-
Keessa Deebii 6:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 “Isin gara biyya dhaalaan fudhattanitti yommuu ceetan akka isaan eegdaniif, ajajawwan, dambiiwwanii fi heerawwan Waaqni keessan Yihowaan isin barsiisuuf kenne kanneen kana dha; 2 kunis ati, ijoolleen kee fi ijoolleen ijoollee keetii bara dheeraa akka jiraattaniif,+ bara jireenyaa keessan hundumaatti Waaqa keessan Yihowaa akka sodaattaniif, dambiiwwan isaa fi ajajawwan isaa warra ani isin ajaju hundumaas akka eegdaniifi.+
-