-
Isaayyaas 56:6, 7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Namoota biyya ormaa warra isa tajaajiluuf,
Maqaa Yihowaa jaallachuuf,+
Tajaajiltoota isaa taʼuufis Yihowaatti maxxanan,
Warra Sanbata eeganii fi isa hin xureessine,
Warra kakuu koo cimsanii eegan hundumaa,
7 Gara gaara koo isa qulqulluutti nan geessa,+
Mana kadhannaa koo keessattis isaan nan gammachiisa.
Aarsaawwan isaanii warri guutummaatti gubamanii fi aarsaawwan isaanii warri kaan iddoo aarsaa koo irratti fudhatama ni argatu.
Sababiin isaas, manni koo saboota hundumaatiif mana kadhannaa jedhama.”+
-
-
Zakkaariyaas 8:22, 23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 Namoonni hedduunii fi saboonni jajjaboon Yerusaalem keessatti Yihowaa Gooftaa Raayyaa barbaaddachuu+ fi Yihowaan gaarummaa akka isaanitti argisiisu kadhachuuf ni dhufu.’
23 “Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Bara sanatti namoonni qooqawwan sabootaa hundumaa keessaa dhufan+ kudhan uffata* nama Yihudii tokkoo qabatanii, eeyyee, cimsanii qabatanii, “Waaqayyo isinii wajjin akka jiru waan dhageenyeef,+ nuti isinii wajjin deemuu barbaanna”+ jedhu.’”
-