-
Faarfannaa 22:27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
27 Guutummaan andaara lafaa Yihowaa ni yaadata, gara isaattis ni deebiʼa.
Maatiiwwan sabootaa hundi si duratti ni sagadu.+
-
-
Isaayyaas 2:2, 3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 Guyyoota dhumaatti,
Gaarri mana Yihowaa
Fiixee gaarotaa gararraatti jabaatee ni dhaabbata,+
Tabbawwanii olittis ol ni kaafama,
Saboonni hundis gara isaatti ni yaaʼu.+
3 Namoonni hedduunis dhaqanii akkana jedhu:
“Kottaa, gara gaara Yihowaatti,
Gara mana Waaqa Yaaqoobitti ol haa baanu.+
Inni waaʼee karaawwan isaa nu barsiisa,
Nutis daandiiwwan isaa irra ni deemna.”+
-