Lakkoofsa
27 Achiis maatiiwwan Minaasee isa ilma Yoseef taʼe keessaa, ijoolleen durbaa Zelofehaad+ isa ilma Hefeer, ilma Giiliyaad, ilma Maakiir, ilma Minaasee taʼe sanaa ni dhihaatan. Maqaan ijoollee durbaa isaa Maahlaa, Noh, Hoglaa, Miilkaa fi Tirzaa ture. 2 Isaanis balbala dunkaana walgaʼii irratti Musee, Eleʼazaar lubicha, ajajjootaa+ fi guutummaa yaaʼichaa dura dhaabbatanii akkana jedhan: 3 “Abbaan keenya lafa onaa keessatti duʼe; inni cubbuu ofii isaatiin duʼe malee, deggertoota Qoraa+ warra gareedhaan gurmaaʼanii Yihowaa morman sana keessaa tokko hin turre; ijoollee dhiiraas hin qabu ture. 4 Inni ilma waan hin qabneef, maqaan abbaa keenyaa maatii isaa keessaa maaliif bada ree? Obboloota abbaa keenyaa gidduutti dhaala nuuf kennaa.” 5 Kanaafuu, Museen dhimma isaanii Yihowaa duratti dhiheesse.+
6 Yihowaanis Museedhaan akkana jedhe: 7 “Ijoolleen durbaa Zelofehaad sirrii dha. Obboloota abbaa isaanii gidduutti dhaala isaaniif kennuu fi dhaala abbaa isaanii gara isaaniitti naannessuu qabda.+ 8 Akkana jedhii Israaʼelotatti himi: ‘Namni tokko ilma utuu hin qabaatin yoo duʼe, dhaalli isaa gara intala isaatti akka darbu godhaa. 9 Inni intala hin qabu taanaan, dhaala isaa obboloota isaatiif kennitu. 10 Obboloota hin qabu taanaan, dhaala isaa obboloota abbaa isaatiif kennitu. 11 Abbaan isaa obboloota hin qabu taanaan immoo, dhaala isaa maatii isaa keessaa nama fira dhihoo taʼeef ni kennitu; namni sunis dhaala sana ni fudhata. Akkuma Yihowaan Musee ajajetti, heerri kun Israaʼelotaaf dambii taʼee ni tajaajila.’”
12 Achiis Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Gaara Abaariim+ kanatti ol baʼiitii, biyya ani Israaʼelotaaf kennu ilaali.+ 13 Atis biyyattii erga argitee booda akkuma obboleessa kee Aaron+ gara saba keetti walitti ni qabamta;*+ 14 sababiin isaas, yeroo yaaʼichi lafa onaa Ziin keessatti ana lolaa turetti, yommuun bishaan isiniif kennetti isin dambii koo irratti finciltaniittu; yaaʼicha durattis ana hin qulqulleessine.+ Kun bishaan Mariibaa+ isa Qaadeesh+ ishii lafa onaa Ziin+ keessatti argamtu keessa jiru dha.”
15 Achiis Museen Yihowaadhaan akkana jedhe: 16 “Yihowaan inni Waaqa hafuura nama* hundumaa taʼe yaaʼicha irratti nama tokko haa muudu; 17 yaaʼiin Yihowaa akka hoolota tiksee hin qabnee akka hin taaneef, inni isaan duratti gad ni baʼa, olis ni seena, akkasumas isaan geggeessuudhaan gad isaan ni baasa, olis isaan ni galcha.” 18 Kanaafuu, Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Iyyaasuu ilma Nuun isa hafuurri irra jiru sana fuudhiitii harka kee isa irra kaaʼi.+ 19 Achiis Eleʼazaar lubichaa fi guutummaa yaaʼichaa dura isa dhaabbachiisi; isaan durattis isa muudi.+ 20 Guutummaan yaaʼii Israaʼel akka isa dhagaʼuuf,+ aangoo* kee irraa muraasa isaaf kenni.+ 21 Innis Eleʼazaar lubicha isa Uuriimiitti fayyadamee murtii Yihowaa isaaf gaafatu dura ni dhaabbata.+ Innii fi Israaʼelonni isaa wajjin jiran, akkasumas guutummaan yaaʼichaa ajaja isaatiin gad ni baʼu, ajaja isaatiinis ol ni seenu.”
22 Kanaafuu, Museen akkuma Yihowaan isa ajaje ni godhe. Iyyaasuu fuudhee Eleʼazaar lubichaa fi guutummaa yaaʼichaa dura ni dhaabbachiise; 23 akkuma Yihowaan karaa Musee dubbatettis,+ harka isaa isa irra kaaʼee isa ni muude.+