LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Yohaannis 10
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Yohaannis

      • Tiksichaa fi gola hoolotaa lama (1-21)

        • Yesuus tiksee gaarii dha (11-15)

        • ‘Ani hoolota kan biroo qaba’ (16)

      • Yihudoonni Ayyaana Haareffamuu irratti Yesuusii wajjin wal argan (22-39)

        • Yihudoonni hedduun Yesuusitti hin amanne (24-26)

        • “Hoolonni koo sagalee koo ni dhagaʼu” (27)

        • Ilmii fi Abbaan tokkummaa qabu (30, 38)

      • Namoonni Yordaanos gama jiran hedduun ni amanan (40-42)

Yohaannis 10:1

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 7:15

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 186

Yohaannis 10:2

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 26:31; Mar 14:27; Yoh 10:11

Yohaannis 10:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Luq 1:17; Yoh 3:28
  • +Yoh 10:27

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 186

Yohaannis 10:4

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    “Duuka Buutuu Koo Taʼi,” ful. 145-146

Yohaannis 10:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 14:6

Yohaannis 10:9

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 21:17

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 186

Yohaannis 10:10

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 7:15

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 186

Yohaannis 10:11

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +His 34:23; Mat 9:36
  • +1Sa 17:34, 35; Mat 20:28; Ibr 13:20

Yohaannis 10:14

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 10:27

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    “Duuka Buutuu Koo Taʼi,” ful. 11-12

    Masaraa Eegumsaa,

    5/15/2011, ful. 7-8

Yohaannis 10:15

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mat 11:27
  • +Mat 20:28; Yoh 15:13; 1Yo 3:16

Yohaannis 10:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Luq 12:32
  • +His 34:23; 37:24; 1Ph 5:4

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    12/2021, ful. 16

    Waaqeffannaa Qulqulluu, ful. 135

    Masaraa Eegumsaa (Maxxansa Qayyabannaa),

    4/2016, ful. 20

    Yesuus—Karaa, ful. 186-187

    Masaraa Eegumsaa,

    3/15/2010, ful. 26

Yohaannis 10:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 53:12; Flp 2:8; Ibr 2:9; 12:2
  • +Yoh 17:23

Yohaannis 10:18

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 2:23, 24

Yohaannis 10:19

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Luq 12:51; Yoh 7:12; 9:16

Yohaannis 10:21

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 187

Yohaannis 10:22

Miiljaleewwan

  • *

    Ibsa Jechootaa ilaali.

Yohaannis 10:23

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +HoE 3:11

Yohaannis 10:24

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “lubbuu.”

Yohaannis 10:25

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 3:2; 5:36; 10:38; 14:10; HoE 2:22

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 188

Yohaannis 10:26

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 8:47

Yohaannis 10:27

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 10:3

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    11/15/2013, ful. 22

Yohaannis 10:28

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 5:24; 17:1, 2
  • +Yoh 6:37; 18:9

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    8/15/2009, ful. 10

Yohaannis 10:29

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +1Ph 1:4, 5

Yohaannis 10:30

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “tokkummaa qabna.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 10:38; 17:11, 21

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu, mataduree 70

    Yesuus—Karaa, ful. 188

Yohaannis 10:33

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 24:16

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 188

Yohaannis 10:34

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “akka Waaqayyoo ti.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 82:6; 1Qo 8:5

