-
2 Seenaa Baraa 32:21, 22Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
21 Sana booda Yihowaan maleekaa tokko ergee, loltoota jajjaboo,+ geggeessitootaa fi ajajjoota buufata mootii Asoor keessa turan hundumaa haxaaʼee waan balleesseef, mootichi salphinaan gara biyya isaatti deebiʼe. Boodas inni gara mana waaqa isaatti seene; achittis ilmaan isaa goraadeedhaan isa ajjeesan.+ 22 Akka kanaan, Yihowaan harka Senaaheriib mootii Asoorii fi harka warra kaanii hundumaa irraa Hisqiyaasiin, akkasumas jiraattota Yerusaalemiin ni oolche; kallattii hundumaatiinis boqonnaa isaaniif ni kenne.
-
-
Isaayyaas 31:8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Asoorichi goraadeedhaan ni kufa, garuu goraadee namaatiin miti;
Goraadeen isa ni nyaata, garuu goraadee namaa miti.+
Inni goraadeedhaan kan kaʼe ni baqata,
Dargaggoonni isaas hojii dirqamaa ni hojjetu.
-