LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Keessa Deebii 30:1-3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 30 “Dubbiin kun hundi, jechuunis eebbii fi abaarsi ani si dura kaaʼe yommuu si irra gaʼu,+ atis saboota Waaqni kee Yihowaan itti si bittinneessu hundumaa keessa+ taatee yommuu isaan yaadattu,*+ 2 akkuma ani harʼa si ajaju kana hundumaatti atis taate ilmaan kee garaa keessan guutuu fi lubbuu* keessan guutuudhaan+ gara Waaqa keessan Yihowaatti yommuu deebitanii+ fi sagalee isaa yommuu dhageessan, 3 Waaqni kee Yihowaan wantoota si jalaa boojiʼaman siif deebisa,+ gara laafina sitti argisiisa,+ akkasumas saboota Waaqni kee Yihowaan itti si bittinneesse hundumaa keessaa deebisee walitti si qaba.+

  • Isaayyaas 11:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Akkuma guyyaa Israaʼel biyya Gibxii keessaa baʼetti taʼe,

      Saba isaa warra hafanii fi achii baʼaniifis+ daandii guddaan+ Asoor keessaa baʼu tokko ni jiraata.

  • Isaayyaas 43:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  6 Ani kaabaan, ‘Isaan gadhiisi!’ nan jedha.+

      Kibbaanis akkana nan jedha: ‘Isaan hin qabatin.

      Ilmaan koo fagoo irraa, ijoollee durbaa koos andaara lafaa irraa fidi;+

  • Isaayyaas 60:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  4 Ol jedhiitii guutummaa naannoo kee ilaali!

      Hundi isaanii walitti qabamaniiru; gara kees dhufaa jiru.

      Ilmaan kee fagoo irraa dhufaa jiru,+

      Ijoolleen durbaa kees mudhiitti baatamanii dhufaa jiru.+

  • Isaayyaas 60:9
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  9 Odolawwan na abdatu;+

      Dooniiwwan Tarshiish,

      Gara maqaa Waaqa kee Yihowaattii fi gara Isa Qulqulluu kan Israaʼelitti

      Ilmaan kee meetii isaanii fi warqii isaanii wajjin

      Fagoodhaa fiduuf dura buʼanii* ni dhufu;+

      Sababiin isaas, inni ulfina* siif ni kenna.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi