-
Hisqiʼel 25:15-17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Filisxeemonni diinummaa cimaadhaan kakaʼanii hamminaan* isaan irratti haaloo baʼuu fi isaan balleessuuf yaalii godhaniiru.+ 16 Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Kunoo, ani harka koo Filisxeemota irratti nan diriirsa;+ Kereetotas taʼe jiraattota qarqara galaanaa warra hafan nan balleessa.+ 17 Adaba cimaa taʼeen akka malee isaan irratti haaloo nan baʼa; yommuun isaan irratti haaloo baʼus ani Yihowaa taʼuu koo dhugumaan ni hubatu.”’”
-
-
Amoos 1:9, 10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Yihowaan akkana jedha:
‘Fincila Xiiros siʼa sadii,+ eeyyee, siʼa afur raawwatteen kan kaʼe, ani wantan murteesse hin jijjiiru;
Sababiin isaas, isaan guutummaa sabichaa boojiʼanii Edoomitti dabarsanii kennaniiru,
Kakuu obbolummaas hin yaadanne.+
10 Kanaafuu, ani dallaa Xiiros irratti ibidda nan erga,
Innis masaraawwan ishii warra ciccimoo ni nyaata.’+
-