LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 2:2, 3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  2 Guyyoota dhumaatti,

      Gaarri mana Yihowaa

      Fiixee gaarotaa gararraatti jabaatee ni dhaabbata,+

      Tabbawwanii olittis ol ni kaafama,

      Saboonni hundis gara isaatti ni yaaʼu.+

       3 Namoonni hedduunis dhaqanii akkana jedhu:

      “Kottaa, gara gaara Yihowaatti,

      Gara mana Waaqa Yaaqoobitti ol haa baanu.+

      Inni waaʼee karaawwan isaa nu barsiisa,

      Nutis daandiiwwan isaa irra ni deemna.”+

      Sababiin isaas, seerri* Xiyoon keessaa,

      Dubbiin Yihowaas Yerusaalem keessaa ni baʼa.+

  • Zakkaariyaas 14:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Yihowaan guutummaa lafaa irratti Mootii ni taʼa.+ Guyyaa sanatti Yihowaan tokko,+ maqaan isaas tokko ni taʼa.+

  • Mulʼata 7:9, 10
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 9 Kana booda nan arge, kunoo, tuutni uummataa guddaan eenyu iyyuu lakkaaʼuu hin dandeenyee fi saba hundumaa keessaa, gosa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa fi qooqa hundumaa keessaa dhufan,+ uffata aʼadii uffatanii+ teessichaa fi Hoolicha dura dhaabbatanii turan; isaan damee muka meexxii harka isaaniitti qabatanii turan.+ 10 Akkasumas sagalee guddaadhaan, “Fayyina kan arganne, Waaqa keenya isa teessoo irra taaʼee+ fi Hoolicha irraa ti”+ jedhanii iyyu turan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi