LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp17 Lakk. 1 ful. 4
  • Dubbisuu Jalqabuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dubbisuu Jalqabuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Kitaaba Qulqulluu Dubbisuudhaan Faayidaa Guddaa Argachuu kan Dandeessu Akkamitti?
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Dubbisuuf Carraaqqii Godhi
    Mana Barumsaa Tajaajila Ti’ookraasiirraa Fayyadami
  • Ijoolleen Dubbisuun Isaanii Barbaachisaa kan Taʼe Maaliifi?—Kutaa 1: Dubbisuu moo Ilaaluu?
    Gargaarsa Maatiidhaaf Taʼu
  • Kitaabni Qulqulluun Na Gargaaruu kan Dandaʼu Akkamitti?—Kutaa 3: Dubbisa Kitaaba Qulqulluu Kee Irraa Caalaatti Faayidaa Argadhu
    Gaaffii Dargaggootaa
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2017
wp17 Lakk. 1 ful. 4

MATA DUREE FUULA JALQABAA | ODEEFFANNOO DABALATAA ARGACHUU YKN KAFFALTII MALEE KITAABA QULQULLUU QOʼACHUU NI BARBAADDAA?

Dubbisuu Jalqabuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Dubartiin tokko Kitaaba Qulqulluu dubbisuu ishii dura yommuu kadhattu

Kitaaba Qulqulluu dubbisuudhaan gammaduu fi wanta dubbistu irraa faayidaa guddaa argachuuf mala akkamiitu si gargaara? Malawwan namoota hedduu gargaaran shan ilaali.

Naannoo mijataa qopheeffadhu. Naannoo tasgabbii qabu argachuuf yaali. Wanta dubbistu irratti xiyyeeffachuu akka dandeessuuf wantoota yaada namaa hihhiran irraa fagaadhu. Ifni gaʼaanii fi qilleensi qulqulluun dubbisa kee irraa fayyadaa guddaa argachuuf si gargaaruu dandaʼu.

Ilaalcha sirrii qabaadhu. Kitaabni Qulqulluun Abbaa keenya isa samii biraa kan argame waan taʼeef, ilaalcha mucaan warra isaa jaalala qabeeyyii taʼan irraa barachuuf qophaaʼaa taʼe tokko qabuu wajjin wal fakkaatu yoo qabaatte caalaatti fayyadaa argatta. Kitaaba Qulqulluu ilaalchisee yaada sirrii hin taane yoo qabaatte, Waaqayyo akka si barsiisuuf yaadawwan akkasii of irraa fageessuuf yaali.—Faarfannaa 25:4.

Dubbisuu kee dura kadhadhu. Kitaabni Qulqulluun yaada Waaqayyoo kan qabate waan taʼeef, yaada isaa hubachuuf gargaarsa isaa argachuun keenya barbaachisaa dha. Waaqayyo, “warra isa kadhataniif . . . hafuura qulqulluu” akka kennu waadaa galeera. (Luqaas 11:13) Hafuurri qulqulluun yaada Waaqayyoo akka hubattu si gargaaruu dandaʼa. Yeroo booda immoo, “wantoota Waaqayyoo warra gad fagoo taʼan illee” akka hubattuuf sammuu kee siif bana.—1 Qorontos 2:10.

Yaada isaa hubachuuf dubbisi. Dubbistee xumuruudhaaf qofa hin dubbisin. Wanta dubbisaa jirtu irratti yaadi. Gaaffiiwwan akka armaan gadii jiran of gaafadhu: ‘Namni ani waaʼee isaa dubbisu kun amalawwan akkamii akka qabun hubadhe? Ani amala kana jireenya koo keessatti akkamittan argisiisuu dandaʼa?’

Galma ifa taʼe qabaadhu. Dubbisa Kitaaba Qulqulluu kee irraa buʼaa argachuu akka dandeessuuf, yaada jireenya kee siif fooyyessu tokko argachuuf galma baafadhu. Galmawwan akka armaan gadii jiran baafachuu dandeessa: ‘Waaʼee Waaqayyoo caalaatti beekuun barbaada.’ ‘Nama gaarii, abbaa manaa ykn haadha manaa gaarii taʼuun barbaada.’ Achiis kutaawwan Kitaaba Qulqulluu galma kana irra gaʼuuf si gargaaran filadhu.a

Malawwan shanan kun dubbisuu jalqabuuf si gargaaru. Haa taʼu malee, dubbisa kee caalaatti gammachiisaa gochuu kan dandeessu akkamitti? Mata dureen itti aanu yaadawwan tokko tokko qabateera.

a Kutaawwan Kitaaba Qulqulluu gama kanaan caalaatti si gargaaran kamfaa akka taʼan mirkanaaʼaa yoo taʼuu baatte, Dhugaa Baatonni Yihowaa gammachuudhaan si gargaaru.

DUBBISA KEE IRRAA CAALAATTI FAAYIDAA ARGADHU

  • Yeroo ramadi; hin ariifatin

  • Wanta dubbistu yaadaan ilaali

  • Wanti dubbistu yaada naannoo isaa jiruu wajjin akkamitti akka wal simu hubachuuf yaali

  • Wanta dubbistu irraa barumsa argachuuf yaali

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi