalqaba waggoota 20⁠nii keessatti argamu akkana jedheera: “Kanaan dura, ani akka nama bakka dhaqu utuu hin beekin konkolaataa oofuun ture. Kitaaba Qulqulluu dubbisuun koo garuu jireenya kaayyoo qabu akkan jiraadhu na gargaareera. Kitaabichi gorsa gaarii ani guyyaa guyyaadhaan itti fayyadamuu dandaʼu qabateera.”

Fireedaan ishiin umurii waggoota 20⁠nii keessatti argamtus akkana jetteetti: “Kanaan dura nan ariifadhan ture. Taʼus, Kitaaba Qulqulluu dubbisuu kootiin, of toʼachuu baradheera. Kun namootaa wajjin salphaatti walii galuuf waan na gargaareef, amma michoota hedduun qaba.”

Dubartiin umurii waggoota 50⁠nii keessatti argamtuu fi Yuunis jedhamtu tokko Kitaaba Qulqulluu ilaalchisee, “Caalaatti nama gaarii akkan taʼuu fi amala koo isa gaarii hin taane jijjiiruuf na gargaaraa jira” jetteetti.

Akkuma namoonni kunii fi namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman kan biraan hubatanitti, Kitaaba Qulqulluu dubbisuun jireenya caalaatti gammachiisaa taʼe akka jiraattu si gargaaruu dandaʼa. (Isaayaas 48:17, 18) Kitaabichi, (1) murtoo gaarii gochuu, (2) michoota dhugaa argachuu, (3) dhiphina dandamachuu fi (4) hunda caalaa immoo waaʼee Waaqayyoo dhugaa isaa barachuu dabalatee, karaa kan biraa hedduutiin si gargaaruu dandaʼa. Gorsi Kitaaba Qulqulluu Waaqayyo biraa kan dhufe waan taʼeef, gorsa kana hordofuu keetti matumaa hin dogoggortu. Waaqayyo matumaa gorsa gaarii hin taane hin kennu.

Wanti barbaachisaa taʼe kitaabicha dubbisuu jalqabuu dha. Yaadawwan dubbisuu jalqabuun akka salphatuu fi caalaatti kan nama gammachiisu akka taʼu gochuuf gargaaran kam faʼi?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi