LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 17:18, 19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Teessoo mootummaa isaa irra yommuu taaʼutti, garagalchii Seerichaa isa Leewwota luboota taʼan irraa fudhatame+ kana ofii isaatiif kitaaba* irratti haa garagalfatu.

      19 “Innis isa bira haa taaʼu; Waaqa isaa Yihowaa sodaachuu akka baratuuf, akkasumas dubbii Seeraa fi dambiiwwan kana hundumaa raawwachuudhaan akka isaan eeguuf+ bara jireenyaa isaa hundumaatti isa irraa haa dubbisu.+

  • Faarfannaa 1:1, 2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 1 Namni akka gorsa hamootaatti hin deddeebine,

      Daandii cubbamootaa irra hin dhaabbanne,+

      Teessuma qoostotaa irras hin teenye+ gammadaa dha.

       2 Kanaa mannaa inni seera Yihowaatti ni gammada,+

      Seera isaas halkanii fi guyyaa sagalee isaa gad qabee dubbisa.*+

  • 1 Ximotewos 4:15
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 15 Guddinni kee namoota hundumaatti ifatti akka mulʼatuuf, wantoota kana irratti xiinxali, xiyyeeffannaa guddaas isaaniif kenni.

  • Yaaqoob 1:25
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 Haa taʼu malee, namni seera mudaa hin qabne+ isa bilisummaa argamsiisu sana xiyyeeffannaadhaan ilaaluu fi hordofuu isaa itti fufu, isa dhagaʼee irraanfatu utuu hin taʼin, isa hojii irra oolchu dha; inni wanta raawwatetti ni gammada.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi