-
Izraa 9:8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Haa taʼu malee, warri hafan akka oolan gochuudhaan, akkasumas iddoo isaa isa qulqulluu keessatti bakka tasgabbaaʼaa* nuuf kennuudhaan,+ amma yeroo gabaabaadhaaf Waaqa keenya Yihowaa biraa araarri nuu dhufeera; yaa Waaqa keenya, kanas kan goote ijji keenya akka ifuu fi garbummaa keenya irraa xinnoo akka bayyanannuufi.
-
-
Ermiyaas 30:10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 “Tajaajilaa koo kan taate yaa Yaaqoob, hin sodaatin,
Yaa Israaʼel, hin naʼin.+
Sababiin isaas, ani siin biyya fagoo irraa,
Sanyii kees biyya boojiʼamanii itti fudhataman irraa nan deebisa.+
Yaaqoob ni deebiʼa, utuu hin jeeqamin tasgabbiidhaan ni jiraata,
Kan isa sodaachisus hin jiraatu” jedha Yihowaan.+
-