-
Isaayyaas 5:25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Dheekkamsi Yihowaa saba isaa irratti kan bobaʼu kanaafi;
Inni harka isaa isaan irratti kaasee isaan rukuta.+
Gaaronni ni kirkiru,
Reeffi isaaniis daandiiwwan irratti akkuma kosii ni taʼa.+
Kana hundumaatiin kan kaʼes, dheekkamsi isaa hin qabbanoofne,
Kanaa mannaa, harki isaa rukutuuf akkuma diriirfametti jira.
-
-
Isaayyaas 10:4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 Hidhamtoota gidduu quphanuu
Yookiin warra duʼan gidduutti kufuu malee wanti isiniif hafu hin jiru.
Kana hundumaatiin kan kaʼes, dheekkamsi isaa hin qabbanoofne,
Kanaa mannaa, harki isaa rukutuuf akkuma diriirfametti jira.+
-