-
2 Seenaa Baraa 21:16, 17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Achiis Yihowaan Filisxeemotaa*+ fi Araboota+ warra namoota Itoophiyaatti dhihoo jiran Yooraam irratti ni kakaase.+ 17 Kanaafuu, isaan Yihudaa ni weeraran; cabsanii seenuudhaanis qabeenya mana mootichaa keessatti argame hundumaa,+ akkasumas ilmaan isaa fi haadhotii manaa isaa ni fudhatan; kan isaaf hafe ilma isaa isa quxisuu kan taʼe Yehoʼahaaz*+ qofa ture.
-
-
2 Seenaa Baraa 28:18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Filisxeemonnis+ magaalota Shefelaa+ fi magaalota Negeeb warra Yihudaatti argaman weeraranii Beet Sheemeshiin,+ Ayilooniin,+ Gederootiin, Sookoo fi magaalota ishii jalatti* argaman, Timnaa+ fi magaalota ishii jalatti argaman, akkasumas Gimzoo fi magaalota ishii jalatti argaman qabatanii achi jiraatan.
-
-
Yooʼel 3:4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Yaa Xiiros, Siidoonii fi naannoowwan Filisxeem hundi,
Isin maal na irraa qabdu?
Wantan isin irratti raawwadhe tokkoof gatii naaf deebisaa jirtuu?
Gatii koo naaf deebisaa jirtu taanaan,
Saffisa guddaadhaan wanta isin yaaddan mataa keessan irratti nan deebisa.+
-