LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Isaayyaas 14:29
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 29 Yaa Filisxeem, uleen isa si rukutu sanaa waanuma cabeef,

      Si keessaa namni tokko illee hin gammadin.

      Sababiin isaas, hidda bofaa+ sana irraa bofti summii qabu ni baʼa,+

      Sanyiin isaas bofa barrisuu fi ibidda baasu* ni taʼa.

  • Ermiyaas 47:4
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  4 Sababiin isaas, guyyaan dhufu sun Filisxeemota+ hundumaa ni balleessa;

      Michoota Xiirosii+ fi Siidoon+ warra hafan hundumaas isaan irraa ni kuta.

      Yihowaan Filisxeemota

      Warra odola Kaaftor*+ irraa hafan ni balleessa.

  • Hisqiʼel 25:16, 17
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Kunoo, ani harka koo Filisxeemota irratti nan diriirsa;+ Kereetotas taʼe jiraattota qarqara galaanaa warra hafan nan balleessa.+ 17 Adaba cimaa taʼeen akka malee isaan irratti haaloo nan baʼa; yommuun isaan irratti haaloo baʼus ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.”’”

  • Sefaaniyaa 2:5
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  5 “Saba Kereetotaa warra galaana qarqara jiraataniif wayyoo!+

      Yihowaan isin balaaleffateera.

      Biyya Filisxeemotaa kan taate yaa Kanaʼaan ani sin balleessa,

      Kanaafuu, jiraattota kee keessaa tokko illee hin hafu.

  • Zakkaariyaas 9:6
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    •  6 Ilmi diqaalaa taʼe Ashdood keessa ni buufata,

      Anis of tuulummaa Filisxeem nan balleessa.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi