LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Lakkoofsa 20:24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 “Aaron gara saba isaatti walitti ni qabama.*+ Lamaan keessan iyyuu ajaja koo isan bishaan Mariibaa ilaalchisee kenne irratti waan finciltaniif, inni gara biyya ani Israaʼelotaaf kennutti hin galu.+

  • Lakkoofsa 20:28
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 28 Achiis Museen uffata Aaron isa irraa baasee ilma isaa Eleʼazaaritti uwwise. Sana booda Aaron fiixee gaarichaa irratti ni duʼe.+ Musee fi Eleʼazaaris gaaricha irraa gad ni buʼan.

  • Lakkoofsa 33:38
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 38 Achiis Israaʼelonni biyya Gibxii keessaa baʼanii waggaa 40ffaa isaatti, waggicha keessaa jiʼa shanaffaatti, jiʼicha keessaa immoo guyyaa jalqabaatti Aaron lubichi ajaja Yihowaatiin Gaara Hooritti ol baʼee achitti ni duʼe.+

  • Keessa Deebii 10:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 “Achiis Israa’elonni Beʼeerot Benee Yaʼaaqaan irraa kaʼanii gara Moseraa dhaqan. Aaron achitti duʼee awwaalame;+ ilmi isaa Eleʼazaaris bakka isaa luba taʼee tajaajiluu jalqabe.+

  • Keessa Deebii 32:50
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 50 Akkuma obboleessi kee Aaron Gaara Hoor irratti duʼee+ gara saba isaatti walitti qabame, atis gaara itti ol baʼuuf jettu kana irratti duutee gara saba keetti walitti qabamta;*

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi