LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Ermiyaas 47:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 47 Faraʼoon Gaazaa rukutuu isaa dura, dubbiin Yihowaa Filisxeemiin+ ilaalchisee gara Ermiyaas raajichaa dhufe isa kana:

  • Hisqiʼel 25:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Kunoo, ani harka koo Filisxeemota irratti nan diriirsa;+ Kereetotas taʼe jiraattota qarqara galaanaa warra hafan nan balleessa.+

  • Yooʼel 3:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  4 Yaa Xiiros, Siidoonii fi naannoowwan Filisxeem hundi,

      Isin maal na irraa qabdu?

      Wantan isin irratti raawwadhe tokkoof gatii naaf deebisaa jirtuu?

      Gatii koo naaf deebisaa jirtu taanaan,

      Saffisa guddaadhaan wanta isin yaaddan mataa keessan irratti nan deebisa.+

  • Amoos 1:6-8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  6 Yihowaan akkana jedha:

      ‘“Fincila Gaazaan siʼa sadii,+ eeyyee, siʼa afur raawwatteen kan kaʼe, ani wantan murteesse hin jijjiiru;

      Sababiin isaas, isaan guutummaa sabichaa boojiʼanii+ Edoomitti dabarsanii kennaniiru.

       7 Kanaafuu, ani dallaa Gaazaa irratti ibidda nan erga,+

      Innis masaraawwan ishii warra ciccimoo ni nyaata.

       8 Ani jiraattota Ashdoodii+ fi

      Isa Ashqaloon+ keessa taaʼee bulchu* sana nan balleessa;

      Harka koo Eqroon+ irratti nan kaasa,

      Filisxeemonni hafanis ni dhumu”+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.’

  • Sefaaniyaa 2:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  4 Sababiin isaas, Gaazaan magaalaa dhiifamte ni taati;

      Ashqaloon ni onti.+

      Jiraattonni Ashdood guyyaa saafaa oofamanii fudhatamu,

      Eqroon ni buqqifamti.+

  • Zakkaariyaas 9:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  5 Ashqaloon kana argitee ni sodaatti;

      Gaazaan baayʼee ni dhiphatti,

      Eqroonis baayʼee ni dhiphatti, sababiin isaas, inni ishiin abdatte salphateera.

      Gaazaan mootii ishii ni dhabdi,

      Ashqaloon keessas namni hin jiraatu.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi