-
Keessa Deebii 17:18-20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Teessoo mootummaa isaa irra yommuu taaʼutti, garagalchii Seerichaa isa Leewwota luboota taʼan irraa fudhatame+ kana ofii isaatiif kitaaba* irratti haa garagalfatu.
19 “Innis isa bira haa taaʼu; Waaqa isaa Yihowaa sodaachuu akka baratuuf, akkasumas dubbii Seeraa fi dambiiwwan kana hundumaa raawwachuudhaan akka isaan eeguuf+ bara jireenyaa isaa hundumaatti isa irraa haa dubbisu.+ 20 Akkana yoo godhe garaan isaa obboloota isaa irratti hin boonu; ajaja sana irraas gara mirgaatti yookiin gara bitaatti hin goru; kun immoo, innis taʼe ilmaan isaa Israaʼel gidduutti mootummaa isaa irratti yeroo dheeraa akka turan ni godha.
-