-
Keessa Deebii 12:1Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 “Yeroo biyya Waaqni abbootii keessanii Yihowaan akka dhaaltaniif isiniif kennu keessa jiraattan hundumaatti dambiiwwanii fi heerawwan isin of eeggannoodhaan raawwachuu qabdan kanneen kana dha.
-
-
Keessa Deebii 17:18, 19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Teessoo mootummaa isaa irra yommuu taaʼutti, garagalchii Seerichaa isa Leewwota luboota taʼan irraa fudhatame+ kana ofii isaatiif kitaaba* irratti haa garagalfatu.
19 “Innis isa bira haa taaʼu; Waaqa isaa Yihowaa sodaachuu akka baratuuf, akkasumas dubbii Seeraa fi dambiiwwan kana hundumaa raawwachuudhaan akka isaan eeguuf+ bara jireenyaa isaa hundumaatti isa irraa haa dubbisu.+
-
-
1 Mootota 2:3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Daandiiwwan isaa irra deemuudhaan, dambiiwwan isaa, ajajawwan isaa, murtiiwwan isaa fi yaadachiisawwan isaa warra Seera Musee keessatti barreeffaman eeguudhaan, dirqama Waaqa kee Yihowaa duratti qabdu raawwadhu;+ kana yoo goote wanta gootu hundaanis taʼe bakka deemtu hundatti milkaaʼina ni argatta.*
-