LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 14
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

Qabiyyee Isaayyaas

      • Israaʼel biyya isaa keessa ni jiraata (1, 2)

      • Arrabsoo mootii Baabilon irratti dubbatamu (3-23)

        • Urjiin ifu samii irraa ni kufa (12)

      • Harki Yihowaa Asooricha ni caccabsa (24-27)

      • Murtii Filisxeem irratti dabarfame (28-32)

Isaayyaas 14:1

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “keessatti boqonnaa isaaniif kenna.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Lew 26:42
  • +Zak 1:17
  • +Kes 30:1-3; Isa 66:20; Er 24:6; His 36:24
  • +Isa 56:6, 7; 60:3; Zak 8:22, 23

Isaayyaas 14:2

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “warra isaan hojjechiisanis.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 61:5; Zak 2:8, 9

Isaayyaas 14:3

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Iz 3:1; 9:8; Er 30:10

Isaayyaas 14:4

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “ni qoosta.”

  • *

    Ykn., “Inni isaan hojjechiisaa ture.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 50:23

Isaayyaas 14:5

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 125:3

Isaayyaas 14:6

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 36:17; Er 50:17
  • +An 1:6; Zak 1:15

Isaayyaas 14:7

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 126:2; Isa 49:13; Er 51:48; Mul 18:20

Isaayyaas 14:9

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.

  • *

    Kal., “korbeeyyii reʼee.”

Isaayyaas 14:11

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Mul 18:22

Isaayyaas 14:12

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 36:17; Er 51:7; His 29:19; Dan 5:18, 19

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu, mataduree 46, 117

Isaayyaas 14:13

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 47:7; Dan 4:30
  • +Dan 5:22, 23
  • +Fr 48:1, 2

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    2/1/2006, ful. 10

Isaayyaas 14:14

Ittiin Baafata

  • Barreeffama Qorannaa

    Masaraa Eegumsaa,

    2/1/2006, ful. 10

Isaayyaas 14:15

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.

Isaayyaas 14:16

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 51:25

Isaayyaas 14:17

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 25:21; Isa 64:10
  • +2Mo 24:12, 14; 25:11

Isaayyaas 14:18

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “mana.”

Isaayyaas 14:19

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “damee.”

Isaayyaas 14:22

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 43:14; Er 50:25; 51:56
  • +Er 51:62

Isaayyaas 14:23

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Isa 13:1, 21; Er 50:35, 39; Mul 18:2

Isaayyaas 14:25

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 32:21, 22; Isa 30:31; 31:8; 37:36, 37
  • +Isa 10:24

Isaayyaas 14:26

Miiljaleewwan

  • *

    Kal., “Gorsi guutummaa lafaa irratti gorsame.”

  • *

    Ykn., “rukutuuf qophaaʼes.”

Isaayyaas 14:27

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 33:11; Fak 19:21; 21:30; Isa 46:11
  • +2Se 20:5, 6; Isa 43:13

Isaayyaas 14:28

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Mo 16:20; 2Se 28:27

Isaayyaas 14:29

Miiljaleewwan

  • *

    Ykn., “bofa summii qabuu fi saffisaan loʼu.”

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +2Se 26:3, 6
  • +2Mo 18:1, 8

Isaayyaas 14:30

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Er 47:1; His 25:16; Yoe 3:4; Amo 1:6-8; Sef 2:4; Zak 9:5

Isaayyaas 14:32

Caqasoota Wal Fakkaatan

  • +Fr 48:1-3; 87:1, 2; 132:13, 14

Yaada Wal Simu

Isa. 14:1Lew 26:42
Isa. 14:1Zak 1:17
Isa. 14:1Kes 30:1-3; Isa 66:20; Er 24:6; His 36:24
Isa. 14:1Isa 56:6, 7; 60:3; Zak 8:22, 23
Isa. 14:2Isa 61:5; Zak 2:8, 9
Isa. 14:3Iz 3:1; 9:8; Er 30:10
Isa. 14:4Er 50:23
Isa. 14:5Fr 125:3
Isa. 14:62Se 36:17; Er 50:17
Isa. 14:6An 1:6; Zak 1:15
Isa. 14:7Fr 126:2; Isa 49:13; Er 51:48; Mul 18:20
Isa. 14:11Mul 18:22
Isa. 14:122Se 36:17; Er 51:7; His 29:19; Dan 5:18, 19
Isa. 14:13Isa 47:7; Dan 4:30
Isa. 14:13Dan 5:22, 23
Isa. 14:13Fr 48:1, 2
Isa. 14:16Er 51:25
Isa. 14:172Mo 25:21; Isa 64:10
Isa. 14:172Mo 24:12, 14; 25:11
Isa. 14:22Isa 43:14; Er 50:25; 51:56
Isa. 14:22Er 51:62
Isa. 14:23Isa 13:1, 21; Er 50:35, 39; Mul 18:2
Isa. 14:252Se 32:21, 22; Isa 30:31; 31:8; 37:36, 37
Isa. 14:25Isa 10:24
Isa. 14:27Fr 33:11; Fak 19:21; 21:30; Isa 46:11
Isa. 14:272Se 20:5, 6; Isa 43:13
Isa. 14:282Mo 16:20; 2Se 28:27
Isa. 14:292Se 26:3, 6
Isa. 14:292Mo 18:1, 8
Isa. 14:30Er 47:1; His 25:16; Yoe 3:4; Amo 1:6-8; Sef 2:4; Zak 9:5
Isa. 14:32Fr 48:1-3; 87:1, 2; 132:13, 14
  • Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • 1
  • 2
  • 3
  • 4
  • 5
  • 6
  • 7
  • 8
  • 9
  • 10
  • 11
  • 12
  • 13
  • 14
  • 15
  • 16
  • 17
  • 18
  • 19
  • 20
  • 21
  • 22
  • 23
  • 24
  • 25
  • 26
  • 27
  • 28
  • 29
  • 30
  • 31
  • 32
Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
Isaayyaas 14:1-32

Isaayyaas

14 Yihowaan Yaaqoobitti gara laafina ni argisiisa;+ deebiʼees Israaʼeliin ni filata.+ Inni biyya isaanii keessa isaan qubachiisa;*+ namoonni biyya ormaas isaanii wajjin ni taʼu, mana Yaaqoobittis ni maxxanu.+ 2 Namoonni kunis fudhatanii gara biyya ofii isaaniitti isaan geessu; manni Israaʼel biyya Yihowaa keessatti tajaajiltoota dhiiraa fi tajaajiltoota durbaa godhanii isaan ni dhaalu;+ warra isaan boojiʼanii turan sana ni boojiʼu; warra dirqisiisanii isaan hojjechiisaa turanis* toʼannaa jala ni galfatu.

3 Guyyaa Yihowaan dhiphina, jeequmsaa fi garbummaa cimaa si irratti feʼamee ture irraa boqonnaa siif kennutti,+ 4 akkana jettee mootii Baabilon irratti mammaakta:*

“Inni warra kaan dirqisiisee hojjechiisaa ture* dhumni isaa akkamitti gaʼe!

Gochi cunqursaan sun akkamitti dhaabbate!+

 5 Yihowaan ulee hamootaa,

Ulee bulchitootaa,+

 6 Isa irra deddeebiʼee gara jabinaan saboota rukutu,+

Isa ariʼatama wal irraa hin cinneen aariidhaan saboota toʼannaa isaa jala galchu sana cabseera.+

 7 Guutummaan lafaa amma boqotteetti, jeequmsa irraas bilisa taateetti.

Namoonni gammachuudhaan ni ililchu.+

 8 Mukeetiin birbirsaa illee

Gaattiraawwan Libaanonii wajjin taʼuudhaan wanta si irra gaʼetti ni gammadu.

Isaan, ‘Ati erga kuftee jalqabee,

Namni muka muru nutti dhufee hin beeku’ jedhu.

 9 Awwaalli* lafa jalatti argamu illee

Yeroo dhuftu si argachuuf kakaʼeera.

Sababii keetiin inni warra duʼaan moʼaman,

Geggeessitoota lafaa warra cunqursitoota* taʼan hundumaa ni dammaqsa.

Mootota sabootaa hundumaa teessoo isaanii irraa ni kaasa.

10 Hundi isaanii akkana jedhanii sitti dubbatu:

‘Atis akkuma keenya dadhabaa taatee?

Atis akkuma keenya taatee?

11 Of tuulummaan kee,

Sagaleen meeshaawwan muuziqaa kee warra ribuu qabaniis+ gara Awwaalaatti* gad buufamaniiru.

Raammoon akka sireetti siif afameera,

Wanti irraan uffattus isuma dha.’

12 Yaa urjii ibsitu nana, yaa ilma barraaqaa,

Ati akkamitti samii irraa kufte!

Ati inni saboota injifatte,

Akkamitti muramtee lafa irra ciiste!+

13 Ati garaa keetti akkana jettee turte: ‘Ani gara samiiwwaniitti ol nan baʼa.+

Teessoo koo urjiilee Waaqayyoo gararraatti ol nan kaasa,+

Gaara walgaʼii isa

Kallattii kaabaatiin fagaatee argamu irras nan taaʼa.+

14 Fiixee duumessootaa gubbaatti ol nan baʼa;

Isa Hundaa Oliis nan fakkaadha.’

15 Garuu ati gara Awwaalaatti,*

Gara boolla fagaatee argamutti gad ni buuta.

16 Warri si arganis xiyyeeffannaadhaan si ilaalu;

Sitti dhihaatanii si qorachuudhaanis akkana jedhu:

‘Kun namicha lafa sochoosaa ture,

Isa mootummoota romʼisiisaa ture,+

17 Isa addunyaa akkuma lafa onaa godhe,

Magaalota isaa garagalche,+

Warra hidhes gara mana isaaniitti deebisuu dide sana mitii?’+

18 Mootonni sabootaa kaan hundi,

Eeyyee, hundi isaanii

Tokkoon tokkoon isaanii iddoo awwaalchaa* ofii isaanii keessa ulfinaan ni ciciisu.

19 Ati garuu akkuma latii* jibbameetti,

Awwaala utuu hin argatin gatamteetta;

Reeffi kee reeffawwan goraadeedhaan waraanamanii

Gara dhagoota boollaatti gad buʼaniin marameera;

Ati akka reeffa faana jalatti dhidhiitamee taateetta.

20 Ati biyya kee waan balleessiteef,

Uummata kees waan ajjeesteef,

Awwaala keessatti isaanii wajjin hin taatu.

Maqaan sanyii warra hammina hojjetaniis lammata hin dhaʼamu.

21 Isaan kaʼanii lafa akka hin qabanneef,

Biyyattiis magaalota isaaniitiin akka hin guunneef,

Yakka abbootii isaaniitiin kan kaʼe,

Iddoo ilmaan isaa itti qalaman qopheessaa.”

22 “Ani isaan irratti nan kaʼa”+ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.

“Ani maqaas taʼe nama hafe, sanyiis taʼe dhaloota fuulduraa Baabilon keessaa haxaaʼee nan balleessa”+ jedha Yihowaan.

23 “Ani biyya dhaddee fi naannoo caffee ishii nan godha; harataa badiisaatiinis ishii nan haxaaʼa”+ jedha Yihowaan Gooftaan Raayyaa.

24 Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedhee kakateera:

“Akkuman yaade ni taʼa,

Akkuman murteessettis ni raawwatama.

25 Ani biyya koo keessatti Asooricha nan caccabsa,

Gaarota koo irrattis isa nan dhidhiita.+

Waanjoon isaa isaan irraa,

Baʼaan isaas gateettii isaanii irraa ni kaafama.”+

26 Wanti guutummaa lafaa irratti murteeffame,*

Harki guutummaa sabootaa irratti diriirfames* isa kana.

27 Yihowaan Gooftaan Raayyaa murteesseera,

Eenyutu fashaleessuu dandaʼa?+

Harki isaa diriirfameera,

Eenyutu duubatti deebisuu dandaʼa?+

28 Bara Akaaz Mootichi duʼetti,+ murtiin akkana jedhu ni kenname:

29 Yaa Filisxeem, uleen isa si rukutu sanaa waanuma cabeef,

Si keessaa namni tokko illee hin gammadin.

Sababiin isaas, hidda bofaa+ sana irraa bofti summii qabu ni baʼa,+

Sanyiin isaas bofa barrisuu fi ibidda baasu* ni taʼa.

30 Ijoolleen angafaa namoota rakkatoo taʼanii utuma nyaachaa jiranii,

Hiyyeeyyiinis utuma tasgabbiidhaan ciisaa jiranii,

Hidda kee beelaan nan ajjeesa,

Wanti si irraa hafus ni ajjeefama.+

31 Yaa karra nana, gadoodi! Yaa magaalaa nana, iyyi!

Yaa Filisxeem, garaan hunda keessanii ni sodaata!

Sababiin isaas, kallattii kaabaa irraa aarri tokko dhufaa jira,

Toora isaa keessaa boodatti kan hafus hin jiru.”

32 Ergamtoota sabichaatiif maal jedhanii deebisuu qabu?

Yihowaan buʼuura Xiyoon kaaʼuu isaa,+

Saba isaa keessaas warri rakkatoon ishiitti kooluu galuu isaanii isaanitti ni himu.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi