LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 30:1-3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 30 “Dubbiin kun hundi, jechuunis eebbii fi abaarsi ani si dura kaaʼe yommuu si irra gaʼu,+ atis saboota Waaqni kee Yihowaan itti si bittinneessu hundumaa keessa+ taatee yommuu isaan yaadattu,*+ 2 akkuma ani harʼa si ajaju kana hundumaatti atis taate ilmaan kee garaa keessan guutuu fi lubbuu* keessan guutuudhaan+ gara Waaqa keessan Yihowaatti yommuu deebitanii+ fi sagalee isaa yommuu dhageessan, 3 Waaqni kee Yihowaan wantoota si jalaa boojiʼaman siif deebisa,+ gara laafina sitti argisiisa,+ akkasumas saboota Waaqni kee Yihowaan itti si bittinneesse hundumaa keessaa deebisee walitti si qaba.+

  • Isaayyaas 66:20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 Akkuma namoonni Israaʼel kennaawwan isaanii miʼa qulqulluutti qabatanii gara mana Yihowaatti fidanitti, isaanis saboota hundumaa keessaa obboloota keessan hundumaa fardeen irra, gaariiwwan fardaa irra, gaariiwwan uwwifaman keessa, gaangolii irra, akkasumas gaalota saffisa qaban irra kaaʼanii, Yihowaadhaaf kennaa godhanii gara gaara koo isa qulqulluutti, gara Yerusaalemitti ni fidu”+ jedha Yihowaan.

  • Ermiyaas 24:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 6 Wanta gaarii isaaniif gochuuf ija koo isaan irra nan kaaʼa; gara biyya kanaatti akka deebiʼanis nan godha.+ Isaan nan ijaara malee hin diigu; isaan nan dhaaba malee hin buqqisu.+

  • Hisqiʼel 36:24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 24 Saboota gidduudhaa isin baasee, biyyoota hundumaa keessaas walitti isin qabee gara biyya keessaniitti isin nan deebisa.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi