LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Faarfannaa 22:27
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 27 Guutummaan andaara lafaa Yihowaa ni yaadata, gara isaattis ni deebiʼa.

      Maatiiwwan sabootaa hundi si duratti ni sagadu.+

  • Isaayyaas 2:2, 3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  2 Guyyoota dhumaatti,

      Gaarri mana Yihowaa

      Fiixee gaarotaa gararraatti jabaatee ni dhaabbata,+

      Tabbawwanii olittis ol ni kaafama,

      Saboonni hundis gara isaatti ni yaaʼu.+

       3 Namoonni hedduunis dhaqanii akkana jedhu:

      “Kottaa, gara gaara Yihowaatti,

      Gara mana Waaqa Yaaqoobitti ol haa baanu.+

      Inni waaʼee karaawwan isaa nu barsiisa,

      Nutis daandiiwwan isaa irra ni deemna.”+

      Sababiin isaas, seerri* Xiyoon keessaa,

      Dubbiin Yihowaas Yerusaalem keessaa ni baʼa.+

  • Zakkaariyaas 8:22, 23
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 Namoonni hedduunii fi saboonni jajjaboon Yerusaalem keessatti Yihowaa Gooftaa Raayyaa barbaaddachuu+ fi Yihowaan gaarummaa akka isaanitti argisiisu kadhachuuf ni dhufu.’

      23 “Yihowaan Gooftaan Raayyaa akkana jedha: ‘Bara sanatti namoonni qooqawwan sabootaa hundumaa keessaa dhufan+ kudhan uffata* nama Yihudii tokkoo qabatanii, eeyyee, cimsanii qabatanii, “Waaqayyo isinii wajjin akka jiru waan dhageenyeef,+ nuti isinii wajjin deemuu barbaanna”+ jedhu.’”

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi