LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 12:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 12 “Yeroo biyya Waaqni abbootii keessanii Yihowaan akka dhaaltaniif isiniif kennu keessa jiraattan hundumaatti dambiiwwanii fi heerawwan isin of eeggannoodhaan raawwachuu qabdan kanneen kana dha.

  • Keessa Deebii 17:18, 19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Teessoo mootummaa isaa irra yommuu taaʼutti, garagalchii Seerichaa isa Leewwota luboota taʼan irraa fudhatame+ kana ofii isaatiif kitaaba* irratti haa garagalfatu.

      19 “Innis isa bira haa taaʼu; Waaqa isaa Yihowaa sodaachuu akka baratuuf, akkasumas dubbii Seeraa fi dambiiwwan kana hundumaa raawwachuudhaan akka isaan eeguuf+ bara jireenyaa isaa hundumaatti isa irraa haa dubbisu.+

  • Iyyaasuu 1:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 8 Wanta achi keessatti barreeffame hundumaa of eeggannoodhaan akka eegduuf,+ kitaabni Seeraa kun afaan kee keessaa hin dhabamin;+ halkanii fi guyyaas sagalee kee gad qabii isa dubbisi;* akkana yoo goote, daandiin kee milkaaʼina ni argata, ogummaadhaanis ni deddeebita.+

  • 1 Mootota 2:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 Daandiiwwan isaa irra deemuudhaan, dambiiwwan isaa, ajajawwan isaa, murtiiwwan isaa fi yaadachiisawwan isaa warra Seera Musee keessatti barreeffaman eeguudhaan, dirqama Waaqa kee Yihowaa duratti qabdu raawwadhu;+ kana yoo goote wanta gootu hundaanis taʼe bakka deemtu hundatti milkaaʼina ni argatta.*

  • 1 Seenaa Baraa 28:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 7 Akkuma inni amma gochaa jiru, ajajawwan koo fi heerawwan+ koo kutannoodhaan yoo eege, ani bara baraaf mootummaa isaa jabeessee nan dhaaba.’+

  • Faarfannaa 19:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  8 Qajeelfamni Yihowaa qajeelaa dha, garaa namaa gammachiisa;+

      Ajajni Yihowaa qulqulluu dha, ija namaa ibsa.+

  • Faarfannaa 19:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Tajaajilaan kee isaan irraa akeekkachiisa argata;+

      Isaaniin eeguunis badhaasa guddaa argamsiisa.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi