7 Namni Yihowaatti amanamu,
Yihowaa kan abdatus eebbifamaa dha.+
8 Inni akkuma muka bishaan bira dhaabamee,
Hiddawwan isaa gara lagaatti erguu ni taʼa.
Yeroo hoʼi dhufu illee itti hin dhagaʼamu,
Kanaa mannaa, baalli isaa yeroo hunda ni lalisa.+
Bara ongeetti hin yaaddaʼu,
Firii godhachuu isaas hin dhiisu.