LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 19:23
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 23 Guyyaa sanatti daandii guddaan Gibxii irraa gara Asooritti geessu tokko ni jiraata.+ Yeroo sanatti Asoor gara Gibxii, Gibxiinis gara Asoor ni dhufti; Gibxiin Asoorii wajjin Waaqayyoon ni tajaajilti.

  • Isaayyaas 27:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Guyyaa sanatti xurumbaa* guddaan tokko ni afuufama;+ warri biyya Asoor+ keessatti balleeffamuu jala gaʼanii turanii fi warri biyya Gibxii+ keessa faffacaʼan dhufanii gaara qulqulluu Yerusaalem keessa jiru irratti Yihowaadhaaf ni sagadu.+

  • Isaayyaas 35:8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  8 Daandii guddaan tokkos achitti ni argama,+

      Eeyyee, inni Daandii Qulqullummaa ni jedhama.

      Xuraaʼaa kan taʼe isa irra hin deemu.+

      Inni isa karicha irra deemuuf kan ramadame dha;

      Gowwaa kan taʼe tokko illee isatti hin goru.

  • Isaayyaas 40:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  3 Lafa onaa keessaa sagaleen akkana jedhu tokko ni dhagaʼama:

      “Daandii Yihowaa qopheessaa!+

      Gammoojjii keessattis Waaqa keenyaaf daandii guddaa qajeelaa taʼe qopheessaa.+

  • Isaayyaas 57:14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 14 ‘Ijaaraa, daandii ijaaraa! Daandii qopheessaa!+

      Gufuu kam iyyuu daandii saba kootii irraa balleessaa’ ni jedhama.”

  • Ermiyaas 31:21
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 21 “Ofii keetiif mallattoowwan daandii dhaabi,

      Utubaawwan dhagaas kaaʼi.+

      Daandii guddaa isa irra deemuu qabdu sanaaf xiyyeeffannaa kenni.+

      Yaa durba Israaʼel, deebiʼi, gara magaalota kee kanaatti deebiʼi.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi