LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Seenaa Baraa 36:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Kanaan kan kaʼes, inni mootii Kaladootaa+ isaanitti ni erge; innis dargaggoota isaanii mana qulqullummaa isaanii+ keessatti goraadeedhaan ni ajjeese;+ dargaggeessaaf yookiin durbaaf, maanguddoodhaaf yookiin isa dadhabaadhaaf garaa hin laafne.+ Waaqayyos wanta hundumaa harka isaatti dabarsee kenne.+

  • Ermiyaas 51:7
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  7 Baabilon harka Yihowaa keessatti xoofoo warqii taateetti;

      Ishiin guutummaa lafaa macheessiteetti.

      Saboonni daadhii wayinii ishii irraa dhuganii machaaʼaniiru;+

      Saboonni kan maraatan kanaafi.+

  • Hisqiʼel 29:19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 19 “Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Kunoo, ani biyya Gibxii Nebukadnezaar* mootii Baabiloniif nan kenna;+ innis qabeenya ishii ni fudhata, boojuu hedduus ishii keessaa ni fudhata, ni saamas; kunis gatii raayyaa waraanaa isaa ni taʼa.’

  • Daaniʼel 5:18, 19
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 18 Yaa mootii, Waaqni Inni Hundaa Olii Nebukadnezaar abbaa keetiif mootummaa, guddina, kabajaa fi ulfina kennee ture.+ 19 Guddina inni isaaf kenneen kan kaʼe uummanni, saboonnii fi namoonni qooqa garaa garaa dubbatan hundi sodaadhaan isa duratti ni romʼu turan.+ Inni nama barbaade ni ajjeesa yookiin lubbuudhaan ni dhiisa, nama barbaadeef ulfina ni kenna yookiin ni salphisa ture.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi