-
Ermiyaas 25:17Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Kanaafuu, ani harka Yihowaa irraa xoofoo sana fuudhee saboota Yihowaan itti na erge hundumaa nan obaase;+
-
-
Hisqiʼel 25:15, 16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 “Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Filisxeemonni diinummaa cimaadhaan kakaʼanii hamminaan* isaan irratti haaloo baʼuu fi isaan balleessuuf yaalii godhaniiru.+ 16 Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: “Kunoo, ani harka koo Filisxeemota irratti nan diriirsa;+ Kereetotas taʼe jiraattota qarqara galaanaa warra hafan nan balleessa.+
-
-
Zakkaariyaas 9:5, 6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
5 Ashqaloon kana argitee ni sodaatti;
Gaazaan baayʼee ni dhiphatti,
Eqroonis baayʼee ni dhiphatti, sababiin isaas, inni ishiin abdatte salphateera.
Gaazaan mootii ishii ni dhabdi,
Ashqaloon keessas namni hin jiraatu.+
6 Ilmi diqaalaa taʼe Ashdood keessa ni buufata,
Anis of tuulummaa Filisxeem nan balleessa.+
-