-
Faarfannaa 72:1Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
72 Yaa Waaqayyo, mootichaaf murtiiwwan kee kenni;
Ilma mootichaas qajeelummaa kee gonfachiisi.+
-
-
Miikiyaas 4:1-3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Guyyoota dhumaatti,
Gaarri mana Yihowaa+
Fiixee gaarotaa gararraatti jabaatee ni dhaabbata,
Tabbawwanii olittis ol ni kaafama,
Namoonnis gara isaatti ni yaaʼu.+
2 Saboonni hedduunis dhaqanii akkana jedhu:
“Kottaa, gara gaara Yihowaatti,
Gara mana Waaqa Yaaqoobitti ol haa baanu.+
Inni waaʼee karaawwan isaa nu barsiisa,
Nutis daandiiwwan isaa irra ni deemna.”
Sababiin isaas, seerri* Xiyoon keessaa,
Dubbiin Yihowaas Yerusaalem keessaa ni baʼa.
3 Inni namoota hedduu gidduutti murtii ni kenna,+
Dhimmoota saboota jajjaboo fagoo jiraniitiifis furmaata ni argamsiisa.
Isaan goraadee isaanii tumanii gara maarashaatti,
Eeboo isaaniis tumanii gara haamtuutti ni jijjiiru.+
Sabni saba irratti goraadee hin kaasu,
Isaan kana booda waraana hin baratan.+
-