LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 2:2, 3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  2 Guyyoota dhumaatti,

      Gaarri mana Yihowaa

      Fiixee gaarotaa gararraatti jabaatee ni dhaabbata,+

      Tabbawwanii olittis ol ni kaafama,

      Saboonni hundis gara isaatti ni yaaʼu.+

       3 Namoonni hedduunis dhaqanii akkana jedhu:

      “Kottaa, gara gaara Yihowaatti,

      Gara mana Waaqa Yaaqoobitti ol haa baanu.+

      Inni waaʼee karaawwan isaa nu barsiisa,

      Nutis daandiiwwan isaa irra ni deemna.”+

      Sababiin isaas, seerri* Xiyoon keessaa,

      Dubbiin Yihowaas Yerusaalem keessaa ni baʼa.+

  • Isaayyaas 56:6, 7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  6 Namoota biyya ormaa warra isa tajaajiluuf,

      Maqaa Yihowaa jaallachuuf,+

      Tajaajiltoota isaa taʼuufis Yihowaatti maxxanan,

      Warra Sanbata eeganii fi isa hin xureessine,

      Warra kakuu koo cimsanii eegan hundumaa,

       7 Gara gaara koo isa qulqulluutti nan geessa,+

      Mana kadhannaa koo keessattis isaan nan gammachiisa.

      Aarsaawwan isaanii warri guutummaatti gubamanii fi aarsaawwan isaanii warri kaan iddoo aarsaa koo irratti fudhatama ni argatu.

      Sababiin isaas, manni koo saboota hundumaatiif mana kadhannaa jedhama.”+

  • Isaayyaas 60:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  3 Saboonni gara ifa keetti,+

      Mootonnis+ gara simboo* kee isa calaqqisutti ni dhufu.+

  • Miikiyaas 4:1, 2
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 4 Guyyoota dhumaatti,

      Gaarri mana Yihowaa+

      Fiixee gaarotaa gararraatti jabaatee ni dhaabbata,

      Tabbawwanii olittis ol ni kaafama,

      Namoonnis gara isaatti ni yaaʼu.+

       2 Saboonni hedduunis dhaqanii akkana jedhu:

      “Kottaa, gara gaara Yihowaatti,

      Gara mana Waaqa Yaaqoobitti ol haa baanu.+

      Inni waaʼee karaawwan isaa nu barsiisa,

      Nutis daandiiwwan isaa irra ni deemna.”

      Sababiin isaas, seerri* Xiyoon keessaa,

      Dubbiin Yihowaas Yerusaalem keessaa ni baʼa.

  • Zakkaariyaas 2:11
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 “Guyyaa sanatti saboonni hedduun Yihowaa cinaa ni dhaabbatu,+ isaanis saba koo ni taʼu; ani si gidduu nan jiraadha.” Atis Yihowaan Gooftaan Raayyaa gara keetti akka na erge dhugumaan ni hubatta.

  • Zakkaariyaas 8:22, 23
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 Namoonni hedduunii fi saboonni jajjaboon Yerusaalem keessatti Yihowaa Gooftaa Raayyaa barbaaddachuu+ fi Yihowaan gaarummaa akka isaanitti argisiisu kadhachuuf ni dhufu.’

      23 “Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Bara sanatti namoonni qooqawwan sabootaa hundumaa keessaa dhufan+ kudhan uffata* nama Yihudii tokkoo qabatanii, eeyyee, cimsanii qabatanii, “Waaqayyo isinii wajjin akka jiru waan dhageenyeef,+ nuti isinii wajjin deemuu barbaanna”+ jedhu.’”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi