-
Keessa Deebii 31:16, 17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
16 Yihowaan Museedhaan akkana jedhe: “Kunoo, ati duʼuuf* jetta; sabni kun biyya dhaqaa jiru keessatti waaqolii ormaa warra naannoo isaatti argamanii wajjin karaa hafuuraa sagaagalummaa raawwachuu ni jalqaba.+ Isaan na dhiisu,+ kakuu ani isaanii wajjin gales ni cabsu.+ 17 Yeroo sanatti dheekkamsi koo isaan irratti ni bobaʼa;+ ani isaan nan dhiisa,+ hamma isaan dhumanittis fuula koo isaan jalaa nan dhoksa.+ Badiisnii fi dhiphinni hedduun erga isaan irra gaʼee boodas,+ ‘Badiisawwan kun kan nu irra gaʼan, Waaqni keenya nu gidduutti waan hin argamneef mitii?’ jedhu.+
-
-
2 Seenaa Baraa 36:15, 16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Waaqni abbootii isaanii Yihowaan garuu saba isaatiif, iddoo jireenyaa isaatiifis waan garaa laafeef, karaa ergamtoota isaa irra deddeebiʼee isaan akeekkachiisa ture. 16 Isaan garuu hamma dheekkamsi Yihowaa saba isaa irratti dhufuttii+ fi hamma fayyinni isaaniif dhabamutti ergamtoota Waaqa dhugaatti ni qoosu,+ dubbii isaa ni tuffatu,+ raajota isaattis ni qoosu+ turan.
-