LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Ermiyaas 25:17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 17 Kanaafuu, ani harka Yihowaa irraa xoofoo sana fuudhee saboota Yihowaan itti na erge hundumaa nan obaase;+

  • Ermiyaas 25:20
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 20 akkasumas uummanni isaanii warri walitti makaman hundi, mootonni biyya Uuz hundi, mootonni biyya Filisxeemotaa+ hundi, Ashqaloon,+ Gaazaan, Eqroonii fi warri Ashdood irraa hafan,

  • Amoos 1:6-8
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  6 Yihowaan akkana jedha:

      ‘“Fincila Gaazaan siʼa sadii,+ eeyyee, siʼa afur raawwatteen kan kaʼe, ani wantan murteesse hin jijjiiru;

      Sababiin isaas, isaan guutummaa sabichaa boojiʼanii+ Edoomitti dabarsanii kennaniiru.

       7 Kanaafuu, ani dallaa Gaazaa irratti ibidda nan erga,+

      Innis masaraawwan ishii warra ciccimoo ni nyaata.

       8 Ani jiraattota Ashdoodii+ fi

      Isa Ashqaloon+ keessa taaʼee bulchu* sana nan balleessa;

      Harka koo Eqroon+ irratti nan kaasa,

      Filisxeemonni hafanis ni dhumu”+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.’

  • Zakkaariyaas 9:5, 6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  5 Ashqaloon kana argitee ni sodaatti;

      Gaazaan baayʼee ni dhiphatti,

      Eqroonis baayʼee ni dhiphatti, sababiin isaas, inni ishiin abdatte salphateera.

      Gaazaan mootii ishii ni dhabdi,

      Ashqaloon keessas namni hin jiraatu.+

       6 Ilmi diqaalaa taʼe Ashdood keessa ni buufata,

      Anis of tuulummaa Filisxeem nan balleessa.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi