-
2 Seenaa Baraa 28:18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
18 Filisxeemonnis+ magaalota Shefelaa+ fi magaalota Negeeb warra Yihudaatti argaman weeraranii Beet Sheemeshiin,+ Ayilooniin,+ Gederootiin, Sookoo fi magaalota ishii jalatti* argaman, Timnaa+ fi magaalota ishii jalatti argaman, akkasumas Gimzoo fi magaalota ishii jalatti argaman qabatanii achi jiraatan.
-
-
Isaayyaas 9:11, 12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Yihowaan hamajaajota Reezin isa irratti ni kaasa,
Tarkaanfii akka irratti fudhataniifis diinota isaa ni kakaasa;
12 Kallattii bahaa irraa Sooriyaa, kallattii dhihaa irraa* immoo Filisxeemota isa irratti ni fida,+
Isaanis afaan bananii Israaʼeliin ni liqimsu.+
Kana hundumaatiin kan kaʼes, dheekkamsi isaa hin qabbanoofne,
Kanaa mannaa, harki isaa rukutuuf akkuma diriirfametti jira.+
-
-
Isaayyaas 14:29Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
29 Yaa Filisxeem, uleen isa si rukutu sanaa waanuma cabeef,
Si keessaa namni tokko illee hin gammadin.
-
-
Ermiyaas 47:1Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
47 Faraʼoon Gaazaa rukutuu isaa dura, dubbiin Yihowaa Filisxeemiin+ ilaalchisee gara Ermiyaas raajichaa dhufe isa kana:
-
-
Yooʼel 3:4-6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Yaa Xiiros, Siidoonii fi naannoowwan Filisxeem hundi,
Isin maal na irraa qabdu?
Wantan isin irratti raawwadhe tokkoof gatii naaf deebisaa jirtuu?
Gatii koo naaf deebisaa jirtu taanaan,
Saffisa guddaadhaan wanta isin yaaddan mataa keessan irratti nan deebisa.+
-