43 ati bakka jireenyaa kee samii keessaa+ dhagaʼi; sabni lafa irraa hundi akkuma saba kee Israaʼel maqaa kee akka beekanii fi akka si sodaataniif,+ akkasumas maqaan kee mana ani ijaare kana irratti akka waamamu akka beekaniif, wanta namni biyya ormaa sun si kadhate hunda isaaf godhi.