Yohaannis 10:35

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 82:1

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 188-189

Yohaannis 10:36

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Luq 1:35; Yoh 5:18

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 188-189

Yohaannis 10:38

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 14:10; 17:21
  • +Yoh 5:36

Yohaannis 10:40

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 1:28

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Yesuus—Karaa, ful. 189

Yohaannis 10:41

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Yoh 1:29

Yaada Wal Simu

Yoh. 10:1Mat 7:15
Yoh. 10:2Mat 26:31; Mar 14:27; Yoh 10:11
Yoh. 10:3Luq 1:17; Yoh 3:28
Yoh. 10:3Yoh 10:27
Yoh. 10:7Yoh 14:6
Yoh. 10:9Yoh 21:17
Yoh. 10:10Mat 7:15
Yoh. 10:11His 34:23; Mat 9:36
Yoh. 10:111Sa 17:34, 35; Mat 20:28; Ibr 13:20
Yoh. 10:14Yoh 10:27
Yoh. 10:15Mat 11:27
Yoh. 10:15Mat 20:28; Yoh 15:13; 1Yo 3:16
Yoh. 10:16Luq 12:32
Yoh. 10:16His 34:23; 37:24; 1Ph 5:4
Yoh. 10:17Isa 53:12; Flp 2:8; Ibr 2:9; 12:2
Yoh. 10:17Yoh 17:23
Yoh. 10:18HoE 2:23, 24
Yoh. 10:19Luq 12:51; Yoh 7:12; 9:16
Yoh. 10:23HoE 3:11
Yoh. 10:25Yoh 3:2; 5:36; 10:38; 14:10; HoE 2:22
Yoh. 10:26Yoh 8:47
Yoh. 10:27Yoh 10:3
Yoh. 10:28Yoh 5:24; 17:1, 2
Yoh. 10:28Yoh 6:37; 18:9
Yoh. 10:291Ph 1:4, 5
Yoh. 10:30Yoh 10:38; 17:11, 21
Yoh. 10:33Lew 24:16
Yoh. 10:34Fr 82:6; 1Qo 8:5
Yoh. 10:35Fr 82:1
Yoh. 10:36Luq 1:35; Yoh 5:18
Yoh. 10:38Yoh 14:10; 17:21
Yoh. 10:38Yoh 5:36
Yoh. 10:40Yoh 1:28
Yoh. 10:41Yoh 1:29
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
  • 32
  • 33
  • 34
  • 35
  • 36
  • 37
  • 38
  • 39
  • 40
  • 41
  • 42
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Yohaannis 10:1-42

Wangeela Yohaannis

10 Yesuus akkana jedhe: “Dhuguma dhuguman isiniin jedha, karaa balbalaa utuu hin taʼin, karaa gara biraa utaalee gola hoolotaatti inni seenu, hattuu fi saamtuu dha.+ 2 Inni karaa balbalaa seenu garuu, tiksee hoolotaa ti.+ 3 Inni balbala eegu isaaf ni bana;+ hoolonnis sagalee isaa ni dhagaʼu.+ Inni hoolota isaa maqaa isaaniitiin waamee gad isaan ni yaasa. 4 Hoolota isaa hunda erga gad yaasee booda, isaan dura buʼee deema; isaanis sagalee isaa waan beekaniif isa duukaa ni buʼu. 5 Hoolonni sagalee keessummootaa waan hin beekneef, isa irraa ni baqatu malee matumaa keessummaa duukaa hin buʼan.” 6 Yesuus fakkeenya kana isaanitti dubbatus, isaan garuu wanta inni isaanitti dubbachaa ture hin hubanne.

7 Kanaafuu, Yesuus ammas akkana jedhe: “Dhuguma dhuguman isiniin jedha, ani balbala hoolotaa ti.+ 8 Warri na fakkaatanii dhufan hundi hattootaa fi saamtota dha; hoolonni garuu isaan hin dhageenye. 9 Ani balbalicha; namni karaa koo seenu hundi ni fayya; inni ol ni seena, gad ni baʼa, bakka dheedichaas ni argata.+ 10 Hattuun, hatuuf, qaluu fi balleessuuf malee wanta kan biraadhaaf hin dhufu.+ Ani isaan jireenya akka argatanii fi innis akka isaaniif baayʼatuuf dhufeera. 11 Ani tiksee gaarii dha;+ tiksee gaariin hoolota isaatiif jedhee lubbuu isaa dabarsee ni kenna.+ 12 Namni mindeeffamee hojjetu, inni tiksee hin taanee fi hoolonni kan isaa hin taane garuu, yeeyyiin yommuu dhufu argee hoolota sana dhiisee baqata; yeeyyiin sunis isaan butata, isaan bittinneessas; 13 kana kan godhus inni nama mindeeffamee hojjetu waan taʼee fi hoolotaaf dantaa waan hin qabneefi. 14 Ani tiksee gaarii dha. Ani hoolota koo beeka, hoolonni koos na beeku;+ 15 kunis akkuma Abbaan ana beekuu fi anis Abbaa beeku jechuu dha;+ ani hoolota kootiif jedhee lubbuu koo dabarsee nan kenna.+

16 “Ani, hoolota kan biroo gola kana keessaa hin taane qaba;+ isaaniinis fiduun qaba, isaan sagalee koo ni dhagaʼu, tuuta tokkos ni taʼu; tikseen isaaniis tokko ni taʼa.+ 17 Ani deebisee akkan argadhuuf, lubbuu koo dabarsee nan kenna;+ Abbaan kan na jaallatu kanaafi.+ 18 Anumatu ofii kootiin kakaʼee lubbuu koo dabarsee kenna malee, eenyu iyyuu ana irraa hin fudhatu. Ani lubbuu koo dabarsee kennuuf aangoo qaba, deebisee fudhachuufis aangoo qaba.+ Ajaja kana Abbaa koo irraan fudhadhe.”

19 Yesuus wantoota kana waan dubbateef ammas Yihudoota gidduutti wal qoqqooduun ni uumame.+ 20 Hedduun isaanii, “Jinniitu isa keessa jira; inni maraateera. Maaliif isa dhaggeeffattu?” jedhu turan. 21 Kaan immoo, “Namni jinniin keessa jiru wantoota akkanaa hin dubbatu. Jinniin ija namoota qaro dhabeeyyii banuu ni dandaʼaa?” jedhan.

22 Yeroo sana Ayyaanni Haareffamuu* Yerusaalem keessatti kabajamaa ture. Yeroon isaas ganna ture; 23 Yesuusis mana qulqullummaa keessa daandii Solomoon isa baaxii qabu irra deemaa ture.+ 24 Yeroo kanatti Yihudoonni isatti marsanii, “Hanga yoomiitti qalbii* nu rarraasta? Ati Kiristoos yoo taate ifatti nutti himi” isaan jechuu jalqaban. 25 Yesuusis deebisee akkana isaaniin jedhe: “Ani isinitti himeera, isin garuu hin amantan. Hojiiwwan ani maqaa Abbaa kootiin hojjechaa jiru kun, waaʼee koo ragaa ni baʼu.+ 26 Isin garuu hoolota koo waan hin taaneef hin amantan.+ 27 Hoolonni koo sagalee koo ni dhagaʼu, ani isaan beeka, isaanis ana duukaa ni buʼu.+ 28 Ani jireenya bara baraa isaaniif nan kenna;+ isaan matumaa hin balleeffaman; eenyu iyyuu harka koo keessaa isaan hin butatu.+ 29 Wanti Abbaan koo naa kenne wantoota kan biroo hunda irra ni caala; harka Abbaa keessaa isaan butuu kan dandaʼu tokko illee hin jiru.+ 30 Anii fi Abbaan tokko.”*+

31 Yihudoonni ammas isa rukutuuf dhagaa fudhatan. 32 Yesuusis deebisee, “Ani Abbaa biraa hojiiwwan gaggaarii hedduu isinitti argisiiseera. Maarree hojiiwwan kana keessaa isa kamiif dhagaadhaan na rukuttu?” isaaniin jedhe. 33 Yihudoonnis, “Dhagaadhaan kan si rukunnu, hojii gaarii hojjetteef utuu hin taʼin, ati nama taatee utuu jirtuu waaqa of gochuudhaan Waaqayyoon waan arrabsiteefi”+ jedhanii isaaf deebisan. 34 Yesuusis akkana jedhee isaaniif deebise: “Seera keessan keessatti, ‘Ani akkana nan jedhe: “Isin waaqolii dha”’*+ jedhamee hin barreeffamnee? 35 Inni warra dubbiin Waaqayyoo balaaleffate ‘waaqolii’ jedhee kan waamee+ fi Kitaabonni Qulqulluun immoo kan hin diigamne erga taʼee, 36 ‘Ani Ilma Waaqayyoo ti’ waanan jedheef, akkamitti ana isa Abbaan qulqulleessee fi gara addunyaatti ergeen, ‘Waaqayyoon arrabsiteetta’ jettu?+ 37 Ani hojii Abbaa koo hin hojjedhu taanaan na hin amaninaa. 38 Hojii Abbaa koo nan hojjedha yoon taʼe garuu, yoo na amanuu baattan illee, Abbaan anaa wajjin tokkummaa akka qabuu fi anis Abbaa wajjin tokkummaa akkan qabu+ akka beektanii fi beekuu keessan akka itti fuftaniif hojiiwwan sana amanaa.”+ 39 Kanaafuu, isaan ammas isa qabuuf yaalan; inni garuu isaan jalaa miliqe.

40 Sana booda ammas Yordaanos gama bakka Yohaannis jalqaba itti cuuphaa ture dhaqee+ achuma ture. 41 Achiis namoonni hedduun gara isaa dhufanii, “Yohaannis dinqii tokko illee hin hojjenne; wanti Yohaannis waaʼee namicha kanaa dubbate hundi garuu dhugaa dha”+ jechuu jalqaban. 42 Achittis namoonni hedduun isatti amanan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi