LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 2:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  3 Namoonni hedduunis dhaqanii akkana jedhu:

      “Kottaa, gara gaara Yihowaatti,

      Gara mana Waaqa Yaaqoobitti ol haa baanu.+

      Inni waaʼee karaawwan isaa nu barsiisa,

      Nutis daandiiwwan isaa irra ni deemna.”+

      Sababiin isaas, seerri* Xiyoon keessaa,

      Dubbiin Yihowaas Yerusaalem keessaa ni baʼa.+

  • Isaayyaas 25:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  6 Yihowaan Gooftaan Raayyaa gaara kana+ irratti saboota hundumaatiif,

      Affeerraa nyaatawwan gaggaarii,+

      Daadhii wayinii baʼeessaa fi

      Nyaatawwan gaggaarii dhuka lafeetiin guutaman,

      Akkasumas affeerraa daadhii wayinii baʼeessaa fi calalameen guutame ni qopheessa.

  • Isaayyaas 52:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 52 Yaa Xiyoon, dammaqi! Dammaqi! Jabinas uffadhu!+

      Yaa Yerusaalem ishii magaalaa qulqulluu taate nana, uffata kee isa bareedaa uffadhu!+

      Sababiin isaas, kana booda dhaqna kan hin qabannee fi xuraaʼaa kan taʼe sitti hin seenu.+

  • Ermiyaas 3:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Yeroo sanatti isaan Yerusaalemiin teessoo Yihowaa jedhanii ni waamu;+ saboonni hundis maqaa Yihowaatiif ulfina kennuuf Yerusaalemitti walitti ni qabamu;+ isaan kana booda didaa taʼuudhaan garaa isaanii isa hamaa duukaa hin buʼan.”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi